Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Barumsawwan Sirriifi Dogoggora Ta’an Adda Baasanii Hubachuu Yesusiin Ilaalchisee Dhugaansaa Maalidha?

Barumsawwan Sirriifi Dogoggora Ta’an Adda Baasanii Hubachuu Yesusiin Ilaalchisee Dhugaansaa Maalidha?

Barumsawwan Sirriifi Dogoggora Ta’an Adda Baasanii Hubachuu Yesusiin Ilaalchisee Dhugaansaa Maalidha?

YAADAWWAN ARMAAN GADII DOGOGGORAMOO SIRRII SITTI FAKKAATU?

Yesus Muddee 25 [akka lakkoofsa Itoophiyaatti Muddee 29] dhalate.

Yeroo Yesus dhalate ogeessonni sadii isa daawwataniiru.

Yesus obboloota hin qabu.

Yesus Waaqa foon uffatee mul’atedha.

Yesus nama gaarii qofa hin turre.

NAMOONNI hedduun yaadawwan armaan olii dhugaadha jedhanii amanu. Kaanimmoo, dhugaasaa beekuun rakkisaa ta’uusaarrayyuu kan hin danda’amnedha jedhu. Namoonni kun, hamma Yesusitti amannetti deebii gaaffiiwwan kanaa beekuun baay’ee barbaachisaa miti jedhanii yaadu ta’a.

Haata’u malee, Macaafni Qulqulluun yaada kanarraa faallaa ta’e kenna. Waa’ee ‘gooftaa keenya Yesus Kiristos beekumsa [sirrii, NW]’ akka qabaannu nu jajjabeessa. (2 Phexros 1:8) Beekumsa akkasii Wangeelota qoruudhaan arganna. Wangeelonni waa’ee Yesus dhugaasaa nuu ibsuudhaan, sobaafi dhugaa adda baafnee akka beeknu nu gargaaru. Kanaaf, yaadawwan armaan olitti ibsaman ilaalchisee wanta Wangeelonni jedhan haa ilaallu.

AMANTII: Yesus Muddee 25 [akka lakkoofsa Itoophiyaatti Muddee 29] dhalate.

SIRRIIMOO DOGOGGORADHA? DOGOGGORA.

Ji’a ykn guyyaa Yesus itti dhalate ilaalchisee kallattiidhaan wanti Macaafa Qulqulluu keessatti ibsame hin jiru. Akkas taanaan, yaanni Yesus Muddee 25 dhalate jedhu eessaa dhuferee? Akka Insaayikilooppiidiyaa Biritaanikaan ibsetti, ‘Namoonni Kiristiyaana ofiin jedhan tokko tokko, guyyaan kun guyyaa ayyaana warra Roomaa warra Waaqayyoon hin beeknee isa tibbi gannaa dhumee, guyyaan dheeraa ta’uu itti jalqabuufi aduun itti baatu ayyaaneffatanii wajjin akka walirra oolu barbaadan.’ Barreeffamni armaan olii, duudhaawwan Ayyaana Qillee hedduun “ayyaana qonnaafi aduu namoonni saba Waaqayyoo hin taane walakkaa gannaatti kabajanirraa” akka madde ibsa.

Yesus guyyaan dhalootasaa Muddee 25 kabajamuusaa ni deggeraa? Mee yaadi: Guyyaan Yesus itti dhalate hin beekamu. Caqasni Macaafa Qulqulluu guyyaa dhalootaa sana akka kabajnu ajaju ykn ragaan Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa akka kabajan argisiisu tokkollee hin jiru. Kanaa mannaa, Macaafni Qulqulluun guyyaa sirrii Yesus itti du’eefi duuka buutonnisaa guyyaa kana akka ayyaaneffatan ajajuusaa ibsa. * (Luqaas 22:19) Yesus guyyaa dhalootasaatiif utuu hin ta’in, faayidaa du’a aarsaa du’uunsaa argamsiiseef bakki guddaan akka kennamu akka barbaadu kanarraa hubachuu dandeenya.—Maatewos 20:28.

AMANTII: Yeroo Yesus dhalate ogeessonni sadii (ykn akka namoonni tokko tokko jedhanitti mootonni sadii) isa daawwataniiru.

SIRRIIMOO DOGOGGORADHA? DOGOGGORA.

Tarii fakkii Ayyaana Qillee, Yesus daa’ima siree horiin irraa nyaaturra ciisee, akkasumas namoonni ogeeyyiin kennaa harkatti qabatan itti marsanii argisiisu argiteetta ta’a. Ta’us, fakkiin kun soba malee dhugaa miti.

Namoonni Ba’a Biiftuutii ergamanii dhufan, Yesus isa mucaa tureef ulfina kennuunsaanii dhugaadha. Namoonni kun garuu, ogeessota urjii lakkaa’an turan. (Maatewos 2:1) Ogeessonni kun Yesusiin siree horiin irraa nyaaturratti argatanii? Lakki, mana keessatti isa argan. Namoonni kun kan achi ga’an Yesus dhalatee ji’oota muraasa booda akka ture beekamaadha.—Maatewos 2:9-11.

Lakkoofsi namoota isa daawwatanii 2? 3? 30? Kana ilaalchisee Macaafni Qulqulluun waan ibsu hin qabu. Lakkoofsisaanii sadii jedhamee kan amanamu, kennaan isaan fidanii dhufan gosa sadii waan ta’eef ta’uu danda’a. * (Maatewos 2:11) Kana malees, namoonni tokko tokko warri ogeessota jedhaman kun, sanyii ilmaan namootaa garagaraa kan bakka bu’anidha jedhanii yaadu. Haata’u malee, yaanni kun Caaffata Qulqullaa’oo keessatti hin argamu. Kanaa mannaa, namni Wangeelarratti yaada kennu tokko akka ibsetti, kun “yaada hayyuun seenaa jaarraa saddeettaffaatti jiraate tokko uumedha.”

AMANTII: Yesus obboloota hin qabu.

SIRRIIMOO DOGOGGORADHA? DOGOGGORA.

Yesus obboloota akka qabu Wangeelota keessatti ifatti ibsameera. Wangeelli Luqaas Yesusiin ilma Maariyaam isa “angafa” jedhee waamuunsaa, yeroo booda ijoollee garabiraa akka deesse kan argisiisudha. * (Luqaas 2:7) Gabaasni Wangeela Maarqosimmoo, namoonni magaalaa Naazireet tokko tokko Yesusiin obbolootasaa wajjin akka wal hin caalletti ilaaluudhaan obbolootasaarraa wanti adda isa taasisu akka hin jirre dubbachuusaanii ibsa. Waa’eesaa akkas jedhanii gaafataniiru: “Obboleessa Yaaqoob, Yosees, Yihudaa fi Simoon mitii? Obboleettonni isaas as nu bira jiru mitii?”—Maarqos 6:3; Maatewos 12:46; Yohannis 7:5.

Wangeelonni maaliyyuu yoo jedhan, hayyoonni amantii hedduun Yesus obboloota hin qabu yaada jedhutti cichaniiru. Namoonni tokko tokko, obbolootaafi obboleettota warri jedhaman durbiiwwansaati jedhu. * Kaanimmoo, ijoollee Maariyaam haadha buddeenaa taateefidha jedhu. Haata’u malee mee yaadi: Ilmi Maariyaam qabdu Yesus qofa utuu ta’ee, namoonni Naazireet yaada armaan olii dubbatu turanii? Kanaa mannaa, isaan keessaa muraasnisaanii Maariyaam al tokkoo ol ulfooftee akka ishee argan homaa hin shakkisiisu. Yesus ijoollee baay’ee Maariyaam deesse keessaa tokko ta’uusaa beeku turan.

AMANTII: Yesus Waaqa foon uffatee mul’atedha.

SIRRIIMOO DOGOGGORADHA? DOGOGGORA.

Yaanni, Waaqayyo nama Yesus jedhamu ta’ee gara lafaa dhufeera jedhuufi barumsa Sillaaseetiif bu’uura ta’e, yeroo dheeraadhaaf kan itti amanamu ta’us, yeroo Yesus lafarra turetti yaanni kun hin beekamu ture. Kana ilaalchisee, Insaayikilooppiidiyaa Biritaanikaan akkas jedha: “Jechi Sillaasee jedhus ta’e, barumsisaa Kakuu Haaraa keessatti hin argamu . . . Barumsi kun jaarraawwan hedduu keessatti falmii guddaa booda suutuma suuta babal’achaa dhufe.”

Dhaabbileen amantii Yesus Waaqa fooniin mul’atedha jedhanii barsiisuunsaanii Yesusiin kan salphisudha. * Akkamitti? Mee fakkeenya tokko haa ilaallu. Hojjettoonni tokko hogganaansaanii wanta tokko akka isaaniif godhu isa gaafatan; inni garuu kana gochuuf aboo akka hin qabne itti hime. Dhuguma aboo hin qabu taanaan, hoggantichi aangoonsaa daangaa akka qabu hubateera jechuudha. Wanti inni dubbate soba taanan garuu, wanta isa gaafatan gochuu utuu danda’uu fedhii waan hin qabaanneef deebii akkasii yoo isaaniif kenne isaan gowwoomsaa jira jechuudha.

Yesus ergamoonnisaa lamaan bakka guddaa argachuu akka barbaadan yommuu gaafatanitti deebii akkamii kenneef? Akkas isaaniin jedhe: “Gara mirga koo yookiis gara bitaa koo taa’uu garuu kennuun kan koo miti; taa’umsi sun warra kanaan dura abbaa kootiin qopheeffameefiif ta’a.” (Maatewos 20:23) Yesus dhugumaan Waaqayyo utuu ta’ee, akkas jedhee dubbachuunsaa sobduu isa hin taasisuu? Kanaa mannaa, kana gochuuf aboo kan qabu Waaqa isa tokkicha ta’uusaa ibsuudhaan, Yesus gama gad of deebisuutiin fakkeenya guddaa ta’uusaarrayyuu, Waaqayyoo wajjin qixxee akka hin taane argisiiseera.

AMANTII: Yesus nama gaarii qofa hin turre.

SIRRIIMOO DOGOGGORADHA? SIRRIIDHA.

Yesus nama gaarii qofa akka hin turre ifatti dubbateera. “Ani ilma Waaqayyoo ti” jedheera. (Yohannis 10:36) Dhugaadha, eenyuyyuu Ilma Waaqayyoo ofiin jechuu danda’a. Haata’u male, jechi Yesus soba utuu ta’ee, kun waa’ee eenyummaasaa maal argisiisa? Sobduu malee nama gaarii isa hin taasisu ture!

Eenyummaa Yesus ilaalchisee ragaa hunda caalaa amanamaa ta’e kan kenne Waaqayyodha. Yesusiin ilaalchisee al lama, ‘Inni kun ilma kooti’ jedheera. (Maatewos 3:17; 17:5) Mee yaadi: Caaffanni Qulqullaa’oon sagaleen Waaqayyoo kallattiidhaan lafarratti kan dhaga’ame yeroo muraasa qofa akka ta’e kan ibsan si’a ta’u, isaan keessaa lamaanimmoo Yesus Ilmasaa ta’uusaa kan itti mirkaneessedha! Kun wanti Yesus eenyummaasaa ilaalchisee dubbate dhugaa ta’uusaatiif ragaa hunda caaludha.

Matadureen kun waa’ee Yesus waan kanaa dura hin beekne si beeksiseeraa? Taanaan, Wangeelota geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffamanirratti maaliif qorannaa dabalataa hin gootu? Qorannaa akkasii gochuunkee kan si gammachiisu ta’uusaarrayyuu kan si kiisu ta’a. Yesusiyyuu, waa’eesaafi waa’ee Abbaasaa dhugaasaa barachuun “jireenya bara baraa” akka argamsiisu dubbateera.—Yohannis 17:3.

[Miiljaleewwan]

^ key. 13 Yesus kan du’e Guyyaa Faasiikaatti, jechuunis akka lakkoofsa Yihudootaatti Niisaan 14⁠tti ture.—Maatewos 26:2.

^ key. 18 Maatewos, keessummoonni kun “qorxii isaaniis bananii” Yesusiif warqee, ixaanaafi qumbii akka kennan ibseera. Maatiin Yesus warri harka qalleeyyii turan, yeroo gabaabaa booda koolu galtoota ta’anii biyyaa waan ba’aniif, kennaawwan gati jabeeyyiin kun yeroo barbaachisaa ta’etti kan argamanidha jechuun ni danda’ama.—Maatewos 2:11-15.

^ key. 21 Yesus kan dhalate haala dinqii ta’een yommuu ta’u, ijoolleen Maariyaam warri kaan garuu abbaa manaashee Yoseefirraa dhalatan.—Maatewos 1:25.

^ key. 22 Ilaalchi Jeroom Dh.K.B. bara 383⁠tti mirkaneesse kun, namoota Maariyaam umriishee guutuu durba akka turte amanan biratti bal’inaan fudhatama argateera. Jeroom yeroo booda barsiisasaa kana akka shakku kan ibse ta’ullee, Waldaa Kaatolikii dabalatee namoonni hedduun yaada kanatti akkuma cichanitti itti fufaniiru.

^ key. 26 Barumsa Sillaasee ilaalchisee yaada bal’aa argachuu barbaannaan, birooshura Sillaaseetti Amanuu Qabdaa? jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaa’e ilaali. (Amaariffa)

[Saanduqa/Fakkii fuula 14rra jiru]

Dhugaawwan Dabalataa Si Dinqisiisuu Danda’an

Yesus nama akkamii ture? Namoonni bakka guddaa hin qabne akka isatti hin dhihaanneef, nyaara kan guuru, namootaaf dhimma kan hin qabneefi namootatti kan hin madaqne turee? Namoonni tokko tokko eeyyee jedhanii deebisu ta’a. Tarii Yesusiin ilaalchisee wantoota armaan gadii yommuu baratan kan dinqisiifatanis kanaaf ta’uu hin oolu . . .

afeerriiwwan nama gammachiisanirratti argameera.—Yohannis 2:1-11.

dinqisiifannaa warra kaaniif qabu ibseera.—Maarqos 14:6-9.

ijoollee wajjin ta’uun isa gammachiisa ture.—Maarqos 10:13, 14.

namoota duratti imimmaansaa dhangalaaseera.—Yohannis 11:35.

gara laafina argisiiseera.—Maarqos 1:40, 41.