Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yihowaan, Gooftaa Hundumaa Gararraa Jirudha!

Yihowaan, Gooftaa Hundumaa Gararraa Jirudha!

Yihowaan, Gooftaa Hundumaa Gararraa Jirudha!

“Waaqayyo inni hundumaa gararraa jiru . . . guutummaa biyya lafaa irratti mootii guddaa dha.”—FAR. 47:2.

1. Jechoonni Phaawulos 1 Qorontos 7:31⁠rra jiran maal kan argisiisan taʼuu dandaʼu?

PHAAWULOS ERGAMAAN, “Doʼiin biyya lafaa kanaa jijjiiramaa jira” jechuudhaan barreesseera. (1 Qor. 7:31, NW) Phaawulos yommuu akkas jedhu biyya lafaa, waltajjii, taatonni diraamaa hojjetan hamma doʼichi jijjiiramutti nama gaarii ykn gadhee taʼanii irratti hirmaatanitti fakkeessuusaa taʼuu dandaʼa.

2, 3. (a) Mormiin olaantummaa Yihowaarratti kaʼe maalii wajjin wal bira qabamee ibsamuu dandaʼa? (b) Gaaffiiwwan kamirratti mariʼanna?

2 Yeroo harʼaatti, diraamaan bakka guddaa qabu raawwatamaa kan jiru siʼa taʼu, diraamaan kun siinis kan dabalatudha! Diraamaan kun, keessumaa olaantummaan Yihowaa mirkaneeffamuusaa wajjin kan wal qabatedha. Diraamaa kana haala biyya tokko keessa jiraachuu dandaʼuun ibsuun ni dandaʼama. Karaa tokkoon, mootummaan karaa sirrii taʼeen hundeeffameefi seera eegsisu jira. Karaa biraammoo, dhaabbanni yakkamaan gowwoomsaa, hammeenyaafi ajjeechaadhaan bulchu jira. Dhaabbanni seeraan ala taʼe kun bulchiinsa olaanaa taʼe sanaaf gufuu taʼuusaarrayyuu, amanamummaa lammiiwwan hundi mootummaasaaniitiif qaban kan qorudha.

3 Haalli kanaa wajjin wal fakkaatu uumama cufa keessatti raawwatamaa jira. Mootummaan ‘Yihowaa isa Gooftaa Hundaa Olii’ taʼeefi seeraan hundeeffame jira. (Far. 71:5, NW) Yeroo ammaatti garuu, ilmaan namootaa dhaabata yakkamaa geggeessaansaa “isa hamaa” taʼeen doorsifamu. (1 Yoh. 5:19) Dhaabbanni kun bulchiinsa Waaqayyoo isa karaa sirrii taʼeen hundeeffame kan mormu taʼuusaarrayyuu, amanamummaa namoota olaantummaa Waaqayyoo deggeran hundaa qoraa jira. Haalli kun akka uumamu kan godhe maalidha? Waaqayyo kana kan heyyame maaliifi? Gama kanaan dhuunfaa keenyatti maal gochuu dandeenya?

Dhimmawwan Diraamichaa Wajjin Wal Qabatan

4. Diraamaan uumama cufa keessatti raawwatamaa jiru dhimmawwan wal qabatan lamaan kam kan dabalatudha?

4 Diraamaan uumama cufa keessatti raawwatamaa jiru kun, dhimmawwan wal qabatan lama jechuunis olaantummaa Yihowaafi amanamummaa ilmaan namootaa kan of keessaa qabudha. Yihowaan Caaffata Qulqullaaʼoo keessatti ‘isa Hundumaa Gararraa Jiru’ jedhamee waamameera. Fakkeenyaaf faarfatichi, “Waaqayyo inni hundumaa gararraa jiru . . . guutummaa biyya lafaa irratti mootii guddaa dha” jechuudhaan faarfateera. (Far. 47:2) Yihowaan, Isa Hundumaa Gararraa Jiru akka taʼe amanuuf sababii gaʼaa qabna.—Dan. 7:22.

5. Olaantummaa Yihowaa deggeruuf kakaʼuu kan qabnu maaliifi?

5 Yihowaan Uumaa waan taʼeef, lafarrattis taʼe guutummaa uumama cufaarratti olaantummaa qaba. (Mulʼata 4:11 dubbisi.) Yihowaan Abbaa Firdii keenya, seera kan nuuf kennuufi Mootii keenyadha. (Isa. 33:22) Jireenya kan arganne Waaqayyorraa waan taʼeefi jireenyi keenya isarratti kan hundaaʼe waan taʼeef, akka isa Hundumaa Gararraa Jirutti isa ilaaluu qabna. Yeroo hundumaa yaada, “Waaqayyo teessoo isaa bantiiwwan waaqaa keessa dhaabbateera, mootummaan isaas waan hundumaa irratti gooftummaa qaba” jedhu kan yaadannu yoo taʼe, aangoo guddaa inni qabu deggeruuf kakaana.—Far. 103:19; HoE. 4:24.

6. Amanamummaa jechuun maal jechuudha?

6 Olaantummaa Yihowaa deggeruuf, isaaf amanamoo taanee jiraachuu qabna. “Amanamummaa” jechuun, amala mudaa hin qabne qabaachuu ykn guutuu taʼuu jechuudha. Namni amanamaan balleessaa kan hin qabneefi qajeelaadha. Iyoob inni abbaa amantii taʼe nama akkasii ture.—Iyo. 1:1.

Diraamichi Kan Jalqabe Akkamitti?

7, 8. Seexanni olaantummaan Yihowaa sirrii taʼuusaarratti mormii kan kaase akkamitti?

7 Gara waggoota 6,000 dura qaamni hafuuraa tokko olaantummaan Yihowaa sirrii taʼuusaarratti mormii kaasee ture. Qaamni hamaan kun, wanta sirrii hin taane akka dubbatuufi gocha gadhee akka raawwatu kan isa kakaase fedhii ofittummaa waaqeffatamuuf qabu ture. Haadha manaafi abbaa manaa jalqabaa kan taʼan Addaamiifi Hewwaaniin gowwoomsee, olaantummaa Waaqayyoo akka ganan kan godhe siʼa taʼu, Yihowaan akka sobe dubbachuudhaan maqaasaa xureessuuf yaalii godheera. (Uumama 3:1-5 dubbisi.) Qaamni hamaan kun, Diina isa guddaa, Seexana (Mormituu), Diiyaabilos (Maqaa Balleessituu), bofa (gowwoomsituu), akkasumas jawwee (liqimsituu) taʼeera.—Mul. 12:9.

8 Seexanni Waaqayyoon morkachuudhaan bulchaa of godheera. Yihowaan inni Hundumaa Gararraa Jiru, mormii isarra gaʼe kana ilaalchisee tarkaanfii maalii fudhata laata? Warra balleessaa raawwatan sadan, jechuunis Seexana, Addaamiifi Hewwaaniin yeruma sana ni balleessaa? Akkas gochuuf humna kan qabu taʼuusaarrayyuu, tarkaanfii kana utuu fudhatee gaaffii humna guddaa kan qabu eenyu? jedhuuf deebii kennuu dandaʼa ture. Akkasumas, Yihowaan wanta nama seerasaa cabsu akka adabu dubbate akka raawwatu mirkaneessuu dandaʼa ture. Waaqayyo tarkaanfii akkasii kan hin fudhanne maaliifiree?

9. Seexanni maalirratti gaaffii kaaseera?

9 Seexanni sobuudhaan, akkasumas Addaamiifi Hewwaan Waaqayyoon akka ganan gochuudhaan, mirga Yihowaan ilmaan namootaa isaaf akka abboomaman isaanirraa eeguuf qaburratti gaaffii kaasee ture. Kana malees, haati manaafi abbaan manaa jalqabaa Waaqayyoof akka hin abboomamne sossobuudhaan, amanamummaa ergamootaafi ilmaan namootaa hundumaarratti gaaffii kaaseera. Akkuma haala Iyoob isa olaantummaa Yihowaatiif amanamaa turerratti mulʼate, Seexanni ilmaan namootaa hunda Waaqayyoorraa fageessuu akka dandaʼu dubbateera.—Iyo. 2:1-5.

10. Waaqayyo yeroo olaantummaasaa itti mirkaneessu yeroo kan biraatti dabarsuudhaan maal heyyameera?

10 Yihowaan yeroo olaantummaasaa itti mirkaneessu yeroo kan biraatti dabarsuudhaan, Seexanni wanti inni dubbate dhugaa taʼuuf dhiisuusaa akka mirkaneessu yeroo isaaf heyyameera. Akkasumas, Waaqayyo ilmaan namootaa olaantummaasaatiif amanamoo taʼuusaanii akka argisiisaniif carraa kenneera. Jaarraawwan darbanitti maaltu raawwatameree? Seexanni dhaabbata yakkamaa humna guddaa qabu hundeesseera. Yihowaan dhumarratti dhaabata kanas taʼe Diiyaabilosiin balleessuudhaan, olaantummaansaa sirrii taʼuusaa mirkaneessa. Yihowaan yeroo Eeden keessatti hammeenyi raawwatame raajii dubbachuunsaa, wanti hundumtuu karaa inni barbaaduun akka raawwatamu mirkanaaʼaa taʼuusaa kan argisiisudha.—Uma. 3:15.

11. Namoonni hedduun olaantummaa Yihowaa wajjin haala wal qabateen maal godhaniiru?

11 Namoonni hedduun olaantummaa Yihowaafi maqaansaa qulqulleeffamuusaa wajjin haala wal qabateen, amantii argisiisaniiru; akkasumas amanamoo taʼanii jiraataniiru. Isaanis Abeel, Henok, Nohi, Abrahaam, Saaraa, Musee, Ruut, Daawit, Yesus, bartoota Kiristos jaarraa jalqabaa, namoota amanamoo miliyoonaan lakkaaʼamaniifi yeroo harʼaa jiran kan dabalatanidha. Namoonni amanamummaasaanii eegan kun, Seexanni sobduu taʼuusaa mirkaneessuufi arrabsoo Diiyaabilos ilmaan namootaa hundi akka Yihowaa ganan gochuu nan dandaʼa jechuudhaan maqaa Waaqayyoorra tuule qulqulleessuurratti gaʼee qabu.—Fak. 27:11.

Xumurri Diraamichaa Beekamaadha

12. Waaqayyo barabaraaf hammeenya akka hin heyyamne mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu akkamitti?

12 Yihowaan yeroo dhihootti olaantummaasaa akka beeksisu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Hammeenyi barabaraaf akka itti fufu hin heyyamu; guyyoota gara dhumaa keessa akka jiraannus beekna. Yihowaan yeroo Bishaan Badiisaa gaʼetti namoota hamoo taʼanirratti tarkaanfii fudhateera. Sodoomiifi Gomoraa, akkasumas Faraʼooniifi loltootasaa balleesseera. Siisaaraafi loltoonnisaa, akkasumas Senaaheriibiifi loltoonnisaa warri Asor, Isa Hundumaa Gararraa Jiru moʼuu hin dandeenye. (Uma. 7:1, 23; 19:24, 25; Bau. 14:30, 31; Abo. 4:15, 16; 2 Mot. 19:35, 36) Kanaaf, Yihowaan warra maqaasaa salphisaniifi Dhugaa Baatotasaa miidhan hundumaa barabaraaf akka hin obsine mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Kana malees, yeroo ammaatti milikkita Yesus argamuusaafi dhuma sirna hamaa kanaa keessa akka jirru mirkaneessu argaa jirra.—Mat. 24:3, NW.

13. Diinota Yihowaa wajjin balleeffamuurraa ooluu kan dandeenyu akkamitti?

13 Warra diinota Waaqayyoo taʼanii wajjin akka hin balleeffamneef, olaantummaa Yihowaa amanamummaadhaan deggeruu qabna. Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti? Bulchiinsa Seexanaa isa yakkamaa taʼerraa addaan baʼuufi doorsisa bakka buʼoonnisaa godhan sodaachuu dhiisuudhaan kana gochuu dandeenya. (Isa. 52:11; Yoh. 17:16; HoE. 5:29) Olaantummaan Abbaa keenya isa samii deggeruu, akkasumas yeroo Yihowaan maqaasaa arrabsoorraa qulqulleessuufi Uumama Cufarratti Hundumaa Gararraa taʼuusaa mirkaneessutti badiisarraa ooluuf abdii kan qabaannu yoo akkas goone qofadha.

14. Wantoonni kutaawwan Macaafa Qulqulluu garaagaraa keessatti ibsaman maalidha?

14 Waaʼeen ilmaan namootaafi olaantummaa Yihowaa guutummaa Macaafa Qulqulluu keessatti balʼinaan ibsameera. Boqonnaawwan Macaafa Qulqulluu jalqabaa sadan waaʼee uumamaafi namni cubbuutti kufuusaa kan ibsan yeroo taʼu, boqonnaawwan dhumaa sadanimmoo haalli ilmaan namootaa akka yeroo jalqaba tureetti gaarii akka taʼu ibsu. Kutaawwan Macaafa Qulqulluu kanneen gidduu jiran, Yihowaa Inni Hundumaa Gararraa Jiru kaayyoo ilmaan namootaatiif, lafaafi uumama cufaaf qabu raawwachuuf tarkaanfiiwwan akkamii akka fudhate balʼinaan kan ibsanidha. Seerri Uumamaa, Seexanniifi hammeenyi gara biyya lafaatti kan dhufan akkamitti akka taʼe kan ibsu siʼa taʼu, kutaan Macaafa Mulʼataa inni xumuraammoo, hammeenyiifi Diiyaabilos akkamitti akka balleeffaman, akkasumas fedhiin Waaqayyoo inni samiirratti taʼe lafarratti akkamitti akka taʼu ibsa. Macaafni Qulqulluun maddi cubbuufi duʼaa maal akka taʼe kan ibsu taʼuusaarrayyuu, akkamitti lafarraa akka balleeffamu akkasumas gammachuu guddaafi jireenya barabaraa namoonni amanamummaasaanii eegan argataniin akkamitti akka bakka buufamu ibsa.

15. Yeroo diraamaan inni olaantummaa dabalatu xumuramutti, dhuunfaatti faayidaa argachuuf maal gochuu qabna?

15 Doʼiin biyya lafaa kanaa yeroo dhihoo keessatti guutummaatti ni jijjiirama. Golgaan diraamicha olaantummaa dabalatuufi waggoottan dhibbaan lakkaaʼamaniif raawwatamaa turee ni cufama. Seexanni deebiʼee kan hin bulchine waan taʼeefi yeroo boodammoo waan balleeffamuuf, waltajjiirraa ni dhabamsiifama; fedhiin Waaqayyoos guutummaatti ni raawwatama. Haataʼu malee, kanarraa fayyadamuufi eebbawwan hedduu Dubbii Waaqayyoo keessatti raajiidhaan dubbataman argachuuf, ammumaa olaantummaa Yihowaa deggeruuf tarkaanfii fudhachuu qabna. Miilla lama qabaataniif muka lama hin yaaban akkuma jedhan, ‘Waaqayyo gara kooti’ jechuu akka dandeenyuuf, garasaa taʼuu qabna.—Far. 118:6, 7.

Amanamoo Taanee Jiraachuu Ni Dandeenya!

16. Namoonni Waaqayyoof amanamoo taʼuu ni dandaʼu jennee afaan guunnee dubbachuu kan dandeenyu maaliifi?

16 Phaawulos ergamaan akkas jedhee waan barreesseef, olaantummaa Yihowaa deggeruufi amanamummaa keenya eegnee jiraachuu dandeenya: “Qoramni namatti dhufee hin beekne isinitti hin dhufne. Waaqayyo amanamaa waan taʼeefis, humna keessan gararraatti akka isin qoramtaniif isin hin dhiisu, garuu qorama sana keessatti akka isin dandeessan in godha, karaa isin keessaa baatanis isiniif in kenna.” (1 Qor. 10:13) Maddi qorumsa Phaawulos caqasee maalidha? Waaqayyo karaa qorumsa kana keessaa itti baanu kan nuuf kennu akkamitti?

17-19. (a) Israaʼeloonni lafa onaa keessa utuu jiranii qoramsa akkamiitiif moʼamanii turan? (b) Yihowaadhaaf amanamoo taanee jiraachuu ni dandeenya kan jennu maaliifi?

17 Akkuma wanti Israaʼeloonni yeroo lafa onaa keessa turanitti isaanirra gaʼe ibsutti, ‘qorumsi’ karaa haalawwan seera Waaqayyoo akka cabsinu nu kakaasuu dandaʼanii dhufa. (1 Qorontos 10:6-10 dubbisi.) Israaʼeloonni qorumsa moʼuu kan dandaʼan taʼanis, yommuu Yihowaan dinqiidhaan dimbiriqqee jiʼa tokkoof isaan gaʼu isaaniif kennetti “waan hamaa” hawwan. Israaʼeloonni yeroo muraasaaf foon kan hin nyaanne taʼanis, Waaqayyo maannaa isaan gaʼu kenneefii ture. Haataʼu malee, yeroo dimbiriqqee funaannatan garmalee sassatuudhaan qorumsaaf moʼaman.—Lak. 11:19, 20, 31-35.

18 Kun taʼuusaa dura, yeroo Museen Seericha fiduuf Tulluu Siinaarra baʼetti, Israaʼeloonni waaqeffannaa dibichaa geggeessaafi foonsaanii gammachiisaa turan; kanaan kan kaʼes waaqayyolii tolfamoo kan waaqeffatan taʼaniiru. Museen inni geggeessaanii ture isaan bira waan hin jirreef, gocha toʼannaadhaa ala taʼe raawwachuuf qoraman. (Bau. 32:1, 6) Yeroo Biyyattii Abdachiifamtetti galuuf jedhanitti, dhiironni Israaʼelootaa kumaan lakkaaʼaman dubartoota Moʼaabiin sossobamanii saalqunnamtii seeraan ala taʼe raawwatan. Yeroo sanatti, cubbuu raawwataniin kan kaʼe Israaʼeloonni kumaan lakkaaʼaman dhumaniiru. (Lak. 25:1, 9) Israaʼeloonni yeroon hamminaan kakaʼanii guungumuuf itti qoraman jira ture; yeroo tokko Museefi Waaqayyorrattillee guungumanii turan. (Lak. 21:5) Israaʼeloonni, yeroo Qoraahi, Daataan, Abiiramiifi warri isaan deggeran kaan ajjeefamanittillee, namoonni balleessaa raawwatan kun ajjeefamuunsaanii sirrii miti jedhanii dogoggoraan yaaduudhaan guungumaniiru. Kanaan kan kaʼes, Israaʼeloonni 14,700 taʼan dhaʼicha Waaqayyo biraa dhufeen dhumaniiru.—Lak. 16:41, 49.

19 Qorumsawwan olitti caqasaman keessaa tokkoonsaaniiyyuu, humna Israaʼelootaatii ol hin turre. Qorumsaaf harka kan kennan amantii waan dhabaniif, akkasumas Yihowaa, kunuunsa inni isaaniif godheefi karaansaa qajeelaa taʼuusaa waan irraanfataniif ture. Haala Israaʼelootaarratti akka mulʼatetti, qorumsawwan nu mudatan waanuma namoota hundumaa mudatanidha. Qorumsawwan kana moʼuuf carraaqqii barbaachisaa taʼe kan goonuufi Waaqayyo akka nu gargaaru isatti kan amanamnu taanaan, amanamummaa keenya eegnee jiraachuu ni dandeenya. “Waaqayyo amanamaa waan taʼeef,” akkasumas ‘humna keenya gararraatti akka qoramnu’ waan hin heyyamneef, amanamummaa keenya eeguu akka dandeenyu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Yihowaan, haalawwan humna keenyaa ol taʼan keessa gallee fedhasaa raawwachuu hanga hin dandeenyetti akka qoramnu matumaa nu hin dhiisu.—Far. 94:14.

20, 21. Yeroo qoramnu Waaqayyo ‘karaa itti keessaa baanu’ kan nuuf qopheessu akkamitti?

20 Yihowaan qorumsa akka moonu humna nuu kennuudhaan, ‘karaa itti keessaa baanu’ nuu qopheessa. Fakkeenyaaf, namoonni nu ariʼatan amantii keenya nu gansiisuuf nu reebu taʼa. Kunis, reebichaafi gidiraa dabalataa ykn duʼa jalaa ooluuf amantii keenya laaffisuuf akka qoramnu nu gochuu dandaʼa. Haataʼu malee, yaada Phaawulos geggeessaa hafuura qulqulluutiin kakaʼee 1 Qorontos 10:13⁠rratti nuu mirkaneesserratti hundaaʼuudhaan, haalli qorumsa nurraan geessisu yeroof qofa kan turu akka taʼe beekna. Yihowaan hamma isaaf amanamoo taʼuu hin dandeenyetti qorumsi akka nurra gaʼu hin heyyamu. Waaqayyo amanamummaa keenya eegnee jiraachuu akka dandeenyutti, amantii keenya nuu cimsa; akkasumas jabina hafuuraa nu barbaachisu nuu kenna.

21 Yihowaan hafuura qulqulluusaatti fayyadamee nu gargaara. Hafuurri kunimmoo, yaadawwan Caaffata Qulqullaaʼoo qorumsa moʼuuf nu gargaaran nu yaadachiisa. (Yoh. 14:26) Kanaaf, karaa dogoggoraa hordofuuf hin gowwoomfamnu. Fakkeenyaaf, dhimmawwan wal qabatan lama jechuunis waaʼee olaantummaa Yihowaafi amanamummaa ilmaan namootaa hubanneerra. Namoonni hedduun kana beekuusaaniitiin, gargaarsa Waaqayyootiin hamma duʼaatti amanamoo taʼaniiru. Qorama keessaa akka baʼan kan godhe duʼa miti; kanaa mannaa, gargaarsa Yihowaa isa utuu qorumsaaf harka hin kennin hamma dhumaatti jabaatanii akka dhaabatan isaan godhedha. Yihowaan nuunis nu gargaaruu dandaʼa. Nu gargaaruuf ergamoota amanamoo, “warra fayyina argachuuf jiraniif hojjechuudhaaf ergaman” ni fayyadama. (Ibr. 1:14) Akkuma matadureen ittaanu ibsutti, barabaraaf olaantummaa Waaqayyoo deggeruuf mirga guddaa argachuuf abdachuu kan dandaʼan namoota amanamummaasaanii eeganii jiraatan qofadha. Yihowaa, isa Hundumaa Gararraa Jirutti maxxannee yoo jiraanne namoota kana keessaa tokko taʼuu dandeenya.

Maal Jettee Deebista?

• Yihowaan isa Hundumaa Gararraa Jiru akka taʼe amanuu kan qabnu maaliifi?

• Waaqayyoof amanamoo taʼanii jiraachuu jechuun maal jechuudha?

• Yeroo dhihootti Yihowaan olaantummaasaa akka mirkaneessu akkamitti beekuu dandeenya?

• Yaada 1 Qorontos 10:13⁠rra jiru wajjin haala walsimuun, amanamummaa keenya eegnee jiraachuu dandeenya kan jennu maaliifi?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 24rra jiru]

Seexanni, Yihowaa akka ganan gochuuf Addaamiif Hewwaaniin sossobeera

[Fakkii fuula 26rra jiru]

Olaantummaa Yihowaa deggeruuf murtoo godhi