Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dhaabni Eeden Bakka Ilmaan Namootaa Jalqaba Keessa Jiraachaa Turanidhaa?

Dhaabni Eeden Bakka Ilmaan Namootaa Jalqaba Keessa Jiraachaa Turanidhaa?

Dhaabni Eeden Bakka Ilmaan Namootaa Jalqaba Keessa Jiraachaa Turanidhaa?

MEE bakka dhaaba ashaakiltii tokko keessa akka jirtu godhii yaadi. Wanti nama jeequs taʼe wacni magaalaa naannoo sanatti argamurraa dhagaʼamu waan hin jirreef naannoonsaa nagaa kan qabudha. Bakki dhaabaa kun baayʼee balʼaa siʼa taʼu, wanti nagaa naannoo sanaa booressus hin jiru. Hunda caalaammoo, wanti nama dhiphisu, alarjii dabalatee dhukkubni kamiyyuu waan hin jirreef yeroo hunda fayyaankee kan eegamedha. Qaamota miiraa keetti guutummaatti akka hin fayyadamne wanti si dhowwus hin jiru.

Akkuma gara dhaabichaatti lixxeen, ijikee jalqaba abaaboowwan halluu garaagaraa qabanirra buʼa; achiis, qalbiinkee bishaan carii yaaʼu, marga magariisaafi biqiltuuwwan hedduurra kan buʼu siʼa taʼu, isaan keessaa tokko tokko miidhagina yommuu iji biiftuu irra buʼu qaban yeroo argitu baayʼee dinqisiifatta. Qilleensi qabbanaaʼaan nama gammachiisu gogaa keetti yommuu buʼu kan sitti dhagaʼamu taʼuusaarrayyuu, urgaan qilleensi qabbanaaʼaan kun fidus baayʼee si gammachiisa. Mukeetii qilleensi raasuufi sagalee yommuu bishaan kattaatti rukutamu dhageessisu yommuu dhageessu miira addaatu sitti dhagaʼama; sagaleen simbiraafi sagalee lubbu qabeeyyii garabiraan hojiidhaan muddaman dhageessisanis baayʼee si gammachiisa. Naannoo akkasii ija qalbii keetiin ilaaluuf yommuu yaaltu, ‘Naannoo akkasii keessa utuun jiraadhee gaariidha!’ jettee hin hawwinee?

Namoonni addunyaa maratti argaman, ilmaan namootaa jalqabarratti naannoo akkasii keessa jiraachaa akka turan amanu. Namoonni amantii Yihudii, Kiristiyaanaafi amantii Islaamaa hordofan, Waaqayyo Addaamiifi Hewwaaniin erga uumee booda dhaaba Eeden keessa akka isaan kaaʼe waggoota hedduudhaaf barachaa turaniiru. Akka Macaafni Qulqulluun jedhutti, Addaamiifi Hewwaan jireenya gammachuufi nagaa qabu jiraachaa turan. Walii wajjinis taʼe bineensotaa wajjin, akkasumas Waaqasaanii isa gaariifi iddoo mijaaʼaa akkasii keessa akka jiraataniif abdii isaaniif kennee wajjinis walitti dhufeenya gaarii qabu turan.—Uumama 2:15-24.

Amantiin warra Hinduus, seenaa dhaaba jannataa bara duriitti ture ibsu qabu. Amantiin warra Budahaammoo, bara gaarii keessatti, jechuunis biyyi lafaa gara jannataatti yommuu jijjiiramtu abbootiin amantii gurguddaan ykn warri Budahaa ni kaʼu jedhanii amanu. Amantiiwwan Afriikaa keessatti argaman hedduunis, Addaamiifi Hewwaaniin ilaalchisee seenaawwan dinqisiisaa walfakkaatan barsiisu.

Kanaaf, yaanni waaʼee jannata bara duriitti turte ibsu, amantiifi aadaa hunda keessatti argama jechuun ni dandaʼama. Hayyuun tokko akkas jechuudhaan ibsaniiru: “Hawaasa hedduu keessatti, bara durii jannanni mudaa hin qabne, birmadummaa qabdu, nagaafi gammachuun kan keessatti dagaage, wanti hundi baayʼinaan kan keessatti argamu, akkasumas sodaa, dhiphinaafi walitti buʼiinsarraa walaba taate akka turte kan amanan taʼuusaanii haaluun hin dandaʼamu. . . . Amantiin kunis, namoonni hedduun jannata ishee badde, garuu hin irraanfatamne hawwii guddaadhaan akka eeggataniifi jannata kana deebisanii argachuuf akka hawwan godheera.”

Seenaafi aadaawwan kun hundi yaada buʼuuraa tokko qabuu laata? Seenaan dhugaa bara duriitti raawwatameefi “namoonni hedduun” ilaalcha wal fakkaatu akka qabaatan godhehoo jiraa? Dhugumaan bara duriitti dhaabni Eeden jira turee? Addaamiifi Hewwaan namoota dhugumaan yeroo tokkotti jiraatanii turanidhaa?

Namoonni shakkitoota taʼan garuu yaada kana ni balaaleffatu. Bara saayinsiin sadarkaa guddaarra gaʼe kanatti, namoonni hedduun seenaan waaʼee jannata Eeden dubbatu sheekkoofi sobadha jedhanii amanu. Shakkitoota kan taʼan hayyoota biyya lafaa kana qofa akka hin taane beekuunimmoo baayʼee nama ajaaʼibsiisa. Geggeessitoonni amantii hedduun iddoon dhaaba Eeden jedhamu akka ture hin amanan. Iddoon akkasii matumaa jiraatee hin beeku jedhu. Seenaan waaʼee Eeden dubbatu fakkeenya wanta garabiraa argisiisu, sheekkoo ykn oduu sobaa malee seenaa dhugaa miti jedhanii dubbatu.

Seenaawwan akka fakkeenyaatti ibsaman Macaafa Qulqulluu keessa akka jiran beekamaadha. Yesusiyyuu fakkeenyota baayʼee beekamoo taʼan hedduu dubbateera. Haataʼu malee, seenaan waaʼee dhaaba Eeden dubbatu yaada akka fakkeenyaatti dhihaate utuu hin taʼin, seenaa ifaafi dhugaarratti hundaaʼe taʼuusaa akkaataa seenaan kun itti barreeffamerraa salphaatti hubachuun ni dandaʼama. Seenaan waaʼee dhaaba Eeden dubbatu seenaa matumaa hin raawwatamne taanaan garuu, seenaawwan Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman kaan akkamitti amanuu dandeenya? Mee amma namoonni tokko tokko, seenaa waaʼee dhaaba Eeden dubbatu maaliif akka shakkaniifi sababii isaan kanaaf dhiheessan sirrii taʼuufi dhiisuusaa haa ilaallu. Achiis, seenaan kun hunda keenya ilaallata kan jennu maaliif akka taʼe qorra.