Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Guutummaatti Kiristos Duukaa Buʼaa Jirtuu?

Guutummaatti Kiristos Duukaa Buʼaa Jirtuu?

Guutummaatti Kiristos Duukaa Buʼaa Jirtuu?

‘Akkuma amma jiraachaa jirtanitti caalchisaa itti fufaa.’ —1 TAS. 4:1.

1, 2. (a) Namoonni hedduun bara Yesus turan dinqiiwwan gurguddaa akkamii arganiiru? (b) Yeroon keessa jirrus adda kan taʼe maaliifi?

YOMMUU Yesus lafarra ture utuun jiraadheera taʼee gaarii ture jettee yaaddee beektaa? Akkas kan sitti dhagaʼame, harka Yesusiin dhibee fayyaarraa baraaramuu akka dandeessu waan yaaddeef taʼuu dandaʼa. Yookiin Yesusiin arguufi yommuu inni dubbatu dhagaʼuu, isarraa barachuu ykn dinqiiwwan inni raawwatu arguu baayʼee waan hawwituuf taʼuu dandaʼa. (Mar. 4:1, 2; Luq. 5:3-9; 9:11) Yeroo inni wantoota kana raawwatu arguun hammam nama gammachiisa ture! (Luq. 19:37) Hojii Yesus ‘aarsaa godhee of dhiheessuudhaan’ raawwate kana, dhaloonni bara sana booda kaʼe kamiyyuu hin argine.—Ibr. 9:26; Yoh. 14:19.

2 Haataʼu malee, yeroon keessa jirru kunis addadha. Maaliif? Caaffanni Qulqullaaʼoon, yeroon keessa jirru “bara isa dhumaa” akka taʼe ibsu. (Dan. 12:1-4, 9; 2 Xim. 3:1) Yeroon kun, yeroo Seexanni gara lafaatti gad darbatamedha. Dhiheenyattis, hidhamee gara ‘iddoo lafa jalaatti’ ni darbatama. (Mul. 12:7-9, 12; 20:1-3) Yeroo ammaatti hojii ‘wangeela Mootummaa’ lammata deebiʼee hin hojjetamneefi isa abdii waaʼee Jannataa ibsu addunyaa maratti lallabuuf mirga guddaa arganneerra.—Mat. 24:14.

3. Yesus samiitti ol baʼuusaa dura duuka buutonnisaa maal akka godhan itti hime? Kunoo maal gochuu dabalata?

3 Yesus samiitti ol baʼuusaa dura, “Yerusaalemitti, Yihudaa hundumaatti, Samaariyaatti, hamma andaara lafaattis dhuga-baatuu koo in taatu” jechuudhaan bartootasaatti himeera. (HoE. 1:8) Hojiin kun, hojii barsiisuu addunyaa maratti raawwatamus kan dabalatudha. Kaayyoon hojii kanaa maalidha? Dhumni barichaa utuu hin dhufin, namoota kaan duuka buutota ykn bartoota Kiristos gochuudha. (Mat. 28:19, 20) Haataʼu malee, hojii Kiristos nuu kenne galmaan gaʼuuf maal gochuu qabna?

4. (a) Yaanni 2 Phexros 3:11, 12⁠rra jiru maal nu hubachiisa? (b) Wantoota kamirraa of eeggachuu qabna?

4 Phexros, “Jireenya qullaaʼaa, jireenya namoota Waaqayyoof taʼu jiraachuun isin irra jira. Akkasitti jiraattanii dhufa guyyaa Waaqayyoo in eeggattu, isaafis ariifattanii in hojjettu” jechuudhaan barreesseera. (2 Phe. 3:11, 12) Yaanni Phexros dubbate kun, bara dhumaa kanatti jireenya nama Waaqayyoof taʼu jiraachuuf dammaqoo taʼuun barbaachisaa akka taʼe argisiisa. Jireenyi akkasii misiraachoo lallabuu kan dabalatudha. Obboloonni keenya addunyaa maratti argaman, hojii lallabaa Kiristos nuu kenne raawwachuudhaaf hinaaffaa isaan qaban arguun baayʼee nu gammachiisa. Biyyi lafaa Seexanni seerratuufi fedhiin foon keenyaa, hinaaffaa Waaqayyoon tajaajiluuf qabnu akka nu jalaa hin hirʼisne dammaqoo taʼuudhaan of eeggachuu akka qabnus ni hubanna. Mee akkamitti Kiristos duukaa buʼuu akka dandeenyu haa ilaallu.

Itti Gaafatamummaa Waaqayyo Kenne Fudhachuu

5, 6. (a) Phaawulos Kiristiyaanota Yerusaalemitti argaman maaliif galateeffate? Maalirraa akka of eegan isaan akeekkachiise? (b) Itti gaafatamummaa nuu kenname akka laayyootti ilaaluu kan hin qabne maaliifi?

5 Phaawulos ergaa obboloota Yerusaalemitti argamaniif barreesserratti, Kiristiyaanonni ariʼatama isaanirra gaʼe waan moʼaniif isaan galateeffatee ture. “Guyyoota jalqaba itti ifa argattanii, walʼaansoo guddaa dhiphina of keessaa qabu obsaan dandeessan sana yaadadhaa!” jechuudhaan barreesseera. Yihowaan amanamummaa isaan argisiisan yaadateera. (Ibr. 6:10; 10:32-34) Phaawulos Kiristiyaanota Ibrootaa galateeffachuunsaa baayʼee akka isaan jajjabeesse beekamaadha. Amalawwan tokko tokkorraa of hin eeggannu taanaan, tajaajila Waaqayyootiif hinaaffaan qabnu nu jalaa hirʼachuu akka dandaʼu akeekkachiiseera. Kiristiyaanonni abboommii Waaqayyoo akka “hin dinne” ykn abboommiisaa utuu hin raawwatin hafuusaaniitiif sababa akka hin dhiheessine akeekkachiiseera.—Ibr. 12:25.

6 Itti gaafatamummaa Waaqayyo kenne fudhachuu ‘diduu’ ilaalchisee akeekkachiisni kenname, Kiristiyaanota yeroo harʼaatti argamaniifis ni hojjeta. Itti gaafatamummaa nuu kenname akka laayyootti akka hin ilaalle ykn hinaaffaa Waaqayyoon tajaajiluuf qabnu akka hin hirʼisne murtoo gochuu qabna. (Ibr. 10:39) Yihowaadhaaf tajaajila qulqulluu dhiheessuun dhimma duʼaafi jireenyaati.—1 Xim. 4:16.

7, 8. (a) Hinaaffaa tajaajila Waaqayyootiif qabnu akka hin dhabne maaltu nu gargaaruu dandaʼa? (b) Hinaaffaan dur qabnu hirʼateera yoo taʼe, Yihowaafi Yesus maal akka nuu godhan yaadachuu qabna?

7 Itti gaafatamummaa Waaqayyo nuu kenne akka hin raawwanne sababii dhiheessuurraa fagaachuuf kan nu gargaaru maalidha? Amala akkasiirraa fagaachuuf wanti nu gargaaru inni tokko, yeroo hunda waadaa gallerratti xiinxaluudha. Hunda caalaa fedha Yihowaatiif dursa kennuuf waadaa galle eeguu barbaanna. (Maatewos 16:24 dubbisi.) Yeroo tokko tokko, ‘Waaqayyoof of murteessuu wajjin haala wal qabateen, murtoo yeroon cuuphame godhe eegeen jiraachaa jiramoo, hinaaffaa ani dur qabu hirʼateera?’ jennee of gaafachuun nu barbaachisa.

8 Akka gaariitti Yihowaa tajaajilaa hin jirru taanaan, jechoota Sefaaniyaan dubbateefi nama jajjabeessan yaadachuu qabna. Sefaaniyaan, “Harki kees lawwaasaʼee kan gad rarraʼu hin taʼin! Waaqayyo gooftaan kee sii wajjin jira, inni oolchuudhaaf aango-qabeessa; inni of irraa buʼee sitti in gammada” jedheera. (Sef. 3:16, 17) Abdiin kun jalqaba Israaʼeloota boojuu Baabilon jalaa baʼanii Yerusaalemitti deebiʼanirratti raawwiisaa argatee ture. Abdiin kun saba Waaqayyoo warra yeroo harʼaatti argamaniifis ni hojjeta. Hojii nuu kenname hojjechaa waan jirruuf, itti gaafatamummaa kana akka raawwannu Yihowaafi Ilmisaa akka nu gargaaran, akkasumas humna akka nuu kennan yaadachuu qabna. (Mat. 28:20; Filp. 4:13) Hojii kana hinaaffaadhaan hojjechuuf kan carraaqnu yoo taʼe, Yihowaan nu eebbisa, karaa hafuuraas akka guddannu nu gargaara.

Hinaaffaadhaan ‘Mootummaa Waaqayyoo Barbaaduu’

9, 10. Fakkeenyi Yesus cidha guddaa tokko ilaalchisee dubbate maalidha? Kanarraa maal baranna?

9 Yesus angafoota warra Fariisotaa keessaa mana isa tokkootti nyaata utuu nyaachaa jiruu, fakkeenya waaʼee cidha guddaa tokkoo dubbate. Fakkeenyicharratti waamichi Mootummaa Waaqayyoo namoota garaagaraatiif dhihaatee akka ture ibseera. Yesus “dhimma [‘sababa, NW’] garaa garaa himachuu” jechuun maal jechuu akka taʼes ibseera. (Luqaas 14:16-21 dubbisi.) Namoonni waamaman kun cidha sanarratti argamuu akka hin dandeenye sababa garaagaraa dhiheessaniiru. Inni tokko lafan bite dhaqee ilaaluun qaba jedhe. Inni kaanimmoo qotiyyoon bite ilaaluun dhaqa jedhe. Inni sadaffaanimmoo “dhiʼoon niitii fuudhe kanaaf qaqqabee hin dhufu” jedhe. Namoonni kun sababa quubsaa hin dhiheessine. Namni lafa ykn qotiyyoo bitu dura ilaalee waan bituuf, sana booda ilaaluun wanta nama jarjarsu hin turre. Namni dhiheenyatti gaaʼela godhate cidha guddaa akkasiirratti akka hin argamne maaltu isa dhowwuu dandaʼa? Kanaaf, abbaan cidhaa fakkeenyicharratti ibsame baayʼee aaruunsaa sirriidha.

10 Sabni Waaqayyoo fakkeenya Yesus kanarraa barumsa akkamii argatu? Tajaajila Waaqayyoof dhiheessinurra caalaa, dhimmoota dhuunfaa warra fakkeenya Yesusirratti caqasamanii wajjin wal fakkaataniif bakka guddaa kennuu hin qabnu. Kiristiyaanni tokko yaada sirrii hin qabu taanaan, hinaaffaa inni tajaajilaaf qabu suutuma suuta hirʼachuu dandaʼa. (Luqaas 8:14 dubbisi.) Ilaalcha akkasiirraa fagaachuuf gorsa Yesus, “Duraan dursitanii yaada keessan mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaa barbaaduutti hidhaa!” jechuudhaan kenne hojiirra oolchuu qabna. (Mat. 6:33) Dargaggoonniifi maanguddoonni tajaajiltoota Waaqayyoo taʼan, gorsa kana hojiirra oolchaa kan jiran taʼuunsaanii nama jajjabeessa. Kiristiyaanonni hedduun, tajaajilarratti yeroo dheeraa dabarsuuf jecha, jireenya salphaa jiraachuuf tarkaanfii fudhataniiru. Hinaaffaadhaan ‘duraan dursanii yaadasaanii Mootummaa Waaqayyoo barbaaduutti hidhuunsaanii,’ gammachuu guddaa akka isaanii argamsiise hubataniiru.

11. Fakkeenyi Macaafa Qulqulluu waaʼee garaa guutuufi hinaaffaadhaan Waaqayyoon tajaajiluu ibsu isa kami?

11 Hinaaffaadhaan Waaqayyoon tajaajiluun barbaachisaa taʼuusaa ilaalchisee, wanta Yehoʼaash Mootii Israaʼeliin mudate haa ilaallu. Yehoʼaash, Sooriyaan Israaʼeliin weeraruu akka yaadde yommuu dhagaʼe Elsaaʼi bira dhaqee itti booʼe. Elsaaʼi raajichis, mootichi karaa foddaa manichaa kallattii biyya Sooriyaatiin xiyyasaa akka darbatu kan isa ajaje yommuu taʼu, kunis mootichi gargaarsa Yihowaatiin Sooriyaa akka moʼu kan argisiisu ture. Kun mooticha akka jajjabeesse beekamaadha. Elsaaʼi itti aansuudhaan Yehoʼaash xiyyawwansaatiin lafa akka tuttumatu itti hime. Yehoʼaash al sadii qofa tumatee dhiise. Yehoʼaash irra deddeebiʼee al shan ykn al jaʼa laficha tuttumateera utuu taʼee, ‘Sooriyaan hamma badduu baatutti akka ishee tumu’ kan argisiisu waan tureef, mootichi kana gochuu dhiisuusaatti Elsaaʼi baayʼee aare. Amma garuu Yehoʼaash al sadii qofa Sooriyaa moʼa. Yehoʼaash hinaaffaadhaan kana waan hin gooneef, hamma dhumaatti moʼicha utuu hin argatin hafeera. (2 Mot. 13:14-19) Seenaa kanarraa maal baranna? Hojii Yihowaan nuu kenne garaa guutuufi hinaaffaadhaan yoo hojjenne, eebbaa guddaa argachuu dandeenya.

12. (a) Yaaddoo jireenyaa moonee hinaaffaadhaan tajaajiluu keenya itti fufuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa? (b) Faayidaa tajaajilatti qabamuudhaan argatte dubbadhu.

12 Yaaddoon jireenyaa hinaaffaa qabnuufi tajaajila keenyarratti dhiibbaa geessisuu dandaʼa. Obboloonni hedduun rakkoo karaa dinagdee isaanirra gaʼuu wajjin qabsoo godhu. Kaanimmoo dhukkuba cimaadhaan qabamuunsaanii tajaajilasaanii waan jalaa daangesseef abdii kutataniiru. Taʼus, hundi keenya hinaaffaa qabnu eeguufi guutummaatti Kiristos duukaa buʼuuf tarkaanfii fudhachuu dandeenya. Yaadawwan saanduqa “Kiristos Duukaa Buʼuuf Maaltu Si Gargaaruu Dandaʼa?” jedhu keessatti argaman tokko tokko hubadhu. Karaa itti yaadawwan kana akka gaariitti hojiirra oolchuu dandeessu yaadi. Kana goonaan faayidaa guddaa argachuu dandeessa. Tajaajilaan qabamuun keenya akka tasgabboofnu nu gargaara, akkasumas nagaafi gammachuu nuu argamsiisa. (1 Qor. 15:58) Hunda caalaa tajaajilarratti garaa guutuudhaan hirmaachuun keenya, ‘dhufa guyyaa Waaqayyoo eeggachuuf’ nu gargaara.—2 Phe. 3:12.

Haqaan Haalakee Gamaaggami

13. Garaa guutuudhaan tajaajiluu jechuun maal jechuu akka taʼe hubachuu kan qabnu akkamitti?

13 Garaa guutuudhaan tajaajiluu jechuun, tajaajilarratti saʼaatii dheeraa dabarsuu jechuu akka hin taane hubachuun gaariidha. Haalli namootaa tokko miti. Namni tokko jiʼa jiʼaan saʼaatii tokko ykn lama caalaa tajaajiluuf fayyaansaa isaaf hin heyyamu taanaan, Yihowaan tajaajila namni kun dhiheessetti ni gammada. (Maarqos 12:41-44 waliin ilaali.) Kanaaf garaa guutuudhaan tajaajilaa akka jirru mirkaneessuuf, dandeettiifi haala keenya haqaan gamaaggamuu qabna. Duuka buutota Kiristos waan taaneef, ilaalcha inni qabuu wajjin walsimnee jiraachuu barbaanna. (Roomaa 15:5 dubbisi; 1 Qor. 2:16) Yesus wanta akkamiitiif bakka guddaa kenna ture? Namoota hedduu Qifirnaahomitti walitti qabamanii turaniin, “Misraachoo mootummaa Waaqayyoo . . . lallabuun ana irra jira, kanaaf anuu ergame” jedheera. (Luq. 4:43; Yoh. 18:37) Hinaaffaa Yesus tajaajilaaf qabu yaadachuudhaan, tajaajilakee caalaatti balʼisuu akka dandeessuufi akka hin dandeenye of gamaaggami.—1 Qor. 11:1.

14. Karaan itti tajaajila keenya balʼisuu dandeenyu kamfaʼi?

14 Haala keenya of eeggannoodhaan gamaaggamuun tajaajilarratti yeroo dabalataa dabarsuuf nu kakaasuu dandaʼa. (Mat. 9:37, 38) Fakkeenyaaf dargaggoonni kuma hedduutti lakkaaʼamaniifi barumsa xumuran, tajaajilasaanii balʼisuudhaan yeroo ammaatti qajeelchaa taʼanii tajaajiluudhaan gammachuu argachaa jiru. Atoo gammachuu akkasii argachuu barbaaddaa? Obboloonni tokko tokko haalasaanii erga gamaaggamanii booda, biyyasaaniitti ykn biyya alaa bakka babalʼistoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan dhaqanii tajaajiluuf murteessaniiru. Warri kaanimmoo namoota afaan garabiraa dubbatan gargaaruuf afaan namoota kanaa barataniiru. Tajaajila keenya balʼisuun nu rakkisuu dandaʼullee eebba nuu argamsiisa; kunimmoo namoonni baayʼeen ‘dhugaa akka beekan’ gargaaruuf nu dandeessisa.—1 Xim. 2:3, 4; 2 Qor. 9:6.

Namoota Fakkeenya Nuu Taʼan

15, 16. Duuka buutota Kiristos warra hinaaffaa qaban taʼuudhaaf fakkeenya eenyyuu hordofuu dandeenya?

15 Namoonni yeroo booda ergamoota Yesus taʼan, yeroo Yesus isa duukaa akka buʼan isaan afeere deebii akkamii kennan? Macaafni Qulqulluun Maatewosiin ilaalchisee “hundumaa dhiisee kaʼee, duukaa buʼe” jedha. (Luq. 5:27, 28) Phexrosiifi Indiriyaas warri qurxummii qabaa turan, “Kiyyoota isaanii achitti dhiisanii isa duukaa buʼan” jedha. Sana booda Yesus, Yaaqoobiifi Yohannis utuu kiyyoosaanii tottolfatanii isaan arge. Maarree afeerrii inni isaanii dhiheesseef deebii akkamii kennan? “Bidiruu isaanii, abbaa isaaniis dhiisanii isa duukaa in buʼan.”—Mat. 4:18-22.

16 Fakkeenya gaarii kan nuu taʼu garabiraanimmoo Saaʼol isa yeroo booda Phaawulos ergamaa jedhamedha. Inni duuka buutota Kiristos ariʼachaa kan ture yoo taʼeyyuu, yeroo booda jijjiirama gochuudhaan maqaa Kiristos baachuuf ‘miʼa foʼatame’ taʼuu dandaʼeera. “[Phaawulos] ergasii utuu hin turin manneen sagadaa keessatti, Yesus kun ilma Waaqayyoo ti” jedhee lallabuu jalqabe. (HoE. 9:3-22) Rakkinniifi ariʼatamni hedduun isa mudatullee, hinaaffaansaa hin banne.—2 Qor. 11:23-29; 12:15.

17. (a) Kiristos duukaa buʼuuf fedhii akkamii qabda? (b) Garaafi humna guutuudhaan fedha Yihowaa yoo raawwanne eebba akkamii arganna?

17 Fakkeenya Kiristiyaanota durii warra afeerrii Yesus battalumaan fudhatan hordofuu akka barbaannu beekamaadha. (Ibr. 6:11, 12) Hinaaffaa qabaachuufi guutummaatti Kiristos duukaa buʼuu keenya itti fufuun eebba akkamii nuu argamsiisa? Mirga tajaajilaa dabalataa argachuufi itti gaafatamummaa gumii keessatti nuu kennamu fudhachuudhaan, akkasumas fedha Waaqayyoo raawwachuudhaan gammachuu dhugaa argachuu dandeenya. (Far. 40:8; 1 Tasaloniiqee 4:1 dubbisi.) Kiristos duukaa buʼuu keenya ciminaan yoo itti fufne, nageenya sammuu, gammachuu, Waaqayyo biratti fudhatama qabaachuufi abdii jireenya barabaraa arganna.—1 Xim. 4:10.

Ni Yaadattaa?

• Hojii guddaa akkamiitu nuu kenname? Hojii kanaaf ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?

• Amala kamfaarraa of eeguu qabna? Maaliif?

• Waaʼee akkamiirratti haqaan of gamaaggamuu qabna?

• Kiristos duukaa buʼuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Saanduqa/Fakkii fuula 27rra jiru]

Kiristos Duukaa Buʼuuf Maaltu Si Gargaaruu Dandaʼa?

▪ Guyyaa guyyaadhaan Macaafa Qulqulluu dubbisi, wanta dubbisterrattis xiinxali.—Far. 1:1-3; 1 Xim. 4:15.

▪ Gargaarsaafi qajeelfama hafuura qulqulluu argachuuf yeroo hunda kadhadhu.—Zak. 4:6; Luq. 11:9, 13.

▪ Obboloota tajaajilaaf hinaaffaa qabanii wajjin michoomi.—Fak. 13:20; Ibr. 10:24, 25.

▪ Yeroon keessa jirru ariifachiisaa taʼuusaa hubadhu.—Efe. 5:15, 16.

▪ Miidhaa guddaa ‘sababa dhiheessuun’ geessisurraa of eegi.—Luq. 9:59-62.

▪ Eebba guddaa waadaa of murteessuudhaan galterraa, akkasumas garaa guutuudhaan Kiristos duukaa buʼuufi Yihowaa tajaajiluudhaan argatterratti yaadi.—Far. 116:12-14; 133:3; Fak. 10:22.