Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kana Beektaa?

Kana Beektaa?

Kana Beektaa?

Phaawulos “warra moʼee duulaa galu” yeroo jedhu maal yaadatti qabatee ture?

Phaawulos akkas jechuudhaan barreesseera: “Waaqayyo . . . karaa Kristos akka warra moʼee duulaa galuutti nu adeemsisuuf, Kristosin beekuus akka foolii urgaaʼuutti harka keenyaan iddoo hundumaan [in gaʼa] . . . Nuyi, warra karaa fayyinaa irra jiranii fi warra karaa badiisaa irra jiraniifis foolii Kristos isa Waaqayyotti urgaaʼuu dha. Warra karaa badiisaa irra jiraniif foolii duʼaa isa nama ajjeesu, warra karaa fayyinaa irra jiraniif garuu foolii jireenyaa isa nama jiraachisuu dha.”—2 Qorontos 2:14-16.

Phaawulos yeroo kana jedhu, hiriira injifannoo warra Roomaa, ajajaa waraanaa diinota biyyattii moʼee gale tokkoof ulfina kennuuf godhamu caqasuusaa ture. Yeroo akkasiitti, wantoonniifi namoonni boojiʼaman akka ilaalamaniif gadi kan baafaman siʼa taʼu, korommiin aarsaadhaaf dhihaatan bakka aarsaan itti godhamutti oofamu turan; namoonni ajajaa waraanaa injifate sanaafi loltootasaatiif ni ililchuuf turan. Hiriirri sun yeroo xumuramu, korommiin sun aarsaa kan godhaman siʼa taʼu, namoonni boojiʼaman hedduunis ni ajjeefamu.

Za Intarnaashinaal Istaandaardi Baayibil Insaayikilooppeediyaan akka jedhutti, yaanni “foolii Kristos” jedhuufi namoota tokko tokkoof jireenya kaaniifimmoo duʼa argisiisu, “tarii warri Roomaa hiriira injifannoosaaniirratti ixaana aarsuusaanii wajjin wal qabatee kan dhufe taʼuu dandaʼa. Urgaan namoota moʼaniif injifannoo argisiisu sun, namoota boojiʼamaniif garuu duuti akka isaan eeggatu kan isaan yaadachiisu hin taʼin hin oolu.” *

[Miiljaleewwan]

^ key. 5 Fakkeenyi Phaawulos dubbate karaa hafuuraa hiika maalii akka qabu ibsa dabalataa argachuu yoo barbaadde, Masaraa Eegumsaa, Sadaasa 15, 1990, ful. 27 ilaali. (Ingiliffa)

[Fakkii fuula 29rra jiru]

GARTOKKOO FAKKII HIRIIRA INJIFANNOO WARRA ROOMAA ARGISIISU, DH.K.B. JAARRAA LAMMAFFAATTI

[Fakkii fuula 29rra jiru]

Photograph taken by courtesy of the British Museum

“Iddoowwan ol kaʼoo” Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Ibrootaa keessatti yeroo baayʼee caqasaman maalidha?

Israaʼeloonni Biyyattii Abdachiifamtetti galuuf yeroo jedhan, Yihowaan bakkawwan waaqeffannaa Kanaʼaanotaa achi jiraachaa turanii hunda akka balleessan isaanitti himee ture. Waaqayyo akkas jedhee isaan abboomee ture: “Dhagaa isaanii warra bifni itti baafaman hundumaa, waaqayyolii isaan wanta baqfamaa irraa tolfatan hundumaas balleessaa! Iddoo sagadaa isaanii warra ol kaʼoo hundumaa balleessaa!” (Lakkoobsa 33:52) Bakkawwan waaqeffannaan sobaa itti geggeeffamu sun, gubbee tulluurratti ykn waltajjiiwwan iddoowwan kan biraa, kan akka muka jalaa ykn mandara keessatti ijaaraman taʼuu dandaʼu. (1 Mootota 14:23; 2 Mootota 17:29; Hisqiʼel 6:3) Isaanis bakkawwan aarsaa, utubaawwan dhagaa akka qulqullaaʼootti ilaalaman, mukeetii qiqqirixamanii dhaabaman, bifa fakkeenyaa, miʼoota ixaana itti aarsaaniifi miʼoota waaqeffannaa kaaniin kan guutaman taʼuu dandaʼu.

Manni qulqullummaa Yerusaalem ijaaramuusaa dura, Israaʼeloonni bakkawwan Caaffanni Qulqullaaʼoon iddoowwan ol kaʼoo jedhanii ibsaniifi Yihowaa biratti fudhatama qabanitti isa waaqeffatu turan. Saamuʼel inni raajii Waaqayyoo ture, kutaa biyya Zuuf “iddoo ol kaʼaa” mandara maqaansaa hin caqasamne keessa turetti aarsaa dhiheesseera. (1 Saamuʼel 9:11-14) Manni qulqullummaan erga ijaaramee booda garuu, mootonni Yihowaadhaaf amanamoo taʼan hedduun “iddoowwan ol kaʼoo” biyyicha keessa turan balleessuuf yaalaniiru.—2 Mootota 21:3; 23:5-8, 15-20; 2 Seenaa 17:1, 6.

[Fakkii fuula 29rra jiru]

HAMBAA UTUBAAWWAN DHAGAA QULQULLAAʼOO, GEZER