Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Michootakee Ogummaadhaan Filadhu

Michootakee Ogummaadhaan Filadhu

Tarkaanfii 4

Michootakee Ogummaadhaan Filadhu

MACAAFNI QULQLULLUUN MAAL BARSIISA? “Namni ogeessaa wajjin adeemu, ogeessa in taʼa.”—Fakkeenya 13:20.

QORUMSA AKKAMIITU JIRA? Michoonni keenya waan qabnutti gammannee akka jiraannu ykn akka hin gammanne gochuu dandaʼu. Ilaalchisaaniifi wanti isaan dubbatan ilaalcha nuyi jireenyaaf qabnurratti dhiibbaa geessisuu dandaʼa.—1 Qorontos 15:33.

Fakkeenyaaf, seenaa Macaafa Qulqulluu waaʼee gaaddota 12an Kanaʼaaniin gaadanii deebiʼan dubbatuu ilaali. Isaan keessaa baayʼeensaanii, “Itti fufaniis waaʼee biyyicha isa gaadanii turaniitiif Israaʼeloota giddutti oduu gadhee odeessuutti kaʼan.” Taʼus isaan keessaa gaaddonni lama, Kanaʼaan “biyya baayʼee gaarii” akka taate dubbataniiru. Haataʼu malee, ilaalchi gadheen gaaddota kurnan sanaa saba sana gidduutti babalʼate. Seenaansaa, ‘Guutummaan waldaa Israaʼel sagaleesaa ol fudhatee iyye, akkasumas in guungume’ jedha.—Lakkoobsa 13:30–14:9.

Yeroo harʼaas namoonni baayʼeen, “waan hundumaatti in guungumu, waan hundumaas in komatu.” (Yihudaa 16) Michoota matumaa na gaʼa jechuu hin beeknee wajjin taʼanii waan qabanitti gammadanii jiraachuun rakkisaadha.

MAAL GOCHUU DANDEESSA? Michootakee wajjin waaʼee maalii akka haasoftan gamaaggami. Michoonnikee yeroo baayʼee waan qabaniin of jajuu? Yookiin yeroo hundaa waan hin qabnetti guungumuu? Atoo isaaniif michuu akkamiiti? Michoonnikee akka sitti hinaafan gootamoo, waan qabanitti gammadanii akka jiraatan jajjabeessita?

Fakkeenya Daawit isa mootii taʼuuf jiruufi Yonaataan isa ilma Saaʼol Mootichaa ilaali. Daawit baqataa taʼee lafa onaa keessa jiraata ture. Saaʼol Mootichi, Daawit taayitaasaa akka jalaa fudhatu waan isatti dhagaʼameef akka inni duʼu barbaada ture. Yonaataan itti aansee mootii taʼuu kan dandaʼu taʼus, Daawitiif michuu gaarii taʼee ture. Yonaataan, Daawit itti aansee mootii akka taʼu Waaqayyo akka isa muude amanee waan fudhateef, waan qabutti gammaduudhaan michuusaa kana deggereera.—1 Saamuʼel 19:1, 2; 20:30-33; 23:14-18.

Atis michoota waan qabanitti gammaduuf carraaqqii godhaniifi waan gaarii sii hawwan akkasii qabaachuunkee barbaachisaadha. (Fakkeenya 17:17) Dhugaadha, michoota amala akkasii qaban argachuuf, atis amalawwan kana qabaachuun si barbaachisa.—Filiphisiiyus 2:3, 4.

[Fakkii fuula 29rra jiru]

Michoonnikee waan qabdutti gammaddee akka jiraattumoo akka hin gammanne si godhu?