Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dargaggootaa—dubbii Waaqayyootiin Geggeeffamaa

Dargaggootaa—dubbii Waaqayyootiin Geggeeffamaa

Dargaggootaa—dubbii Waaqayyootiin Geggeeffamaa

“Ogummaa argadhu, hubataas taʼi!”—FAK. 4:5.

1, 2. (a) Phaawulos walitti buʼiinsa keessasaatti uumame moʼuuf kan isa gargaare maalidha? (b) Ogummaafi hubannaa argachuu kan dandeessan akkamitti?

“YOMMUUN waan gaarii hojjechuu barbaadu, wanti hamaan na keessatti argama.” Jechoota kana kan dubbate eenyu akka taʼe beektuu? Phaawulos ergamaadha. Phaawulos Yihowaa kan jaallatu taʼus, wanta sirrii taʼe hojjechuuf qabsoo gochuun yeroon itti isa barbaachise jira ture. Walitti buʼiinsa keessasaatti uumame kana ilaalchisee maaltu isatti dhagaʼamee ture? ‘Ani nama gadadamaadha!’ jechuudhaan barreesseera. (Rom. 7:21-24) Wanta Phaawulositti dhagaʼame hubachuu dandeessuu? Yeroo tokko tokko wanta sirrii taʼe raawwachuun isinitti ulfaataa? Akkuma Phaawulositti dhagaʼame, kun isiniinis isin aarsaa? Taanaan, abdii hin kutatinaa. Phaawulos rakkoowwan isa mudatan akka gaariitti moʼuu dandaʼeera; isinis moʼuu ni dandeessu.

2 Phaawulos milkaaʼina kan argate “dubbii sirrii” taʼeen waan geggeeffameef ture. (2 Xim. 1:13, 14) Kanaan kan kaʼes, ogummaafi hubannaa rakkoowwan moʼuuf, akkasumas murtoo gaarii gochuuf isa barbaachisu argateera. Yihowaan ogummaafi hubannaa akka argattan isin gargaaruu dandaʼa. (Fak. 4:5) Yihowaan, Dubbiisaa kan taʼe Macaafa Qulqulluu keessatti gorsa hundarra caalu kenneera. (2 Ximotewos 3:16, 17 dubbisi.) Mee seerawwan buʼuuraa Caaffata Qulqullaaʼoo, warra keessanii wajjin yeroo haasoftan, yeroo qarshiitti fayyadamtaniifi yommuu kophaa taatan akkamitti isin fayyaduu akka dandaʼan haa qorru.

Maatii Keessatti

3, 4. Seera warra keessaniitiif ajajamuun kan isinitti ulfaatu maaliif taʼuu dandaʼa? Haataʼu malee warri seera kan baasan maaliifi?

3 Seera warra keessanii jala jiraachuun isinitti ulfaataa? Taanaan, akkas kan isinitti dhagaʼamu maalif taʼuu dandaʼa? Sababiin inni tokko, mirga dabalataa argachuu waan barbaaddaniif taʼuu dandaʼa. Fedhiin akkasii waanuma jirudha. Kun wantoota gara gaʼeessummaatti guddachaa akka jirtan argisiisan keessaa isa tokkodha. Haataʼu malee, hamma isaan bira jirtanitti warra keessaniif ajajamuuf dirqamni isinirra jira.—Efe. 6:1-3.

4 Seeraafi qajeelfama warra keessaniitiif ilaalcha sirrii qabaachuun keessan, isaaniif ajajamuun salphaa akka isiniif taʼu godha. Dhugaadha, isinis al tokko tokko akkuma Birʼeel ishee umriinshee waggaa 18 taʼee isinitti dhagaʼama taʼa. * Warrashee ilaalchisuudhaan, “Umrii ani amma irra jiru keessa kan darban hin fakkaatan. Ilaalchakoo akkan ibsu, filannoo mataakoo akkan godhu ykn nama gaʼeessa akkan taʼe yaaduu hin barbaadan” jetteetti. Isinis akkuma Birʼeel warri keessan mirga dabalataa isinii kennuu qaban akka isin dhowwatan isinitti dhagaʼama taʼa. Haataʼu malee, sababii guddaan warri keessan seera isinii baasaniif, waan isinii yaadaniifidha. Kana malees, warri keessan Kiristiyaana taʼan akkaataa itti isin qabanirratti Yihowaan akka isaan gaafatu beeku.—1 Xim. 5:8.

5. Warra keessaniif ajajamuun kan isin fayyadu akkamitti?

5 Seera warra keessaniitiif ajajamuun liqii baankiirraa fudhattan kaffaluu wajjin wal fakkaata; liqii isinirra jiru yeroo hundumaa amanamummaadhaan kan kaffaltan yoo taʼe, baankichi liqii dabalataa isinii kennuuf caalaatti fedhii qabaata. Haaluma wal fakkaatuun, warra keessan kabajuufi isaaniif ajajamuuf dirqamni isinirra jira. (Fakkeenya 1:8 dubbisi.) Caalaatti yommuu ajajamtan, warri keessan mirga dabalataa isinii kennuunsaanii hin oolu. (Luq. 16:10) Yeroo hundumaa seera kan cabsitan taanaan garuu, warri keessan ‘liqii isinii kennamu’ isin jalaa hirʼisuunsaanii ykn isin dhowwachuunsaanii isin dinqisiisuu hin qabu.

6. Warri, ijoolleensaanii akka ajajaman gargaaruu kan dandaʼan akkamitti?

6 Karaan warri ijoolleensaanii seera isaan baasaniif akka ajajaman itti gargaaran tokko fakkeenya taʼuudha. Warri wanta Yihowaan isaanirraa barbaaduuf fedhiidhaan ajajamuunsaanii, seerawwan Waaqayyootiif ajajamuun humna namaatii ol akka hin taane kan argisiisu taʼuu qaba. Kunis, ijoolleen seera warrasaaniitiif ajajamuun akka isaanitti salphatu godha. (1 Yoh. 5:3) Kana malees, Macaafni Qulqulluun, Yihowaan tajaajiltoonnisaa dhimmoota tokko tokkorratti yaadasaanii akka ibsan yeroon itti carraa isaanii kenne akka jiru ni dubbata. (Uma. 18:22-32; 1 Mot. 22:19-22) Warri, ijoolleensaanii dhimmoota tokko tokkorratti yaada akka kennan yeroon itti carraa isaanii kennuu dandaʼan jiraa laata?

7, 8. (a) Dargaggoota tokko tokko rakkoo akkamiitu isaan mudata? (b) Adabarraa faayidaa argachuuf maal hubachuutu isin gargaaruu dandaʼa?

7 Dargaggoonni, yaanni warrisaanii isaanii kennan sirrii akka hin taanes isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa. Yeroo tokko tokko akkuma Kireeg isa, “Haatikoo akkuma poolisii nama qoruu, yeroo hundaa dogoggora narraa funaanti” jedhee isinitti dhagaʼama taʼa.

8 Yeroo baayʼee adabniifi ceephoon waan wal qabatee dhufudha. Macaafni Qulqulluun yeroo guutummaatti sirrii taʼuttillee adaba fudhachuun ulfaataa akka taʼe ibsa. (Ibr. 12:11) Adaba isinii kennamurraa fayyadamuuf maaltu isin gargaaruu dandaʼa? Warri keessan gorsa kan isinii kennan jaalala isiniif qabaniin kakaʼanii taʼuunsaa wanta yaadatamuu qabudha. (Fak. 3:12) Amala gadhee akka hin qabaanne isin eeguufi amala gaarii akka horattan isin gargaaruu barbaadu. Warri keessan isin sirreessuu dhiisuunsaanii, isin jibbuu akka taʼe isaanitti dhagaʼama. (Fakkeenya 13:24 dubbisi.) Dogoggora hojjechuun, karaa itti barattan keessaa tokko akka taʼes hubadhaa. Kanaaf, yeroo sirreeffamni isinii kennamu wanta isinitti himamaa jiru sanarraa ogummaa argachuuf yaalaa. “Ogummaan meetii caalaa buʼaa qabdi, iji isheen godhattus kan warqee irra in wayya.”—Fak. 3:13, 14.

9. Dargaggoonni wanta dogoggora akka taʼe yaadanirratti xiinxaluu mannaa maal gochuu dandaʼu?

9 Haataʼu malee, warris dogoggora ni hojjetu. (Yaq. 3:2) Al tokko tokko yommuu isin adaban utuu itti hin yaadin dubbachuu dandaʼu. (Fak. 12:18) Warri keessan akkasitti akka dubbatan kan isaan godhu maal taʼuu dandaʼa? Dhiphina keessa waan jiraniif ykn dogoggora raawwachuun keessan dadhabinasaanii kan argisiisu akka taʼe waan isaanitti dhagaʼameef taʼuu dandaʼa. Yeroo hundaa wanti dogoggora akka taʼe isinitti dhagaʼamu akka isinirratti raawwatame yaaduu mannaa, isin gargaaruuf garaadhaa carraaquusaanii akka dinqisiifattan maaliif hin argisiistan? Adaba isinii kennamu fudhachuun keessan yommuu gaʼeessa taatan akka gaariitti isin gargaara.

10. Seeraafi sirreeffama warri keessan isinii kennan fudhachuufi hojiirra oolchuun caalaatti isinii salphachuu kan dandaʼu akkamitti?

10 Seeraafi sirreeffama warri keessan isinii kennan fudhachuu, akkasumas faayidaa irraa argachuu barbaadduu? Taanaan, ogummaa itti namootaa wajjin haasoftan fooyyessuun isin barbaachisa. Kana gochuu kan dandeessan akkamitti? Tarkaanfiin inni jalqabaa dhaggeeffachuudha. Macaafni Qulqulluun, “dhagaʼuutti ariifataa, dubbachuutti suuta jedhaa, dheekkamuuttis suuta jedhaa” akka taanu dubbata. (Yaq. 1:19) Balleessaa akka hin qabne ibsuuf ariifachuu mannaa, miira keessan toʼachuudhaan wanta warri keessan dubbatan dhaggeeffachuu yaalaa. Akkaataa itti dubbatamerratti utuu hin taʼan, wanta dubbatamerratti xiyyeeffadhaa. Achiis, balleessaa keessan amanuudhaan yaada warri keessan isinii kennan akka fudhattan haala argisiisuun isaanitti dubbadhaa. Kana gochuun keessan wanta isaan dubbatan akka dhageessan mirkanaaʼaa akka taʼan isaan godha. Wanta dubbattan ykn hojjettaniif ibsa kennuu yoo barbaaddanoo? Yeroo baayʼee, hamma wanta warri keessan akka gootan barbaadan raawwattanitti ‘arraba keessan eeggachuun’ barbaachisaadha. (Fak. 10:19) Warri keessan akka isaan dhaggeeffattan yoo hubatan, isaanis caalaatti isin dhaggeeffachuu barbaadu. Haala kanaan walitti dubbachuun keessan, Dubbii Waaqayyootiin geggeeffamaa akka jirtan mirkaneessa.

Yeroo Qarshiitti Fayyadamtanitti

11, 12. (a) Qarshii ilaalchisee Dubbiin Waaqayyoo maal akka goonu nu jajjabeessa? Maaliif? (b) Warrikee qarshii akka gaariitti qabuuf akkamitti si gargaaruu dandaʼu?

11 Macaafni Qulqulluun, ‘Horiin nama golga’ jedha. Haataʼu malee, caqasumti kun ogummaan horii caalaallee gati jabeessa akka taʼe argisiisa. (Lal. 7:12) Dubbiin Waaqayyoo qarshiidhaaf ilaalcha sirrii akka qabaannu malee qarshii akka jaallannu nu hin jajjabeessu. Qarshii jaallachuurraa fagaachuu kan qabdan maaliifi? Fakkeenya kana ilaalaa: Nama nyaata qopheessuutti beekumsa qabu tokkoof haaduun qara qabu miʼa faayidaa qabudha. Haataʼu malee, haaduudhumti kun nama of eeggataa hin taaneefi dantaa hin qabne harka yoo gale balaa cimaa geessisuu dandaʼa. Qarshiinis ogummaadhaan yoo qabame faayidaa argamsiisuu dandaʼa. Haataʼu malee, namoonni “sooromuu barbaadan” yeroo baayʼee, michooma warra kaanii wajjin qaban, walitti dhufeenya maatiisaanii wajjin qabaniifi Waaqayyoo wajjin qabanillee balaadhaaf saaxilu. Kanaan kan kaʼes, “waraansa baayʼeedhaan” of waraanu.—1 Ximotewos 6:9, 10 dubbisi.

12 Qarshiitti ogummaadhaan fayyadamuu barachuu kan dandeessan akkamitti? Qarshii keessan akkamitti baasuu akka dandeessan warra keessan gorsa maaliif hin gaafattan? Solomoon, “Namni ogeessi in dhaggeeffata, barumsas in dabalata, namni dubbii gargar baasuu beekus mala in argata” jechuudhaan barreesseera. (Fak. 1:5) Shamarreen Aanaa jedhamtu tokko qajeelfama ogummaarratti hundaaʼe akka isheedhaa kennan warrashee gaafatte. “Abbaankoo akkamitti akkan bajata baafadhu na barsiiseera, qarshiikoo akkamitti itti fayyadamuu akkan qabus natti argisiiseera” jetteetti. Haati Aanaas gama kanaan barumsa ishee fayyaduu dandaʼu ishee barsiisteetti. Aanaan, “Haatikoo wanta tokko bituu dura bakka addaddaa dhaqanii gatiisaa gaafachuun faayidaa akka qabu na barsiisteetti” jetteetti. Kun Aanaa kan fayyade akkamitti? Akkas jechuudhaan dubbatteetti: “Amma qarshiikoo akka gaariitti qabuu nan dandaʼa. Qarshiikoo of eeggannoodhaan waanan baasuuf, jeequmsa liqii hin barbaachisne keessa galuudhaan dhufurraa walaba taʼeera, nagaa sammuus argadheera.”

13. Qarshii baasuu wajjin haala wal qabateen of qabuu kan dandeessu akkamitti?

13 Miʼa kan bittu waanuma ijikee argeef ykn hiriyootakee ajaaʼibsiisuuf jettee qofa yoo taʼe, utuma hin turin liqii keessa galuu dandeessa. Kiyyoowwan kanarraa fagaachuuf maaltu si gargaaruu dandaʼa? Qarshii baasuu wajjin haala wal qabateen of qabuu barachuu qabda. Eelenaan isheen jalqaba umrii 20manii keessa jirtu akkas gooteetti. Akkas jette: “Yommuun hiriyootakoo wajjin waa bituu deemu, hammam akkan baasu dursee karoorfachuudhaanan murteessa. . . . Kana malees, yommuun waa bituu dhaqu, hiriyootakoo warra qarshiisaanii of eeggannoodhaan baasaniifi waanuman dura arge bituu mannaa, bakka addaddaa dhaqee akkan ilaalu na jajjabeessan qofa wajjinan deema.”

14. ‘Gowwoomsaa soorumaarraa’ of eeggachuu kan qabdan maaliifi?

14 Qarshii argachuufi qarshii akka gaariitti qabuun kutaa jireenyaa isa guddaadha. Haataʼu malee, Yesus gammachuu dhugaa kan argatan warra ‘karaa hafuuraa hiyyeessota’ taʼuusaanii beekan akka taʼan dubbateera. (Mat. 5:3) Yesus fedhiin namni tokko dhimmoota hafuuraatiif qabu ‘gowwoomsaa soorumaatiin’ hudhamuu akka dandaʼu akeekkachiiseera. (Mar. 4:19) Kanaaf, Dubbiin Waaqayyoo akka isin geggeessu heyyamuufi qarshiidhaaf ilaalcha sirrii qabaachuun keessan baayʼee barbaachisaadha.

Yeroo Kophaa Taatanitti

15. Amanamummaan Waaqayyoof qabdan caalaatti kan qoramu yoom taʼuu dandaʼa?

15 Amanamummaan Waaqayyoof qabdan caalaatti kan qoramu, yommuu kophaa taatanimoo yommuu namootaa wajjin taatan isinitti fakkaata? Yommuu mana barumsaa ykn bakka hojii jirtan, karaa hafuuraa of eeggannoo guddaa akka gootan beekamaadha. Balaa hafuuraa gaʼuu dandaʼu dammaqinaan eeggattu. Ejjennoon keessan caalaatti balaadhaaf kan saaxilamu, yommuu of eeggannoo keessan laaffistanittidha.

16. Yommuu kophaa taatanittillee Yihowaadhaaf abboomamuu kan qabdan maaliifi?

16 Yommuu kophaa taatanittillee Yihowaadhaaf abboomamuu barbaaduu kan qabdan maaliifi? Yihowaa gaddisiisuu ykn gammachiisu akka dandeessa yaadadhaa. (Uma. 6:5, 6; Fak. 27:11) Yihowaan, “isiniif waan yaaduuf” gocha keessanitti gammaduu ykn gadduu dandaʼa. (1 Phe. 5:7) Isa dhaggeeffachuudhaan faayidaa akka argattan barbaada. (Isa. 48:17, 18) Israaʼeloonni tajaajiltoota Yihowaa turan tokko tokko gorsasaa tuffachuunsaaii isa aarsee ture. (Far. 78:40, 41) Karaa garabiraammoo, Yihowaan Daaniʼel Raajicha baayʼee waan jaallateef, ergamaan tokko “Nama guddaa jaallatamaa” jedhee isa waameera. (Dan. 10:11) Maaliif? Daaniʼel namoota duratti qofa utuu hin taʼin, yommuu kophaasaa taʼuttis amanamaa waan tureefidha.—Daaniʼel 6:10 dubbisi.

17. Bohaartii filattan ilaalchisee gaaffiiwwan akkamii of gaafachuu dandeessu?

17 Yommuu kophaa taatanitti Waaqayyoof amanamoo taʼuuf, ‘sammuun keessan hamaafi gaarii gargar baasuu akka dandaʼu,’ akkasumas wanta sirrii taʼuusaa barattan hojiirra oolchuudhaan dandeettiin kun ‘hojiidhaan akka itti baru’ leenjisaa. (Ibr. 5:14) Fakkeenyaaf, yommuu muuziqaa dhaggeeffattan, fiilmii ilaaltan ykn Intarneetii itti fayyadamtan filattan, gaaffiiwwan armaan gadii of gaafachuun keessan wanta sirrii taʼe filachuufi wanta dogoggora taʼerraa fagaachuuf isin gargaara. Akkas jedhaa of gaafadhaa: ‘Wanti kun gara laafessa akkan taʼumoo, “badiisa namaatti akkan gammadu” na godha?’ (Fak. 17:5) ‘“Wanta gaarii akkan jaalladhu” na gargaaramoo, “wanta hamaa jibbuun” ulfaataa akka natti taʼu godha?’ (Amo. 5:15) Wanti yommuu kophaa taatan hojjettan, wanti isin dhugumaan iddoo guddaa kennitaniif maal akka taʼe argisiisa.—Luq. 6:45.

18. Gocha dogoggoraa dhoksaadhaan kan raawwattan yoo taʼe maal gochuu qabdu? Maaliif?

18 Gocha dogoggora akka taʼe beektan dhoksaatti raawwachaa kan jirtan yoo taʼe maal gochuu qabdu? Yaada “namni irra-daddarbaa isaa dhokfatu, hin hiiqu; namni irra-daddarbaa isaa himatu, kan dhiisus garuu araara in argata” jedhu yaadadhaa. (Fak. 28:13) Wanta dogoggora taʼe raawwachuu itti fufuuniifi ‘hafuura Waaqayyoo gaddisiisuun’ gowwummaa guddaadha mitiiree? (Efe. 4:30) Waaqayyoof, warra keessaniifi ofii keessaniif jettanii dogoggora hojjettan kamiyyuu himuu qabdu. Gama kanaan, ‘jaarsoliin waldaa Kiristiyaanaa’ gargaarsa guddaa isinii gochuu dandaʼu. Yaaqoob bartichi, “Isaan immoo maqaa gooftaatiin dibata dibanii kadhata haa godhaniif. Kadhanni amantiidhaan godhamu kun, isa dhukkubsataa in fayyisa; gooftaan isa in kaasa, cubbuu hojjeteera yoo taʼes in dhiisaaf” jedheera. (Yaq. 5:14, 15) Kana gochuun, hamma tokko nama qaanessuufi tariimmoo miidhaa namarraan gaʼuu akka dandaʼu beekamaadha. Haataʼu malee, ija jabinaan gargaarsa yoo gaafattan, rakkina dabalataa ofitti fiduurraa of oolchitu; akkasumas boqonnaa yaada garaa nama hin ceephaane qabaachuudhaan argamu argattu.—Far. 32:1-5.

Garaa Yihowaa Gammachiisaa

19, 20. Yihowaan maal akka argattan barbaada? Isinoo maal gochuu qabdu?

19 Yihowaan “Waaqa gammadaadha,” isinis gammachuu akka qabaattan barbaada. (1 Xim. 1:11, NW) Yihowaan baayʼee isiniif yaada. Carraaqqii cimaa wanta sirrii taʼe raawwachuuf gootan namni tokkoyyuu kan hin hubanne yoo taʼellee, Yihowaan ni hubata. Wanti ija Yihowaa jalaa dhokatu tokkollee hin jiru. Yihowaan, dogoggora argachuuf utuu hin taʼin, carraaqqii wanta gaarii hojjechuuf gootanirratti isin gargaaruuf isin ilaala. “Waaqayyo guutummaa biyya lafaa in ilaala, warra garaa isaanii guutuu isa amanatan in gargaara.”—2 Sen. 16:9.

20 Kanaaf, Dubbiin Waaqayyoo akka isin geggeessu heyyamaa; gorsasaas hojiirra oolchaa. Taanaan, ogummaafi hubannaa rakkina gurguddaa moʼuuf, akkasumas jireenya keessan keessatti filannaa gurguddaa gochuuf isin gargaaru argattu. Warra keessaniifi Yihowaa gammachiisuu qofa utuu hin taʼin, ofii keessaniifis jireenya gammachuu dhugaa qabu jiraattu.

[Miiljaleewwan]

^ key. 4 Maqaawwan jijjiiramaniiru.

Maal Jettee Deebista?

• Dargaggoonni seeraafi sirreeffama warrisaanii isaanii kennan fudhachuufi faayidaa irraa argachuu kan dandaʼan akkamitti?

• Qarshiidhaaf ilaalcha sirrii qabaachuun baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

• Yommuu kophaa taatanittillee Yihowaadhaaf amanamoo taʼuu kan dandeessan akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 6rra jiru]

Yommuu kophaakee taatu Yihowaadhaaf amanamaa ni taataa?