Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yesus Waa’ee Waaqayyoo Maal Barsiise?

Yesus Waa’ee Waaqayyoo Maal Barsiise?

Yesus Waa’ee Waaqayyoo Maal Barsiise?

“Ilma isaatii fi warra ilmi isaa itti mul’isuu barbaadetu abbaa beeka malee, abbaan eenyu akka ta’e kan beekus hin jiru.”—LUQAAS 10:22.

ILMI Waaqayyoo inni angafni nama ta’ee dhalachuusaa dura, yeroo hammana hin jedhamneef Abbaasaa wajjin waan jiraateef Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya cimaa qaba ture. (Qolosaayis 1:15) Kanaan kan ka’es, Ilmi kun yaada, miiraafi daandii Abbaasaa akka gaariitti beekuu danda’eera. Yeroo booda nama ta’ee yommuu gara lafaa dhufettimmoo, waa’ee Abbaasaa dhugaa jiru barsiisuuf hawwii guddaa qaba ture. Kanaaf wanta Yesus barsiise dhaggeeffachuudhaan, waa’ee Waaqayyoo waan baay’ee beekuu dandeenya jechuudha.

Maqaa Waaqayyoo Yesus, hunda caalaa maqaa Waaqayyoo isa Yihowaa jedhamuuf bakka guddaa kenna ture. Ilmi jaallatamaan kun, namoonni kaanis maqaa kana akka beekaniifi akka itti fayyadaman barbaada ture. Maqaan Yesus jedhuyyuu, “Yihowaan Fayyisaadha” jechuudha. Yesus galgala du’asaa dura turetti, “Maqaan kee isaan biratti akka beekamu godheera” jechuudhaan kadhannaa dhiheesseera. (Yohannis 17:26) Yesus maqaa Waaqayyootti fayyadamuunsaafi maqaa kana namoota kaanitti beeksisuunsaa nu dinqisiisuu hin qabu. Silaas, namoonni Yesusiin dhaggeeffachaa turan, maqaa Yihowaafi hiika maqaan kun qabu utuu hin beekin, waa’ee Yihowaa dhugaasaa akkamitti hubachuu danda’u turan? *

Jaalala Waaqayyoo isa guddaa Yesus yeroo tokko, ‘Yaa abbaa, ati biyyi lafaa utuu hin uumamin na jaallatte’ jechuudhaan Abbaasaatti kadhannaa dhiheessee ture. (Yohannis 17:24) Yesus yeroo samiirra ture waa’ee jaalala Waaqayyoo waan beekeef, yommuu gara lafaa dhufe jaalala kana karaa addaddaa argisiiseera.

Yesus jaalalli Yihowaa baay’ee guddaa ta’uusaa argisiiseera. Yesus, “Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti!” jedheera. (Yohannis 3:16) Jechi asirratti afaan Giriikiitiin, “biyya lafaa” jedhame “lafa” kan argisiisu utuu hin ta’in, ilmaan namootaa hunda argisiisa. Kanaaf, Waaqayyo ilmaan namootaa amanamoo ta’an cubbuufi du’aarraa walaba baasuuf, akkasumas abdii jireenya barabaraa akka qabaataniif Ilmasaa isa jaallatamaa kennuunsaa jaalallisaa guddaa akka ta’e kan argisiisudha. Bal’inaafi dheerina jaalala kanaa guutummaatti hubachuu hin dandeenyu.—Roomaa 8:38, 39.

Yesus, Yihowaan dhuunfaatti waaqeffattootasaatiif jaalala guddaa akka qabu ibsuudhaan dhugaa nama gammachiisu dubbateera. Yesus, Yihowaan tiksee hoolotasaa hunda adda akka ta’aniifi gati jabeessa ta’anitti ilaalu tokkoo wajjin akka wal fakkaatu barsiiseera. (Maatewos 18:12-14) Simbirri tokkollee Yihowaan utuu hin beekin lafatti akka hin kufne dubbateera. Itti dabaluudhaanis, “Rifeensi mataa keessanii hundinuu iyyuu lakkaa’amaa dha” jedheera. (Maatewos 10:29-31) Yihowaan simbirri tokkollee man’eeshee keessaa akka badde kan hubatu erga ta’ee, namoota isa waaqeffatan kana caalaatti beekuufi kunuunsa gochuufii hin danda’uu? Yihowaan rifeensa mataa keenyarra jiru hunda kan lakkaa’uufi kan beeku erga ta’ee, wanta nu barbaachisu, qabsoo gochaa jirruufi wanta nu yaaddessu hubachuu hin danda’u jechuu dandeenyaa?

Abbaa samii Akkuma mataduree darberratti ilaalle, Yesus tokkicha Ilma Waaqayyooti. Kanaan kan ka’es, Ilmi Waaqayyoo inni jaallatamaan kun Yihowaadhaan “abbaa koo” jedhee waamuunsaa nama hin ajaa’ibsiisu. Yesus yeroo jalqabaatiif Yihowaadhaan “abbaa koo” jedhee kan waame yommuu umriinsaa waggaa 12 tureefi mana qulqullummaatti argamee turettidha. (Luqaas 2:49) Wangeelota keessatti jechi “abbaa” jedhu gara al 190 ta’utu argama. Yesus Yihowaadhaan “abbaa keessan,” “abbaa keenya” akkasumas “abbaa koo” jechuudhaan karaa addaddaa waameera. (Maatewos 5:16; 6:9; 7:21) Jechoota kanatti fayyadamuudhaan namoonni cubbamoota ta’aniifi mudaa qabanillee, Yihowaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuu akka danda’an ibseera.

Oo’a qabeessaafi araara qabeessa Yesus, namoonni araara Yihowaa argachuun akka isaan barbaachisu beeka. Ilma bade ilaalchisee fakkeenya dubbaterratti, Yihowaa abbaa gara laafessaafi araara qabeessa ilmasaa isa yaada garaa geddarate simachuu barbaaduu wajjin wal fakkeessee ibseera. (Luqaas 15:11-32) Jechi Yesus, namoonni cubbamoota ta’an yaada garaasaanii yoo geddaratan, Yihowaan oo’a isaanitti argisiisuu akka barbaadu nuu mirkaneessa. Yihowaan nama cubbamaa yaada garaasaa geddarateef dhiifama gochuu barbaada. Yesus, “Akkuma kanatti warri waaqa irraa qajeeltota sagaltamii salgan warra yaada garaa isaanii geddarachuun isaan hin barbaachifne irra caalaa, cubbamaa yaada garaa isaa geddaratee gara Waaqayyootti deebi’u tokkotti akka gammadan isinittan hima” jedheera. (Luqaas 15:7) Namni Waaqa oo’a qabeessa akkasiitti dhihaachuu hin barbaanne jiraa?

Kadhannaa namaa kan dhaga’u Yesus gara lafaa dhufuusaa dura yommuu samiirra ture, Yihowaan Waaqa ‘kadhata namaa dhaga’uufi’ kadhannaa waaqeffattoonnisaa amanamoon dhiheessanitti gammadu ta’uusaa hubateera. (Faarfannaa 65:2) Kanaan kan ka’es, yommuu tajaajilaa turetti dhaggeeffattoonnisaa akkamitti akka kadhataniifi waa’ee maalii akka kadhatan isaan barsiiseera. “Dubbii waa’ee hin baafne keessa hin deddeebi’inaa!” jechuudhaan isaan gorseera. Jaalalli Waaqayyoo “waaqa irratti akka ta’u, akkasuma immoo lafa irratti haa ta’u!” jedhanii akka kadhatanis isaan jajjabeesseera. Soora har’aa bor nu barbaachisu akka nuu kennu, cubbuu keenya akka nuu dhiisuufi qorumsa nurra ga’u akka moonu kadhachuu dandeenya. (Maatewos 6:5-13) Yesus, Yihowaan kadhannaa tajaajiltoonnisaa dhiheessaniifi wanta isaan amantiidhaan gaafataniif deebii akka kennu barsiiseera.—Maatewos 7:7-11.

Yesus, waa’ee Yihowaas ta’e inni Waaqa akkamii ta’uusaa akka barsiise beekamaadha. Haata’u malee, Yihowaa ilaalchisee wanti Yesus barsiisuu barbaadu kan biraan jira ture; kunis Yihowaan kaayyoo lafaafi namootaaf qabu raawwachuuf maalitti akka fayyadamu ibsuu kan ilaallatudha. Ijoon lallaba Yesus kana ture.

[Miiljaleewwan]

^ key. 4 Maqaan Yihowaa jedhu, Macaafa Qulqulluu jalqaba afaan Ibrootaatiin barreeffaman keessatti al 7,000 argama. Hiikni maqaa kanaa, “Wantan ta’uu barbaadu hunda nan ta’a” jechuudha. (Ba’uu 3:14) Waaqayyo kaayyoosaa galmaan ga’uuf wanta barbaachisu hunda ta’uu danda’a. Kanaaf maqaan kun, Waaqayyo yeroo hunda dhugaa kan dubbatu akka ta’eefi abdiin inni kenne hundi akka raawwatamu nuu mirkaneessa.