Ijoollee Keessan Waaʼee Saalaa Haasofsiisaa
Maatii Gammachuu Qabu
Ijoollee Keessan Waaʼee Saalaa Haasofsiisaa
Intalli umrii waggoota kurnanii keessa jirtuufi Aliisiyaa * jedhamtu, “Al tokko tokko dhimma saalaa wajjin wal qabate beekuuf hawwii guddaan qaba; haataʼu malee warrakoo yoon gaafadhe waan gadhee raawwachaa akkan jiru kan na shakkan natti fakkaata” jetteetti.
Haadha Aliisiyaa kan taate Iineez, “Intalakoo wajjin taaʼee waaʼee saalaa haasaʼuu nan barbaada; isheen garuu yeroo argattee hin beektu. Yeroon ishee wajjin itti haasaʼu argachuun rakkisaadha” jetteetti.
YEROO harʼaa, waaʼeen saalaa bakka hundumaatti, jechuunis televijiinii, fiilmiifi beeksisarratti ni ibsama. Waaʼee saalaa dubbachuun qaanii kan taʼe warraafi ijoollee gidduutti qofa fakkaata. Mucaan umrii waggoota kurnanii biyya Kaanaadaa jiraattuufi Maayikil jedhamu, “Warri keenya, isaanii wajjin waaʼee saalaa haasaʼuun hammam akka nu dhiphisuufi nu qaanessu utuu beekanii gaariidha. Waaʼee kanaa hiriyaa ofii wajjin haasaʼuutu namatti salphata” jedheera.
Yeroo baayʼee, warris akkuma ijoolleesaanii waaʼee saalaarratti haasaa jalqabuun isaanitti ulfaata. Ogeessa fayyaa kan taate Deebraa Hafnar, kitaabashee isa Biyoondi za Biig Took jedhamurratti, “Warri hedduun, kitaaba waaʼee saalaafi umrii dargaggummaa dubbatu ijoolleesaanii umrii waggoota kurnaniirra hin geenyeef bitanii kutaasaanii akka kaaʼaniifi sana booda waaʼee saalaa dubbatanii akka hin beekne natti himaniiru” jetteetti. Hafnar, ergaan wanti warri godhan kun ijoolleedhaaf dabarsu, “Waaʼee qaama keessaniifi waaʼee saalaa akka beektan ni barbaanna; isinii wajjin garuu dhimma kanarratti haasaʼuu hin barbaannu” kan jedhu akka taʼe ibsiteetti.
Haadha ykn abbaa yoo taate, ilaalcha kanarraa adda taʼe qabaachuunkee barbaachisaadha. Waaʼee saalaa dhuunfaatti ijoolleekee wajjin haasaʼuunkee baayʼee barbaachisaadha. Mee sababiiwwan sadii haa ilaallu:
1. Hiikni biyyi lafaa saalaaf kennu jijjiirameera. Jamsi inni umriinsaa waggaa 20 taʼe akkas jedheera: “Namoonni, saalqunnamtiin wanta abbaa manaafi haadha manaa gidduutti qofa raawwatamu godhanii yaaduu dhiisaniiru. Yeroo harʼaa, karaa afaaniifi karaa munnee saalqunnamtii raawwachuun, akkasumas karaa Intarneetiifi bilbilaa waaʼee saalqunnamtii haasaʼuudhaan ykn ergaa walii erguudhaan fedhii kana guuttachuun kan barame taʼeera.”
2. Ijoolleen keessan xinnummaasaaniitti waaʼee saalaa wanta sirrii hin taane dhagaʼuunsaanii hin oolu. Haati Shiilaa jedhamtu tokko, “Ijoolleen akkuma mana barumsaa galaniin waaʼee saalqunnamtii dhagaʼu. Sana booda ilaalcha akka isaan qabaatan barbaaddan hin qabaatan” jetteetti.
3. Ijoolleen keessan saalqunnamtii ilaalchisee gaaffii qabu taʼa; dhimma kana ofumasaaniitii kaasanii isinii wajjin mariʼachuu garuu hin barbaadan taʼa. Aanaan intalli waggaa 15 biyya Biraaziil jiraattu, “Dhugaasaa dubbachuuf, warrakoo wajjin waaʼee
saalqunnamtii haasaʼuuf maal jedhee akkan jalqabu hin beeku” jetteetti.Ijoollee keessanii wajjin waaʼee saalqunnamtii haasaʼuun, itti gaafatamummaa warra taʼuu keessaniin Waaqayyo isinii kenne keessaa tokkodha. (Efesoon 6:4) Dhugaadha, kun isiniinis taʼe ijoollee keessan kan rakkisu taʼuu dandaʼa. Karaa garabiraammoo dargaggoonni baayʼeen intala umrii waggaa 14 Daaniyal jedhamtuufi “Waaʼee saalqunnamtii barsiistota ykn sagantaa televijiiniirraa utuu hin taʼin, warra keenyarraa barachuu barbaanna” jettee wajjin walii galu. Erga akkas taʼee, dhimma rakkisaa taʼus barbaachisaa taʼe kanarratti ijoollee keessanii wajjin haasaʼuu kan dandeessan akkamitti?
Umriisaanii Tilmaama Keessa Galchaa
Ijoolleen namootarraa addaan baʼanii hamma hin jiraannetti, umrii kamittiyyuu waaʼee saalqunnamtii dhagaʼuu dandaʼu. Caalaatti kan nama dhiphisummoo, “guyyoota gara dhumaa” kanatti namoonni hamoon “isa gadhee irraa gara isa caalaa gadheetti” kan deeman taʼuusaaniiti. (2 Ximotewos 3:1, 13) Ijoolleen xixinnoo hedduun namoota gaʼeessota taʼaniin kan gudeedaman taʼuunsaanii nama gaddisiisa.
Kanaafuu, ijoollee keessan xinnummaasaaniitii kaastanii isaan barsiisuu jalqabuun keessan barbaachisaadha. Haati biyya Jarman jiraattuufi Reenaat jedhamtu, “Umrii waggoota kurnaniirra hamma gaʼanitti yoo eegdan, umrii dargaggummaarra yommuu gaʼan qaaniin waan isaanitti dhagaʼamuuf ifatti isinii wajjin haasaʼuu hin barbaadan taʼa” jetteetti. Wanti barbaachisaa taʼe haala umriisaanii wajjin wal gituun isaan barsiisuudha.
Ijoollee mana barumsaa galuuf hin geenye: Maqaa qaamota saalaa sirrii taʼe isaan barsiisaa, akkasumas namni tokkollee qaamota kana tuquu akka hin qabne jabeessaa itti himaa. Haati Juuliyaa jedhamtuufi biyya Meeksikoo jiraattu tokko akkas jetteetti: “Mucaakoo barsiisuu kanan jalqabe, yeroo umriinsaa waggaa sadii taʼettidha. Barsiistonni, namoonni daaʼima eegan ykn ijoolleen umriidhaan isa caalan isa miidhuu akka dandaʼan beekuunkoo baayʼee na yaaddessa ture. Namoota isa miidhanirraa akkamitti akka of eegu beekuun isa barbaachisa ture.”
AKKAS GOCHUUF YAALI: Ijoolleen keessan namni tokko qaama saalaasaanii qaqqabee taphachuu yoo barbaade akka balaaleffatan isaan leenjisaa. Fakkeenyaaf, ijoolleen keessan, “Of eegi! Si jalaan hima!” akka jedhan isaan barsiisuu dandeessu. Namni sun kennaa isaanii kennuuf yoo isaan sossobe ykn yoo isaan sossodaachisellee, wanta inni isaan godhe sana dubbachuunsaanii sirrii akka taʼe itti himaa.
Ijoollee mana barumsaa sadarkaa tokkoffaatiif: Beekumsa ijoolleen keessan qabanirratti suutuma suutaan dabaluuf umriisaanii kanatti fayyadamaa. Abbaan Piitar jedhamu tokko, “Ijoollee keessan barsiisuu jalqabuu keessan dura, waaʼee dhimma sanaa hammam akka beekaniifi beekumsa dabalataa kan barbaadan taʼuufi dhiisuusaanii mirkaneessaa. Dirqamaan akka isinii wajjin mariʼatan hin godhinaa. Ijoollee keessanii wajjin yeroo baayʼee kan dabarsitan yoo taʼe, mareen akkasii salphaadhumatti jalqabama” jedheera.
AKKAS GOCHUUF YAALI: Takkaatti saʼaatii ‘dheeraadhaaf wajjin haasaʼuu’ mannaa, yeroo hunda marii gaggabaabaa godhaa. (Keessa Deebii 6:6-9) Akkas yoo gootan humnasaaniitii ol isaanitti hin taʼu. Kana malees, yeroo guddachaa deeman barumsa gaʼaa umrii irra jiraniif isaan barbaachisu argatu.
Kan Umrii Dargaggummaarratti Argamaniif: Amma, ijoolleen keessan saalaa wajjin haala wal qabateen waaʼee qaamaa, miiraafi amalaa beekumsa gaʼaa qabaachuusaanii yeroo itti mirkaneessitanidha. Aanaan isheen umrii waggaa 15 olitti caqasamte akkas jetteetti: “Dardaroonniifi shamarran mana barumsaakoo jiran, saalqunnamtii raawwachuu jalqabaniiru. Kiristiyaana waanan taʼeef waaʼee dhimma kanaa beekumsa gaʼaa qabaachuun akka na barbaachisu natti dhagaʼama. Waaʼee saalqunnamtii haasaʼuun kan nama qaanessu taʼus, wantan beekuu qabudha.” *
Hubachiisa: Ijoolleen umrii waggoota kurnanii keessatti argaman, warri keenya amala gadhee kan qabnu godhanii nu yaadu jedhanii sodaachuudhaan gaaffii gaafachuurraa duubatti jechuu dandaʼu. Abbaan Istiivan jedhamu tokko kun dhugaa taʼuusaa hubateera. Akkas jedha: “Mucaan keenya waaʼee saalqunnamtii nuu wajjin haasaʼuu ni sodaata. Booda garuu na shakku jedhee akka yaadu hubanne. Dhimma kanarratti kan mariʼannu waan isa shakkineef utuu hin taʼin, dhiibbaawwan isarra gaʼan
dandamachuuf hammam qophaaʼaa akka taʼe beekuu waan barbaanneef akka taʼe ibsineef.”AKKAS GOCHUUF YAALI: Ijoollee keessan umrii dargaggummaarra jiran waaʼee saala kallattiidhaan isaan gaafachuu mannaa, ijoolleen kutaa tokko keessatti isaanii wajjin baratan, waaʼee saalqunnamtii ilaalcha akkamii akka qaban isaan gaafadhaa. Fakkeenyaaf, “Yeroo harʼaa namoonni baayʼeen saalqunnamtiin karaa afaanii raawwatamu, saalqunnamtii akka hin taane isaanitti dhagaʼama. Ijoolleen kutaa keetti baratan akkas isaanitti dhagaʼamaa?” jettanii gaafachuu dandeessu. Gaaffiin kallattiidhaan hin dhihaanne akkasii, dhimma kanarratti ifatti akka isinii wajjin mariʼataniifi ilaalchasaanii akka ibsan gochuu dandaʼa.
Qaanii Isinitti Dhagaʼamu Moʼaa
Waaʼee saalqunnamtii ijoollee keessanii wajjin haasaʼuun, hojiiwwan warra taʼuu keessaniin raawwachuu qabdan keessaa hunda caalaa ulfaataa taʼuu akka dandaʼu beekamaadha. Taʼus, waan carraaqqiin godhamuufii qabudha. Haati Daayaan jedhamtu tokko, “Yeroo booda waaʼee saalaa haasaʼuutti qaanaʼuu dhiisaa adeemtu; waaʼee saalaa ijoollee keessanii wajjin haasaʼuun, caalaatti kan walitti isin dhiheessu taʼuu dandaʼa” jetteetti. Istiivan inni olitti caqasame yaada kanarratti walii gala. “Wanta maatii keessatti isin mudatu kamiyyuu ifatti irratti mariʼachuu kan amaleeffattan taanaan, dhimmawwan akka saalaa dubbachuuf nama qaanessanirratti mariʼachuun isinitti salphata. Qaanaʼuu guutummaatti hambisuun hin dandaʼamu. Taʼus, ifatti waliin haasaʼuun maatii Kiristiyaanaa gaarii taʼe tokko keessatti baayʼee barbaachisaadha” jedheera.
[Miiljaleewwan]
^ key. 3 Maqaawwan mataduree kana keessa jiran jijjiiramaniiru.
^ key. 19 Ijoollee keessan umrii dargaggummaarratti argamanii wajjin waaʼee saalaa mariʼachuuf, kitaaba Gaaffiiwwan Dargaggootaafi—Deebiiwwan Hojiirra Ooluu Dandaʼan, Jildii 2 jedhamu boqonnaa 1-5, 28, 29fi 33, Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼetti fayyadami. (Ingiliffa)
[Saanduqa/Fakkii fuula 20rra jiru]
MAAL JETTEE DEEBISTA?
Yaadawwan armaan gadii dargaggoonni addunyaa mararra jiran kennan erga dubbistee booda, gaaffiiwwan kanatti aananiif deebii akkamii akka laattu yaadi.
• “Warrikoo, barreeffamoota waaʼee saalaa ibsan akkan dubbisuufi gaaffii yoon qabaadhe akkan isaan gaafadhu natti himu. Haataʼu malee, waaʼee saalaa caalaatti akka na haasofsiisan nan barbaada.”—Aanaa, Biraaziil.
Ijoollee keessaniif waan dubbisan kennuufii caalaa, wanti gochuu qabdan akka jiru beekuun kan isin barbaachisu maaliifi?
• “Saalqunnamtii wajjin haala wal qabateen namoonni dogoggora baayʼee akka raawwatan nan beeka; abbaankoo garuu waaʼee kanaa kan beeku natti hin fakkaatu. Waaʼee kanaa utuun isa gaafadhee in naʼa.”—Keen, Kaanaadaa.
Ijoolleen keessan wanta isaan yaaddessu isinitti himuu akka sodaatan kan godhu maal taʼuu dandaʼa?
• “Dhumarratti akkuma taʼetti ija jabina argadhee warrakoo waaʼee saalqunnamtii yeroon isaan gaafadhu, ‘Waaʼeesaa gaafachuun maaliif si barbaachise? Wanti si qunname jiramoo?’ jedhanii haala komiitiin na gaafatan.”—Maasaamii, Jaappaan.
Ijoolleen keessan waaʼee saalqunnamtii gaaffii ennaa isin gaafatan, akkaataan deebii itti kennitan gara fuulduraatti isinii wajjin haasaʼuun akka isaanitti salphatu ykn akka isaanitti ulfaatu gochuu kan dandaʼu akkamitti?
• “Warrikoo, yeroo isaan umrii koorra turan gaaffiiwwan akkasii gaafachaa akka turaniifi anis gaaffii kana gaafachuunkoo waanuma jiru akka taʼe utuu naa mirkaneessanii natti tola ture.—Liizeet, Faransaay.
Ijoolleen keessan waaʼee saalaa isinii wajjin haasaʼuun caalaatti akka isaanitti salphatu gochuu kan dandeessan akkamitti?
• “Haatikoo waaʼee saalaa kan na gaafattu taʼus, kana kan gootu sagalee namatti toluunidha. Ijoolleen komatamaa akka jiran akka itti hin dhagaʼamne gochuuf kun barbaachisaa natti fakkaata.”—Jeeraaldi, Faransaay.
Ijoollee keessanii wajjin waaʼee saalaa yeroo haasoftan, akkaataan sagalee keessanii maal fakkaata? Gama kanaan sirreeffama gochuun isin barbaachisaa laata?