Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Tokkummaan Kiristiyaanotaa Waaqayyoof Ulfina Fida

Tokkummaan Kiristiyaanotaa Waaqayyoof Ulfina Fida

Tokkummaan Kiristiyaanotaa Waaqayyoof Ulfina Fida

“Tokkummaa hafuura qulqulluu of harkatti eeggachuudhaaf dhamaʼaa!”—EFE. 4:3.

1. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa Efesoon keessa turan, Waaqayyoof ulfina kan fidan akkamitti?

TOKKUMMAAN gumii Kiristiyaanaa Efesoon durii keessa ture, Yihowaa isa Waaqa dhugaa taʼeef ulfina fideera. Magaalaa soorettii handhuura daldalaa taate sana keessatti, Kiristiyaanonni tokko tokko sooreyyii garboota qaban yommuu taʼan, kaanimmoo garboota baayʼee hiyyeeyyii taʼan akka turan hubachuu dandeenya. (Efe. 6:5, 9) Isaan keessaa tokko tokko Yihudoota jiʼoottan sadan Phaawulos ergamaan mana sagadaasaaniitti barsiisaa ture sanatti dhugaa dhagaʼanidha. Kaanimmoo, sanaan dura waaqayyittii tolfamtuu Arxemiis jedhamtu waaqeffachaafi qoricha namatti gochaa turan. (HoE. 19:8, 19, 26) Dhugumayyuu, Kiristiyaanummaa dhugaan namoota akkaataa guddinaa garaagaraa qaban tokko gochuu dandaʼa. Phaawulos, Yihowaan tokkummaa gumiin qabuun ulfina akka argate hubatee ture. “Waldaa kristiyaanaa keessatti . . . isaaf hooqubaan haa taʼu!” jechuudhaan barreesseera.—Efe. 3:21.

2. Wanti tokkummaa Kiristiyaanota Efesoon balaarra buusee ture maalidha?

2 Haataʼu malee, tokkummaa gaariin gumiin Efesoon qabu balaarra buʼee ture. Kanaan kan kaʼe Phaawulos, “Isinuma keessaa iyyuu namoonni dubbii dhugaa jalʼisuudhaan amantoota garagalchanii of duukaa buusan in kaʼu” jechuudhaan jaarsolii akeekkachiiseera. (HoE. 20:30) Kana malees, ilaalchi wal qoqqooduu inni Phaawulos ‘namoota Waaqayyoof hin abboomamne gidduutti hojjechaa akka jiru’ dubbate ammayyuu obboloota tokko tokkorratti ni mulʼata ture.—Efe. 2:2; 4:22.

Ergaa Waaʼee Tokkummaa Ibsu

3, 4. Ergaan Phaawulos warra Efesooniif barreesse waaʼee tokkummaa kan addeessu akkamitti?

3 Phaawulos, Kiristiyaanonni waliigalteedhaan jiraachuu yoo barbaadan, tokkoon tokkoonsaanii tokkummaa qabaachuuf carraaqqii guddaa gochuu akka qaban hubatee ture. Waaqayyo, Phaawulos tokkummaa ilaalchisee warra Efesooniif ergaa akka barreessu isa kakaase. Fakkeenyaaf, Phaawulos kaayyoo Waaqayyo ‘wanta hundumaa harka Kiristos jalatti walitti qabuuf’ qabu ilaalchisee barreesseera. (Efe. 1:10) Kana malees, Kiristiyaanota dhagaawwan addaddaa gamoon tokko ittiin ijaaramuu wajjin wal fakkeesseera. “Guutummaan ijaarsa sanaa . . . walitti qabamee, mana qulqullummaa Waaqayyoo taʼuudhaaf gooftaatti in guddata.” (Efe. 2:20, 21) Kana malees, Phaawulos waaʼee tokkummaa Kiristiyaanota Yihudoota taʼaniifi saba warra Waaqayyoo hin taane keessaa dhufan gidduu jiruu kan addeesse siʼa taʼu, hundeensaanii tokko taʼuusaa isaan yaadachiiseera. Yihowaan ‘abbaa sanyiin waaqa keessa jiraatuufi sanyiin lafarra jiraatu hundinuu isumaan waamamu’ akka taʼe dubbateera.—Efe. 3:5, 6, 14, 15.

4 Efesoon boqonnaa 4 ennaa qoraa deemnu, tokkummaa qabaachuun carraaqqii kan gaafatu maaliif akka taʼe, Yihowaan tokkummaa qabaachuuf akkamitti akka nu gargaaruufi tokkummaa qabaannee itti fufuuf ilaalchi akkamii akka nu gargaaru ilaalla. Qayyabannaa kanarraa caalaatti fayyadamuuf, guutummaa boqonnichaa maaliif hin dubbistu?

Tokkummaa Qabaachuun Carraaqqii Cimaa Kan Gaafatu Maaliifi?

5. Ergamoonni Waaqayyoo tokkummaadhaan tajaajiluu kan dandaʼan maaliifi? Nuuf garuu tokkummaa qabaachuun rakkisaa kan taʼu maaliifi?

5 Phaawulos, obboloonnisaa warri Efesoon ‘tokkummaa hafuura qulqulluu of harkatti eeggachuudhaaf akka dhamaʼan’ isaan kadhateera. (Efe. 4:3) Gama kanaan carraaqqii gochuun kan barbaachisu maaliif akka taʼe hubachuuf, haala ergamoota Waaqayyoo ilaalaa. Lafa kanarra lubbu qabeeyyiin guutummaatti wal fakkaatan lama hin jiran. Kanarraa kaʼuudhaan, Yihowaan ergamootasaa miliyoonaan lakkaaʼamanis eenyummaa mataa mataasaanii akka qabaatan godhee uumeera jechuu dandeenya. (Dan. 7:10) Taʼuyyuu, hundisaanii Yihowaa waan dhagaʼaniifi fedhasaa waan raawwataniif, tokkummaadhaan isa tajaajiluu dandaʼu. (Faarfannaa 103:20, 21 dubbisi.) Ergamoonni amanamoo taʼan amala addaddaa kan qaban taʼus, Kiristiyaanonnimmoo dabalataan hirʼina hedduu qabu. Kun taʼuunsaa, tokkummaa qabaachuun caalaatti rakkisaa akka taʼu gochuu dandaʼa.

6. Obboloota hirʼina kan keenyarraa adda taʼe qabanii wajjin waltaʼiinsaan hojjechuudhaan gammaduuf, amala akkamii qabaachuutu nu gargaara?

6 Namoonni cubbuu dhaalan waltaʼiinsaan hojjechuuf yommuu carraaqan, salphaadhumatti rakkinni isaan mudachuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, obboleessi garraamiin saʼaatii hin kabajne tokko, obboleessa saʼaatii kabaju, garuummoo aariisaa toʼachuu hin dandeenyee wajjin Yihowaa tajaajila haa jennu. Lamaansaaniiyyuu amalli isa kaanii rakkina akka qabu kan itti dhagaʼamu taʼuyyuu, amalli ofiisaanii hammasuma rakkisaa akka taʼe dagachuu dandaʼu. Obboloonni akkasii kun waltaʼiinsaan tajaajiluu kan dandaʼan akkamitti? Amalli, Phaawulos yaada kanaa gadii keessatti akka qabaannu ibse akkamitti akka nu gargaaru hubadhaa. Achiis, amalawwan akkasii qabaachuudhaan akkamitti tokkummaa cimsuu akka dandeenyu yaadaa. Phaawulos akkas jechuudhaan barreesseera: “Akka taʼutti akka jiraattan isin nan gorsa. Gad of deebisuu fi garraamummaa hundumaan, obsaanis walii wajjin jiraadhaa, jaalalaanis waliif dandaʼaa! Hidhaa nagaatiin tokkummaa hafuura qulqulluu of harkatti eeggachuudhaaf dhamaʼaa!”—Efe. 4:1-3.

7. Kiristiyaanota cubbuu dhaalan kaanii wajjin tokkummaa qabaachuuf carraaquun baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

7 Waaqeffattoonni dhugaa kan biraan waan hin jirreef, namoota cubbuu dhaalan kaanii wajjin tokkummaadhaan Waaqayyoon tajaajiluu barachuun baayʼee barbaachisaadha. “Akkuma abdiin waamichaa inni isin itti waamamtan tokkicha taʼe, dhagni tokko, hafuurris tokko; gooftaan tokko amantiin tokko, cuuphaan tokko. Waaqayyoo fi abbaan waan hundumaa tokkicha.” (Efe. 4:4-6) Hafuurri Yihowaafi eebbawwansaa, waldaa obbolootaa isa tokkicha Waaqayyo itti fayyadamuu wajjin wal qabatee ibsameera. Namni gumii keessa jiru tokko yoo nu aarseyyuu, bakka biraa eessa dhaquu dandeenya? Dubbii waaʼee jireenya barabaraa nama barsiisu eessaayyuu argachuu hin dandeenyu.—Yoh. 6:68.

‘Dhiironni Kennaa Taʼan’ Tokkummaa Cimsu

8. Kiristos, wantoota nama qoqqoodaniif akka hin moʼamne nu gargaaruuf maalitti fayyadama?

8 Phaawulos, Yesus gumii tokko gochuuf ‘dhiirota kennaa taʼan’ kan qopheesse akkamitti akka taʼe fakkeenyaan ibsuuf, wanta baramaa loltoonni durii godhan tokkotti fayyadameera. Loltuun injifataa taʼe, nama biyya kan biraatii boojiʼe tokko gara manasaatti fidee, haadha manaasaatiif hojii mana keessaa akka hojjetu godha ture. (Far. 68:1, 12, 18) Haaluma walfakkaatuun, Yesus biyya lafaa kana injifachuunsaa garboota fedhiidhaan hojjetan hedduu isaaf argamsiiseera. (Efesoon 4:7, 8 dubbisi.) Namoota akka isaan boojiʼetti ibsaman sanatti kan fayyadame akkamitti? “Isumatus namootaaf kennaa kenne; kennaan isaas kaan ergamoota, kaan waan Waaqayyo isaanitti mulʼise warra himan, kaan warra wangeela lallaban, kaan eegdota, kaanis barsiisota akka taʼaniif ture. Inni warra Waaqayyoof qulqullaaʼan, hojii isa itti ergaman sanaaf qopheessuudhaaf, waldaa isa dhagna Kristos sanas cimsuudhaaf kana godhe. Kunis . . . hundumti keenya tokkummaa amantii . . . bira hamma geenyutti taʼa.”—Efe. 4:11-13.

9. (a) ‘Dhiironni kennaa taʼan’ tokkummaa keenya eeguuf kan nu gargaaran akkamitti? (b) Miseensi gumii hundumtuu tokkummaadhaaf gumaacha gochuu kan qabu maaliifi?

9 ‘Dhiironni kennaa taʼan’ kun tiksitoota jaalala qaban waan taʼaniif, tokkummaa keenya akka eegnu nu gargaaru. Fakkeenyaaf, jaarsi gumii tokko obboloonni lama ‘wal morkii akka kakaasan,’ [NW] yoo hubate, ‘hafuura garraamummaatiin akka isaanii duriitti isaan deebisuuf’ dhuunfaatti isaan gorsuudhaan, tokkummaa gumichaatiif gumaacha guddaa gochuu dandaʼa. (Gal. 5:26–6:1) ‘Dhiironni kennaa taʼan’ kun barsiistota waan taʼaniif, amantii cimaa barumsawwan Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼe akka qabaannu nu gargaaru. Karaa kanaan tokkummaa cimsuudhaan gara gaʼumsa Kiristiyaanummaatti akka guddannu nu gargaaru. Phaawulos, gaʼumsa qabaachuun ‘siʼachi ijoollee dhaʼaan asiifi achi rukutu, warra qilleensa barsiisa namoota axaarotaatiin, haxxummaasaanii isa gowwoomsaadhaan raawwatamuunis fudhataman akka hin taane’ kan nu gargaaru taʼuusaa barreesseera. (Efe. 4:13, 14) Buusaan qaama keenyaa hundumtuu wanta barbaachisu dhiheessuudhaan buusaawwan kaan akkuma gargaaru, Kiristiyaanni hundumtuu tokkummaa obbolootaatiif gumaacha gochuu qaba.—Efesoon 4:15, 16 dubbisi.

Ilaalcha Haaraa Qabaadhaa

10. Amalli gadhiisii taʼe tokkummaa keenya diiguu kan dandaʼu akkamitti?

10 Ergaa Phaawulos warra Efesooniif barreesserratti boqonnaa afuraffaan, Kiristiyaanota gaʼumsa qaban taʼuudhaan tokkummaa qabaachuuf jaalala argisiisuun barbaachisaa taʼuusaa akka ibsu hubatteettaa? Ittaanseemmoo jaalalli maalfaa akka dabalatu addeessa. Fakkeenyaaf, namni tokko jaalala yoo qabaate ejjaafi jireenya gadhiisii ni balaaleffata. Phaawulos obboloonnisaa hafuuraa “akka warra saba Waaqayyoo hin taʼiniitti . . . akka hin jiraanne” isaan gorseera. Namoonni sun “of qabuu dadhabanii” akkasumas “jireenya gad-dhiisiitti of kennanii” turan. (Efe. 4:17-19) Biyyi lafaa gadhiisiin keessa jiraannu kun, tokkummaan keenya balaarra akka buʼu godha. Namoonni waaʼee ejjaa ni qoosu, waaʼeesaa ni sirbu, bohaaruuf jedhanii ni ilaalu, dhoksaattis taʼe ifatti gocha kana ni raawwatu. Kolomsuunillee jechuunis, saala faallaa hiriyaa gaaʼelaa godhachuuf hin yaanne tokkotti garmalee dhihaachuun, Yihowaafi gumiirraa si fageessuu dandaʼa. Maaliif? Salphaadhumatti ejjatti nama geessuu waan dandaʼuufi. Kana malees, kolomsuun halalummaatti nama geessuu, ijoollee warrarraa, akkasumas nama balleessaa hin qabne hiriyaa gaaʼelaasaarraa addaan baasuu dandaʼa. Dhugumayyuu kan nama qoqqoodudha! Phaawulos, “Isin garuu Kristosin akkasitti hin barre” jedhee barreessuunsaa homaa nama hin dinqisiisu.—Efe. 4:20, 21.

11. Macaafni Qulqulluun Kiristiyaanonni jijjiirama akkamii akka godhan isaan jajjabeessa?

11 Phaawulos karaa sirrii hin taaneen yaaduurraa akka of qusannuufi qoodasaa ilaalcha warra kaanii wajjin walsimnee jiraachuuf nu dandeessisu horachuu akka qabnu addeesseera. Akkas jedhe: “Yaada namummaa moofaa isa dur itti jiraachaa turtan, isa kajeellaa nama gowwoomsuun mancaʼe of keessaa baasaa! Hafuura yaada garaa keessanii keessattis haareffamaa! Namummaa haaraa isa qajeelummaa fi qulqullummaa dhugaatti, fakkaattii Waaqayyootiin uumame uffadhaa!” (Efe. 4:22-24) ‘Hafuura yaada garaa keenyaa keessatti haareffamuu’ kan dandeenyu akkamitti? Wanta Dubbii Waaqayyoorraa akkasumas fakkeenya Kiristiyaanota gaʼumsa qabaniirraa barannerratti dinqisiifannaadhaan yoo xiinxalle, carraaqqii gochuudhaan namummaa haaraa “fakkaattii Waaqayyootiin uumame” uffachuu dandeenya.

Akkaataa Itti Dubbattan Jijjiiraa

12. Dhugaa dubbachuun tokkummaa kan cimsu akkamitti? Namoonni baayʼeen dhugaa dubbachuun kan isaan rakkisu maaliifi?

12 Kiristiyaanonni maatii keessattis taʼe gumii keessatti dhugaa walitti dubbachuunsaanii baayʼee barbaachisaadha. Dubbii dhugaan ifattiifi gaarummaadhaan dubbatamu namoota walitti dhiheessuu dandaʼa. (Yoh. 15:15) Haataʼu malee, namni tokko obboleessasaa yoo sobehoo? Obboleessisaa kun dhugaasaa yommuu beeku, amantiin isarratti qabu ni laafa. Phaawulos, “[Namni] dhugaa namatti haa dubbatu! Nuyi buʼaa dhagna walii ti” jechuudhaan kan barreesse maaliif akka taʼe hubachuu dandeessa. (Efe. 4:25) Namni tarii ijoollummaasaatii kaasee sobuu amaleeffate, dhugaa dubbachuu jalqabuun isatti ulfaachuu dandaʼa. Taʼuyyuu, Yihowaan carraaqqii inni jijjiirama gochuuf godhu ni dinqisiifata, akkasumas isa ni gargaara.

13. Arrabsoorraa of qusachuun maalfaa dabalata?

13 Yihowaan, akkaataa itti dubbannurratti daangaa gochuudhaan gumiittis taʼe maatii keessatti akka wal kabajnuufi tokkummaa keenya akka cimsinu nu barsiisa. “Dubbiin hamaan afaan keessan keessaa hin baʼin! Hadhaaʼummaan, dheekkamsi, aariin, waci, maqaa wal balleessuun, hamminni hundinuu isin irraa haa fagaatu!” (Efe. 4:29, 31) Waan nama aarsu akka hin dubbanne wanti nu gargaaru inni tokko, warra kaaniif caalaatti kabaja qabaachuudha. Fakkeenyaaf, namni haadha manaasaa arrabsu tokko, keessumaa akkaataa Yihowaan dubartootaaf ulfina itti kennu ennaa baratu, ilaalcha isheedhaaf qabu jijjiiruuf carraaquu qaba. Waaqayyo dubartoota tokko tokko hafuura qulqulluudhaan dibuudhaan, Kiristosii wajjin mootota taʼanii akka bulchanillee abdii isaanii kenneera. (Gal. 3:28; 1 Phe. 3:7) Haaluma wal fakkaatuun, dubartiin abbaa manaasheerratti iyyuu amaleeffatte tokkos, Yesus yeroo waan nama aarsu isarratti raawwatanitti akkamitti akka of qabe yommuu barattu, jijjiirama gochuuf kakaʼuu qabdi.—1 Phe. 2:21-23.

14. Aarii ibsuun balaa kan qabu maaliifi?

14 Arrabsoon aarii ofii toʼachuu dadhabuu wajjin kan walqabatedha. Kunis namoota wal jaallatan gargar baasuu dandaʼa. Aariin akkuma ibiddaati. Salphaadhumatti toʼannaadhaa ala taʼee balaa geessisuu dandaʼa. (Fak. 29:22) Namni wanta isa hin gammachiisne tokko dubbachuuf sababii gaʼaa qabu tokko, walitti dhufeenya gaarii nama sanaa wajjin qabu akka hin balleessineef aariisaa toʼachuu qaba. Kiristiyaanonni dhiifama gochuuf, haaloo akka hin qabanneefi dhimma sana lammata akka hin kaasne carraaqqii gochuu qabu. (Far. 37:8; 103:8, 9; Fak. 17:9) Phaawulos, “Yoo aartan iyyuu aariin keessan gara cubbuutti isin hin geessin! Utuma aariitti jirtaniis aduun isin duraa hin lixin! Seexanaaf karaa hin kenninaa!” jechuudhaan warra Efesoon gorsee ture. (Efe. 4:26, 27) Namni tokko aariisaa toʼachuu dhiisuunsaa, Seexanni gumii keessatti qoqqoodamaafi walitti buʼiinsa akka uumu karaa banaaf.

15. Wanta kan keenya hin taane fudhachuun maal geessisuu dandaʼa?

15 Qabeenya warra kaaniitiif of eeggannoo gochuun, tokkummaa gumiitiif gumaacha godha. Macaafni Qulqulluun, “Inni hatu deebiʼee hin hatin” jedha. (Efe. 4:28) Walumaa galatti Dhugaa Baatonni Yihowaa wal amanu. Kiristiyaanni tokko wanta kansaa hin taane fudhachuudhaan wal amanuun akka hin jiraanne yoo godhe, tokkummaa nama gammachiisu kana diiga jechuudha.

Jaalalli Waaqayyoof Qabnu Tokkummaa Akka Qabaannu Godha

16. Dubbii nama jajjabeessu dubbachuudhaan tokkummaa keenya cimsuu kan dandeenyu akkamitti?

16 Gumiin Kiristiyaanaa tokkummaa qabaachuu kan dandaʼe, hundi keenya jaalala Waaqayyoof qabnuun kakaanee jaalala waan walitti argisiisnufidha. Gaarummaa Yihowaa kan dinqisiifannu taʼuun keenya, gorsa armaan gadii hojiirra oolchuuf carraaqqii guddaa gochuuf nu kakaasa: “Dubbii gargaaru, yeroo barbaachisutti kan cimsu, warra dhagaʼuufis ayyaana kan kennu [dubbadhaa]! . . . Walitti kan toltan, garaas kan waliif laaftan taʼaa; akkuma Waaqayyo karaa Kristos cubbuu keessan isiniif dhiise, isinis akkasuma waliif dhiisaa!” (Efe. 4:29, 32) Yihowaan namoota akka keenyaa cubbuu dhaalaniif gaarummaadhaan dhiifama godha. Nuhoo, dogoggora warra kaanii yeroo ilaallu akkasuma dhiifama gochuufii hin qabnuu?

17. Tokkummaa cimsuuf carraaqqii guddaa gochuu kan qabnu maaliifi?

17 Tokkummaan saba Waaqayyoo, Yihowaadhaaf ulfina fida. Hafuurrisaa tokkummaa akka cimsinu hunda keenya karaa addaddaa nu kakaasa. Hafuurichi akka nu hin geggeessine gochuu akka hin barbaanne beekamaadha. Phaawulos, “Hafuura Waaqayyoo isa qulqulluu . . . hin gaddisiisinaa!” jechuudhaan barreesseera. (Efe. 4:30) Tokkummaan qabeenya guddaa eegamuun isaaf maludha. Warra isa qaban hundaaf gammachuu, Yihowaadhaafimmoo ulfina kan argamsiisudha. Kanaafuu, “akka ijoollee jaallatamootti fakkeenya Waaqayyoo fudhadhaa! . . . Jaalalatti jiraadhaa!”—Efe. 5:1, 2.

Maal Jettee Deebista?

• Amalawwan akkamiitu tokkummaa Kiristiyaanota gidduu jiru cimsuuf nu gargaara?

• Amalli gadheen tokkummaa keenya balaarra buusuu kan dandaʼu akkamitti?

• Dubbiin keenya warra kaanii wajjin waltaʼiinsaan hojjechuuf nu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 17rra jiru]

Namoonni akkaataa guddinaa garaagaraa qaban tokko taʼaniiru

[Fakkii fuula 18rra jiru]

Kolomsuun balaa akka qabu ni hubattaa?