Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Uumamni 6:3, “Namni akkuma foonicha isa uffate sanaa waan taʼeef, hafuurri koo yeroo hundumaa isa keessa hin jiraatin! Barri jireenya namaas waggaa dhibbaa fi digdama haa taʼu!” jedha. Yihowaan, umrii ilmaan namootaa waggaa 120⁠tti daangessuusaa turee? Nohi waaʼee Bishaan Badiisaa kan lallabe waggoota hammanaatiif turee?

Deebiin gaaffiiwwan kanaa lakki kan jedhudha.

Bishaan Badiisaa dura, namoonni hedduun jaarraawwan baayʼeedhaaf jiraataniiru. Yommuu Bishaan Badiisaa dhufu Nohi umriinsaa waggaa 600 ture; walumaa galattimmoo waggaa 950 jiraate. (Uma. 7:6; 9:29) Namoonni Bishaan Badiisaa booda dhalatan tokko tokkos, waggaa 120 caalaa jiraataniiru. Arfaaksaad waggaa 438, Shalaanimmoo waggaa 433 jiraatanii duʼan. (Uma. 11:10-15) Haataʼu malee, bara Museetti barri jireenya namootaa gara waggaa 70 ykn 80⁠tti gadi buʼe. (Far. 90:10) Kanaafuu, yaanni Uumama 6:3⁠rra jiru namoonni waggaa 120 caalaa jiraachuu akka hin dandeenye hin ibsu.

Yaanni caqasa kanaa, Waaqayyo badiisa waggaa 120 gidduutti dhufu ilaalchisee Nohi namoota akka akeekkachiisu itti himuusaa kan argisiisudhaa? Miti. Waaqayyo yeroo baayʼee Nohitti dubbateera. Seenaansaa lakkoofsota kudhan booda, “Waaqayyo yommus Nohiin, ‘Yeroon uumamni foon uffate hundinuu fuula koo duraa itti raawwatee dhumu gaʼeera; lafti humnaan wal irratti kaʼuu isaaniitiin guutteetti’ [jedhe]” jedha. Waggoottan itti aananitti, Nohi hojii markaba ijaaruu isa guddaa kan xumure siʼa taʼu, “Waaqayyo yommus Nohiin, ‘Ati warra mana kee hundumaa wajjin markabichatti gali!’ [jedhe].” (Uma. 6:13; 7:1) Yeroon Yihowaan, Nohitti wantoota tokko tokko hime kan biraanis jira.—Uma. 8:15; 9:1, 8, 17.

Uumamni 6:3 garuu haala kanarraa adda taʼeen ibsame. Caqasni kun waaʼee Nohi hin dubbatu; Waaqayyo isatti dubbachaa akka ture wanti ibsus hin jiru. Caqasni kun, yaada kaayyoo ykn murtoo Waaqayyoo ibsu akka taʼetti fudhachuu dandeenya. (Uumama 8:21 waliin ilaali.) Wantoota utuu Addaam hin uumamin dura raawwataman ilaalchisee, yaanni, “Waaqayyo . . . jedhe” jedhu akka jiru hubachuun keenya barbaachisaadha. (Uma. 1:6, 9, 14, 20, 24) Yeroo sanatti namni waan hin uumamneef, Yihowaan nama tokkotti dubbachaa akka hin turre beekamaadha.

Kanaafuu Uumamni 6:3, Waaqayyo sirna mancaʼaa lafarra ture sana balleessuuf murteessuusaa kan argisiisu ture jennee yaaduun keenya sirriidha. Nohi yeroo sanatti kana kan hin beekne taʼus, Yihowaan waggaa 120 gidduutti kana gochuuf murteesse. Haataʼu malee yeroo kan daangesse maaliifi? Hamma kana kan eeguhoo maaliifi?

Phexros ergamaan, ‘Bara Nohitti, yeroo markabni tolfame, Waaqayyo obsaan isaaniif eeggachaa ture; markaba kanaan namoonni muraasni, kana jechuun lubbuun saddeet bishaan keessaa oolan’ jechuudhaan sababiisaa nutti hima. (1 Phe. 3:20) Eeyyee, yommuu Waaqayyo waggaa 120 ilaalchisee murtoo godhe, wantoonni gara fuulduraatti hojjetamuu qaban jiru turan. Gara waggaa 20 booda, Nohiifi haati manaasaa ijoollee godhachuu jalqaban. (Uma. 5:32; 7:6) Ijoolleensaanii sadan guddatanii, fuudhanii maatichi ‘lubbuu saddeetitti’ akka guddatu godhan. Sana booda markaba ijaaruu qabu turan; markabichi guddaa, maatiin Nohimmoo xinnoo waan taʼeef, hojiin kun dafee kan dhumu hin turre. Eeyyee, Waaqayyo waggaa 120 obsuunsaa, wantoonni kun akka raawwatamaniifi namoonni amanamoo taʼan saddeet ‘bishaan keessaa akka oolan’ gochuudhaan lubbuun akka oolu godheera.

Macaafni Qulqulluun, Waaqayyo Bishaan Badiisaa akka dhufu Nohitti kan hime yoom akka taʼe addaan baasee hin dubbatu. Haataʼu malee, yeroo sanatti ijoolleensaa dhalatanii, guddatanii, akkasumas fuudhanii waan turaniif, Bishaan Badiisaa dhufuuf tarii garri waggaa 40 ykn 50 hafuu hin oolu. Sana booda Yihowaan Nohiin, “Yeroon uumamni foon uffate hundinuu fuula koo duraa itti raawwatee dhumu gaʼeera” jedheen. Itti aansuudhaanis, Nohi markaba guddaa ijaaruu akka qabuufi maatiisaa wajjin akka itti galu itti hime. (Uma. 6:13-18) Waggoota kurnan hafanitti, Nohi qajeelinaan jiraachuudhaan fakkeenya taʼuu malees waan raawwate qaba. Ergaa akeekkachiisaa ifa taʼe, jechuunis murtoo Yihowaan namoota Waaqayyo malee jiraatan sana balleessuuf godhe labsuudhaan nama “qajeelina lallabu” taʼee tajaajileera. Nohi, badiisni kun waggaa kamitti akka dhufu yeroo dheeraa dura beekuu baatus, dhufuunsaa akka hin oolle mirkanaaʼaa ture. Atis Bishaan Badiisaa kun dhufee akka ture beekta.—2 Phe. 2:5.