Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Waaqeffannaa Dhugaadhaaf Kan Hinaaftan Taʼaa

Waaqeffannaa Dhugaadhaaf Kan Hinaaftan Taʼaa

Waaqeffannaa Dhugaadhaaf Kan Hinaaftan Taʼaa

“Midhaan sassaabamu baayʼee dha, hojjetoonni sassaaban garuu muraasa.”—MAT. 9:37.

1. Ariifannaan akkamitti ibsamuu dandaʼa?

GUYYAAN murtaaʼe tokko utuu hin darbin dookumeentiin namni tokko isinii ilaaluu qabu jira haa jennu. Yeroo kanatti maal gootu? “ARIIFACHIISAA!” jettanii irratti barreessitu. Beellama cimaa tokkorratti argamuuf adeemaa kan jirtan taʼus isinitti barfateera. Yeroo kanatti maal gootu? Konkolaachisaa keessaniin, “Adaraa dafii adeemi; dhimma ARIIFACHIISAA tokkon qaba!” jettu. Eeyyee, wanta tokko daftanii raawwachuu utuu qabdanii yeroon isin jalaa dhumaa kan jiru yoo taʼe, ni dhiphattu, akkasumas ni jeeqamtu. Dhangalaʼaan qaama keessanii adireenaaliin jedhamu madduu kan jalqabu siʼa taʼu, hamma isinii dandaʼame hatattamaan jabaattanii hojjettu. Ariifachuu jechuun kanadha!

2. Hojiin baayʼee ariifachiisaa taʼeefi Kiristiyaanonni dhugaa yeroo harʼaa hojjechuu qaban maalidha?

2 Kiristiyaanota dhugaa yeroo harʼaa jiraniif, misiraachoo Mootummichaa lallabuufi saba hundumaa bartoota gochuu caalaa wanti ariifachiisaa taʼe hin jiru. (Mat. 24:14; 28:19, 20) Maarqos bartichi wanta Yesus dubbate caqasuudhaan, hojiin kun “duraan dursee,” jechuunis dhumni dhufuusaa dura hojjetamuu akka qabu barreesseera. (Mar. 13:10) Kun taʼuunsaas sirriidha. Yesus, “Midhaan sassaabamu baayʼee dha, hojjetoonni sassaaban garuu muraasa” jedheera. Yeroon midhaan itti sassaabamu geenyaan, utuu yeroonsaa hin darbin sassaabamuu qaba.—Mat. 9:37.

3. Obboloonni baayʼeen hojii misiraachoo lallabuu isa ariifachiisaa taʼerratti hirmaachaa kan jiran akkamitti?

3 Nuuf hojiin lallabaa baayʼee barbaachisaa waan taʼeef, hojii kanaaf hamma nuu dandaʼame yeroo, humnaafi xiyyeeffannaa kennuun keenya barbaachisaadha. Obboloonni baayʼeen kana gochaa kan jiran taʼuunsaanii kan isaan galateeffachiisudha. Obboloonni tokko tokko tajaajila yeroo guutuu kan akka qajeelchaa ykn misiyoonii taʼuu ykn Betʼelitti tajaajiluu jiranirratti hirmaachuuf haalasaanii mijeessaniiru. Obboloonni kun yeroo hunda hojiidhaan kan qabamanidha. Aarsaa baayʼee kan kaffalan taʼuusaaniirrayyuu, haalawwan rakkisaa taʼan hedduun isaan mudatu. Taʼus, Yihowaan baayʼee isaan eebbiseera. Nuyis eebba argachuusaaniitti ni gammanna. (Luqaas 18:28-30 dubbisi.) Obboloonni kaanimmoo, labsitoota yeroo guutu taʼuu kan hin dandeenye taʼanis, hojii lubbuu baraarsaa isa ijoolleen keenya akka fayyan gargaaruu dabalatu kanarratti hamma dandaʼan yeroo baayʼee dabarsu.—Kes. 6:6, 7.

4. Namoonni tokko tokko miira ariifannaasaanii kan dhaban maaliif taʼuu dandaʼa?

4 Akkuma olitti ilaalle yeroo baayʼee miirri ariifannaa, yeroo murtaaʼeefi guyyaa xumuraa waan tokko itti raawwatamuu qabuu wajjin kan wal qabatedha. Kan jiraannu guyyoota gara dhumaa keessa siʼa taʼu, kun dhugaa taʼuusaa Caaffanni Qulqullaaʼoonis taʼe seenaan akka gaariitti mirkaneessu. (Mat. 24:3, 33; 2 Xim. 3:1-5) Haataʼu malee, guyyaa dhumni itti dhufu namni beeku tokkollee hin jiru. Yesus “milikkita” “guyyoota gara dhumaa” ilaalchisee, “Guyyicha sanaa fi yericha sana garuu abbaa koo duwwaatu beeka malee, ergamoonni waaqa irraa, ilmis, namni tokko illees kana hin beekan” jechuudhaan dubbateera. (Mat. 24:36) Kun taʼuunsaa, namoonni tokko tokko keessumaa yeroo dheeraadhaaf eegaa kan turan yoo taʼe, waggaadhaa gara waggaatti miira ariifannaasaanii eeganii jiraachuun rakkisaa akka isaanitti taʼu godha. (Fak. 13:12) Isinoo yeroo tokko tokko akkas isinitti dhagaʼamaa? Hojii Yihowaaniifi Yesus Kiristos yeroo harʼaa akka hojjennu barbaadan kana ariitiidhaan hojjechuu keenya itti fufuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa?

Yesus Isa Fakkeenya Nuu Taʼu Qoradhaa

5. Yesus tajaajilaa wajjin haala wal qabateen akka ariifatu kan argisiise karaawwan kamiin ture?

5 Namoota miira ariitiidhaan Waaqayyoon tajaajilan keessaa fakkeenyi hunda caalu Yesus Kiristos akka taʼe hin shakkisiisu. Sababii miira ariifannaa akka qabaatu isa godhe keessaa tokko, waggaa sadiifi walakkaa qofa keessatti waan baayʼee hojjechuu kan qabu taʼuusaa ture. Taʼus, waaqeffannaa dhugaa wajjin haala wal qabateen Yesus wanta namni gara biraan kamiyyuu raawwate caalaa hojjeteera. Maqaafi kaayyoo Abbaasaa beeksiseera, misiraachoo Mootummichaa lallabeera, fakkeessaafi barumsa sobaa geggeessitoonni amantii barsiisan saaxileera; akkasumas hamma duʼaatti olaantummaa Yihowaa deggereera. Biyya Israaʼel keessa adeemuudhaan namoota barsiisuu, gargaaruufi fayyisuurratti humnasaa utuu hin qusatin tajaajileera. (Mat. 9:35) Namni yeroo gabaabaa keessaatti hojii baayʼee akkasii hojjetee beeku hin jiru. Yesus hamma isaa dandaʼame jabaatee hojjeteera.—Yoh. 18:37.

6. Jireenyi Yesus maalirratti kan xiyyeeffate ture?

6 Yesus yeroo tajaajilaa ture hundaatti dadhabe utuu hin jedhin akka hojjetu kan isa kakaase maalidha? Yesus, sagantaa Yihowaa wajjin haala wal qabateen yeroo akkamii keessa akka jiru raajii Daaniʼelirraa beekuu dandaʼa ture. (Dan. 9:27) Kanaaf akkuma dursee dubbatame, tajaajilasaa isa lafarraa kan xumuru “waggoota [torba] erga walakkeessee” booda, jechuunis waggaa sadiifi walakkaa booda ture. Yesus Mootii injifataa taʼuudhaan Dh.K.B. arfaasaa bara 33 Yerusaalem seenee yeroo muraasa booda, “Yeroon ilmi namaa ulfina isaatti ol fudhatamu gaʼeera” jedhee ture. (Yoh. 12:23) Duutisaa akka hin oolle kan beeku taʼus, jireenyisaa dhimma kanarratti akka xiyyeeffatu gochuudhaan jabaatee hojjechuuf sababiin inni guddaan kana akka taʼu hin heyyamne. Kanaa mannaa, fedha Abbaasaa raawwachuufi namootatti jaalala argisiisuuf carraa argate hundaatti fayyadameera. Jaalalli kun, hojii lallabaatiif isaan erguuf bartoota akka walitti qabuufi akka leenjisu isa kakaaseera. Kana kan godhe, hojii inni jalqabe akka itti fufaniifi hojii kanas caalaatti akka raawwataniif ture.—Yohannis 14:12 dubbisi.

7, 8. Tarkaanfiin Yesus mana qulqullummaa qulqulleessuuf fudhate bartoonnisaa maal akka yaadatan godheera? Yesus tarkaanfii akkasii kan fudhate maaliif ture?

7 Wanti yeroo tokko jireenya Yesus keessatti raawwatame hinaaffaa guddaa inni qabu kan argisiisu ture. Yeroonsaa Dh.K.B. bara 30 yommuu Ayyaanni Faasikaa kabajamutti ture. Yesusiifi bartoonnisaa gara Yerusaalem yommuu dhufan, mana qulqullummaa keessatti “namoota iddoo sana taaʼanii sangoota, hoolota, gugees gurguran, warra horii callaa gegeddaran” argan. Yeroo kanatti Yesus maal godhe? Kunoo bartootasaarratti dhiibbaa akkamii geessisee ture?—Yohannis 2:13-17 dubbisi.

8 Wanti Yesus yeroo sanatti raawwateefi dubbate bartoonnisaa raajii Daawit faarfatichi, “Mana keetiif hinaafuun na gube” jechuudhaan dubbate akka yaadatan godheera. (Far. 69:9) Maaliif? Wanti Yesus raawwate rakkinaafi balaa guddaadhaaf kan isa saaxilu waan tureefidha. Kana malees, abbootiin taayitaa mana qulqullummaa jechuunis luboonni, barsiisonni seeraa, akkasumas namoonni kaan daldala seeraan alaa bakka kanatti geggeeffamuufi buʼaa argamsiisu kana ni deggeru turan. Yesus isaan saaxiluufi kaayyoosaanii fashaleessuuf jecha diina geggeessitoota amantii yeroo sana turanii of godheera. Akkuma bartoonnisaa haala kana sirriitti hubatanii turan, Yesus ‘mana Waaqayyootiif’ ykn waaqeffannaa dhugaadhaaf kan hinaafu taʼuunsaa mulʼateera. Haataʼu malee, hinaaffaan maalidha? Ariifannaa wajjinoo garaagarummaa qabaa?

Ariifannaafi Hinaaffaa Walbira Qabuu

9. Hinaaffaan akkam jedhamee hiikameera?

9 Galmeen jechootaa tokko jecha “hinaaffaa” jedhu, “hawwiifi gara kuteenyaan waan tokko duukaa buʼuu” jedhee kan hiike yommuu taʼu, miira jabaa jedhamees hiikamuu akka dandaʼu ibseera. Tajaajilli Yesus raawwate amalawwan kana hunda kan calaqqisu akka ture hin shakkisiisu. Kanaan kan kaʼes, Hiikni Macaafa Qulqulluu Tuudayis Ingilish Varshin jedhamu caqasa kana, “Yaa Waaqayyo, hinaaffaan ani mana keetiif qabu, akka ibiddaa na keessatti bobaʼa” jechuudhaan hiikeera. Afaanota Baha Fagoo tokko tokko keessatti jechi “hinaaffaa” jedhu, jechoota lamarraa kan dhufe siʼa taʼu, akkuma waan garaan gubatuu jechoonni kun kallattiidhaan yommuu hiikaman “garaa gubaa” kan jedhan taʼuunsaa kan nama ajaaʼibsiisudha. Bartoonni wanta Yesus mana qulqullummaa keessatti raawwate yommuu argan, wanta Daawit dubbate yaadachuunsaanii kan nama dinqisiisu miti. Haataʼu malee, Yesus karaa sanaan tarkaanfii fudhachuuf akka kakaʼu wanti garasaa keessatti ibidda qabsiise maal ture?

10. Akka Macaafa Qulqulluu keessatti itti hojjetametti ‘hinaaffaan’ hiika akkamii qaba?

10 Jechi faarfannaa Daawit keessaatti “hinaafuu” jedhame, jecha afaan Ibrootaarraa kan fudhatamedha. Jechi Macaafa Qulqulluu keessatti iddoo baayʼeetti argamu kun hiika balʼaa qaba. (Baʼuu 20:5; 34:14; Iyaasuu 24:19. dubbisi.) Galmeen jechootaa Macaafa Qulqulluu tokko jecha kana ilaalchisuudhaan, “Jechi kun yeroo baayʼee walitti dhufeenya gaaʼelaa wajjin haala wal qabateen itti hojjetama . . . akkuma hinaaffaan abbaa manaa ykn haadhaa manaa walirratti mirga adda taʼe qabaachuusaanii mirkaneessu, Waaqayyos warri guutummaatti kansaa taʼan Isa qofa akka jaallatan akka isaanirraa eegu argisiisa” jedheera. Kanaaf akka Macaafa Qulqulluu keessatti itti hojjetametti hinaaffaan, miira jabaa namoonni wanta hordofan tokkoof, kan akka ispoortii jaallataniif qaban caalaa waan dabalatu qaba. Daawit hinaaffaa kan argisiise yaada gaariidhaan kakaʼee jechuunis, morkii ykn arrabsoo mormuuf, maqaa gaarii taʼe eeguuf ykn miidhaa gaʼe tokko sirreessuuf ture.

11. Yesus hinaaffaadhaan tajaajilasaa akka raawwatu kan isa kakaase maal ture?

11 Bartoonni Yesus jecha Daawit dubbate wanta yommuu Yesus mana qulqullummaa keessatti raawwatu arganii wajjin wal qabsiisuunsaanii sirrii ture. Yesus tajaajilasaarratti kan xiyyeeffate yeroo gabaabaa waan qabuuf qofa utuu hin taʼin, maqaa Abbaasaafi waaqeffannaa dhugaadhaaf hinaaffaa waan qabuuf ture. Arrabsoofi salphina maqaa Waaqayyoorra tuulame hubachuunsaa hinaaffaa sirrii qabaachuudhaan haala sana sirreessuuf isa kakaaseera. Yesus hinaaffaansaa namoota gad qabamaniifi geggeessitoonni amantii isaan cunqursan, akkasumas isaan saamaniif boqonnaa akka argamsiisuufi geggeessitoota amantii kana akka balaaleffatu isa kakaaseera.—Mat. 9:36; 23:2, 4, 27, 28, 33.

Waaqeffannaa Dhugaadhaaf Kan Hinaaftan Taʼaa

12, 13. Geggeessitoonni Saba Kiristiyaanaa yeroo harʼaa jiran (a) Maqaa Waaqayyoo, (b) Mootummaa Waaqayyoo ilaalchisee maal godhaniiru?

12 Amalliifi gochi namoota yeroo harʼaa Waaqayyoon waaqeffanna jedhanii kan namoota bara Yesus turaniirrayyuu mancaʼaadha. Fakkeenyaaf, Yesus duuka buutonnisaa maqaa Waaqayyoo ilaalchisee jalqaba, “Maqaan kee qulqulluu taʼee haa eegamu” jechuudhaan akka kadhatan isaan barsiisuusaa yaadadhaa. (Mat. 6:9) Geggeessitoonni amantii, keessumaa luboonni Saba Kiristiyaanaa, namoonni Waaqayyoon maqaasaatiin akka beekaniifi maqaa kana qulqulluu akka godhan ykn akka kabajan ni barsiisuu? Hin barsiisan. Faallaa kanaatiin, barumsawwan sobaa kan akka Sillaasee, lubbuun hin duutu jedhu, ibidda siiʼol, Waaqayyo iccitii akka taʼe, isa beekuun akka hin dandaʼamne, hamaa akka taʼeefi namoota dhiphisuudhaan akka gammadu godhanii barsiisuudhaan karaa sirrii hin taaneen isa ibsu. Gocha yeellaasisaafi fakkeessaasaaniitiinis Waaqayyorratti arrabsoo fidaniiru. (Roomaa 2:21-24 dubbisi.) Kana malees, maqaa Waaqayyoo hiika Macaafa Qulqulluusaanii keessaa baasuudhaan maqaa kana dhoksuuf waan isaanii dandaʼame hunda godhaniiru. Kanaan kana kaʼes, namoonni Waaqayyotti akka hin dhihaanneefi isaa wajjin dhuunfaatti walitti dhufeenya akka hin qabaanne godhaniiru.—Yaq. 4:7, 8.

13 Yesus duuka buutonnisaa, “Mootummaan kee haa dhufu, jaalalli kee waaqa irratti akka taʼu, akkasuma immoo lafa irratti haa taʼu!” jechuudhaan Mootummaa Waaqayyootiifis akka kadhatan isaan barsiiseera. (Mat. 6:10) Geggeessitoonni amantii Saba Kiristiyaanaa kadhannaa kana yeroo baayʼee kan irra deddeebiʼan taʼuyyuu, namoonni siyaasaafi dhaabbilee namootaa kaan akka deggeran jajjabeessu. Akkasumas, namoota misiraachoo lallabaniifi waaʼee Mootummichaa dhugaa baʼuuf carraaqan ni salphisu. Kanaan kan kaʼes, namoonni Kiristiyaana ofiin jedhan baayʼeen Mootummaa Waaqayyoorratti amantii qabaachuunsaanii haa hafuutii waaʼeesaallee hin dubbatan.

14. Luboonni Saba Kiristiyaanaa Dubbii Waaqayyoo kan busheessan akkamitti?

14 Yesus kadhannaa Waaqayyoof dhiheesserratti, “Dubbiin kee dhugaa dha” jedheera. (Yoh. 17:17) Akkasumas, Yesus utuu gara samiitti ol hin baʼin dura, sabasaatiif nyaata hafuuraa akka dhiheessuuf jecha ‘hojjetaa amanamaafi ogeessa’ akka muudu dubbateera. (Mat. 24:45) Luboonni Saba Kiristiyaanaa Dubbii Waaqayyoo barsiisaa jirra kan jedhan taʼuyyuu, hojii Gooftaan adaraadhaan isaanitti kenne amanamummaadhaan hojjetaniiruu? Lakki. Kanaa mannaa, wanti Macaafni Qulqulluun dubbatu sheekkoo akka taʼe isaanitti dhagaʼama. Luboonni, karrasaanii nyaata hafuuraatiin sooruudhaan jajjabinaafi beekumsa isaanii kennuu mannaa, falaasama ilmaan namootaatiin gurra amantootaa qirqiru. Kana malees, amantootasaanii akka hin mufachiisneef jecha ulaagaa Waaqayyo amalaaf baase busheessu.—2 Xim. 4:3, 4.

15. Wanta luboonni maqaa Waaqayyootiin raawwatan ilaalchisee maaltu isinitti dhagaʼama?

15 Wantoota baayʼee maqaa Waaqayyootiin hojjetamaniin kan kaʼe, namoonni garaa qulqulluu qaban hedduun abdii kutataniiru ykn amantii Waaqayyoofi Macaafa Qulqulluurratti qaban guutummaatti dhabaniiru. Seexanaafi sirna hamaa inni bulchuufis saaxilamaniiru. Wantoonni akkasii guyyaa guyyaadhaan akka raawwataman yommuu argitaniifi dhageessan maaltu isinitti dhagaʼama? Tajaajilaa Yihowaa waan taateef, arrabsoo maqaasaarra tuulame yommuu hubattu dogoggora uumame sirreessuuf wanta sii dandaʼame gochuuf hin kakaatuu? Namoonni garaa qajeelaa qaban akka gowwoomfamaniifi saamaman yommuu argitan, namoota cunqurfaman jajjabeessuuf hin kakaatanii? Yesus namoonni barasaa turan “akka hoolota tiksee hin qabneetti bututanii, gatamanii” akka turan yommuu arge gaddeedhuma qofa hin dhiisne. Yesus, “waan baayʼees isaan barsiisuutti kaʼe.” (Mat. 9:36; Mar. 6:34) Nuyis akkuma Yesus waaqeffannaa dhugaadhaaf hinaafuuf sababii gaʼaa qabna.

16, 17. (a) Wanti tajaajilarratti akka xiyyeeffannu nu dirqisiisu maalidha? (b) Mataduree ittaanurratti waaʼee maalii ilaalla?

16 Tajaajila keenya hinaaffaadhaan yommuu raawwannu, wanti Phaawulos ergamaan 1 Ximotewos 2:3, 4⁠rratti dubbate hiika guddaa nuuf qabaata. (Dubbisi.) Tajaajila keenya jabaannee kan raawwannu, guyyoota gara dhumaa keessa akka jiraannu waan beeknuuf qofa utuu hin taʼin, kun fedha Waaqayyoo akka taʼes waan hubanneefidha. Inni namoonni akkuma keenya isa waaqeffachuu, isa tajaajiluufi eebbasaa argachuu akka dandaʼanitti beekumsa dhugaa akka argatan barbaada. Wanti tajaajilarratti xiyyeeffachuuf nu dirqisiisu, inni guddaan yeroon hafe muraasa taʼuusaa beekuu keenya utuu hin taʼin, maqaa Waaqayyootiif ulfina fiduufi namoonni fedhasaa akka beekan gargaaruu waan barbaannuufidha. Kana kan goonu waaqeffannaa dhugaadhaaf waan hinaafnuufidha.—1 Xim. 4:16.

17 Saba Yihowaa waan taaneef, kaayyoo Waaqayyo ilmaan namootaafi lafaaf qabu ilaalchisee beekumsa dhugaa argachuudhaan eebbifamneerra. Namoonni gammachuufi abdii amansiisaa akka argatan gargaaruu dandeenya. Biyya lafaa Seexanni bulchurratti yommuu badiisni dhufu akkamitti eegumsa argachuu akka dandaʼan isaanitti himuu dandeenya. (2 Tas. 1:7-9) Guyyaan Yihowaa kan ture fakkaachuusaatti abdii kutachuu mannaa, hinaaffaa waaqeffannaa dhugaadhaaf qabnu argisiisuuf ammas yeroo qabaachuu keenyatti gammaduu qabna. (Mik. 7:7; Ibr. 2:3) Haataʼu malee, hinaaffaa akkasii guddifachuu kan dandeenyu akkamitti? Mataduree ittaanurratti waaʼee kanaa ilaalla.

Ibsuu Dandeessaa?

• Yesus yeroo tajaajilaa ture hundaatti dadhabe utuu hin jedhin akka hojjetu kan isa kakaase maalidha?

• Akka Macaafa Qulqulluu keessatti itti hojjetametti ‘hinaaffaa’ jechuun maal jechuudha?

• Yeroo harʼaa wanta waaqeffannaa dhugaadhaaf akka hinaafnu nu kakaasu akkamii argina?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 8rra jiru]

Yesus fedha Abbaasaa raawwachuufi jaalala ilmaan namootaatiif qabu argisiisuurratti xiyyeeffatee ture

[Fakkii fuula 10rra jiru]

Waaqeffannaa dhugaadhaaf hinaafuuf sababii gaʼaa qabna