Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Geggeessaan Keessanoo Kristosuma”

“Geggeessaan Keessanoo Kristosuma”

“Geggeessaan Keessanoo Kristosuma”

“Geggeessaa amantii ofiin hin jechisiisinaa! Geggeessaan keessanoo Kristosuma.”—MAT. 23:10.

1. Dhugaa Baatonni Yihowaa Geggeessaasaanii akka taʼe kan amanan eenyudha? Maaliif?

WALDAALEEN saba Kiristiyaanaa namoota isaan geggeessan, kan akka Phaaphaasii Roomaa, abbootii amantii, waldaa Ortodoksii Bahaafi geggeessitoota amantiiwwan garaagaraa qabu. Dhugaa Baatonni Yihowaa garuu, nama kamiyyuu akka geggeessaasaaniitti hin ilaalan. Isaan bartoota ykn duuka buutota nama kamiiyyuu miti. Kunis raajii Yihowaan ilmasaa ilaalchisee, “Kunoo, ani Daawitin sabaaf dhuga-baatuu godheera, inni sabaaf dura-buutuu fi ajajjuu taʼeera” jedhee wajjin kan walsimudha. (Isa. 55:4) Gumiin addunyaa maraa Kiristiyaanota dibamoofi “hoolota kan biraa” michootasaanii taʼan, kan Yihowaan isaaniif kenne malee namni kamiyyuu geggeessaasaanii akka taʼu hin barbaadan. (Yoh. 10:16) Wanta Yesus “Geggeessaan keessanoo Kristosuma” jedhee dubbatetti ni amanu.—Mat. 23:10.

Ergamaa Israaʼeliif Dhaabate

2, 3. Ilmi Waaqayyoo haala Israaʼelootaa wajjin wal qabateen gaʼee maalii qaba ture?

2 Gumiin Kiristiyaanaa hundeeffamuusaa waggoota dhibbaan lakkaaʼaman dura, Yihowaan ergamaa sabasaa Israaʼel geggeessu qaba ture. Israaʼeloota Gibxii erga baasee booda, Yihowaan akkas isaaniin jedhee ture: “Kunoo, ani karaa irratti akka si eeguuf, iddoo ani qopheessettis akka si geessuuf ergamaa si dura nan erga! Atis of eeggadhu, dubbii isaa dhaggeeffadhu! Maqaan koo isa keessa waan jiruuf, inni irra daddarbaa kee siif hin dhiisu, ati isaan mormitee irratti hin kaʼin!” (Bau. 23:20, 21) Ergamaan ‘maqaan Waaqayyoo isa keessa jiru’ kun, Ilma Waaqayyoo isa angafaati jedhanii amanuun sirriidha.

3 Ilmi Waaqayyoo nama taʼee dhalachuusaa dura, maqaansaa Mikaaʼel utuu hin taʼin hin oolu. Macaafa Daaniʼel keessatti, Mikaaʼel “isa isiniif [saba Daaniʼeliif] dhaabatu,” jechuunis Israaʼeliif dhaabatu akka taʼe ibsameera. (Dan. 10:21) Yihudaa bartichi, Mikaaʼel dhimmawwan saba Israaʼel bara Daaniʼel yeroo dheeraa dura turanii wajjin haala walqabateen gaʼee kan qabu akka ture ibseera. Erga Museen duʼee booda, Seexanni Israaʼeloonni reeffasaa waaqeffachuudhaan karaa taʼe tokkoon fedhasaa akka raawwatan kakaasuuf yaalee kan ture fakkaata. Mikaaʼel gocha kana hambisuuf tarkaanfii fudhateera. Yihudaan akkas jedha: “Mikaaʼel angafni ergamootaa iyyuu, yeroo reeffa Musee irratti Seexanaa wajjin walitti falmanii wal qoccolan, ‘Gooftaan sitti haa dheekkamu!’ jedhe malee, arrabsee itti faraduudhaaf ija hin jabaanne.” (Yih. 9) Yeroo muraasa booda, Yerikoon marfamuushee dura, “Angafni loltuu Waaqayyoo,” Iyaasuutti mulʼatee Waaqayyo akka isa gargaaru isaa mirkaneesse, Mikaaʼel akka ture homaa hin shakkisiisu. (Iyaasuu 5:13-15 dubbisi.) Ergamaan tokko ergaa barbaachisaa taʼe Daaniʼel raajichaan gaʼuuf yeroo jedhuttiifi hafuurri xuraaʼaan geggeessaa taʼe isa dhowwuuf yeroo yaaletti, Mikaaʼel inni angafa ergamootaa taʼe isa gargaaruu dhufee ture.—Dan. 10:5-7, 12-14.

Geggeessaan Raajiidhaan Dubbatame Ni Dhufe

4. Masiihii isa dhufu ilaalchisee raajii maal jedhutu dubbatamee ture?

4 Kun taʼuusaa dura, Yihowaan ergamaansaa Gabriʼel raajii ‘geggeessituun inni dibamee moosifamee’ akka dhufu ibsu Daaniʼelitti akka himu isa ergee ture. (Dan. 9:21-25) * Akkuma raajiidhaan dubbatame yeroosaatti, jechuunis birraa Dh.K.B. bara 29⁠tti, Yesus Yohannisiin cuuphame. Hafuurri qulqulluun Yesusirratti dhangalaʼuudhaan Isa Dibame, jechuunis Kiristos, Masiihicha isa taasise. (Mat. 3:13-17; Yoh. 1:29-34; Gal. 4:4) Yeroo kanatti Masiihii taʼuudhaan, geggeessaa homtinuu ittiin hin qixxaanne taʼe.

5. Kiristos yeroo lafarratti tajaajilaa turetti Geggeessaa taʼuusaa kan mirkaneesse akkamitti?

5 Yesus tajaajilasaa isa lafarraa yeroo jalqabee kaasee, “geggeessituu isa dibamee moosifame” taʼuusaa mirkaneesseera. Tajaajilasaa jalqabee guyyoota muraasa gidduutti, bartoota walitti qabuu kan jalqabe siʼa taʼu, dinqiisaa isa jalqabaas raawwateera. (Yoh. 1:35–2:11) Guutummaa biyyichaa keessatti misraachoo Mootummichaa lallabuuf yeroo deemu, bartoonnisaa isaa wajjin deemaniiru. (Luq. 8:1) Hojii lallabaatiif isaan leenjiseera; akkasumas lallabuufi barsiisuurratti dursa fudhachuudhaan fakkeenya isaanii taʼeera. (Luq. 9:1-6) Gama kanaan, jaarsoliin Kiristiyaanaa yeroo harʼaa jiranis fakkeenyasaa hordofuu qabu.

6. Kiristos Tikseefi Geggeessaa taʼuusaa kan mirkaneesse karaa kamiin ture?

6 Yesus tiksituu jaalala qabeessa taʼetti of fakkeessuudhaan, kallattii geggeessaa itti taʼe kan biraas caqaseera. Tiksitoonni Baha Fagoo jiran hoolotasaanii dura buʼanii isaanii geggeessu. Wiiliyaam M. Toomsan kitaaba Za Laandi eendi za Buuk jedhurratti akkas jedhanii barreessaniiru: “Tiksituun tokko dura buʼee kan adeemu, karaa itti argisiisuuf qofa utuu hin taʼin, karaansaa gaariifi balaa kan hin geessisne taʼuusaa mirkaneessuufidha. . . . Ulee [isaatiin] isaan geggeessee gara margi gaariin jirutti isaan geessa, akkasumas diinotasaaniirraa isaan eega.” Yesus, Tiksee isa dhugaafi Geggeessaa taʼuusaa mirkaneessuuf akkas jedheera: “Tikseen gaariin ana, tikseen gaariin lubbuu isaa hoolotaaf in kenna. Hoolonni koo sagalee koo in dhagaʼu, ani isaan beeka, isaanis na duukaa in buʼu.” (Yoh. 10:11, 27) Yesus wanta dubbatee wajjin haala walsimuun, hoolotasaatiif jedhee duʼa aarsaa duʼeera; Yihowaan garuu, “abboomaa [“geggeessaa,” NW] fayyisaas godhee gara mirga isaatti ol isa fuudheera.”—HoE. 5:31; Ibr. 13:20.

Ilaaltuu Olaanaa Gumii Kiristiyaanaa

7. Yesus maaliitti fayyadamee gumii Kiristiyaanaa geggeessa?

7 Yesus inni duʼaa kaʼe, gara samiitti ol baʼuusaa yeroo muraasa dura bartootasaatiin, “Gooftummaan hundinuu waaqa irratti lafa irrattis anaaf kennameera” jedhee ture. (Mat. 28:18) Yihowaan, Yesus bartootasaa dhugaa Kiristiyaanummaatti jabeessuuf hafuura qulqulluu akka isaaniif kennu godheera. (Yoh. 15:26) Yesus, Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqostee turanirratti hafuura kana dhangalaaseera. (HoE. 2:33) Hafuurri qulqulluun dhangalaʼuunsaa, gumiin Kiristiyaanaa hundeeffamuusaa kan argisiisu ture. Yihowaan, Ilmisaa gumii Kiristiyaanaa lafarra jiru hunda samiirra taaʼee akka geggeessuu isa muudeera. (Efesoon 1:22; Qolosaayis 1:13, 18 dubbisi.) Yesus hafuura Yihowaafi ergamoota ‘harkasaa jala jiranitti’ fayyadamee gumii Kiristiyaanaa geggeessa.—1 Phe. 3:22.

8. Kiristos bartootasaa jaarraa jalqabaatti turan geggeessuuf eenyuutti fayyadama ture? Yeroo harʼaattoo?

8 Akkasumas, Kiristos hafuura qulqulluutti fayyadamee, gumii Kiristiyaanaa keessatti tokko tokko “eegdota, kaanis barsiisota” akka taʼaniif “dhiirota akka kennaatti,” [NW] kenneera. (Efe. 4:8, 11) Phaawulos ergamaan ilaaltoota olaanaa Kiristiyaanaa akkas jedhee gorseera: “Of eeggadhaa, karra hoolota Waaqayyoo warra hafuurri qulqulluun akka eegdaniif isin dhaabeefis, eeggadhaa! Waldaa kristiyaanaa isa Waaqayyo dhiiga tokkicha ilma isaatiin kan isaa godhate eegaa!” (HoE. 20:28) Yeroo gumiin Kiristiyaanaa hundeeffametti, ilaaltonni kun hundi dhiirota hafuuraan dibaman turan. Ergamoonniifi jaarsoliin gumii Yerusaalem qaama olaanaa taʼanii tajaajilu turan. Kiristos, guutummaa “obboloota” isaa dibamoo lafarra jiran geggeessuuf qaama olaanaa kanatti fayyadama ture. (Ibr. 2:11; HoE. 16:4, 5) Guyyoota gara dhumaa kana keessatti, Kiristos “qabeenya isaa hundumaa,” jechuunis wanta lafarra jiruufi Mootummichaa wajjin wal qabate hundumaa, ‘hojjetaa amanamaafi ogeessa,’ akkasumas Qaama Olaanaa dhiirota dibamoo Kiristiyaanota taʼaniifi hojjetaa kana bakka buʼanitti adaraadhaan kenneera. (Mat. 24:45-47) Dibamtoonniifi hoolonni kan biraa michootasaanii taʼan, qajeelfama Qaamni Olaanaa yeroo ammaatti jiru isaanii kennu fudhachuudhaan, Kiristos isa Geggeessaasaanii taʼe hordofu.

Kiristos Hojii Lallabaa Jalqabsiiseera

9, 10. Kiristos hojii misraachoo Mootummichaa lallabuu kan geggeesse akkamitti ture?

9 Yesus, jalqabumaa kaasee hojii lallabuufi barsiisuu addunyaa maratti godhamu geggeessaa tureera. Akkaataa misraachoon Mootummichaa namoota addunyaa mararra jiraniif itti lallabamu ilaalchisee qajeelfama kenneera. Yeroo lafarratti tajaajilaa turetti ergamootasaatiif qajeelfama akkas jedhu kenneera: “Karaa saba Waaqayyoo warra hin taʼinitti isin geessu irra hin gorinaa, mandara warra Samaariyaa tokko illees hin lixinaa! Kanaa mannaa gara warra akka hoolotaa karaa irraa goranii mana Israaʼelii badanii dhaqaa! Akkuma dhaqxaniinis, ‘Mootummaan waaqaa dhiʼaateera’ jedhaa lallabaa!” (Mat. 10:5-7) Isaanis keessumaa Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqostee booda, Yihudootaafi namoota amantii Yihudiitti jijjiiramaniif hinaaffaadhaan lallabaniiru.—HoE. 2:4, 5, 10, 11; 5:42; 6:7.

10 Boodas, Yesus hafuura qulqulluutti fayyadamee, Mootummichi warra Samaariyaatiif, achiis namoota Yihudoota hin taane kaaniif akka lallabamu godheera. (HoE. 8:5, 6, 14-17; 10:19-22, 44, 45) Yesus, Saaʼol inni Xarsees warra saba Waaqayyoo hin taʼiniif misraachoo akka lallabuuf jecha Kiristiyaana akka taʼu isa kakaaseera. Yesus Anaaniyaas isa barataasaa tureen akkas jedhee isa ajajeera: “Kaʼii, gara karaa ‘Sirrii’ jedhamuu dhaqi! Nama biyya Xarsees maqaan isaa Saaʼol jedhamu tokko, mana Yudaasitti iyyaafadhu. . . . Dhaqi, inni miʼa hojii kootii isa warra saba Waaqayyoo hin taʼin duratti, mootota duratti, namoota Israaʼel durattis maqaa koo beeksisuudhaaf ani foʼadhee dha.” (HoE. 9:3-6, 10, 11, 15) ‘Namichi’ kunis booda Phaawulos ergamaa taʼeera.—1 Xim. 2:7.

11. Kiristos hojii lallabaa babalʼisuuf hafuura qulqulluutti kan fayyadame akkamitti ture?

11 Namoota Yihudoota hin taaneef Mootummichi yeroo lallabamutti, Phaawulos adeemsa misiyoonummaa Asiyaa Ishee Xinnootii gara Awurooppaatti godherratti hafuurri Yihowaa qajeelfama isaaf kennee ture. Seenaan Luqaas Hojii Ergamootaarratti barreesse akkas jedha: “Isaan kun [Kiristiyaanonni raajotaafi barsiisota gumii Kiristiyaanaa Sooriyaafi Anxokiyaa] gooftaadhaaf hojjechaa, soomaas utuu jiranii, hafuurri qulqulluun, ‘Baarnaabaasii fi Saaʼolin hojii ani itti isaan waameef, addaan anaaf baasa’ jedheen. Yommus itti dabalanii soomanii erga kadhatanii booddee, warri hafan harka isaanii mataa jara lamaan irra kaaʼanii, hojichaaf isaan ergan.” (HoE. 13:2, 3) Yesus, Saaʼol isa biyya Xarsees warra saba Waaqayyoo hin taʼin duratti maqaasaa beeksisuudhaaf ‘miʼa ani foʼadhee’ jedhee isa waameera; kanaaf hojii haaraan warra saba Waaqayyoo hin taʼiniif lallabuu kun, Kiristos isa Geggeessaa gumichaa taʼe biraa dhufe. Yesus hafuura qulqulluutti fayyadamee hojicha akka geggeessu, adeemsa misiyoonummaa Phaawulos isa lammaffaarraa ifatti hubachuun ni dandaʼama. Seenichi akka ibsutti, “hafuurri Yesus,” jechuunis Yesus hafuura qulqulluutti fayyadamee, Phaawulosiifi hiriyootasaa isaa wajjin adeeman yeroofi bakka deeman akka filatan qajeelfama isaanii kenneera; akkasumas gara Awurooppaa akka adeeman mulʼataan isaanitti himuudhaan isaan geggeesseera.—Hojii Ergamootaa 16:6-10 dubbisi.

Yesus Gumiisaa Kan Geggeessu Akkamitti?

12, 13. Macaafni Mulʼataa Kiristos wanta gumii hundumaa keessatti raawwatamu xiyyeeffannaadhaan akka hordofu kan argisiisu akkamitti?

12 Dh.K.B. jaarraa jalqabaatti, Yesus wanta gumii duuka buutotasaa dibamtoota taʼanii keessatti raawwatamu xiyyeeffannaadhaan hordofaa ture. Haala hafuuraa gumiin hundi keessa jiru sirriitti beeka ture. Kanas yeroo Mulʼata boqonnaa 2fi 3 dubbisnu hubachuu dandeenya. Gumiiwwan Asiyaa Ishee Xinnoo keessa jiran torba maqaadhaan caqaseera. (Mul. 1:11) Haala hafuuraa gumiiwwan duuka buutotasaa yeroo sana turan kaan keessa jirus sirriitti beeka ture jennee amanuuf sababii quubsaa qabna.—Mulʼata 2:23 dubbisi.

13 Yesus gumiiwwan tokko tokko jabaatanii waan dhaabataniif, qorumsa isaanirra gaʼe amanamummaadhaan waan moʼaniif, dubbiisaatiif amanamoo waan turaniifi gantootarraa waan fagaataniif isaan galateeffateera. (Mul. 2:2, 9, 13, 19; 3:8) Karaa biraammoo, gumiiwwan hedduun, jaalalli isaaf qaban waan qabbanaaʼeef, akkasumas waaqeffannaa waaqayyolii tolfamoo, halalummaafi gantummaa calluma jedhanii waan dhiisaniif gorsa cimaa isaaniif kenneera. (Mul. 2:4, 14, 15, 20; 3:15, 16) Yesus, ilaaltuu olaanaa hafuuraa jaalala qabeessa waan taʼeef, warra gorsa cimaa isaaniif kenneenillee akkas jedheera: “Warran jaalladhu hundumaa balleessaa isaanii ittan mulʼisa, barsiisuudhaafis nan adaba; ammas dhimmiitii yaada garaa kee geddaradhu!” (Mul. 3:19) Yesus samiirra kan jiru taʼuyyuu, hafuura qulqulluutti fayyadamee bartootasaa lafarra jiran geggeessaa ture. Ergaa gumiiwwan sanaaf kenne yeroo xumuru, “Namni gurra qabu, isa hafuurri qulqulluun waldoota kristiyaanaatiin jedhu haa dhagaʼu!” jedheera.—Mul. 3:22.

14-16. (a) Yesus saba Yihowaa lafarra jiraniif Geggeessaa ija jabeessa taʼuusaa kan mirkaneesse akkamitti? (b) Yesus “hamma dhuma baraatti guyyaa hundumaa” bartootasaa “wajjin” kan jiru taʼuunsaa buʼaa maalii argamsiiseera? (c) Mataduree ittaanurratti waaʼee maalii baranna?

14 Mikaaʼel (Yesus) ergamaa jabaa Israaʼeliin geggeesse akka ture ilaalleerra. Boodas, Yesus bartootasaa jaarraa jalqabaaf Geggeessaa ija jabeessaafi Tiksee jaalala qabeessa ture. Yeroo lafarratti tajaajilaa turetti, hojii lallabaarratti dursa fudhateera. Erga duʼaa kaʼee boodas, misraachoo Mootummichaa lallabamu xiyyeeffannaadhaan hordofaa akka jiru argisiiseera.

15 Yesus hafuura qulqulluutti fayyadamee, hojiin lallabaa irraa jalaan hamma andaara lafaatti akka babalʼatu godha. Gara samiitti ol deebiʼuusaa dura bartootasaatiin akkas jedhee ture: “Hafuurri qulqulluun yommuu isin irra buʼu, humna in godhattu; Yerusaalemitti, Yihudaa hundumaatti, Samaariyaatti, hamma andaara lafaattis dhuga-baatuu koo in taatu.” (HoE. 1:8; 1 Phexros 1:12 dubbisi.) Jaarraa jalqabaatti qajeelfama Kiristos kennuun, misraachichi balʼinaan lallabameera.—Qol. 1:23.

16 Haataʼu malee, Yesus hojiin kun hamma guyyoota gara dhumaatti kan itti fufu taʼuusaa argisiiseera. Duuka buutonnisaa akka lallabaniifi bartoota akka taasisan erga abboomee booda, “Ani immoo hamma dhuma baraatti guyyaa hundumaa isinii wajjin nan jira” jedhee abdii isaaniif kenneera. (Mat. 28:19, 20) Kiristos bara 1914 humna Mootummaa erga argatee booda, yeroo kamiyyuu caalaa duuka buutotasaa “wajjin” taʼee isaan Geggeessaa jira. Hojii guddaan inni bara 1914 kaasee raawwate mataduree ittaanurratti ibsama.

[Miiljaleewwan]

^ key. 4 Raajii kana ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Raajii Daaniʼel Xiyyeeffannaadhaan Hordofi! jedhu boqonnaa 11 ilaali. (Amaariffa)

Irra Deebii

• Ilmi Waaqayyoo Geggeessaa Israaʼel taʼuusaa kan mirkaneesse akkamitti?

• Kiristos maalitti fayyadamee gumiisaa lafarra jiru geggeessa?

• Kiristos misraachichi akka babalʼatu qajeelfama kennaa kan jiru akkamitti?

• Kiristos haala hafuuraa gumii hundumaa keessa jiru xiyyeeffannaadhaan akka hordofu kan argisiisu maalidha?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 21rra jiru]

“Ergamaa si dura nan erga!”

[Fakkii fuula 23rra jiru]

Akkuma bara durii, Kiristos karrasaa akka tiksaniif ‘dhiirota kennaa’ taʼanitti fayyadama