Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yesus Kiristos Barumsisaa Hammam Namoota Jijjiireera?

Yesus Kiristos Barumsisaa Hammam Namoota Jijjiireera?

Yesus Kiristos Barumsisaa Hammam Namoota Jijjiireera?

“Barumsi beekamaan namni biyya Qifirnaahom barsiise ammayyuu garaafi yaada namoota hedduu booji’aa akka jiru beekamaadha.” *HAYYUU GIREEG EESTARBIRUUK.

JECHOONNI humna guddaa qabu. Jechoonni akka gaariitti filataman garaa namootaa tuquu, abdii namaa kennuufi jireenya namootaa jijjiiruu danda’u. Dubbii garaa namaa tuqu dubbachuudhaan namni Yesus Kiristosiin qixxaatu hin jiru. Namni Lallaba Yesus Isa Gaararraa beekamaa ta’e dhaggeeffate tokko yeroo booda, “Yesus dubbii isaa kana dubbatee yommuu raawwate, namoonni na’anii barsiisa isaa in dinqisiifatan” jechuudhaan barreesseera.—Maatewos 7:28.

Har’as, namoonni addunyaa maratti argaman jechoota Yesus dubbate keessaa baay’eesaanii beeku. Jechoota inni dubbateefi hiika guddaa qaban muraasa ilaali.

“Waaqayyoo fi horiidhaaf hojjechuu hin dandeessan.”Maatewos 6:24.

“Waanuma namoonni akka isiniif godhaniif jaallattan, isinis akkasuma isaaniif godhaa.”Maatewos 7:12.

“Mootichaaf, kan fudhachuun isaaf ta’u kennaa; Waaqayyoofis kan fudhachuun isaaf ta’u kennaa!”Maatewos 22:21.

“Fudhachuu irra kennuutu caalaa nama gammachiisa.”Hojii Ergamootaa 20:35.

Haata’u malee, Yesus jechoota yaadataman dubbachuurra caalaa raawwateera. Barumsisaa, waa’ee Waaqayyoo dhugaasaa kan ibsu, namoonni akkamitti jireenya gaarii jiraachuu akka danda’aniifi rakkoowwan isaan mudataniif furmaannisaa Mootummaa Waaqayyoo akka ta’e kan ibsu waan tureef, barumsa humna guddaa qabu ture jechuun ni danda’ama. Barumsa kana fuula itti aananirratti yommuu qorannu, barumsisaa ammayyuu ‘garaafi yaada’ namoota miliyoonaan lakkaa’amanii jijjiiraa kan jiru maaliif akka ta’e ilaalla.

[Miiljaleewwan]

^ key. 2 Qifirnaahom, magaalaa biyya Galiilaatti argamtuufi Yesus keessa jiraachaa turedha jedhamee yaadama.—Maarqos 2:1.