Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

4 Waaʼee Maalii?

4 Waaʼee Maalii?

Kadhannaa

4 Waaʼee Maalii?

KADHANNAAN Yesus akka fakkeenyaatti dhiheesse, kadhannaawwan Kiristiyaanonni dhiheessan hundumaa caalaa baayʼee kan irra deddeebiʼame akka taʼe dubbatama. Kun dhugaa taʼus taʼuu baatus, kadhannaan kun, yeroo tokko tokko Kadhannaa Gooftaa ykn Yaa Abbaa Keenyaa jedhamee kan beekamu siʼa taʼu, namoonni hedduun kadhannaa kana karaa dogoggora taʼeen hubatu. Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman guyyaa guyyaadhaan al baayʼee jechoota kadhannaa kanaa irra deddeebiʼu. Yesus garuu kadhannaa kana kan barsiise haala kanaan akka dhihaatu yaadee miti. Kana akkamitti beekna?

Yesus kadhannaa kana barsiisuusaa dura, “Yeroo kadhattanis akka warra saba Waaqayyoo hin taʼinii, dubbii waaʼee hin baafne [waanuma tokko] keessa hin deddeebiʼinaa!” jechuudhaan dubbateera. (Maatewos 6:7) Yesus kadhannaa sammuutti qabatamee irra deddeebiʼamu barsiisuudhaan, wanta yaadasaa kanaa wajjin wal faallessu dubbataa? Matumaa! Kanaa mannaa Yesus, waaʼee maalii kadhachuu akka qabnuufi wanta kadhannaa keenya keessatti dursa kennuufii qabnu barsiisaa ture. Mee wanta inni dubbate tokko tokkoon haa ilaallu. Kadhannaan kun Maatewos 6:9-13⁠rratti argama.

“Yaa isa waaqa irra jirtu abbaa keenyaa! Maqaan kee qulqulluu taʼee haa eegamu.”

Yesus, duuka buutonnisaa kadhannaa hunda Abbaasaatiif, jechuunis Yihowaadhaaf akka dhiheessan isaan hubachiiseera. Haataʼu malee, maqaan Waaqayyoo maaliif barbaachisaa akka taʼeefi qulqulluu taʼee eegamuu kan qabu maaliif akka taʼe beektaa?

Jalqaba seenaa ilmaan namootaatii kaasee, maqaan Waaqayyoo inni qulqulluun arrabsamaa tureera. Seexanni inni diina Waaqayyoo taʼe, Yihowaan akka sobuufi Bulchaa ofittoo uumamawwansaa bulchuuf mirga hin qabne akka taʼe dubbachuudhaan maqaasaa xureesseera. (Uumama 3:1-6) Namoonni baayʼeen, Waaqayyo kan namaaf hin yaanne, gara jabeessaafi haaloo kan qabatu akka taʼe barsiisuudhaan ykn Uumaan hin jiru jechuudhaan Seexana cina goraniiru. Kaanimmoo maqaasaa isa Yihowaa jedhu hiikawwan Macaafa Qulqulluu keessaa akka baʼu gochuufi maqaa kanatti akka hin fayyadamne dhorkuudhaan jibba maqichaaf qaban argisiisaniiru.

Macaafni Qulqulluun, Waaqayyo jalʼina raawwatamu kana hunda akka sirreessu dubbata. (Hisqiʼel 39:7) Tarkaanfii fudhatu kanaanis, fedhakee hunda sii guuta; akkasumas rakkina sirra gaʼu hunda ni balleessa. Kana kan godhu akkamitti? Yaanni kadhannaa Yesus barsiiserra jiru deebiisaa kenna.

“Mootummaan kee haa dhufu.”

Yeroo harʼaa Mootummaa Waaqayyoo ilaalchisee barsiistota amantii gidduu yaada wal faallessu hedduutu jira. Haataʼu malee akkuma dhaggeeffattoonni Yesus beekanii turan, raajonni Waaqayyoo baroota hedduu dura Masiihichi, Fayyisaan inni Waaqayyo filate, Mootummaa biyya lafaa jijjiirurratti bulchaa akka taʼu raajii dubbatanii turan. (Isaayaas 9:6, 7; Daaniʼel 2:44) Mootummaan kun soba Seexanaa saaxiluudhaan, akkasumas Seexanaafi hojiiwwansaa hunda fonqolchee balleessuudhaan maqaan Waaqayyoo qulqulluu taʼee akka eegamu godha. Mootummaan Waaqayyoo waraana, dhukkuba, beelaafi duʼallee ni balleessa. (Faarfannaa 46:9; 72:12-16; Isaayaas 25:8; 33:24) Mootummaan kun akka dhufu yeroo kadhattu, abdiiwwan inni kenne kun hundi akka raawwataman kadhachaa jirta jechuudha.

“Jaalalli kee waaqa irratti akka taʼu, akkasuma immoo lafa irratti haa taʼu!”

Wanti Yesus dubbate, jaalalli Waaqayyoo samiirratti jechuunis bakka Waaqayyo jiraatutti akkuma taʼe, lafarrattis taʼuunsaa akka hin oolle nu hubachiisa. Jaalalli Waaqayyoo samiirratti akka hin raawwatamne wanti dhorku akka hin jirre mirkanaaʼeera; achitti Ilmi Waaqayyoo Seexanaafi duuka buutotasaarratti waraana banee gara lafaatti gad isaan darbateera. (Mulʼata 12:9-12) Akkuma kadhannaawwan jalqabaa lamaanii, kadhannaan inni sadaffaan kunis, dhimmoota dhuunfaa keenyaatiif utuu hin taʼin, jaalala Waaqayyootiif dursa kennuurratti akka xiyyeeffannu kan nu gargaarudha. Uumamawwan Yihowaa hundaaf yeroo mara wanta gaarii kan argamsiisu jaalalasaa kanadha. Yesus inni mudaa hin qabnellee Abbaasaatiin, “Akka ani jaalladhe utuu hin taʼin, akka ati jaallatte haa taʼu!” jedheera.—Luqaas 22:42.

“Soora . . . nu barbaachisu harʼa nuuf kenni!”

Yesus itti aansuudhaan, dhimma dhuunfaa ilaalchisees kadhannaa dhiheessuu akka dandeenyu dubbateera. Waaqayyo wantoota guyyaa guyyaadhaan nu barbaachisan akka nuu kennu isa kadhachuun dogoggora hin qabu. Kadhannaa akkasii dhiheessuun keenya, ‘sanyii namaa hundumaaf, jireenyaafi qilleensa, kan isaan barbaachisu hundumaas kan kennu’ Yihowaa taʼuusaa nu hubachiisa. (Hojii Ergamootaa 17:25) Macaafni Qulqulluun, Yihowaan Abbaa jaalala qabeessa wantoota ijoolleesaatiif barbaachisan isaaniif dhiheessuudhaan gammadu akka taʼe ibsa. Taʼuyyuu, akkuma abbaan gaariin tokko godhu, Yihowaan wanti ijoolleensaa gaafatan tokko kan isaan miidhu taanaan isaaniif hin kennu.

“Yakka Keenyas Nuuf Dhiisi!”

Waaqayyo dhiifama siif gochuunsaa si barbaachisaa? Namoonni hedduun yeroo harʼaa jiran, cubbuun maal akka taʼeefi cubbuu hojjechuunis hammam gadhee akka taʼe hin beekan. Macaafni Qulqulluun garuu, cubbuun wanta ilmaan namootaarratti duʼa fide waan taʼeef, madda rakkoowwan nurra gaʼanii akka taʼe barsiisa. Cubbuu dhaalleen kan kaʼe yeroo baayʼee cubbuu waan hojjennuuf, jireenya barabaraa argachuun keenya Waaqayyo biraa dhiifama argachuu keenyarratti kan hundaaʼedha. (Roomaa 3:23; 5:12; 6:23) Macaafni Qulqulluun, “Yaa gooftaa, ati gaarii dha, jaalala keetiinis namaaf cubbuu isaa in dhiifta” akka jedhu beekuun boqonnaa namaaf argamsiisa.—Faarfannaa 86:5.

“Hamaa nu oolchi.”

Eegumsi Waaqayyoo haala ariifachiisaa taʼeen hammam akka si barbaachisu hubatteettaa? Namoonni baayʼeen Seexanni inni “hamaa” jedhame akka jiru hin amanan. Haataʼu malee Yesus, Seexanni dhugumaan kan jiru taʼuusaa barsiisuusaarrayyuu “isa biyya lafaa kana abboomu” jechuudhaan isa ibseera. (Yohannis 12:31; 16:11) Seexanni, biyya lafaa harkasaa jala jiru kana kan mancaase yommuu taʼu, siinis si xureessuufi walitti dhufeenya Abbaakee Yihowaa wajjin qabdu akka hin guddifanne gochuu barbaada. (1 Phexros 5:8) Haataʼu malee Yihowaan humna Seexana caalu kan qabu taʼuusaarrayyuu, namoota isa jaallatan eeguutti ni gammada.

Kadhannaa Yesus akka fakkeenyaatti dhiheesse kana gabaabaadhumatti irra deebiʼuudhaan, waan kadhachuu qabnu hundumaa qoruu hin dandeenyu. Yohannis Inni Duraa 5:14 waaʼee Waaqayyoo, “Akka fedha isaatti yoo isa kadhanne inni nuuf in dhagaʼa” jechuudhaan dubbata. Kanaafuu, rakkoowwan si mudatan Waaqayyo duratti dhihaachuu kan hin qabne akka taʼan yaaduudhaan kadhachuu hin dhiisin.—1 Phexros 5:7.

Haataʼu malee, yeroofi bakki itti kadhatan kan murtaaʼe taʼuu qabaa? Yeroofi bakki itti kadhannaa dhiheessinu jijjiirama fidu qabaa?