Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

1 Kan Dhiheessinu Maaliifi?

1 Kan Dhiheessinu Maaliifi?

Kadhannaa

1 Kan Dhiheessinu Maaliifi?

KADHANNAA. Dhimmawwan Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman keessaa, akka kadhannaa xiyyeeffannaa namoota baayʼee kan harkisuufi beekuuf hawwii akka qabaannu nu kakaasu hin jiru jechuun ni dandaʼama. Mee gaaffiiwwan kadhannaa ilaalchisee yeroo baayʼee kaʼan torbaafi deebii Macaafni Qulqulluun kennu waliin haa ilaallu. Matadureewwan kun kadhannaa dhiheessuu akka jalqabdu ykn kadhannaakee akka fooyyeffattu si gargaaruuf yaadamanii kan qophaaʼanidha.

ADDUNYAA maratti, aadaafi amantii hunda keessatti namoonni kadhannaa dhiheessu; kophaattis taʼe tuutaan ni kadhatu. Bataskaana, mana qulqullummaa, manneen sagadaa, masgiidaafi galma keessatti kadhannaa dhiheessu. Namoonni kun, afata, callee, fakkiiwwan, kitaabota kadhannaa ykn kadhannaa gabatee xinnoorratti barreeffamee rarraafametti fayyadamanii kadhannaa dhiheessu.

Ilmaan namootaa, uumamawwan lafarra jiraatan hundarraa adda kan isaan godhu kadhannaadha. Wantoonni bineeldotaa wajjin wal nu fakkeessan hedduun akka jiran beekamaadha. Akkumasaanii nyaanni, qilleensiifi bishaan nu barbaachisa. Akkumasaanii ni dhalanna, ni jiraanna, akkasumas ni duuna. (Lallaba 3:19) Kadhannaa kan dhiheessu garuu ilmaan namootaa qofadha. Maaliif?

Kadhannaan baayʼee waan nu barbaachisuufidha. Walumaa galatti kadhannaan, karaa namoonni qaama ykn wanta waaqeffatanii wajjin itti wal qunnaman akka taʼetti ilaalama. Macaafni Qulqulluun, fedhii akkasii qabaannee akka uumamne ibsa. (Lallaba 3:11) Yesus Kiristos yeroo tokko, “Karaa hafuuraatti hiyyeessota warri taʼan haa gammadan” jechuudhaan dubbateera.—Maatewos 5:3.

Gamoowwaniifi hambaawwan amantii hedduun jiraachuunsaaniifi saʼaatii dheeraan kadhannaarratti dabarfamu, namoonni “karaa hafuuraatti hiyyeessota” taʼuusaanii kan argisiisudha. Namoonni tokko tokko fedhiiwwan hafuuraasaanii guuttachuuf ofitti ykn namoota kaanitti akka amanaman beekamaadha. Haataʼu malee, ilmaan namootaa fedhiiwwan hafuuraa warri kaan qaban guutuuf dandeettii akka hin qabne sitti hin dhagaʼamuu? Nuyi namoonni, baayʼee dadhaboo, barri jireenya keenyaa gabaabaafi fageessinee yaaduu kan hin dandeenyedha. Qaama ogummaafi humna guddaa qabu, akkasumas barabaraaf jiraachuu dandaʼu qofatu wanta nu barbaachisu nuu kennuu dandaʼa. Fedhiiwwan hafuuraa akka kadhannu nu kakaasan kamfaʼi?

Fakkeenyaaf: Qajeelfama, ogummaa ykn gaaffiiwwan dandeettii ilmaan namootaatiin ol fakkaataniif deebii argachuu barbaaddee beektaa? Gadda guddaa sirra gaʼeef jajjabina, murtoo dhiphisaa taʼeef qajeelfama ykn gadda balleessaa raawwachuu keetiin sitti dhagaʼameef dhiifama argachuuf hawwitee beektaa?

Macaafni Qulqulluun, wantoota kana hundaaf kadhannaa dhiheessuun sirrii akka taʼe dubbata. Dhimma kana ilaalchisee kitaaba hunda caalaa barumsa amansiisaa taʼe kennudha; kadhannaa dhiironniifi dubartoonni amanamoo taʼan dhiheessan hedduus qabateera. Namoonni kun jajjabinaafi qajeelfama argachuuf akkasumas gaaffii baayʼee isaanitti ulfaateef deebii argachuuf kadhannaa dhiheessaniiru.—Faarfannaa 23:3; 71:21; Daaniʼel 9:4, 5, 19; Anbaaqom 1:3.

Kadhannaawwan Macaafa Qulqulluu keessatti dhihaatan garaagara taʼanis, wanti wal isaan fakkeessu jira. Namoonni kadhannaawwan kana dhiheessan, wanta yeroo harʼaa namoonni hedduun dagataniifi kadhannaan akka dhagaʼamuuf baayʼee barbaachisaa taʼe hubatanii turan. Kadhannaan eenyutti dhihaachuu akka qabu beeku turan.