Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Nama Addunyaa Kana Jijjiire

Nama Addunyaa Kana Jijjiire

Nama Addunyaa Kana Jijjiire

Namoonni biliyoonaan lakkaa’aman jiraatanii darbaniiru. Baay’eensaanii hojii guddaa ittiin yaadataman kan hin hojjenne ta’aniyyuu, namoonni muraasni garuu wanta jireenya keenyarratti jijjiirama fidu hojjetaniiru.

GANAMA barii kaatee hojii deemuuf qophoofta. Achiis ibsaa ibsita. Kitaaba ykn barruu konkolaataa keessatti dubbistus ni qabatta. Boodas qoricha antiibaayootikii sii ajajame liqimsuu akka qabdu yaadatta. Kanaaf, akkuma lafti bari’een, wanta namoonni beekamoon hojjetanirraa faayidaa argachuu jalqabdeetta.

Mikaa’el Faaraadaayi Kan dhalate bara 1791 si’a ta’u, hayyuun fiiziksii biyya Ingilizii kun yeroo jalqabaatiif mootora elektiriikiifi dinaamoo hojjeteera. Wanti inni hojjete kunis namoonni elektiriikiirraa faayidaa guddaa akka argatan gargaareera.

Tsaay Luun Abbaa taayitaa mana mootummaa Chaayinaa kan ta’e Tsaay Luun, Dh.K.B. bara 105⁠tti mala waraqaa hojjechuun itti danda’amu kan argate si’a ta’u, yeroo boodas malli kun baay’inaan waraqaa oomishuuf gargaareera..

Yohaannis Guutanbargi Nama Jarman si’a ta’u, naannoo bara 1450⁠tti meeshaa maxxansaa bakkaa bakkatti qabatanii deemuun danda’amu hojjeteera. Meeshaan kun gatiin maxxansaa rakasa akka ta’u waan godheef, namoonni dhimmawwan addaddaarratti odeeffannoo bal’aa akka argatan gargaareera.

Aleeksaandar Fileemiingi Qorataan biyya Iskootlaandi kun, bara 1928 antiibaayootikii kan hojjete si’a ta’u, maqaa qorichichaas peenisiiliinii jedhee moggaaseera. Yeroo ammaatti antiibaayootikiin nama dhukkuba baakteeriyaatiin dhufuun qabame wal’aanuuf bal’inaan itti hojjetamaa jira.

Wantoonni namoonni muraasni yeroo jalqabaatiif hojjetaniifi argatan kun, namoota biliyoonaan lakkaa’aman akka fayyade ykn fayyaa argachuuf akka isaan gargaare beekamaadha.

Haata’u malee, namni namoota kana hundarra caalu tokko jira. Namni kun, gama saayinsiifi qoricha hojjechuutiin beekamaa kan ture miti. Kanaa mannaa, namni naannoo waggaa 2,000 dura maatii hiyyeessa ta’e keessatti dhalate kun, barumsa abdiifi jajjabina namaa kennu kan barsiise ture. Namoonni hedduun, barumsi inni barsiise jireenya namootaa hammam akka jijjiire yommuu ilaalan, namni kun dhugumaan addunyaa kana kan jijjiire ta’uusaa amanu.

Namni kun Yesus Kiristos jedhama. Yesus barumsa akkamii barsiise? Barumsisaa kun jireenya keerratti jijjiirama akkamii fiduu danda’a?