Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Duraan Dursaatii Yaada Keessan “Qajeelummaa Isaa” Barbaaduutti Hidhaa!

Duraan Dursaatii Yaada Keessan “Qajeelummaa Isaa” Barbaaduutti Hidhaa!

Duraan Dursaatii Yaada Keessan “Qajeelummaa Isaa” Barbaaduutti Hidhaa!

“Duraan dursitanii yaada keessan mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaa barbaaduutti hidhaa! Kana malees kan barbaachisu hundinuu immoo isiniif in kennama.”—MAT. 6:33.

1, 2. Qajeelummaan Waaqayyoo maalidha? Kan hundaaʼehoo maalirratti?

“DURAAN DURSITANII yaada keessan mootummaa Waaqayyoo . . . barbaaduutti hidhaa!” (Mat. 6:33) Gorsi Yesus Lallabasaa Isa Gaararraatti kenne kun, Dhugaa Baatota Yihowaa yeroo ammaa jiran biratti baayʼee beekamaadha. Guutummaa jireenya keenyaatti, bulchiinsa Mootummichaa akka jaallannuufi isaaf amanamoo taʼuu akka barbaannu argisiisuuf carraaqna. Akkasumas kutaa lammaffaa yaada kanaa isa, “fi qajeelummaa isaa” jedhus yaadatti qabachuu qabna. Qajeelummaan Waaqayyoo maalidha? Duraan dursanii yaada ofii isa barbaaduutti hidhuu jechuunoo maal jechuudha?

2 Afaan jalqaba ittin barreeffameen jechi “qajeelummaa” jedhu “firdii qajeelaa” ykn “sirrii” jedhamees hiikamuu dandaʼa. Kanaaf qajeelummaan Waaqayyoo akka seeraafi madaalliisaatti daba kan hin qabnedha. Yihowaan, Uumaa waan taʼeef wanta gaariifi gadhee, sirriifi dogoggora taʼe ilaalchisee ulaagaa baasuuf mirga qaba. (Mul. 4:11) Haataʼu malee qajeelummaan Waaqayyoo, goggogaa, kan asiif achi hin jennee ykn seeraafi heera dhuma hin qabneen kan guutame miti. Kanaa mannaa, eenyummaa Yihowaafi amalasaa isa guddaa kan taʼe firdii qajeelaa amalawwansaa warra gurguddaa kaan, jechuunis jaalala, ogummaafi humnasaarratti hundaaʼeen kan raawwatamudha. Kanaafuu, qajeelummaan Waaqayyoo, fedhaafi kaayyoosaa wajjin kan wal qabatedha. Wanta inni namoota isa tajaajiluu barbaadanirraa eegus kan dabalatudha.

3. (a) Duraan dursanii yaada ofii qajeelummaa Waaqayyoo barbaaduutti hidhuu jechuun maal jechuudha? (b) Ulaagaa Yihowaa isa mudaa hin qabne hordofuu kan qabnu maaliifi?

3 Duraan dursanii yaada ofii qajeelummaa Waaqayyoo barbaaduutti hidhuu jechuun maal jechuudha? Salphaadhumatti ibsuuf, Waaqayyoon gammachiisuuf fedhasaa raawwachuu jechuudha. Qajeelummaasaa barbaaduun, wanta nuyi utuu hin taʼin inni bakka guddaa kennuuf, akkasumas ulaagaa keenyaan utuu hin taʼin ulaagaasaa isa mudaa hin qabnee wajjin haala walsimuun jiraachuuf carraaquu kan dabalatudha. (Roomaa 12:2 dubbisi.) Akkaataan jireenyaa akkasii hariiroo Yihowaa wajjin qabnu kan dabalatudha. Adaba sodaachuudhaan seerawwansaatiif abboomamuu jechuu miti. Kanaa mannaa, jaalalli Waaqayyoof qabnu ulaagaa mataa keenyaa utuu hin taʼin, kansaa hordofuudhaan isa gammachiisuuf akka carraaqnu nu kakaasa. Kun wanta sirrii godhamuu qabu taʼuusaa beekna; kaayyoon uumamneefis kanuma. Akkuma Yesus Kiristos Isa Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼee, qajeelummaa jaallachuu qabna.—Ibr. 1:8, 9.

4. Yaada ofii qajeelummaa Waaqayyoo barbaaduutti hidhuun baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

4 Yaada ofii qajeelummaa Yihowaa barbaaduutti hidhuun hangam barbaachisaadha? Dhugaa kana hubadhaa: Qorumsi jalqabaa dhaaba Eeden keessatti kaʼe, Addaamiifi Hewwaan Yihowaan ulaagaa baasuuf mirga kan qabu taʼuusaa fudhachuuf dhiisuusaaniirratti kan hundaaʼe ture. (Uma. 2:17; 3:5) Utuu kana hin fudhatin hafuunsaanii sanyiisaaniirratti rakkinaafi duʼa geessiseera. (Rom. 5:12) Karaa biraammoo, Dubbiin Waaqayyoo, “Namni qajeelummaa fi gaarummaa duukaa buʼu, jireenyaa fi qajeelummaa, ulfinas in argata” jedha. (Fak. 21:21) Eeyyee, duraan dursanii yaada ofii qajeelummaa Waaqayyoo barbaaduutti hidhuun, Yihowaa wajjin hariiroo gaarii akka qabaannu kan godhu taʼuusaarrayyuu, gara fayyinaatti nu geessa.—Rom. 3:23, 24.

Balaa Qajeelaa Of Gochuun Geessisu

5. Balaa akkamiirraa fagaachuu nu barbaachisa?

5 Phaawulos ergamaan, Kiristiyaanota warra Roomaatiif yeroo barreessu, duraan dursinee qajeelummaa Waaqayyoo barbaaduurratti milkaaʼina argachuu yoo barbaanne balaa hundi keenya irraa fagaachuu nu barbaachisu ibseera. Phaawulos, namoota akkasaa Yihudoota taʼaniin akkas jedhee ture: “Isaan Waaqayyoof akka hinaafan dhugaa nan baʼaaf; haa taʼu iyyuu malee, Waaqayyoof hinaafuun isaanii akka hubannaa dhugaatti miti. Qajeelummaa isa Waaqayyo kennu wallaalanii, qajeelummaa mataa isaanii dhaabbachuu yaalaniiru; qajeelummaa isa Waaqayyo namaaf kennu jalas of hin galchine.” (Rom. 10:2, 3) Akka Phaawulos jedhetti, namoonni kun qajeelummaa mataa isaanii dhaabbachuuf yaaluutti waan qabamaniif, qajeelummaa Waaqayyo utuu hin hubatin hafaniiru. *

6. Ilaalcha akkamiirraa of qusachuu qabna? Maaliif?

6 Karaa kiyyoo kanaan itti qabamuu dandeenyu keessaa tokko, tajaajila Waaqayyoof dhiheessinu kan warra kaanii wajjin wal bira qabuudhaan akka dorgommiitti ilaaluudha. Ilaalchi akkasii salphaadhumatti dandeettii keenyatti garmalee amanamuutti nu geessuu dandaʼa. Yoo akkas goone garuu, qajeelummaa Yihowaa irraanfachaa jirra jechuudha. (Gal. 6:3, 4) Wanta sirrii taʼe kan raawwannu jaalala Yihowaadhaaf qabnuun kakaanee yoo taʼe kakaʼumsa sirrii qabna jechuudha. Yaaliin qajeelaa taʼuu keenya argisiisuuf goonu, Yihowaa akka jaallannu dubbachuun keenya soba taʼuusaa argisiisa.—Luqaas 16:15 dubbisi.

7. Yesus rakkoo qajeelaa of gochuun qabu kan ibse akkamitti?

7 Yesus waaʼeen “warra ofii qajeelummaatti jiraanna jedhanii, of amanatanii, warra kaan hundumaa immoo tuffatani[i]” isa yaaddessa ture. Fakkeenya kanatti fayyadamee rakkoo qajeelaa of gochuun qabu ibseera: “Jarreen lama kadhachuudhaaf mana qulqullummaatti ol galan; isaan Fariisicha tokkoo fi, namicha qaraxa fuudhu tokko turan. Fariisichi fuula dura dhaabatee garaa isaa keessatti, ‘Yaa Waaqayyo, akka namoota warra kaanii, warra saamtuu, jalʼoota, ejjitoota yookiis akka qaraxxuu kanaa iyyuu waanan hin taʼiniif sin galateeffadha. Torban keessaa guyyaa lama nan sooma; waanan argadhu hundumaa keessaas kudhan keessaa tokko nan baasa’ jedhee kadhate. Inni qaraxa fuudhu sun garuu, achi fagaatee dhaabatee, ija isaan illee gara waaqaatti ol hin ilaalle; qoma isaa rukutachaa, ‘Yaa Waaqayyo, ana nama cubbamaatti araarami!’ in jedha ture.” Yesus akkas jechuudhaan xumureera: “Egaa isa Fariisicha sana irra namichi qaraxa fuudhu kun Waaqayyo duratti qajeelaa taʼee, gara mana isaatti akka deebiʼe, isinittan hima; kan ol of qabu hundinuu gad in deebifama, kan gad of deebisu immoo ol in qabama.”—Luq. 18:9-14.

Balaa ‘Qajeelaa Keessa-Baʼaa’ Taʼuun Geessisu

8, 9. ‘Qajeelaa keessa baʼaa’ taʼuu jechuun maal jechuudha? Kunoo maalitti nu geessuu dandaʼa?

8 Balaan irraa fagaachuu qabnu kan biraan Lallaba 7:16⁠rratti akkasitti ibsameera: “Maaliif nama qajeelaa fi nama ogeessa keessa-baʼaa taatee of balleessita?” Barreessaan Macaafa Qulqulluu kun itti fufuudhaan lakkoofsa 20⁠rratti sababii ilaalcha kanarraa fagaachuu itti qabnuuf yeroo ibsu akkas jedheera: “Haa taʼu iyyuu malee, namni qajeelaan yeroo hundumaa wanta gaarii hojjetu, cubbuus kan hin hojjenne lafa irra hin jiru.” Namni ‘qajeelaa keessa baʼaa’ taʼe qajeelinaaf ulaagaa mataasaa kan baasu siʼa taʼu, warra kaanis isaan madaala. Haataʼu malee, akkas gochuusaatiin ulaagaa ofiisaa kan Waaqayyootii ol gochaa akka jiruufi Waaqayyo duratti jalʼaa taʼuusaa argisiisaa akka jiru utuu hin hubatin hafa.

9 ‘Qajeelaa keessa baʼaa’ ykn akka hiikni Macaafa Qulqulluu kan biraa tokko jedhutti “garmalee qajeelaa” taʼuun, karaa Yihowaan waan tokko itti raawwaturratti gaaffii akka kaasnu gochuu dandaʼa. Kanaaf, murtoon Yihowaa sirrii taʼuusaa yoo shakkine, ulaagaa qajeelinaaf baasne kan Yihowaarra caalchisuu jalqabneerra jechuudha. Akkas gochuun keenya, wanta sirriifi dogoggora taʼe ilaalchisee ulaagaa mataa keenyaatiin Yihowaa qoraafi isatti faradaa akka jirrutti lakkaaʼama. Haataʼu malee, qajeelinaaf ulaagaa baasuuf mirga kan qabu Yihowaadha malee nu miti!—Rom. 14:10.

10. Akkuma Iyoob, wanti Waaqayyootti faraduuf nu kakaasu akkamii nu mudachuu dandaʼa?

10 Eenyuun keenyayyuu taʼe jennee Waaqayyootti faraduu kan hin barbaanne taʼus, cubbuu kan dhaalle taʼuun keenya kana gochuuf nu kakaasuu dandaʼa. Wanta sirrii akka hin taane nutti dhagaʼamu yoo argine ykn dhuunfaatti rakkinni yoo nurra gaʼe salphaadhumatti Waaqayyotti faraduu dandeenya. Iyoob inni nama amanamaa turellee dogoggora akkasii raawwateera. Iyoob jalqabarratti “hirʼina kan hin qabne, nama yaada qajeelaa, nama Waaqayyoon sodaatu, hamaa irraas kan gore” akka ture ibsameera. (Iyo. 1:1) Haataʼu malee, walitti aansuudhaan rakkinni isarra gaʼuunsaa sirrii akka hin taane isatti dhagaʼameera. Kunis, “Waaqayyoon qajeelaa gochuu irra ofii isaa qajeelaa” akka taʼe dubbachuutti isa geessee ture. (Iyo. 32:1, 2) Ilaalchi Iyoob sirreeffamuu qaba ture. Kanaaf, al tokko tokko haalli akkasii nu mudachuunsaa nu dinqisiisuu hin qabu. Yoo kun taʼe, ilaalcha keenya sirreessuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa?

Yeroo Hundumaa Odeeffannoo Guutuu Hin Qabaannu

11, 12. (a) Wanti tokko sirrii akka hin taane yoo nutti dhagaʼame maal yaadachuu qabna? (b) Namni tokko fakkeenyi Yesus namoota iddoo dhaaba wayiniitti hojjetan ilaalchisee dubbate, wanta sirrii hin taane akka argisiisu itti dhagaʼamuu kan dandaʼu maaliifi?

11 Duraan dursinee, yeroo hundumaa odeeffannoo guutuu akka hin qabaanne yaadachuu qabna. Wanti Iyoobiin mudates kanuma ture. Samiirratti walgaʼiin ergamoonni ilmaan Waaqayyoo taʼan irratti argamaniifi Seexanni irratti isa himate godhamuusaa hin beeku ture. (Iyo. 1:7-12; 2:1-6) Iyoob rakkina isa mudate kan isarraan geessise Seexana taʼuusaa hin beeku ture. Seexanni dhugumaan eenyu taʼuusaayyuu akka beeku mirkanaaʼoo taʼuu hin dandeenyu! Kanaaf, rakkina kan narraan geessise Waaqayyodha jedhee dogoggoraan yaadeera. Eeyyee, odeeffannoo guutuu hin qabnu taanaan salphaadhumatti murtoo dogoggoraarra geenya.

12 Fakkeenyaaf, fakkeenya Yesus waaʼee hojjettoota iddoo wayiniitti hojjetanii dubbate ilaalaa. (Maatewos 20:8-16 dubbisi.) Yesus asirratti abbaan wayinichaa warra guyyaa guutuus taʼe saʼaatii tokko qofa hojjetaniif qixxee akka kaffale ibseera. Ati waaʼee kanaa maaltu sitti dhagaʼama? Sirrii sitti fakkaataa? Jalqabarratti warra guyyaa guutuu aduu saafaa keessa hojjechaa oolaniif gaddita taʼa. Isaaniif caalaa kaffalamuu akka qabu sitti dhagaʼama taʼa! Murtoo kanarra yoo geesse, abbaan wayinichaa hamaa akka taʼe sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Deebiin inni hojjetoota guungumaniif kenne, aangoosaatti karaa barbaadeen akka itti fayyadame akka sitti dhagaʼamu gochuu dandaʼa. Haataʼu malee, kana ilaalchisee odeeffannoo guutuu qabnaa?

13. Fakkeenya Yesus waaʼee namoota iddoo wayiniitti hojjetanii dubbate karaa biraa kamiin ilaaluu dandeenya?

13 Mee fakkeenya kana kallattii biraatiin haa ilaallu. Abbaan wayinii fakkeenyicha keessatti caqasame hojjettoonni kun hundi wanta maatiisaaniitiif barbaachisu argachuu akka qaban kan beeku taʼuunsaa hin shakkisiisu. Bara Yesusitti, namoonni maasiirratti hojjetan mindaan kan kaffalamuuf guyyuma guyyaatti ture. Maatiinsaanii mindaa guyyaa guyyaatti isaanii kennamuun jiraatu. Kana yaadatti qabachuudhaan, mee haala namoota abbaan wayinichaa gara galgalaa isaan argateefi saʼaatii tokko qofaaf hojjetanii yaadaa. Tarii mindaa hojii saʼaatii tokkoo qofaan wanta maatiisaaniitiif barbaachisu argachuu hin dandaʼan taʼa; isaan hojjechuuf fedhii kan qaban taʼuusaarrayyuu, qacaramuuf guyyaa guutuu eeggachaa oolaniiru. (Mat. 20:1-7) Guyyaa guutuu utuu hin hojjetin kan hafan balleessaa mataasaaniitiin miti. Taʼe jedhanii hojjechuu akka dhiisan wanti ibsame hin jiru. Warri kaan wanta ati guyyaa sanatti argattu eeggachaa akka jiran utuu beektuu, guyyaa guutuu hojii eeggachaa yoo turte wanta sitti dhagaʼamu yaadi. Hojii argachuu keetiif hin galateeffattuu? Mindaa wanta maatii keetiif barbaachisu dhiheessuuf si dandeessisu argachuunkee guddaa akka si dinqisiisu beekamaadha!

14. Fakkeenya waaʼee iddoo wayinii ibsuurraa barumsa gaarii akkamii arganna?

14 Mee wanta abbaan wayinichaa godhe irra deebinee haa ilaallu. Eenyuufiyyuu hamma isaanii kaffalamuu qabuu gadi hin kaffalle. Kanaa mannaa, hojjettoota hundumaa qarshii isaaniifis taʼe maatiisaaniitiif gaʼu argachuuf mirga akka qabanitti ilaaleera. Yeroo sanatti namoonni hojii barbaadan hedduun jiraachuunsaanii, namichi qacaru sun gatii barbaadeen akka qacaru carraa kan isaa banu yoo taʼeyyuu, carraa kanatti fayyadamee wanta argachuu qabanii gad isaanii hin kaffalle. Hojjettoonnisaa hundi wanta maatiisaaniitiif gaʼu argatanii gara manasaatti galaniiru. Odeeffannoowwan dabalataa kana tilmaama keessa galchuun keenya, ilaalchi wanta namichi kun godheef qabnu akka jijjiiramu gochuu dandaʼa. Murtoonsaa jaalalarratti kan hundaaʼe taʼuusaarrayyuu, aangoosaatti karaa barbaadeen itti fayyadamuusaa kan argisiisu hin turre. Kanarraa barumsa maalii arganna? Waanuma xinnoo beeknu tokkorratti hundaaʼuun murtoo dogoggoraatti nu geessuu akka dandaʼu baranna. Dhugumayyuu, fakkeenyi kun qajeelummaan Waaqayyoo seerarratti ykn waan namootaaf malu qofarratti kan hundaaʼe waan hin taaneef hundarra kan caalu taʼuusaa ibsa.

Ilaalchi Keenya Jalʼaa Ykn Daangeffamaa Taʼuu Dandaʼa

15. Ilaalchi wanta sirrii taʼeef qabnu kan jalʼatu ykn kan daangeffamuu maaliif taʼuu dandaʼa?

15 Yeroo wanti sirrii akka hin taane nutti dhagaʼamu nu mudatutti wanti yaadachuu qabnu inni lammaffaan, ilaalchi keenya jalʼaa ykn daangeffamaa taʼuusaati. Ilaalchi keenya cubbuu kan dhaalle taʼuu keenyaan, halaalatti nama jibbuu ykn aadaadhaan jalʼatee taʼuu dandaʼa. Kakaʼumsa namootaa beekuufi yaada garaa namaa hubachuu waan hin dandeenyeefis kan daangeffamedha. Yihowaafi Yesus garuu hanqina akkasii hin qaban.—Fak. 24:12; Mat. 9:4; Luq. 5:22.

16, 17. Yeroo Daawit Baat-Sheebaa wajjin cubbuu raawwatetti, Yihowaan seerri ejja ilaalchisee kenne isaanirratti akka raawwatamu kan hin goone maaliif taʼuu dandaʼa?

16 Seenaa Daawit Baat-Sheebaa wajjin ejja raawwachuusaa ibsu haa ilaalu. (2 Sam. 11:2-5) Akka Seera Museetti lamaanuu ajjeefamuu qabu turan. (Lew. 20:10; Kes. 22:22) Yihowaan kan isaan adabe taʼuyyuu, seerrisaa isaanirratti akka raawwatamu hin goone. Akkas gochuunsaa dogoggora turee? Daawitiif looguudhaan seera qajeelinaaf baase cabseeraa? Namoonni Macaafa Qulqulluu dubbisan tokko tokko akkas isaanitti dhagaʼama.

17 Haataʼu malee, Yihowaan ejja ilaalchisee seera kana kan kenne, abboota firdii cubbuu dhaalaniifi garaa namootaa beekuu hin dandeenyetti ture. Hirʼina kan qaban taʼuyyuu, seerri kun murtoo hin gegeeddaramne gochuuf isaan dandeessisa ture. Yihowaan garuu yaada garaa namaa beekuu ni dandaʼa. (Uma. 18:25; 1 Sen. 29:17) Kanaaf, Yihowaan seera abbootii firdii cubbuu dhaalanitti kenneen geggeeffamuu qaba jennee yaaduu hin qabnu. Akkas taanaan, qaruuraa namoota ijisaanii rakkina qabuuf ajajame namni ijisaa akka gaariitti ilaalu akka kaaʼatu dirqisiisuu wajjin wal hin fakkaatuu? Yihowaan yaada garaa Daawitiifi Baat-Sheebaa beekuu, akkasumas dhugumaan qalbii akka diddiirratan arguu ni dandaʼa ture. Haala kana tilmaama keessa galchuudhaan, ooʼaafi jaalalaan firdii isaaniif kenneera.

Qajeelummaa Yihowaa Barbaaduu Keessan Itti Fufaa

18, 19. Ulaagaa qajeelinaa ofii keenyaa baasneen Yihowaa akka hin madaalleef maaltu nu gargaaruu dandaʼa?

18 Kanaaf, seenaan Macaafa Qulqulluurraa dubbisne ykn wanti jireenya keenya keessatti nurra gaʼe, al tokko tokko wanti Yihowaan raawwate sirrii kan nutti hin fakkaanne yoo taʼe, matumaa ulaagaa qajeelinaa ofii keenyaa baasneen Waaqayyoon madaaluu hin qabnu. Wanta tokko ilaalchisee yeroo hunda odeeffannoo guutuu akka hin qabaanneefi ilaalchi keenya jalʼaa ykn daangeffamaa taʼuusaa haa yaadannu. ‘Dheekkamsi namaa Waaqayyo duratti qajeelina namaaf hojjechuu akka hin dandeenye’ matumaa hin dagatinaa. (Yaq. 1:19, 20) Akkas kan goonu taanaan, garaan keenya matumaa ‘Waaqayyoon hin komatu.ʼ—Fak. 19:3.

19 Akkuma Yesus, wanta qajeelaafi gaarii taʼe ilaalchisee ulaagaa baasuuf mirga kan qabu Yihowaa qofa akka taʼe yeroo hundumaa beekuu qabna. (Mar. 10:17, 18) Qajeelfamasaa ilaalchisee “hubannaa dhugaa” ykn beekumsa sirrii argachuuf haa carraaqnu. (Rom. 10:2; 2 Xim. 3:7) Yaadawwan kana fudhachuufi haala fedha Yihowaa wajjin walsimuun jiraachuudhaan, duraan dursinee yaada keenya “qajeelummaa isaa” barbaaduutti akka hiine argisiisna.—Mat. 6:33.

[Miiljaleewwan]

^ key. 5 Akka hayyuun tokko jedhetti, jechi “dhaabbachuu” jedhu kun afaan jalqabaatiin ‘siidaa dhaabuu’ jedhamee hiikamuus ni dandaʼa. Kanaaf, Yihudoonni sun ulfina Waaqayyootiif utuu hin taʼin ulfina ofiisaaniitiif fakkeenyaan siidaa mataasaanii dhaabbachaa turan jechuudha.

Ni Yaadattaa?

• Qajeelummaa Yihowaa barbaaduun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

• Balaawwan akkamii lamarraa fagaachuu qabna?

• Duraan dursinee yaada keenya qajeelummaa Waaqayyoo barbaadutti hidhuu kan dandeenyu akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 9rra jiru]

Fakkeenya Yesus namoota lamaan mana qulqullummaatti kadhannaa dhiheessan ilaalchisee dubbaterraa barumsa maalii arganna?

[Fakkii fuula 10rra jiru]

Warra saʼaatii 11ffaatti dhufaniif hojjettoota guyyaa guutuu hojjechaa oolanii wajjin qixxee kaffaluun sirrii turee?