Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dhiirotaa, Matummaa Kiristosiif Ni Bitamtuu?

Dhiirotaa, Matummaa Kiristosiif Ni Bitamtuu?

Dhiirotaa, Matummaa Kiristosiif Ni Bitamtuu?

“Kristos mataa warra dhiiraa[ti].”—1 QOR. 11:3.

1. Yihowaan Waaqa sabrii qabu ta’uunsaa kan argisiisu maalidha?

MUL’ANNI 4:11 akkas jedha: “Ati waan hundumaa waan uumteef, isaanis jaalala keetiin waan uumamaniif, waan jiraataniif, gooftaa keenyaa! Waaqayyo keenyaa! Guddina, ulfina, aangoos fudhachuun siif in ta’a.” Yihowaan Uumaa waan ta’eef, uumama cufaafi uumamasaa hundarratti olaantummaa qaba. Inni ‘Waaqayyo nagaa malee, Waaqayyo sabirii hin qabnee’ akka hin taane, akkaataa ergamoota samii miseensa maatiisaa ta’an itti gurmeesserraa hubachuu dandeenya.— 1 Qor. 14:33; Isa. 6:1-3; Ibr. 12:22, 23.

2, 3. (a) Yihowaan jalqaba eenyuun uume? (b) Abbaa wajjin haala wal qabateen Ilmi inni angafaa aboo maalii qaba?

2 Waaqayyo wanti tokkoyyuu utuu hin uumamin dura waggoota hangana hin jedhamneef qofaasaa ture. Uumamni hafuuraa Yihowaan jalqaba uume Sagalee Dabarsituusaa waan tureef ‘Sagalicha’ jedhameera. Wantoonni kaan hundi karaa Sagalichaa gara jireenyaatti dhufan. Booda nama mudaa hin qabne ta’ee gara lafaa kan dhufe si’a ta’u, Yesus Kiristos jedhamee waamameera.—Yohannis 1:1-3, 14 dubbisi.

3 Aboo Waaqayyoofi Ilmisaa qaban ilaalchisee Caaffanni Qulqullaa’oon maal jedhu? Phaawulos ergamaan hafuuraan geggeeffamee, “Kristos mataa warra dhiiraa, abbaan manaa mataa haadha manaa, Waaqayyo mataa Kristos ta’uu isaa, akka beektan nan barbaada” jedheera. (1 Qor. 11:3) Kiristos mataa Abbaasaa jala jira. Uumamawwan yaaduu danda’an gidduutti nagaafi seerri akka jiraatuuf aangoon matummaa, akkasumas bitamuun barbaachisaadha. Inni “wanti hundinuu karaa isaa uumame” jedhamellee, matummaa Waaqayyoof bitamuun isa barbaachisa.—Qol. 1:16.

4, 5. Yesus, aangoo Yihowaaf bitamuu wajjin haala wal qabateen maaltu isatti dhaga’ama ture?

4 Yesus, matummaa Yihowaatiif bitamuufi gara lafaa dhufuu ilaalchisee maaltu isatti dhaga’amee ture? Caaffanni Qulqullaa’oon akkas jedhu: “[Kiristos Yesus] bifa waaqayyummaatiin utuma jiruu, ulfina waaqayyummaa isa abbaa isaa wajjin wal isa qixxeessu wanta qabatanii itti hafanitti hin lakkoofne. Inni ulfina sana gad dhiisee, akka waan tokkotti hin galle of godhe; bifa garbummaa in fudhate; fakkaattii namummaatiin in dhalate, waan hundumaanis nama ta’ee argame. Inni gad of deebisee, hamma du’aatti, hamma fannifamee du’utti iyyuu abboomamaa ta’e.”—Filp. 2:5-8.

5 Yesus yeroo hunda gad of deebisuudhaan fedha Abbaasaatiif bitama ture. Akkas jedheera: “Ani humna kootiin homaa gochuu hin danda’u; . . . firdiin ani faradus qajeelaa dha. Anoo yaada koo duukaa bu’uu hin barbaadu, yaada isa ana ergee duukaan bu’a malee.” (Yoh. 5:30) ‘Ani yeroo hundumaa kan Abbaakoo gammachiisun hojjedha’ jedheera. (Yoh. 8:29) Yesus dhuma jireenyasaa isa lafarraatti, “Ani lafa irratti ulfina siif kenneera, hojii akka ani hojjedhuuf ati anaaf laattes raawwadheera” jechuudhaan Abbaasaatti kadhannaa dhiheesseera. (Yoh. 17:4) Yesus, Waaqayyoof ajajamuufi matummaa inni isarratti qabu fudhachuurratti rakkoo akka hin qabne beekamaadha.

Abbaadhaaf Bitamuun Ilmaaf Faayidaa Argamsiise

6. Yesus amalawwan gaarii akkamii argisiisee ture?

6 Yesus yommuu lafarra ture amalawwan gaggaarii hedduu argisiiseera. Jaalalli guddaan inni Abbaasaatiif qabu isaan keessaa tokkodha. ‘Ani Abbaa nan jaalladha’ jedheera. (Yoh. 14:31) Namootaafis jaalala guddaa akka qabu argisiiseera. (Maatewos 22:35-40 dubbisi.) Yesus gaariifi kan namaaf yaadu ture; hamaa ykn aboosaa kan namarratti argisiisu hin turre. Akkas jedheera: “Isin warri itti dhamaatanii dadhabdan, ba’aanis kan isinitti ulfaatu hundinuu gara koo kottaa, ani boqonnaa isiniifan kenna. Waanjoo koo fuudhaatii baadhaa, ana irraas baraa; anoo garraamii dha kanan gad of deebises; boqonnaas lubbuu keessaniif in argattu. Waanjoon koo nama hin dhibu, ba’aan namni anaaf jedhee baatus salphaa dha.” (Mat. 11:28-30) Namoonni hoolotatti fakkeeffamaniifi umrii gara garaa qaban, keessumaa warri cunqurfaman, amala Yesus isa nama gammachiisuufi ergaasaarraa jajjabina guddaa argataniiru.

7, 8. Seericha keessatti dubartiin dhiignishee dhangala’u tokko maal akka hin goone dhowwamti turte? Yesus garuu maal isheedhaan jedhe?

7 Yesus dubartoota akkamitti akka qabe ilaali. Seenaawwan darban, dhiironni hedduun dubartoota gara jabinaan akka cunqursan mirkaneessaniiru. Geggeessitoonni amantii Israa’el durii keessa turan akkas godhaniiru. Yesus garuu dubartoota kabajaan qaba ture. Kunis akkaataa inni dubartii waggaa 12f dhiignishee dhangala’uudhaan dhukkubsachaa turte itti qaberratti ifa ta’eera. Isheen “ogeessota qorichaa biratti baay’ee dhiphattee” fayyuuf jecha waan qabdu hundumaa fixxee turte. Carraaqqii sana hunda gootuyyuu, “ittuma hammaataa adeeme.” Akka Seerichaatti akka waan xuraa’aatti ilaalamti turte. Akkasumas namni ishee tuqu kamiyyuu xuraa’aa ta’a.—Lew. 15:19, 25.

8 Dubartittiin Yesus fayyisaa akka jiru yommuu dhageessu, “Uffatuma Yesus yoon tuqe illee nan fayya” jettee waan yaaddeef namoota hedduu isa bira jiranitti makamte. Battaluma Yesusiin tuqxettis ni fayyite. Yesus akka isheen uffatasaa tuquu hin qabne beeka ture. Ta’us, ishee hin ceephaane. Kanaa mannaa gaarummaa isheetti argisiiseera. Waggoottan kana hunda dhukkubsachuunshee maal isheerraan geessisee ta’uu akka danda’uufi gargaarsa hin argadhu jettee abdii kutattee akka turte hubatee ture. Yesus gaarummaadhaan, “Yaa intala ko, amantiin kee si fayyiseera, nagaadhaan dhaqi, dhukkuba keettiis kan fayyite ta’i” jedheen.—Mar. 5:25-34.

9. Yesus bartoonnisaa ijoolleen garasaa akka hin dhufne dhowwuuf yommuu yaalanitti maal godhe?

9 Ijoollonnillee Yesusii wajjin ta’uun isaanitti hin ulfaatu ture. Yeroo tokko namoonni yommuu ijoollee garasaa fidanitti, bartoonnisaa isaanitti dheekkamanii turan; kanas kan godhan ijoolleen isa dhiphisuu hin qaban jedhanii waan yaadaniif ta’uu danda’a. Yesus garuu akkas isatti hin dhaga’amne. Seenaan Caaffata Qulqullaa’oo akkas jechuudhaan nutti hima: “Yesus garuu yommuu kana arge aaree, bartoota isaatiin, ‘Lakkisaa mucooliin gara koo haa dhufan, hin dhowwinaa! Mootummaan Waaqayyoo warra akkasiitiif ta’a.’” “Mucooliis ammatee harka isaas mataa isaanii irra kaa’ee isaan eebbises.” Yesus ijoolleen akka isatti dhihaatan gochuu qofa utuu hin ta’in, miira ho’aadhaan isaan simateera.—Mar. 10:13-16.

10. Yesus amalawwan yommuu lafarra ture argisiise qabaachuu kan danda’e akkamitti?

10 Yesus amalawwan yommuu lafarra ture argisiise qabaachuu kan danda’e akkamitti? Nama ta’uusaa dura, waggoota hangana hin jedhamneef Abbaasaa isa samii of eeggannoodhaan ilaalaa kan ture ta’uusaarrayyuu karaawwansaa barateera. (Fakkeenya 8:22, 23, 30 dubbisi.) Samii keessatti, Yihowaan matummaa uumamasaa hundarratti qabu jaalalaan akka itti fayyadamu argee kan ture si’a ta’u, karaa kana kan ofiisaa godhatee ture. Yesus bitamuu kan hin jaallanne utuu ta’ee kana gochuu danda’a turee? Inni Abbaasaatiif bitamuun isa gammachiisa ture; Yihowaanis Ilma akkasii qabaachuusaatti ni gammada ture. Yesus yommuu lafarra ture amalawwan Abbaasaa isa samii warra dinqisiisaa ta’an guutummaatti calaqqiseera. Kiristos isa Waaqayyo Mootummaa samiirratti Bulchaa akka ta’u muudeef bitamuun mirga guddaadha!

Amalawwan Kiristos Hordofaa

11. (a) Fakkeenya eenyuu hordofuuf carraaqqii cimaa gochuu qabna? (b) Keessumaa dhiironni gumii keessa jiran Kiristosiin hordofuuf carraaquu kan qaban maaliifi?

11 Warri gumii Kiristiyaanaa keessa jiran hundi keessumaa dhiironni, amalawwan Kiristos hordofuuf utuu walirraa hin kutin ciminaan carraaquu qabu. Akkuma olitti ibsame, Macaafni Qulqulluun “Kristos mataa warra dhiiraa” akka ta’e dubbata. Akkuma Kiristos Waaqa dhugaa isa mataasaa ta’e hordofu, dhiironni Kiristiyaana ta’anis Kiristos isa mataasaanii ta’e hordofuu qabu. Phaawulos ergamaan yommuu Kiristiyaana ta’e akkasuma godhee ture. “Akkuma ani fakkeenya Kristos fudhadhe, isinis immoo fakkeenya koo fudhadhaa!” jechuudhaan Kiristiyaanota hidhatasaa ta’an gorsee ture. (1 Qor. 11:1) Phexros ergamaanis, “Isin kana gochuudhaaf waamamtaniittu; Kristos immoo isiniif dhiphatee, faana isaa duukaa akka buutaniif fakkeenya isiniif kenneera” jedheera. (1 Phe. 2:21) Sababii gara biraan dhiironni gorsa Kiristos akka hordofan isaanii kennameef xiyyeeffannaa itti kennuu qabanis jira. Jaarsoliifi tajaajiltoota gumii kan ta’an isaanidha. Akkuma Yesus Yihowaa hordofuusaatti gammachuu argate, dhiironni Kiristiyaana ta’anis Kiristosiifi amalawwansaa hordofuutti gammaduu qabu.

12, 13. Jaarsoliin hoolota tikasaanii jala jiran akkamitti qabuu isaan barbaachisa?

12 Jaarsoliin gumii Kiristiyaanaa keessa jiran fakkeenya Kiristos hordofuu barachuuf dirqamni isaanirra jira. Phexros jaarsoliidhaaf gorsa akkas jedhu kennee ture: “Karra hoolotaa isa Waaqayyo tikaaf isinitti kenne sana, giddiidhaan utuu hin ta’in, jaalalaan, akka Waaqayyo barbaadutti, bu’aa nama yeellaasisu irraa argachuuf utuu hin ta’in, of kennuudhaan egaa! Hoolota karra sanaaf fakkeenya ta’uudhaan egaa malee, warra tika keessan jala jiran irratti gooftummaa argisiisuudhaan miti.” (1 Phe. 5:1-3) Kiristiyaanonni jaarsolii ta’an, cunqursitoota, abbaa irree ykn hamoota ta’uu hin qaban. Kanaa mannaa, fakkeenya Kiristos hordofuudhaan, jaalala kan qaban, kan namaa yaadan, kan gad of deebisan ta’uuf, akkasumas akkaataa karra hoolotaa isaanitti kenname itti qabanirratti gaarummaa argisiisuuf carraaqu.

13 Warri gumii keessatti itti gaafatamummaa qaban, dhiirota cubbuu dhaalanidha; isaanis yoomiyyuu kana yaadachuu qabu. (Rom. 3:23) Kanaaf, waa’ee Yesus barachuufi akkumasaa jaalala argisiisuuf hawwii qabaachuu qabu. Karaa Waaqayyoofi Kiristos namoota itti qabanirratti xiinxaluudhaan, fakkeenyasaanii hordofuuf carraaquu isaan barbaachisa. Phexros akkas jechuudhaan nu gorsa: “Hundumti keessanis gad of deebisuu akkuma uffataatti uffadhaatii, walii keessanii wajjin jiraadhaa! Caaffanni qulqullaa’aan, ‘Waaqayyo warra kooraan ol of qabaniin in morma, warra gad of deebisaniif immoo ayyaana in kenna’ in jedha.”—1 Phe. 5:5.

14. Jaarsoliin warra kaan akka kabajan argisiisuu kan danda’an akkamitti?

14 Dhiironni gumii keessatti muudaman, akkaataa karra Waaqayyoo itti qabanirratti amalawwan gaggaarii argisiisuu qabu. Roomaan 12:10, “Jaalala obbolummaatiin ho’isaa wal jaalladhaa; walii keessaniif ulfina kennuudhaaf wal dorgomaa” jedha. Jaarsoliifi tajaajiltoonni gumii warra kaan ni kabaju. Akkuma Kiristiyaanota hundaa dhiironni kunis, ‘gad of deebisuudhaan warra kaan ofirra caalchisanii lakkaa’u malee, yaada ofittummaatiin yookiis of dhiibuudhaan waan tokkollee hin hojjetan.’ (Filp. 2:3) Warri itti gaafatamummaa qaban, warri kaan akka isaanirra caalanitti lakkaa’uu akka qaban homaa hin shakkisiisu. Kana gochuudhaan dhiironni muudaman akkasii gorsa Phaawulos kana hordofu: “Nuyi warri dubbii amantiitti jajjaboo taane, dadhabbii warra dadhabootaa baachuutu nuuf ta’a malee, ofii keenya gammachiisuudhaaf dhama’uu miti. Nu keessaa adduma addaan isa kaaniif gaarii akka ta’uuf, jireenya tokkummaas akka ijaaruuf nama haa gammachiisu! Kristos . . . ofii isaa hin gammachiifne.”—Rom. 15:1-3.

‘Haadha Manaa Keessaniif Ulfina Kennaa’

15. Abbaan manaa haadha manaasaa akkamitti qabuu isa barbaachisa?

15 Gorsa Phexros dhiirota gaa’ela godhataniif kenne hubadhaa. Akkas jedhuudhaan barreesseera: “Isinis dhiirota nana, dubartoota keessaniif beekaatii wajjin jiraadhaa! . . . Dubartii keessan akka gar tokko dhagna keessanii isa dadhabaatti ulfina kennaaf.” (1 Phe. 3:7) Nama tokko kabajuu jechuun, nama sanaaf bakka guddaa kennuu jechuudha. Kana jechuun, ilaalcha, fedhiifi wanta namichi sun barbaadu xiyyeeffannaa keessa galchuu, akkasumas kana gochuu dhiisuuf sababii ga’aan hamma hin jirretti fedhasaatiif dursa kennuu barbaaddu jechuudha. Abbaan manaa tokkos haala kanaan haadha manaasaa qabuu isa barbaachisa.

16. Dubbiin Waaqayyoo haadha manaadhaaf ulfina kennuu ilaalchisee, abbootii manaaf akeekkachiisa maalii kenna?

16 Phexros abbootiin manaa haadhotii manaasaaniif ulfina akka kennan yommuu dubbatu, “Kadhanni keessan gufuu argatee akka hin ittifamnetti” jechuudhaan akeekkachiiseera. (1 Phe. 3:7) Kun, Yihowaan akkaataa dhiirri tokko haadha manaasaa itti qabuuf, hangam iddoo guddaa akka kennu argisiisa. Ulfina utuu isheedhaa hin kennin hafuunsaa, kadhannaansaa akka ittifamu gochuu danda’a. Kana malees, abootiin manaa yommuu kabajaan isaan qaban haadhotiin manaa hedduun deebii gaarii kennu.

17. Abbaan manaa tokko haadha manaasaa hangam jaallachuu qaba?

17 Haadha manaa ofii jaallachuu ilaalchisee Dubbiin Waaqayyoo akkas jechuudhaan gorsa kenna: “Abbaan manaa akkuma dhagna ofii isaa jaallatutti, haadha manaa isaa jaallachuun in ta’aaf. . . . Namni foon isaa in soora, in dhimmaaf malee, takkaa foon isaa jibbee hin beeku; Kristosis waldaadhaaf akkasuma godhe. . . . Tokkon tokkon abbaa manaa akkuma kanatti haadha manaa isaa akka ofii isaatiitti haa jaallatu.” (Efe. 5:28, 29, 33) Abbootiin manaa haadhotii manaasaanii hangam jaallachuu qabu? Phaawulos, “Kristos akkuma waldaa kristiyaanaa jaallate, waldaadhaafis dabarsee of kenne, akkasuma abbaan manaas haadha manaa isaa haa jaallatu” jedhee barreesseera. (Efe. 5:25) Eeyyee, akkuma Kiristos warra kaaniif godhe, abbaan manaa haadha manaasaaf lubbuusaallee dabarsee kennuuf fedhii qabaachuu qaba. Kiristiyaanni abbaa mana ta’e tokko haadha manaasaa oo’aan, isheef yaaduudhaan, xiyyeeffannaadhaan ishee dhaggeeffachuudhaan, haala ofittummaarraa walaba ta’een kan ishee qabu taanaan, matummaasaatiif bitamuun isheef salphata.

18. Dhiironni itti gaafatamummaa gaa’elasaanii keessatti qaban raawwachuuf wanti isaan gargaaru maalidha?

18 Abbaan manaa karaa kanaan haadha manaasaatiif ulfina kennuunsaa wanta humnasaa ol ta’edhaa? Lakki, Yihowaan matumaa wanta humnasaatii ol ta’e akka godhu isa hin gaafatu. Kana malees, waaqeffattoonni Yihowaa humna uumama cufa keessatti guddaa ta’e, jechuunis hafuura qulqulluu ni argatu. Yesus akkas jedheera: “Egaa isin hamoota taatanii utuu jirtanii, ijoollee keessaniif kennaa gaarii kennuu erga beektanii, abbaan keessan inni waaqa irraa immoo, hammam isin caalaa warra isa kadhataniif hafuura qulqulluu kenna.” (Luq. 11:13) Abbootiin manaa, haadhotii manaasaanii dabalatee, walitti dhufeenya warra kaanii wajjin qabanirratti Yihowaan hafuurasaatiin akka isaan gargaaru kadhachuu danda’u.—Hojii Ergamootaa 5:32 dubbisi.

19. Matadureen ittaansuudhaan qayyabannu waa’ee maalii ibsa?

19 Dhugumayyuu, dhiironni, Kiristosiif bitamuufi matummaasaa hordofuu ilaalchisee itti gaafatamummaa guddaatu isaanirra jira. Haata’u malee, dubartoonni keessumaammoo haadhotiin manaahoo? Matadureen ittaanu, ga’ee dubartoonni qophii Yihowaa keessatti qaban akkamitti ilaaluu akka qaban ibsa.

Ni Yaadattaa?

• Amalawwan Yesus warra kam hordofuu qabna?

• Jaarsoliin hoolota Waaqayyoo akkamitti qabuu qabu?

• Abbaan manaa tokko haadha manaasaa akkamitti qabuu qaba?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 10rra jiru]

Warra kaaniif ulfina kennuudhaan fakkeenya Kiristos hordofi