Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Waaqayyorraa Kan Barannu Maaliifi?

Waaqayyorraa Kan Barannu Maaliifi?

Macaafa Qulqulluurraa Baradhu

Waaqayyorraa Kan Barannu Maaliifi?

Matadureen kun gaaffiiwwan tarii gara sammuukeetti dhufan qoruudhaan, deebiinsaanii Macaafa Qulqulluukee keessatti iddoo kamitti akka argaman ibsa. Dhugaa Baatonni Yihowaa gaaffiiwwan kanarratti sii wajjin mariʼachuun isaan gammachiisa.

1. Waaqayyorraa kan barannu maaliifi?

Waaqayyo ilmaan namootaa misraachoo akka dhagaʼan barbaada. Misraachoon kun maal akka taʼe karaa Macaafa Qulqulluu nutti hima. Macaafni Qulqulluun xalayaa Abbaan keenya inni samii jaalala qabeessa taʼe nuu ergedha jechuun ni dandaʼama.—Ermiyaas 29:11 dubbisi.

2. Misraachoon kun maalidha?

Ilmaan namootaa bulchiinsi gaariin isaan barbaachisa. Mootummaan ilmaan namootaa kamiyyuu, goolii, jalʼina, dhukkuba ykn duʼarraa walaba nama hin goone. Haataʼu malee, wanti nama gammachiisu jira. Waaqayyo ilmaan namootaatiif bulchiinsa gaarii fida. Mootummaan kun wantoota dhiphinaaf sababa taʼan hundarraa walaba nama baasa.—Daaniʼel 2:44 dubbisi.

3. Waaqayyorraa barachuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

Waaqayyo yeroo dhihootti namoota dhiphinaaf sababa taʼan hunda lafarraa ni balleessa. Hammasitti garuu, namoonni gad of deebisoon miliyoonaan lakkaaʼaman karaa jireenyaa gaariirra akka deddeebiʼan, akkasumas jaalala Waaqayyoofi namootaaf qaban akka argisiisan isaan barsiisaa jira. Namoonni rakkina jireenya keessatti isaan mudatu akkamitti hiikuu akka qaban, akkasumas gammachuu dhugaa argachuufi Waaqayyoon gammachiisuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe Dubbii Waaqayyoorraa barachaa jiru.—Sefaaniyaa 2:3 dubbisi.

4. Macaafa Qulqulluu kan barreessise eenyudha?

Macaafni Qulqulluun kitaabota xixinnoo 66 kan qabate siʼa taʼu, kan barreessanis namoota 40dha. Macaafonni jalqabaa shanan Museedhaan kan barreeffaman waggaa 3,500 dura ture. Isa dhumaa kan barreesse Yohannis ergamaa siʼa taʼu, kanas waggaa 1,900 dura barreesse. Haataʼu malee, namoonni Macaafa Qulqulluu barreessan yaada Waaqayyoo barreessan malee yaada ofiisaanii miti. Kanaafuu Macaafa Qulqulluu kan barreessise Waaqayyodha.—2 Ximotewos 3:16; 2 Phexros 1:21 dubbisi.

Macaafni Qulqulluun waaʼee gara fuulduraa raajii sirrii taʼe tokko tokkoon waan ibsuuf, Waaqayyorraa akka argame beekna. Namni kamiyyuu kana gochuu hin dandaʼu. (Isaayaas 46:9, 10) Kana malees, Macaafni Qulqulluun amalawwan Waaqayyoo sirriitti ibsa. Jireenya namootaa fooyyessuuf humna qaba. Haqni kun, namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman Dubbii Waaqayyoo taʼuusaa akka amanan godheera.—Iyaasuu 23:14; 1 Tasaloniiqee 2:13 dubbisi.

5. Macaafa Qulqulluu hubachuu kan dandeessu akkamitti?

Yesus Dubbii Waaqayyoo barsiisuudhaan beekama. Namoonni isa dhaggeeffatan baayʼeensaanii Caaffata Qulqullaaʼoo kan beekan taʼus, hubachuuf gargaarsi isaan barbaachisa ture. Yesus, namoota kana gargaaruuf caqasa tokko erga caqasee booda “macaafa haa hubataniif” isaaniif ibsa ture. Matadureen, “Macaafa Qulqulluurraa Baradhu” jedhu kunis si gargaaruuf mala wal fakkaatutti fayyadama.—Luqaas 24:27, 45 dubbisi.

Waaʼee kaayyoo jireenyaa Waaqayyorraa barachuu caalaa wanti nama gammachiisu hin jiru. Taʼuyyuu, namoonni tokko tokko Macaafa Qulqulluu dubbisuu keetti hin gammadan taʼa. Ati garuu abdii hin kutatin. Jireenya barabaraa argachuunkee waaʼee Waaqayyoo barachuu keerratti kan hundaaʼedha.—Maatewos 5:10-12; Yohannis 17:3 dubbisi.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe kana boqonnaa 2⁠ffaa ilaali.