Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Yeroon Jaallatamee Fudhatame Amma”

“Yeroon Jaallatamee Fudhatame Amma”

Yeroon Jaallatamee Fudhatame Amma”

“Kunoo, yeroon jaallatamee fudhatame amma; kunoo, guyyaan fayyinaa amma!”—2 QOR. 6:2.

1. Wanta yeroo murtaaʼaa taʼe tokko keessatti hojjetamuu qabu hubachuun kan nu barbaachisu maaliifi?

“WANTI hundinuu yeroo qaba, wanti bantii waaqaa jala jiru hundinuu yeroo qaba.” (Lal. 3:1) Solomoon, hojii qonnaa, karaa deemuu, daldalas taʼe warra kaanii wajjin haasaʼuu dabalatee hojii faayidaa qabu kamiyyuu raawwachuuf yeroo mijaaʼaa taʼe addaan baasnee beekuun barbaachisaa taʼuusaa addeessee ture. Haataʼu malee, yeroo murtaaʼaa taʼe tokko keessatti hojiin baayʼee barbaachisaa taʼeefi hojjetamuu qabu maal akka taʼe hubachuun keenyas barbaachisaadha. Kana jechuun, wanta dursa kennuufii qabnu murteessuu qabna jechuudha.

2. Yesus yeroo lallabaa turetti, yeroo akkamii keessa akka jiraatu hubachuusaa akkamitti beekna?

2 Yesus yommuu lafarra ture, yeroo akkamii keessa akka jiraatuufi maal hojjechuun akka isa barbaachisu akka gaariitti hubatee ture. Wanti dursa kennuufii qabu maal akka taʼe sirriitti waan hubateef, raajiiwwan waaʼee Masihiichaa dubbatamaniifi yeroo dheeraadhaaf eegamaa turan hedduunsaanii yeroon itti raawwataman akka gaʼe beeka ture. (1 Phe. 1:11; Mul. 19:10) Masiihii abdachiifame taʼuusaa ifa gochuuf hojiin hojjechuu qabu jira ture. Dhugaa Mootummichaa guutummaatti lallabuufi warra gara fuulduraatti isaa wajjin Mootummicha dhaalan walitti qabuu qaba. Gumii Kiristiyaanaa isa hojii misiraachoo lallabuufi bartoota gochuu hamma andaara lafaatti raawwatuufis buʼuura kaaʼuu qaba ture.—Mar. 1:15.

3. Yesus yeroo akkamii keessa akka jiraatu beekuunsaa maal gochuuf isa kakaaseera?

3 Yesus yeroo akkamii keessa akka jiraatu beekuunsaa, fedha Abbaasaa hinaaffaadhaan raawwachuuf akka kakaʼu humna isaa kenneera. Bartootasaatiin, “Midhaan sassaabamu danuu dha; hojjetoonni sassaaban garuu muraasa. Kanaafis hojjetoota midhaan sassaaban itti haa yaafatuuf, abbaa midhaanichaa kadhadhaa” jedheera. (Luq. 10:2; Mil. 4:5, 6) Yesus bartootasaa keessaa dura 12 achiis 70 erga filatee booda, “Mootummaan waaqaa dhiʼaateera” jedhanii ergaa miira namaa kakaasu akka lallaban qajeelfama isaanii kennee ture. Yesusiin ilaalchiseemmoo, “Bartoota isaa kudha lamaan ajajuu erga raawwatee booddee, mandaroota jaraatti barsiisuudhaa fi lallabuudhaaf karaa isaa itti fufe” kan jedhu dubbisna.—Mat. 10:5-7; 11:1; Luq. 10:1.

4. Phaawulos fakkeenya Yesus Kiristos kan fudhate karaa kamiin ture?

4 Yesus hinaaffaa qabaachuufi garaa guutuudhaan hojjechuudhaan duuka buutotasaatiif fakkeenya gaarii taʼeera. Phaawulos, “Egaa akkuma ani fakkeenya Kristos fudhadhe, isinis immoo fakkeenya koo fudhadhaa!” jedhee yommuu namoota hidhata amantiisaa taʼan jajjabeessu kana caqasuusaa ture. (1 Qor. 11:1) Phaawulos fakkeenya Kiristos kan fudhate karaa kamiini? Kana kan godhe, keessumaa misiraachoo lallabuu wajjin haala wal qabateen humnasaa utuu hin qusatin hojjechuudhaan ture. Ergaawwan Phaawulos gumiiwwaniif barreesserratti yaada, “Waa dhimma baasuudhaaf hin dhibaaʼinaa!,” “Gooftichaafis of irraa buʼaa hojjedhaa!,” “yeroo hundumaa hojii gooftaa caalchisaa hojjedhaa!,” akkasumas “Waanuma gootan hundumaa . . . akka waan gooftaadhaaf hojjettaniitti garaa guutuudhaan hojjedhaa!” jedhu arganna. (Rom. 12:11; 1 Qor. 15:58; Qol. 3:23) Phaawulos yeroo karaa gara Damaasqootti geessurratti Gooftaa Yesus Kiristosii wajjin itti wal argeefi wanta Yesus karaa Anaaniyaas isa bartuusaa turee, “Inni miʼa hojii kootii isa warra saba Waaqayyoo hin taʼin duratti, mootota duratti, namoota Israaʼel durattis maqaa koo beeksisuudhaaf ani foʼadhee dha” jechuudhaan itti himee taʼuu dandaʼu matumaa hin irraanfanne.—HoE. 9:15; Rom. 1:1, 5; Gal. 1:16.

‘Yeroo Jaallatamee Fudhatame’

5. Phaawulos tajaajilasaa hinaaffaadhaan akka raawwatu kan isa kakaase maalidha?

5 Macaafa Hojii Ergamootaa yommuu dubbisnu, ija jabinaafi hinaaffaa Phaawulos tajaajilasaarratti argisiise hubanna. (HoE. 13:9, 10; 17:16, 17; 18:5) Phaawulos yeroon keessa jiraatu bakka guddaa akka qabu hubatee ture. “Kunoo, yeroon jaallatamee fudhatame amma; kunoo, guyyaan fayyinaa amma!” jechuudhaa barreesseera. (2 Qor. 6:2) Dh.K.D. barri 537, Yihudoonni boojuu Baabilon jala turan gara biyyasaaniitti deebiʼuuf yeroo jaallatamee fudhatame ture. (Isa. 49:8, 9) Haataʼu malee, Phaawulos asirratti waaʼee maalii dubbachaa ture? Yaanni naannoo caqasichaa jiru Phaawulos maal yaadatti qabatee akka ture hubachuuf nu gargaara.

6, 7. Ulfinni guddaan Kiristiyaanota dibamoo yeroo harʼaa jiraniif kenname maalidha? Warri Kiristiyaanota dibamoo wajjin hojjetan eenyufaʼi?

6 Phaawulos sana dura ergaasaarratti, waaʼee ulfina guddaa isaafi Kiristiyaanota dibamoo hidhatasaa taʼaniif kennamee dubbatee ture. (2 Qorontos 5:18-20 dubbisi.) Waaqayyo kaayyoo adda taʼeef, jechuunis ‘hojii araarsuu namootatti akka dabarsaniif,’ akkasumas “Waaqayyotti araaramaa!” jedhanii namoota akka kadhataniif isaan waamuusaa ibseera. Kana jechuun, Waaqayyoo wajjin deebisanii michoomuu ykn isaa wajjin tokkummaa qabaachuu jechuudha.

7 Eeden keessatti hammeenyi erga raawwatame kaasee, ilmaan namootaa hundi Yihowaarraa fagaatanii jiraatu. (Rom. 3:10, 23) Waaqayyorraa fagaatanii jiraachuunsaanii, karaa hafuuraa dukkana keessa akka galan kan godhe taʼuusaarrayyuu gidiraafi duʼatti isaan geesseera. Phaawulos, “Uumamni hundinuu hamma ammaatti akka aaduu fi akka ciniinsifatu in beekna” jechuudhaan barreesseera. (Rom. 8:22) Haataʼu malee Waaqayyo dursa fudhachuudhaan, namoonni garasaatti akka deebiʼan ykn isatti akka araaraman jajjabeesseera ykn isaan ‘kadhateera.’ Tajaajilli yeroo sanatti Phaawulosiifi Kiristiyaanota dibamoo hidhatasaa taʼanitti hadaraadhaan kenname kana ture. “Yeroon jaallatamee fudhatame” kun warra Yesusitti amanan hundaaf “guyyaa fayyinaa” taʼuu dandaʼa. Kiristiyaanonni dibamoon hundiifi ‘hoolonni kan biraan’ isaanii wajjin hojjetan, namoonni ‘yeroo jaallatamee fudhatame’ kanarraa akka fayyadaman afeeruusaanii itti fufaniiru.—Yoh. 10:16.

8. Wanti waamicha araaraaf dhihaate dinqisiisaa godhu maalidha?

8 Waamicha araaraaf dhihaate kana wanti baayʼee dinqisiisaa godhu, balleessaan kan raawwatame gama tokkoon qofa jechuunis, namni Eeden keessatti ajajamuu diduusaatiin kan kaʼe taʼuyyuu, Waaqayyo rakkina kana sirreessuuf dursa fudhachuusaati. (1 Yoh. 4:10, 19) Waaqayyo maal godhe? Wanta Waaqayyo godhe ilaalchisee Phaawulos, “Waaqayyo irra-daddarbaa namootaa itti lakkaaʼuu dhiisee, karaa Kristos biyya lafaa ofitti araarse jechuu dha; ergaa araara isaa kana immoo hadaraa nutti kenne” jedheera.—2 Qor. 5:19; Isa. 55:6.

9. Phaawulos dinqisiifannaa ooʼa Waaqayyootiif qabu argisiisuuf maal godhe?

9 Yihowaan aarsaa furii dhiheessuudhaan, warri amantii akka qaban hojiidhaan argisiisan dhiifama akka argataniifi isaa wajjin akka michooman ykn tokkummaa akka qabaatan godheera. Kana malees, Waaqayyo ilmaan namootaa hundi utuu yeroon isaanitti hin darbin isaa wajjin nagaa akka uuman akka isaan hubachiisaniif bakka buutotasaa ergeera. (1 Ximotewos 2:3-6 dubbisi.) Phaawulos fedhiin Waaqayyoo maal akka taʼe beekuufi yeroo akkamii keessa akka jiraatu hubachuudhaan, dadhabe utuu hin jedhin ‘hojii araarsuurratti’ hirmaateera. Harʼas fedhiin Yihowaa hin jijjiiramne. Yihowaan ammayyuu namoonni akka isatti araaraman harkasaa diriirsee jira. Yaanni Phaawulos, “Yeroon jaallatamee fudhatame amma,” “guyyaan fayyinaa amma!” jechuudhaan dubbate yeroo harʼaas ni hojjeta. Yihowaan, Waaqa ooʼa qabeessaafi gara laafessa taʼedha!—Bau. 34:6, 7.

‘Akka Waan Waaʼee Hin Baafneetti Hin Fudhatinaa’

10. Kiristiyaanota dibamoo jaarraa jalqabaa turaniifi yeroo harʼaa jiraniif ‘guyyaa fayyinaa’ jechuun maal jechuudha?

10 Carraa Waaqayyotti araaramuuf godhamerraa jalqaba kan fayyadaman warra ‘kan Kiristos taʼanidha.’ (2 Qor. 5:17, 18) Isaaniif “guyyaan fayyinaa” kan jalqabe Dh.K.B. bara 33⁠tti ture. Namoonni kun, yeroo sanaa kaasee ‘ergaa araaraa’ akka labsan hadaraan isaanitti kennameera. Kiristiyaanonni dibamoon yeroo harʼaa lafarra jiran ammayyuu ‘hojii araarsuu’ kana hojjechaa jiru. Kiristiyaanonni kun, ergamoonni arfan Yohaannis ergamaan mulʼataan arge, ‘qilleensi lafatti, akka hin qilleensofnetti qilleensota golee arfanii ittisanii’ akka jiran hubataniiru. Kanaaf, “guyyaan fayyinaa” fi “yeroon jaallatamee fudhatame” ammayyuu itti fufeera. (Mul. 7:1-3) Kanaan kan kaʼes, Kiristiyaanonni dibamoon lafarra jiran jalqaba jaarraa 20⁠ffaatii kaasee, ‘hojii araarsuu’ hamma handaara lafaatti babalʼisuurratti hinaaffaadhaan hirmaachaa jiru.

11, 12. Kiristiyaanonni dibamoon jalqaba jaarraa 20⁠ffaatti turan yeroo akkamii keessa akka jiraatan hubachuusaanii kan argisiisan akkamitti? (Fakkii fuula 15⁠rra jiru ilaali.)

11 Fakkeenyaaf, kitaaba Jehoovaas Wiitinasis—Prokileemarsi oov Goodsi Kiingidam jedhamurratti akka ibsametti, “Jalqaba jaarraa 20⁠ffatti Chaarlis Teez Raasiliifi namoonni hidhatasaa taʼan, yeroo midhaan sassaabbii keessa akka jiraataniifi namoonni, dhugaa isa birmaduu isaan baasu dhagaʼuun akka isaan barbaachisu cimsanii amanu turan.” Kana ilaalchisee maal godhanii turan? Obboloonni kun yeroo midhaan sassaabbii jechuunis ‘yeroo jaallatamee fudhatame’ keessa akka jiraatan waan hubataniif, namoonni gara amantiisaaniitti akka dhufan afeeruu qofaan hin dhiisne. Luboonni Saba Kiristiyaanaa yeroo dheeraadhaaf akkas gochaa turaniiru. Kiristiyaanonni dibamoon garuu, karaawwan misiraachicha itti babalʼisan barbaaduu jalqaban. Karaawwan kana keessaa tokko hojiisaanii babalʼisuuf teknooloojii ammayyaatti akka gaariitti fayyadamuu ture.

12 Tajaajiltoonni muraasa taʼan kun misiraachoo Mootummichaa babalʼisuuf, tiraaktota, barruuleefi kitaabotatti fayyadamaa turaniiru. Kana malees, matadureewwan Caaffata Qulqullaaʼoorratti hundaaʼan addaddaa qopheessuudhaan gaazexoota kumaan lakkaʼamanirratti akka maxxanfaman godhu turan. Barumsawwan Caaffata Qulqullaaʼoorratti hundaaʼan karaa tamsaasa raadiyoo biyyoolessaafi addunyaa akka darban godhaniiru. Fakkiin sochoʼu oomishamee gabaarra utuu hin oolin dura, Barattoonni Macaafa Qulqulluu fakkii sosochoʼu sagalee waraabamee wajjin walitti qindeessanii namoota gargaaruuf itti fayyadamaniiru. Hinaaffaa jabaa taʼe kanarraa buʼaa akkamiitu argame? Yeroo harʼaa namoonni gara miliyoona torbaa taʼan, waamicha “Waaqayyotti araaramaa!” jedhu fudhatanii waamicha kana warra kaaniif dhiheessaa jiru. Tajaajiltoonni Yihowaa jalqaba jaarraa 20⁠ffaatti turan, haala rakkisaa keessa kan turan taʼuyyuu, hinaaffaa argisiisuudhaan fakkeenya gaarii akka turan hin shakkisiisu.

13. Kaayyoo Waaqayyoo isa kam yaadachuu qabna?

13 Yaanni Phaawulos, “Yeroon jaallatamee fudhatame amma” jechuudhaan dubbate ammas ni hojjeta. Nuyi warri gaarummaa Yihowaa arganne, ergaa araaraa kana dhagaʼuufi fudhachuuf carraa argachuu keenyatti ni galateeffanna. Dantaa dhabuu mannaa, jecha Phaawulos, “Ayyaana Waaqayyoo akka waan waaʼee hin baafneetti akka hin fudhanne cimsinee isin in gorsina” jechuudhaan dubbate yaadachuun keenya barbaachisaadha. (2 Qor. 6:1) Kaayyoon gaarummaa Waaqayyoo, karaa Kiristos ‘biyya lafaa ofitti araarsuudha.ʼ—2 Qor. 5:19.

14. Biyyoota hedduu keessatti carraa akkamiitu banamaa jira?

14 Ilmaan namootaa garri caalaansaanii Seexanni waan isaan jaamseef Waaqayyorraa kan fagaatan taʼuusaaniirrayyuu, kaayyoo gaarummaa Waaqayyoo hin beekan. (2 Qor. 4:3, 4; 1 Yoh. 5:19) Haataʼu malee, haalli biyya lafaa mancaʼaa adeemuunsaa, namoonni baayʼeen maddi hammeenyaafi dhiphinaa Waaqayyoorraa fagaachuu akka taʼe hubatanii misiraachicha fudhachuuf akka kakaʼan godheera. Biyyoota namoonni hojii lallabaa keenyaaf dantaa hin qabne hedduun keessa jiraatanittillee, yeroo ammaa namoonni baayʼeen misiraachicha fudhatanii Waaqayyotti araaramaa jiru. Kanaaf, yeroon keessa jiraannu yeroo waamicha “Waaqayyotti araaramaa!” jedhu hinaaffaa guddaadhaan itti dhiheessinu akka taʼe hubanneerraa?

15. Namoonni bakka hundaa jiran miirri gaariin akka isaanitti dhagaʼamu qofa lallabuu mannaa, maal akka beekan barbaanna?

15 Hojiin keenya, Waaqayyo namoonni garasaatti yoo deebiʼan rakkinasaanii hundarratti akka isaan gargaaruufi miirri gaariin akka isaanitti dhagaʼamu akka godhu isaanitti himuu qofa miti. Namoonni baayʼeen mana sagadaa dhaquudhaan fedhii akkasii guuttachuu kan barbaadaan taʼuusaaniirrayyuu, amantiiwwan hedduunis fedhiisaanii kana isaanii guutuuf hawwii guddaa qabu. (2 Xim. 4:3, 4) Kaayyoon tajaajila keenyaa kana miti. Misiraachoon nuyi lallabnu, Yihowaan jaalalasaatiin kakaʼee karaa Kiristos irra daddarbaa namootaa isaanii dhiisuuf fedhii akka qabu kan ibsudha. Karaa kanaan, namoonni Waaqayyorraa fagaachuu dhiisanii isatti araaramuu dandaʼu. (Rom. 5:10; 8:32) Haataʼu malee, “yeroon jaallatamee fudhatame” dafee dhumaa jira.

“Hafuura Gubaa Qabaadhaa!”

16. Wanti guddaan Phaawulos ija jabinaafi hinaaffaa akka qabaatu godhe maalidha?

16 Waaqeffannaa dhugaadhaaf hinaafuufi hinaaffaa keenya kana eegnee jiraachuu kan dandeenyu akkamitti? Namoonni tokko tokko uumamasaaniitiin ija laafeyyii ykn dubbachuuf fedhii kan hin qabne waan taʼaniif, miirasaanii ibsuun isaanitti ulfaachuu dandaʼa. Haataʼu malee, hinaaffaa qabachuun miira guddaa qabnu ifatti ibsuu dandaʼuurrattis taʼe, amala keenyarratti kan hundaaʼe akka hin taane yaadachuun gaariidha. Phaawulos, “Hafuura gubaa qabaadhaa!” jechuudhaan namoota hidhata amntiisaa taʼan yommuu gorsu wanta murteessaa taʼe ibseera. (Rom. 12:11) Ergamoonni Yesus hojii lallabaarratti ija jabinaafi obsa akka qabaatan gochuurratti hafuurri Yihowaa gaʼee guddaa qaba ture. Phaawulos erga Yesus isa waamee kaasee hanga Roomaatti hidhamee ajjeefamutti gara waggaa 30 oliif hinaaffaansaa hin qabbanoofne ture. Phaawulos yeroo hundaa Waaqayyo isa karaa hafuurasaa jabina isa barbaachisu isaa kennurratti amanama ture. “Jabina gooftaan anaaf kennuun waan hundumaa gochuu nan dandaʼa” jedheera. (Filp. 4:13) Nuyis, fakkeenyasaa yoo fudhanne faayidaa guddaa argachuu dandeenya.

17. “Hafuura gubaa” qabaachuu kan dandeenyu akkamitti?

17 Jechi “gubaa” jedhu kallattiidhaan yommuu hiikamu “danfuu” jechuudha. (Kingidam Intarliineer) Bishaan jabanaa keessa jiru danfuusaa akka itti fufuuf, utuu walirraa hin kutin ibidda itti bobeessuu qabna. Haaluma wal fakkaatuun, ‘hafuura gubaa qabaachuuf’ utuu walirraa hin kutin hafuura Waaqayyoo argachuun nu barbaachisa. Qophiiwwan Yihowaan karaa hafuuraa nu jabeessuuf godhe hundatti akka gaariitti fayyadamuudhaan kana argachuu dandeenya. Kunis, waaqeffannaa maatiifi gumiitiif xiyyeeffannaa guddaa kennuu jechuunis, utuu gargar hin kutin qayyabannaa dhuunfaafi maatii gochuu, kadhannaa dhiheessuufi Kiristiyaanota hidhata keenya taʼanii wajjin walgaʼiirratti argamuu jechuudha. Akkas gochuun keenya, “ibidda” isa “danfuun” akka itti fufu gochuudhaan “hafuura gubaa” akka qabaannu nu dandeessisu qabaachuuf nu gargaara.”—Hojii Ergamoota 4:20; 18:25 dubbisi.

18. Kiristiyaanota Yihowaadhaaf of murteessine waan taaneef, galmi irratti xiyyeeffachuu qabnu maalidha?

18 Namni Yihowaadhaaf of murteesse tokko, nama guutummaatti galma tokkorratti xiyyeeffatuufi galmasaa kana hordofuurraa salphaatti yaannisaa hin hihhiramne ykn abdii hin kutannedha. Kiristiyaanota of murteessine waan taaneef, galmi keenya, akkuma Yesus godhe wanta Yihowaan akka goonu barbaadu hunda raawwachuudha. (Ibr. 10:7) Yeroo harʼaa, fedhiin Yihowaa hamma dandaʼame namoonni baayʼeen akka isatti araaraman gochuudha. Kanaaf, fakkeenya Yesusiifi Phaawulos fudhachuudhaan, hojii baayʼee barbaachisaa, ariifachiisaafi yeroo harʼaa hojjetamuu qabu kanarratti hinaaffaadhaan haa hirmaannu.

Ni Yaadattaa?

• ‘Hojiin araarsuu’ Phaawulosiifi Kiristiyaanota dibamoo kaanitti hadaraadhaan kenname maalidha?

• Kiristiyaanonni dibamoon lafarra jiran, ‘yeroo jaallatamee fudhatametti’ akka gaariitti kan fayyadaman akkamitti?

• Tajaajiltoonni Waaqayyoo ‘hafuura gubaa qabaachuu’ kan dandaʼan akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 12rra jiru]

Phaawulos yeroo itti Gooftaa Yesus Kiristosii wajjin wal arge matumaa hin irraanfanne