Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dhiifama Gochuu Gooftaasaarraa Barateera

Dhiifama Gochuu Gooftaasaarraa Barateera

Fakkeenya Amantaasaanii Hordofaa

Dhiifama Gochuu Gooftaasaarraa Barateera

PHEXROS miira yeroo ijaan wal argan itti dhaga’ame matumaa hin irraanfatu. Phexros, Yesus akka isatti gadde itti dhaga’ameeraa? Macaafni Qulqulluun, “Gooftaan yommus garagalee Phexrosin ilaale” jedhee dubbachuusaatiin alatti wanti ibsame hin jiru. (Luqaas 22:61) Haata’u malee, yeroo kanatti Phexros dogoggora guddaa raawwachuusaa hubatee ture. Phexros si hin ganu jedhee irra deddeebi’ee Gooftaasaatti dubbatuyyuu, kan isa ganu ta’uusaa ilaalchisee wanta Yesus dursee dubbate raawwachuusaa hubate. Guyyaan kun, guyyaa gaddisiisaa jireenyasaa keessatti Phexrosiin mudate hundarra kan caaludha.

Haata’u malee haalli Phexros homaa abdii hin qabu jechuu hin turre. Phexros nama amantii cimaa qabu waan tureef, dogoggorasaarraa deebi’uudhaan Yesusirraa barumsa bakki guddaan kennamuuf tokko argachuuf carraa qaba ture. Barumsi kun dhiifama gochuu kan ilaallatudha. Hundi keenya kanarraa barumsa argachuu waan qabnuuf, Phexros barumsa ulfaataa kana akkamitti akka barate haa ilaallu.

Nama Waan Hedduu Irraa Barannu

Phexros kun raawwatamuusaa gara ji’a ja’aa dura magaalaa Qifirnaahom ishee keessa jiraachaa turetti, “Gooftaa, obboleessi koo si’a meeqa yoo na yakke dhiisuuf? Hamma si’a torbaattii?” jechuudhaan Yesusiin gaafatee ture. Phexros, nama gaarii akka ta’etti of ilaalee ture. Kana malees geggeessitoonni amantii bara sana turan, namni tokko si’a sadii qofa dhiifama haa godhu jedhanii barsiisu turan. Yesus garuu, “Ani hamma si’a torbaatamii torbaatti malee, hamma si’a torbaatti siin hin jedhu” jedhee deebiseef.—Maatewos 18:21, 22.

Yesus, Phexros namni tokko yoo cubbuu isarratti hojjete dogoggora namichaa hunda galmeessee akka kaa’u yaada kennuusaa turee? Akkas jechuusaa hin turre; kanaa mannaa isa Phexros si’a 7 jedhe, innimmoo al 77 jechuudhaan dhiifama gochuu ilaalchisee daangaan kaa’ame akka hin jirre dubbachuusaa ture. Yesus, gara jabinni, akkasumas nama cubbuu hojjete tokko dogoggorasaa hunda galmeessuudhaan dhiifama gochuu diduun bara sana ture Phexrosirratti dhiibbaa akka geessise ibseera. Dhiifamni seera bu’uuraa Waaqayyoorratti hundaa’uudhaan godhamu garuu baay’ee guddaadha.

Phexros waa’ee dhiifama gochuu Yesusiin hin falmine. Haata’u malee barumsi Yesus dhugumaan garaasaa tuqeeraa? Yeroo tokko tokko waa’ee dhiifama gochuu caalaatti kan barannu, dhiifamni akka nu barbaachisu yommuu hubannuttidha. Kanaaf mee wantoota yommuu Yesus du’uu jala ga’etti raawwataman haa ilaallu. Yeroo Yesus dhiphatee ture sanatti, Phexros wantoota hedduu Gooftaansaa dhiifama akka isaaf godhu gaafatan raawwateera.

Sababa Dhiifama Argachuun Itti Barbaachise

Yeroonsaa galgala Yesus jireenyasaa isa lafarraa itti raawwatuufi bakki guddaan kennamuuf ture. Yesus yeroo kanatti gad of deebisuu ilaalchisee wanta ergamootasaa barsiisu qaba ture. Hojii akka gadi aanaatti ilaalamu hojjechuudhaan jechuunis, gad of deebisee miillasaanii dhiquudhaan ergamootasaatiif fakkeenya ta’eera. Jalqabarratti Phexros, gocha Yesus mormee ture. Achiis miillasaa akka isaaf hin dhiqne dide. Booda garuu miillasaa qofa utuu hin ta’in, harkaafi mataasaa akka isaa dhiqu gaafate! Yesus abdii kutachuu mannaa, wanti inni gochaa jiru hammam barbaachisaa akka ta’eefi hiika maalii akka qabu obsaan isaaniif ibseera.—Yohannis 13:1-17.

Yeroo muraasa boodammoo, nu keessaa eenyutu caala jechuudhaan ergamoonnisaa wal morkachuu jalqaban. Phexrosis namoota kana keessaa tokko akka ture beekamaadha. Yesus garuu gaarummaadhaan isaan sirreesseera; amanamoo waan ta’aniifis isaan galateeffateera. Haata’u malee hundisaanii isa dhiisanii akka baqatan dubbatee ture. Phexros hamma du’aatti Yesus cina akka dhaabatu dubbatuyyuu, Yesus halkanuma sana indaanqoon si’a lama utuu hin iyyin, Phexros si’a sadii akka isa ganu dubbateera. Phexros wanta Yesus dubbateen faallaa ta’e dubbachuu qofa utuu hin ta’in, ergamoota Yesus warra kaan caalaa amanamaa akka ta’e of tuulummaadhaan dubbateera!—Maatewos 26:31-35; Maarqos 14:27-31; Luqaas 22:24-28.

Obsi Yesus Phexrositti argisiise dhumuu jala ga’ee turee? Yeroo rakkisaa ta’e kanatti ergamoonnisaa cubbamoo yoo ta’aniyyuu cimina isaan qabanirratti xiyyeeffachuusaa itti fufeera. Phexros akka isa ganu kan beeku ta’ullee, “Ani garuu amantiin kee iddoodhaa akka hin badneef siif kadhadheera; ati yeroo itti gara kootti deebitutti, obboloota kee jabeessi!” isaan jedhee ture. (Luqaas 22:32) Kanaaf Yesus, Phexros karaa hafuuraa jabaatee amanamummaadhaan tajaajilasaa akka itti fufu beeka ture. Kun gaarummaa guddaa dhiifama gochuudhaan argisiifame mitii!

Yeroo garabiraammoo iddoo dhaabaa Getesemaanee jedhamutti Phexrosiif sirreeffamni kennamee ture. Yesus yommuu kadhachaa ture, Yaaqoobiifi Yohannisiin dabalatee, Phexrosis dammaqee akka eegu itti himee ture. Yesus yeroo dhiphateefi jajjabina argachuun isa barbaachisee turetti, Phexrosiifi ergamoonni kaan hirribni waan isaan mo’ateef rafanii turan. Yesus yeroo kanatti, “Hafuurri illee dhimmaa dha, foon garuu dadhabaa dha” jechuudhaan akka isaanii gaddeefi dhiifama akka isaanii godhe ibseera.—Maarqos 14:32-38.

Yeruma sana namoonni baay’een billaa, gucaafi bokkuu qabatanii dhufan. Yeroon kun yeroo itti of eeggachuufi hubannaa argisiisuu qaban ture. Haata’u malee Phexros tarkaanfii fudhachuutti ariifachuudhaan, billaa luqqifatee gurra Maalkos isa garbicha angafa lubootaa irraa kute. Yesus obsaan Phexrosiin kan sirreesse ta’uusaarrayyuu, gurra namichaas fayyiseera; akkasumas humnaan namarratti ka’uun sirrii akka hin taane ilaalchisee qajeelfama amma har’aatti duuka buutonnisaa hordofuu qaban barsiiseera. (Maatewos 26:47-55; Luqaas 22:47-51; Yohannis 18:10, 11) Phexros dogoggora hedduu Gooftaasaarraa dhiifama argachuun itti isa barbaachisu raawwateera. Wanti Phexrosirra ga’e jecha “nuyi hundumti keenya baay’ee irraa in kaanna” jedhu nu yaadachiisa. (Yaaqoob 3:2) Namni guyyaa guyyaadhaan Waaqayyorraa dhiifama argachuun isa hin barbaachifne jiraa? Haata’u malee, galgala gaafasii qorumsa kana caalutu Phexrosirra ga’uuf jira.

Qorumsa Guddaa Phexrosirra Ga’e

Yesus namoota isa qabuu dhufaniin, ana barbaaddu taanaan ergamoonnikoo kun haa deeman jechuudhaan isaanitti himee ture. Yeroo namoonni sun Yesusiin qaban Phexros abdii kutatee isaan ilaalaa ture. Achiis akkuma ergamoota warra kaanii Phexrosis ni baqate.

Phexrosiifi Yohannis naannoo mana Angafa Lubootaa Haannaa jedhamuu bakka jalqaba Yesus gaaffiidhaaf itti geeffame ga’anii dhaabatan. Yommuu namoonni kun Yesusiin qabanii deeman, Phexrosiifi Yohannis ‘irraa fagaatanii’ isa duukaa bu’aa turan. (Maatewos 26:58; Yohannis 18:12, 13) Phexros nama sodaa hin qabne ture. Namoota kana hordofuuniyyuu ija jabina guddaa akka gaafatu beekamaadha. Namoonni sun meeshaa waraanaa kan hidhatan si’a ta’u, Phexros isaan keessaa nama tokko madeessee ture. Haata’u malee, Phexros barbaachisaa taanaan Gooftaasaa wajjin du’uuf fedhii akka qabu wanta dubbate utuu hin raawwatin hafuusaa ilaalla.—Maarqos 14:31.

Akkuma Phexros, yeroo har’aattis namoonni baay’een akka warri kaan isaan hin arginetti ‘irraa fagaatanii’ Kiristos duukaa bu’uu barbaadu. Ta’us akkuma Phexros yeroo booda barreesse, karaan hundarra caalaa Kiristositti siqnee isa duukaa bu’uuf nu gargaaru, wanti fedheyyuu yoo dhufe karaa hundumaan fakkeenya Kiristos hordofuudha.—1 Phexros 2:21.

Phexros namoota kanatti utuu hin mul’atin, hamma karra mana guddaa Yerusaalemitti argamu tokkootti isaan duukaa bu’e. Manichi, mana Qayyaafaa isa sooressaafi angafa lubootaa ture. Manneen akkasii yeroo baay’ee dallaan kan itti ijaaramu yommuu ta’u, fuulduraanis karri itti tolfama. Phexros karra dallichaa bira erga ga’ee booda akka ol hin seenne dhowwame. Yohannis inni dursee dallaa keessa gale, xomboreen karricha eegdu Phexrosiin akka ol galchitu gaafate. Yeroo kanatti Phexros, Yohannisitti siqee ykn manicha keessa seenee Gooftaasaa cina dhaabachuu waan barbaade hin fakkaatu. Phexros, dallicha keessatti bakka hojjettoonni qorra halkan sanaa ofirraa ittisuuf ibidda qaqqaammachaa turan dhaabatee, namoota sobaan Yesusirratti dhugaa ba’uuf, manichatti seenaniifi achi keessaa ba’an ilaalaa ture.—Maarqos 14:54-57; Yohannis 18:15, 16, 18.

Xomboreen Phexrosiin ol galchite sun iddoo ibiddaatti akka gaariitti isa arguu waan dandeesseef eenyummaasaa sirriitti beekte. Qubashee itti qabdee, “Atis Yesus namicha Galiilaa sanaa wajjin turte!” jetteen. Phexrosis naasuudhaan, Yesusiinis ta’e waan isheen jettu akka hin beekne dubbate. Isaanirraa fagaatee karra dallichaatti siqee dhaabachuuf yommuu jedhu, xomboree kan biraan isa argitee, “Namichi kun Yesus nama Naazireet sanaa wajjin ture” jettee yaada xomboree ishee duraa wajjin wal fakkaatu dubbatte. Phexros, “Nama kana ani hin beeku” jedhee kakate. (Maatewos 26:69-72) Phexros si’a lammaffaadhaaf Yesusiin erga ganee booda, yommuu indaanqoon iyyitu kan dhaga’e ta’us, yeroo kanatti yaannisaa hiramee waan tureef raajii sa’aatii muraasa dura Yesus dubbate yaadachuu hin dandeenye.

Yeroo muraasa boodas Phexros jarri kun akka isa hin barreef yaalii gochuusaa itti fufeera. Haata’u malee, namoonni baay’een naannoo dallichaa dhaabachaa turan itti dhufan. Firri Garbicha Maalkos jedhamuufi Phexros gurrasaa kute namoota sana keessaa tokko ture. Innis, “Isaa wajjin iddoo dhaabaa sana keessatti ani si hin arginee?” jedhee Phexrosiin gaafate. Phexros namoonni kun akka dogoggoran isaan amansiisuuf yaalii gochuusaa itti fufe. Wanta isaan jedhan kana hin beeku jechuudhaan of abaaruufi kakachuutti ka’e. Phexros kana dubbatee utuu hin turin, halkanuma sana indaanqoon al lammaffaa yommuu iyyitu dhaga’e.—Yohannis 18:26, 27; Maarqos 14:71, 72.

Yesus mana keessaa ba’ee balbalarra dhaabachuudhaan asiifi achi ilaale. Yeroo kanatti akkuma keeyyata jalqabaarratti caqasame Phexrosiin arge. Phexros yeroo kanatti Gooftaasaa akka gane hubate. Balleessaa guddaa hojjetetti waan qaana’eef dallicha keessaa ba’ee adeeme. Lafa barii addeessa lixaa jirtu keessa gara magaalichaatti sokke. Phexros yommuu dallaa keessaa ba’u baay’ee gaddee akka ture beekamaadha. Imimmaan ijasaa keessa waan guuteef, of to’achuu dadhabee mararamee boo’e.—Maarqos 14:72; Luqaas 22:61, 62.

Namni cubbuun akkasii irratti raawwatame tokko, nama isarratti cubbuu hojjeteef dhiifama gochuun rakkisaadha jennee akka yaannu beekamaadha. Phexrosis akkasuma itti dhaga’amee ta’uu danda’a. Maarree Phexros dhiifama argateeraa?

Phexros Dhiifama Argachuu Hin Qabu Turee?

Wanta halkan sana ta’e ilaalchisee yommuu lafti bari’u miira Phexrositti dhaga’ame tilmaamuun baay’ee rakkisaadha. Yesus waaree booda sa’aatii dheeraadhaaf dhiphatee yommuu du’u, Phexros baay’ee of ceepha’ee akka ture hin shakkisiisu. Phexros gochasaatiin, dhuma jireenya Gooftaasaa isa lafaarratti dhiphina akkamii dabalee akka ture yeroo yaadu hundumaatti, of ceepha’aa akka jiraate beekamaadha. Phexros gaddi guddaan isarra ga’us, utuu hin turin obbolootasaa wajjin walitti qabamuu waan jalqabeef, abdii akka hin kutanne hubachuu dandeenya. (Luqaas 24:33) Ergamoonni Yesus hundi halkan sanatti gocha raawwatanitti baay’ee waan gaabbaniif, sana booda akka wal jajjabeessan hin shakkisiisu.

Asirratti Phexros murtoo gaarii tokko gochuusaa argina. Tajaajilaan Waaqayyoo tokko yommuu dogoggoru, wanti bakki guddaan kennamuuf dogoggora hojjechuusaa utuu hin ta’in, dogoggora sanarraa deebi’uufi of sirreessuuf murtoo gochuurratti ejjennoo cimaa qabaachuusaati. (Fakkeenya 24:16) Phexros wanta godhetti hamileensaa yoo cabeyyuu, obbolootasaa wajjin walitti qabamuudhaan amantii dhugaa akka qabu argisiiseera. Namni tokko gaddi ykn abdii kutachuun yommuu itti baay’atu namoota kaanirraa adda ba’uuf kan qoramu yoo ta’eyyuu, kana gochuun balaa geessisa. (Fakkeenya 18:1) Wanti hunda caalaa gaarii ta’e, obbolootatti siquufi karaa hafuuraa jabaachuudha.—Ibroota 10:24, 25.

Phexros oduu rifaasisaa reeffi Yesus awwaala keessa akka hin jirre dhaga’uu kan danda’e obbolootasaa wajjin waan tureefidha. Phexrosiifi Yohannis gara boolla Yesus itti awwaalametti fiigan. Yohannis inni dargaggeessa ture jedhamee yaadamu dursee achi ga’e. Yeroo achi ga’u, balballi awwaalichaa banaa waan tureef sodaatee dhaabate. Phexros garuu hin sodaanne. Akkuma fiigaa dhufeen awwaalicha keessa lixe. Awwaalichi garuu duwwaa ture.—Yohannis 20:3-9.

Phexros, Yesus du’aa ka’eera jedhee amanee turee? Jalqabarratti wanta dubartoonni amanamoon Yesus du’aa ka’uusaa ilaalchisee ergamoonni Waaqayyoo isaanitti himan yoo dubbatanillee hin amanne ture. (Luqaas 23:55–24:11) Haata’u malee, gaddiifi shakkiin Phexros keessa ture hundi galgala sana isa keessaa ba’eera. Yesus amma qaama hafuuraa humna guddaa qabu ta’ee ka’uudhaan ergamootasaa hundatti mul’ateera. Isa dura garuu Phexrosiin jajjabeessuuf dhuunfaatti wanta isaaf godhe qaba. Ergamoonni Yesus, “Gooftichi dhuguma du’aa ka’eera, Simoonittis mul’ateera” jechuudhaan kan dubbatan kanaaf ture. (Luqaas 24:34) Phaawulos ergamaanis yeroo booda Yesus “[‘Keefaatti,’ hiika bara 1899] mul’ate, ergasii bartoota kudha lamaan keessaa warra hafanitti mul’ate” jechuudhaan wanta guyyaa sanatti raawwatame barreesseera. (1 Qorontos 15:5) Keefaafi Simoon maqaawwan garabiraa Phexros ittiin waamamudha. Yesus, Phexros utuu qofaasaa jiruu kan itti mul’ate guyyaa sanatti akka ta’e haalasaarraa hubachuun ni danda’amaa.

Macaafni Qulqulluun, yeroo Yesusiifi Phexros wal argan wanta ta’e hin ibsu. Phexros Gooftaasaa isa jaallatamaa deebi’ee arguusaatti akka gammade, akkasumas carraa kanatti fayyadamee gadda isatti dhaga’ame ibsuufi qalbii geddarachuusaa tilmaamuu dandeenya. Wanta hundumaa caalaa dhiifamni akka godhamuuf barbaadee ture. Yesus, Phexrosiif dhiifama guddaa akkasii hin goone jedhee namni shakku jiraa? Yeroo ammaatti Kiristiyaanonni cubbuutti kufan haala Phexrosiin mudate yaadachuu qabu. Waaqayyo dhiifama nuuf hin godhu jennee matumaa yaaduu hin qabnu. Yesus fakkeenya Abbaasaa isa “araarri isaa guddaa” ta’e guutummaatti hordofeera.—Isaayaas 55:7.

Ragaa Garabiraa Dhiifama Gochuusaa Argisiisu

Yesus ergamoonnisaa gara Galiilaa dhaqanii isaa wajjin achitti akka wal argan itti himee ture. Yommuu achi ga’an Phexros ciisa bishaan Galiilaa keessaa qurxummii qabuu akka deemu dubbate. Yeroo kanatti baay’eensaanii isa duukaa bu’an. Phexros ammas ciisa bishaanii waggoota hedduudhaaf qurxummii keessaa qabaa turetti deebi’e. Sagalee bidiruu, sagalee dha’aa bishaaniifi kiyyoo qurxummii ittiin qaban akka gaariitti yaadata ture. Yesus tajaajilasaa isa lafarraa waan xumureef, Phexros kana booda maaliinan jiraadha jedhee yaadda’ee turee? Moo qurxummii qabuudhaan jireenya salphaa jiraachuun isa hawwisiisee ture laata? Sababiinsaanii maaliyyuu yoo ta’e, halkan sana guutuu qurxummii utuu hin qabatin hafaniiru.—Maatewos 26:32; Yohannis 21:1-3.

Lafa barii jala namni tokko qarqara bishaanichaatii isaan waamee bidiricha bukkee gara mirgaatiin kiyyicha akka darbatan isaanitti hime. Isaanis tole jedhanii kiyyoosaanii erga darbatanii booda, qurxummii 153 qabatan harkisuu jalqaban. Phexros namichi kun eenyu akka ta’e ni bare. Bidiruurraa bu’ee bishaanicha daakee gara qarqaraa dhaqe. Yesus qarqara bishaanichaatti qurxummii barbadaa ibiddaatiin bilchaate isaanii kenne. Kana booda Phexrosirratti xiyyeeffate.

Yesus, gara qurxummii hedduu ergamoonni qabanitti quba qabee “isaan kanarra, hiika bara 1899” caalaa akka isa jaallatu Phexrosiin gaafate. Phexros jaalala Yesusiif qabumoo jaalala hojii qurxummii qabuu caalchifata laata? Akkuma inni si’a sadii Gooftaasaa ganee ture, Phexros jaalala Yesusiif qabu ergamoota kaan duratti al sadii gaafachuudhaan akka mirkaneessu carraa isaa kenneera. Yesus, Phexros tajaajila Waaqayyootiif dursa akka kennu, duuka buutotasaa, jechuunis hoolota Kiristos tiksuudhaan karaa jaalala kana itti argisiisuu danda’u itti himeera.—Yohannis 21:4-17.

Yesus, Phexros ammayyuu isas ta’e Abbaasaa tajaajiluu akka danda’u mirkaneesseera. Phexros gara fuulduraatti qajeelfama Kiristos jalatti gumii keessatti hojii guddaa hojjeta. Kun ragaa guddaa Yesus, Phexrosiif guutummaatti dhiifama akka godhe argisiisudha. Phexros dhiifama isaaf godhame kanatti baay’ee akka tuqame beekamaadha.

Phexros hojii isaaf kenname waggoota hedduuf amanamummaadhaan raawwateera. Akkuma Yesus galgala du’uusaa dura turetti itti hime, Phexros obbolootasaa jajjabeesseera. Duuka buutota Kiristos akka tiksuuf hojii itti kennames gaarummaafi obsaan raawwateera. Namni Simoon jedhamuufi amma Yesus, Phexros ykn Dhagaa jedhee moggaase kun, nama jabaa ta’uudhaan gumii keessatti dhiibbaa gaarii geessiseera. Dhiibbaa inni geessise, kutaa Macaafa Qulqulluu ergaawwan Phexros lamaan inni barreesseefi bakki guddaan kennamuuf keessatti galmeeffameera. Ergaawwan kun Phexros dhiifama gochuu ilaalchisee barumsa Yesusirraa argate akka hin irraanfanne argisiisu.—1 Phexros 3:8, 9; 4:8.

Nutis dhiifama gochuu haa barannu. Dogoggora hedduu guyyaa guyyaadhaan raawwannuuf Waaqayyo dhiifama akka nuu godhu ni kadhannaa? Dhiifama nuu godhamus ta’e humna dhiifamni kun cubbuurraa nu qulqulleessuuf qabutti ni amannaa? Namootaafoo dhiifama ni goonaa? Akkas kan goonu yoo ta’e, amantii Phexros qabuufi dhiifama Gooftaansaa argisiise hordofna.

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 22rra jiru]

Phexros dogoggora hedduu Gooftaasaarraa dhiifama itti argachuu qabu raawwateera; haata’u malee namni guyyaa guyyaadhaan dhiifama argachuun isa hin barbaachifne jiraa?

[Fakkii fuula 23rra jiru]

“Gooftaan yommus garagalee Phexrosin ilaale”

[Fakkii fuula 24rra jiru]

‘Gooftaan Simoonitti mul’ate’