Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ni Yaadattaa?

Ni Yaadattaa?

Ni Yaadattaa?

Barruulee Masaraa Eegumsaa dhiheenyatti baʼan dubbisuudhaan faayidaa argatteettaa? Mee gaaffiiwwan armaan gadii deebisuu yaali:

• Waaqayyo, Aaron dibicha warqee tolchuusaatti utuu isa hin adabin kan hafe maaliifi?

Aaron seera Waaqayyo waaqayyolii tolfamoo waaqeffachuu ilaalchisee baase cabseera. (Bau. 20:3-5) Haataʼu malee, Museen Aaroniif jecha Waaqayyoon kadhateera; kadhannaansaas “humna guddaa” qaba ture. (Yaq. 5:16) Aaron waggoota hedduudhaaf amanamaa ture. Israaʼeloonni dibicha sana akka tolchu kan isa amansiisan taʼus, booddee ijoollee Lewwii wajjin Yihowaa cinaa waan dhaabateef, garaansaa isaanii wajjin akka hin turre argisiiseera. (Bau. 32:25-29)—5/15, ful. 21.

• Kiristiyaanni tokko miidhaa hiriyaan gaaʼelaasaa ejja raawwachuunsaa isarraan gaʼe dandaʼuuf maaltu isa gargaara?

Hiriyaan gaaʼelaa balleessaa hin qabne, seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu eegee jiraachuuf kan carraaqu taanaan, hiriyaan gaaʼelaa gantuu taʼe sun ejja raawwachuusaatiif sababiinsaa isa akka taʼe itti dhagaʼamuu hin qabu. Waaqayyo, jajjabinni akka si barbaachisu beeka. Kiristiyaanota hidhatakee taʼanitti fayyadamee si jajjabeessuu dandaʼa.—6/15, ful. 30-31.

• Ijoolleen keessan dubbisuu akka jaallatan gochuu kan dandeessan akkamitti?

Warri ijoolleesaaniitti jaalala argisiisuufi fakkeenya isaaniif taʼuudhaan, dubbisuu akka jaallatan gochuu dandaʼu. Akkasumas, kitaabota dhuunfaasaanii akka qabaatan godhaa. Sagalee keessan ol kaasaa dubbisaa. Wanta dubbistanirratti mariʼachuudhaan, hirmaannaa akka godhan jajjabeessaa. Ijoolleen keessan akka isinii dubbisan godhaa; gaaffii akka gaafatanis jajjabeessaa.—7/15, ful. 26.

Muuxannoo Moozaambiikii Argame

Hagayya 2008⁠tti, konkolaataan tokko karaarra utuu darbaa jiruu, jaakkeettiin tokko mana citaa dhoqqeerraa ijaarame tokko biratti irraa buʼe. Manichi kan obboleettii hiyyeettii abbaan manaa irraa duʼe tokkoo ture. Obboleettiin kun jaakkeetticha kaastee yeroo ilaaltu kiisiisaa keessaa dookmentiiwwan, korojoowwan xixinnoo warqee gati jabeessa qabatan sadiifi qarshiin gara doolaara kuma tokkoo argatte. Namni mandara sana keessa jiru tokko lakkoofsa bilbilaa dookmanticharra jiruun bilbilee miʼa gatuusaanii akka itti himu jabeessitee isa kadhatte. Gaafas galgala namoonni afur konkolaataadhaan gara mandara sanaa dhufan. Bakka abbootiin taayitaa mandarichaa jiranitti, obboleettiin keenya jaakkeetticha wanta keessa jiru hundumaa wajjin abbaasaatti kennite. Namichi booʼuu kan jalqabe siʼa taʼu, qabeenyi kun nama Dhugaa Baatuu Yihowaa hin taane kamiyyuu harka utuu buʼeera taʼee, carraan inni qabeenyasaa argachuuf qabu xinnoo akka taʼe dubbate. Obboleettiin keenya amanamtuun kun hiyyeettii taatus, hawaasa sana keessatti dhugaa kan baate taʼuusaarrayyuu, kun, Waaqashee kan taʼe Yihowaan maqaansaa baayʼee akka jajamu godheera.