Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Warra Gargaarsaaf Iyyan Oolchuu Kan Dandaʼu Eenyudha?

Warra Gargaarsaaf Iyyan Oolchuu Kan Dandaʼu Eenyudha?

Warra Gargaarsaaf Iyyan Oolchuu Kan Dandaʼu Eenyudha?

“Yaa Waaqayyo, wanta ati qajeelaa dha jetteen geggeeffamee faraduu mootiidhaaf kenni, . . . Inni nama dhabee isatti iyyatu . . . in oolcha.”—FAR. 72:1, 12.

1. Haala Daawitirraa waaʼee ooʼa Waaqayyoo maal baranna?

YAANNI Daawit Mootichi Israaʼel durii barreesse kun baayʼee kan nama jajjabeessudha! Yaada kana barreessuusaa waggoota dheeraa dura, Baat-Sheebaa wajjin ejja raawwachuusaatti garaansaa isa ceephaʼee ture. Yeroo sana Daawit akkas jedhee Waaqayyoon kadhateera: “Akka ooʼa kee isa guddaatti irra-daddarbaa koo haxaaʼii balleessi! . . . Cubbuun koos gaafa hundumaa ija koo dura jira . . . Kunoo, haati koo isheen garaatti na baatte iyyuu cubbamtuu turte, anis yakkaa taʼee nan dhaladhe.” (Far. 51:1-5) Yihowaan ooʼasaatiin cubbuu kan dhaalle taʼuu keenya xiyyeeffannaa keessa galcha.

2. Faarfannaan 72 maal hubachuuf nu gargaara?

2 Yihowaan haala gaddisiisaa keessa jirru ni hubata. Haataʼu malee, akkuma raajiidhaan dubbatame Mootichi inni Waaqayyo dibe, “nama dhabee isatti iyyatu, gadadamaa nama isa gargaaru hin qabnes in oolcha. Inni isa dadhabaadhaa fi isa wanta barbaachisu dhabeef in ooʼa; jireenya warra wanta barbaachisu dhabaniis inni in oolcha.” (Far. 72:12, 13) Kun taʼuu kan dandaʼu akkamitti? Faarfannaan 72 deebii kenna. Faarfannaan waaʼee mootummaa Solomoon ilma Daawit dubbatu kun, bulchiinsi Yesus Kiristos isa Ilma Waaqayyoo taʼee, ilmaan namootaa dhiphina keessa jiraniif akkamitti boqonnaa akka argamsiisu hamma tokko ni ibsa.

Haala Bulchiinsi Kiristos Maal Akka Fakkaatu Argisiisu

3. Solomoon maal kadhate? Waaqayyohoo maal isaa kenne?

3 Daawit maanguddichi Solomoon mootii akka taʼu erga ajajee booda, qajeelfama Solomoon amanamummaadhaan raawwachuu qabu tokko tokko isaa kenne. (1 Mot. 1:32-35; 2:1-3) Booda Yihowaan abjuudhaan Solomoonitti mulʼatee, “Waanuma akkan siif kennuuf barbaaddu kadhadhu!” jedheen. Solomoonis, “Saba keetiif firdii qajeelaa kennuudhaaf, hamaa fi gaarii gargar baasee akkan beekuuf, yaada hubataa ana garbicha keetiif kenni!” jedhee waanuma tokko qofa kadhate. Solomoon gad of deebisuudhaan waan kadhateef, Waaqayyo waan inni kadhate qofa utuu hin taʼin isa caalaa kenneeraaf.—1 Mot. 3:5, 9-13.

4. Mootonni bara Solomoon turan bulchiinsasaa ilaalchisee maal jedhaniiru?

4 Solomoon, Yihowaan waan isa eebbiseef, bulchiinsisaa nagaafi tasgabbii bulchiinsa biyya lafaarra ture kamiyyuu keessatti argamee hin beekne argateera. (1 Mot. 4:25) Warra bulchiinsi Solomoon maal akka fakkaatu ilaaluu dhufan hedduu keessaa tokko, Mootuu biyya Sheebaafi namootashee turan. Isheenis Solomooniin akkas jette: “Inni ani . . . biyya kootti dhagaʼe dhugaa dha. . . . Walakkaadhumti isaa iyyuu anatti hin himamne; ati isan dhagaʼe caalaa ogummaa fi badhaadhummaa baayʼee qabda.” (1 Mot. 10:1, 6, 7) Haataʼu malee, Yesus inni ofiisaa ilaalchisee, “Kunoo, inni Solomoon irra caalu as jira” jedhe, ogummaa kana caalu akka qabu argisiiseera.—Mat. 12:42.

Boqonnaa Bulchiinsa Solomoon Guddichaa Jalatti Argamu

5. Faarfannaan 72 maal ibsa? Waaʼee bulchiinsa Kiristos hoo maal argisiisa?

5 Mee amma eebbawwan bulchiinsa Yesus Solomoon Guddichaa jalatti dhufan hubachuuf, yaadawwan Faarfannaa 72⁠rra jiran haa qorru. (Faarfannaa 72:1-4 dubbisi.) Faarfannaan kun, Yihowaan waaʼee ‘humna mootummaa’ Ilmasaa Yesus Kiristos isa “angafa nagaa” taʼee maaltu akka isatti dhagaʼamu ifa godha. (Isa. 9:6, 7) Solomoon Guddichi qajeelfama Waaqayyootiin ‘warra gadadamoof firdii in kenna; warra dhaban in gargaara.’ Bulchiinsisaa nagaafi qajeelinaan kan guutame taʼa. Yesus yommuu lafarra turetti, Bulchiinsisaa Waggaa Kumaa maal akka raawwatu hamma tokko argisiiseera.—Mul. 20:4.

6. Yesus wantoota bulchiinsa Mootummaasaa jalatti raawwataman akkamii argisiise?

6 Faarfannaan 72 yommuu raawwatamu Yesus Kiristos ilmaan namootaatiif maal akka godhu hubachuuf, wantoota inni raawwate tokko tokko haa qorru. Gara laafina guddaa inni warra dhiphatanitti argisiise dinqisiifachuuf sababii gaʼaa qabna. (Mat. 9:35, 36; 15:29-31) Fakkeenyaaf namni dhagnisaa lamxaaʼe tokko gara Yesus dhufee, “Fedha kee yoo taʼe na qulleessuu in dandeessa” jedhee isa kadhate. Yesusis, “Fedheeraa qullaaʼi!” jedheen. Namichis ni fayye! (Mar. 1:40-42) Boodammoo Yesus, haadha hiyyeessaa ilmishee tokkichi jalaa duʼee wajjin wal arge. Yesus “ooʼeefii” ilmasheetiin, “Kaʼi!” jedheen; ilmishees ni kaʼe. Deebiʼee jiraachuus ni jalqabe!—Luq. 7:11-15.

7, 8. Wantoonni Yesus fayyisuuf humna akka qabu argisiisan tokko tokko maalfaʼi?

7 Yihowaan, Yesus dinqii akka raawwatu humna kenneefii ture. Kun, ‘dubartii waggaa kudha lamaaf dhiignishee dhaabachuu diduudhaan rakkattu tokkoo’ wajjin haala wal qabateen ifa taʼeera. “Isheen ogeessota qorichaa biratti baayʼee dhiphattee, waan qabdu hundumaas kanuma irratti fixxe,” taʼus ittuma hammaate malee hin fayyine. Dubartiin ‘dhiignishee dhangalaʼu’ tokko akkas gochuunshee Seera cabsuu yoo taʼeyyuu, dubartittiin namoota baayʼee gidduu galtee Yesusiin tuqxe. (Lew. 15:19, 25) Yesus humni akka isa keessaa baʼe waan isatti dhagaʼameef eenyu akka isa tuqe gaafate. Dubartittiinis, “sodaachaa romʼaa dhuftee miilla Yesus jalatti lafa dhoofte; dhugaa ishee hundumaas isatti himte.” Yesus Yihowaan akka ishee fayyise waan hubateef gaarummaadhaan, “Yaa intala ko, amantiin kee si fayyiseera, nagaadhaan dhaqi, dhukkuba keettiis kan fayyite taʼi” jedheen.—Mar. 5:25-27, 30, 33, 34.

8 Humni Waaqayyo Yesusiif kenne warra dhukkubsatan kan fayyise taʼuusaarrayyuu, namoota kana ilaalanirratti dhiibbaa guddaa geessisee taʼuu qaba. Fakkeenyaaf, Yesus Lallabasaa isa Tabbarraa jalqabuusaa dura namoota fayyisee kan ture siʼa taʼu, namoonni gocha kana arganis dinqisiifatanii akka turan homaa hin shakkisiisu. (Luq. 6:17-19) Yohaannis Cuuphaan, Yesus Masiihii taʼuusaa mirkaneessuuf yommuu bartootasaa keessaa lamaan garasaatti erge, ‘namoota baayʼee dhukkuba isaaniittii, dhaʼicha isaaniittii, hafuurota hamaattiis utuu fayyisuu, jaamota baayʼeetiif agartuu isaanii utuu banuu’ argan. Achiis Yesus namoota ergaman lamaaniin akkas jedhe: “Deebiʼaa, waan argitan waan dhageessanis Yohannisitti himaa! Kan jaaman in argu, kan hokkolan in adeemu, kan lamxaaʼan in qullaaʼu, kan duudan in dhagaʼu, kan duʼanis in kaʼu, gadadamootaafis wangeelli in lallabama.” (Luq. 7:19-22) Ergaan kun Yohannisiin baayʼee jajjabeessee taʼuu qaba!

9. Dinqiiwwan Yesus raawwate maal kan argisiisan turan?

9 Dhugaadha, gargaarsi Yesus yommuu lafarra tajaajilaa turetti namootaaf godhe, yeroo gabaabaa qofaaf kan turedha. Warri inni fayyise ykn duʼaa kaase, booda duʼaniiru. Taʼus, dinqiiwwan Yesus yommuu lafarra ture raawwate, fayyina ilmaan namootaa bulchiinsa Masiihichaa jalatti barabaraaf argatan kan argisiisan turan.

Lafti Guutummaatti Jannata Taati!

10, 11. (a) Eebbawwan Mootummichi argamsiisu yeroo hangamiitiif turu? Bulchiinsi Yesus maal fakkaata? (b) Kiristosii wajjin Jannata keessa kan jiraatu eenyudha? Barabaraaf jiraachuu kan dandaʼuhoo akkamitti?

10 Lafa Jannata taaturratti jireenyi maal fakkaachuu akka dandaʼu yaaduuf yaalaa. (Faarfannaa 72:5-9 dubbisi.) Namoonni Waaqa dhugaa kan taʼe Yihowaa waaqeffatan, akkuma aduufi addeessi barabaraaf jiraatan, Jannata keessa barabaraaf jiraachuu dandaʼu! Yesus Kiristos Mootichi, “akka bokkaa lafa margi irraa haamame irratti buʼuu, akka tiifuu deddeebiʼee lafa jiisuus” gammachuu kan argamsiisu taʼa.

11 Raawwii Faarfannaa kanaarratti yommuu xiinxaltu, garaankee abdii jannata keessa barabaraaf jiraachuutiin hin guutamuu? Namichi cubbamaan fannifame yommuu Yesus, “Anaa wajjin jannata keessatti in argamta” isaan jedhe baayʼee gammadee akka ture homaa shakkisiisu. (Luq. 23:43) Namni kun bulchiinsa Yesus Waggaa Kumaatti duʼaa ni kaʼa. Bulchiinsa Kiristosiif kan bitamu yoo taʼe, fayyaa guutuufi gammachuu argatee barabaraaf lafarra jiraachuu dandaʼa.

12. Bulchiinsa Barkumee Kiristositti jalʼoota duʼaa kaʼaniif carraa akkamiitu kennama?

12 Solomoon Guddicha kan taʼe Yesus Kiristos yeroo bulchutti, ‘qajeelonni in lalisu’ jechuunis in dagaagu. (Far. 72:7) Kiristos akkuma yeroo lafarra ture godhe, yeroo sanattis jaalalliifi kunuunsisaa ni baayʼata. Addunyaa haaraa Waaqayyo abdachiise keessatti, ‘jalʼoonni’ duʼaa kaʼanillee seera Yihowaa wajjin walsimuudhaan jireenya akka argataniif carraan isaanii kennama. (HoE. 24:15) Dhugaadha, warri ulaagaa Waaqayyoo wajjin walsimuu didan, jiraachuusaanii itti fufuudhaan nagaafi tasgabbii addunyaa haaraa akka booressan isaanii hin heyyamamu.

13. Bulchiinsi Mootummichaa hangam balʼaadha? Nagaan achi keessa jiraatuhoo matuma kan hin boorofne maaliifi?

13 Bulchiinsi Solomoon Guddichaa inni addunyaa maraa haala akkasiitiin ibsameera: “Galaanaa hamma galaanaatti laga Efraaxiisii hamma andaara lafaatti haa moʼu! Warri lafa duwwaa keessa jiraatan isa duratti haa gugguufan, diinonni isaas biyyoo haa arraaban!” (Far. 72:8, 9) Eeyyee, Yesus Kiristos guutummaa lafaarratti bulcha. (Zak. 9:9, 10) Warri bulchiinsasaafi eebbawwansaa dinqisiifatan fedhiidhaan bitamuudhaan ‘isa duratti in gugguufu.’ Karaa gara biraammoo, cubbamoonni yaada garaa hin geddaranne fakkeenyaan akkuma “waggaa dhibba” jiraataniitti yeroo gabaabaa keessatti balleeffamu. (Isa. 65:20) Warri kun ‘biyyoo ni arraabu.’

Yesus Garaadhaa Nuu Yaada

14, 15. Yesus miira namootaa akka hubatuufi ‘nama dhabee iyyatu akka oolchu’ akkamitti beekna?

14 Ilmaan namootaa cubbamoota taʼan haala gaddisiisaa keessa waan jiraniif gargaarsi isaan barbaachisa. Kanaaf abdiin nuu kennameera. (Faarfannaa 72:12-14 dubbisi.) Solomoon Guddicha kan taʼe Yesus, cubbuu kan dhaalle taʼuu keenya waan hubatuuf nuu gadda. Yesus qajeelummaaf jecha kan dhiphate taʼuusaarrayyuu, Waaqayyo akka inni qoramu heyyameera. Yesus, hamma ‘dafqisaa akka coccopha dhiigaa lafatti gad roobutti’ dhiphinni guddaan isarra gaʼee ture. (Luq. 22:44) Booda fannoorra utuu jiruu, “Waaqayyo ko, Waaqayyo ko maaliif na dhiifte?” jechuudhaan iyyeera. (Mat. 27:45, 46) Dhiphinni guddaan kan isarra gaʼeefi Seexanni akka inni Yihowaa ganu gochuuf carraaqqii cimaa kan godhe taʼus, Yesus Yihowaadhaaf amanamaa taʼuusaa mirkaneesseera.

15 Yesus rakkina keenya akka hubatuufi ‘nama dhabee iyyatu, gadadamaa nama isa gargaaru hin qabnes akka oolchu’ mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Yesus jaalala akka Abbaasaa waan qabuuf, “warra dhabaniif in dhagaʼa,” akkasumas “warra garaan isaanii cabe in fayyisa, madaa isaaniis walitti qabee in hidhaaf.” (Far. 69:33; 147:3) Yesus, ‘karaa hundumaan akka keenya waan qorameef, dadhabbiin keenya garaasaa rukutuu dandaʼa.’ (Ibr. 4:15) Yesus Kiristos Mootichi, yeroo ammaa samiirratti bulchaa akka jiruufi ilmaan namootaa dhiphataniif furmaata argamsiisuuf hawwii guddaa akka qabu beekuun baayʼee nama hin gammachiisuu?

16. Solomoon namoota isa jalatti bulaniif gadduu kan dandaʼe maaliif ture?

16 Solomoon, ogummaafi hubannaa waan qabuuf, “isa dadhabaaf” kan ooʼu akka ture beekamaadha. Kana malees, jireenyisaa haalawwan gaddisiisaadhaan kan guutame ture. Obboleessisaa Amnoon obboleettiisaa Taamaar kan gudeede siʼa taʼu, obboleessi Solomoon Abiishaalom yakka inni raawwate kanaaf isa ajjeeseera. (2 Sam. 13:1, 14, 28, 29) Abiishaalom teessoo Daawit humnaan kan fudhate yoo taʼeyyuu, Yoʼaab waan isa ajjeeseef isaa hin milkoofne. (2 Sam. 15:10, 14; 18:9, 14) Boodas obboleessi Solomoon Adoniyaan mootii of gochuuf yaalii godheera. Yaaliinsaa kun utuu isaaf milkaaʼeera taʼee, Solomoon akka ajjeefamu beekamaadha. (1 Mot. 1:5) Solomoon dhiphina namaa kan hubatu taʼuusaa, kadhannaa inni yeroo manni qulqullummaa Yihowaa eebbifame dhiheesserraa hubachuun ni dandaʼama. Solomoon Mootichi namoota isa jalatti bulan ilaalchisuudhaan kadhannaa akkas jedhu dhiheesse: ‘Dhukkuba isaaniifi rakkinasaanii isaaniif dhiisi, ati Waaqayyo adduma addaan akka hojii isaaniitti isaaniif deebisi!ʼ—2 Sen. 6:29, 30.

17, 18. Tajaajiltonni Waaqayyoo tokko tokko rakkina akkamii moʼuun isaan barbaachiseera? Kana gochuuf kan isaan gargaarehoo maalidha?

17 ‘Rakkinni keenya’ wanta kanaan dura jireenya keenya keessatti dabarsinerraa kan madde taʼuu dandaʼa. Dhugaa Baatuun umriinshee waggaa 30 taʼe Meeriin * akkas jechuudhaan barreessiteetti: “Gammaduuf sababii hedduu qabaadhus, jireenyi ani kanaan dura dabarse yeroo baayʼee akkan qaanaʼuufi akkan of jibbu na godha. Baayʼee gadduu kootiin kan kaʼe, wanti hundumtuu akkuma waan kaleessa raawwatamettan booʼa. Miirawwan gadheen sammuu namaa keessaa hin badne, namni tokko gatii akka hin qabne akka isatti dhagaʼamuufi akka of ceephaʼu godhu.”

18 Tajaajiltoonni Waaqayyoo hedduun miirri akkasii isaanitti dhagaʼama; haataʼu malee, humna jabaatanii dhaabachuuf isaan gargaaru kan isaanii kennu maalidha? Meeriin akkas jetteetti: “Michoonni dhugaaniifi obboloonni gumii keessa jiran gammachuu naa argamsiisu. Kana malees, abdii gara fuulduraa Yihowaan kennerratti xiyyeeffachuufan yaala; iyyi ani gargaarsaaf dhiheessus iyya gammachuutti akka jijjiiramu abdiin qaba.” (Far. 126:5) Abdii keenya Yesus isa Waaqayyo Bulchaa godhee nuu muuderra kaaʼachuu qabna. Waaʼeesaa raajiin akkas jedhu dubbatameera: “Inni isa dadhabaadhaa fi isa wanta barbaachisu dhabeef in ooʼa; jireenya warra wanta barbaachisu dhabaniis inni in oolcha. Lubbuu isaanii cunqurfamuu, humnaan irratti kaʼuu jalaas in fura, dhiigni isaaniis isa duratti gati-jabeessa!” (Far. 72:13, 14) Abdiin kun kan nama jajjbeessu mitii?

Addunyaa Haaraan Waan Gaariidhaan Guutame Ni Dhufa

19, 20. (a) Akka Faarfannaa 72⁠rratti ibsametti bulchiinsi Mootummichaa rakkina akkamii hambisa? (b) Wanta bulchiinsi Kiristos raawwatuuf adda durummaadhaan galateeffamuu kan qabu eenyudha? Wanta Mootummichi raawwatuuf maaltu sitti dhagaʼama?

19 Addunyaa haaraa bulchiinsa Solomoon Guddichaa keessatti, ilmaan namootaa qajeelota taʼan maal akka argatanis yaadaan ilaaluuf yaalaa. Abdiin, “Biyyicha keessa midhaan baayʼatee irraa haa hafu, hamma bantii tullootaattis gobbatee haa biqilu” jedhu nuu kennameera. (Far. 72:16) Fiixee tulluurratti midhaan waan hin oomishamneef, yaanni kun lafti oomisha hedduu akka argamsiistu kan ibsudha. Oomishnisaa “akka kan Libaanon,” biyya bara bulchiinsa Solomoonitti oomisha hedduu kennuu taʼa. Mee yaadaa! Hanqinni nyaataa, nyaata madaalamaa dhabuuniifi beelli hin jiraatu! Yeroo sanatti, namni hundi “cidha nyaataa fi dhugaatii” argata.—Isa. 25:6-8; 35:1, 2.

20 Yeroo sanatti eebbawwan kana hundaaf kan galateeffamu eenyudha? Adda durummaadhaan Waaqa keenya Yihowaa, Isa Mootii Barabaraafi Bulchaa Uumama Cufaa taʼedha. Kanaaf, nuyi hundumtuu kutaa faarfannaa gammachiisaa taʼe kanaa isa xumuraa gammachuudhaan ni faarfanna: “Hammuma biiftuun jabaattee dhaabattutti, maqaan isaa [Yesus Kiristos Mootichaa] bara baraan haa jiraatu! Maqaan isaa haa guddatus! Sabni lafa irraa guutummaatti maqaa isaatiin of haa eebbisan, ‘Inni eebbifamaa dha’ ittiin haa jedhan! Maqaan Waaqayyo gooftaa, Waaqayyo isa kan Israaʼel, inni kophaa isaa wanta dinqisiisaa hojjetu, haa eebbifamu! Maqaan isaa inni ulfina-qabeessi bara baraan haa eebbifamu! Guutummaan biyya lafaas ulfina isaatiin haa guutamu! Ameen, ammas ameen!”—Far. 72:17-19.

[Miiljaleewwan]

^ key. 17 Maqaan jijjiirameera.

Maal Jettee Deebista?

Faarfannaan 72 wanta gara fuulduraatti raawwatamu akkamii ibsa?

• Solomoon Guddichi eenyudha? Bulchiinsisaa hangam balʼaa taʼa?

• Eebbawwan gara fuulduraatti akka dhufan Faarfannaa 72⁠rratti caqasaman keessaa dhuunfaatti kan si gammachiise isa kamidha?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 29rra jiru]

Bulchiinsi Solomoon inni badhaadhummaan keessa guute maal kan argisiisu ture?

[Fakkii fuula 32rra jiru]

Bulchiinsa Solomoon Guddichaa jalatti Jannata keessa jiraachuuf hamma dandeenye carraaquun barbaachisaadha