Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dhaabni Eeden Bakka Dhugumaan Turedhaa?

Dhaabni Eeden Bakka Dhugumaan Turedhaa?

Dhaabni Eeden Bakka Dhugumaan Turedhaa?

SEENAA waaʼee Addaamiifi Hewwaan, akkasumas waaʼee dhaaba Eeden dubbatu beektaa? Namoonni addunyaa maratti argaman seenaa kana beeku. Atoo Macaafa Qulqulluurraa waaʼee seenaa kanaa maaliifi hin dubbiftu? Seenaa kana Uumama 1:26 hanga 3:24⁠rraa argachuu dandeessa. Seenaansaa akka armaan gadiitti gabaabaatti ibsameera:

Yihowaan * nama tokko biyyoo lafaarraa uumuudhaan maqaasaa Addaam jedhee erga moggaasee booda, bakka dhaabaa Eeden jedhamu keessa isa kaaʼe. Iddoo dhaabaa kana kan qopheesses Waaqayyodha. Naannoon kun bishaan gaʼaafi mukeetii mimmiidhagoo firii kennan hedduu qaba ture. “Mukti hamaaf gaarii ittiin beekanis” iddoo dhaabaa sana gidduu jira ture. Waaqayyo, ija mukaa kanarraa akka hin nyaanne kan isaan dhowwe siʼa taʼu, abboomamuu diduudhaan ija mukaa kanarraa yoo nyaatan garuu akka duʼan itti hime. Yeroo boodammoo, Yihowaan lafee cinaacha Addaam keessaa tokko fuudhee dubartii isa gargaartu, jechuunis Hewwaaniin uumeef. Waaqayyo, Addaamiifi Hewwaan iddoo dhaabaa kana akka kunuunsan hojii kan isaaniif kenne siʼa taʼu, wal horuudhaanis lafa akka guutan isaan eebbiseera.

Hewwaan kophaashee utuu jirtuu bofti, Waaqayyo akka ishee gowwoomseefi wanta gaarii tokko, jechuunis wanta akka Waaqayyoo ishee godhu akka ishee dhowwate dubbachuudhaan ija mukaa akka hin nyaanne dhowwamerraa akka nyaattu ishee qore. Isheenis, dubbii kanaan gowwoomfamtee ija mukaa dhowwame kanarraa nyaatte. Booda, Addaamis akkumashee Waaqayyoof utuu hin abboomamin hafe. Yihowaan yeroo kanatti, Addaamiifi Hewwaanirratti, akkasumas boficharratti murtoo dabarse. Namoonni kun dhaaba jannataa keessaa erga baafamanii booda, balballi gara jannataatti galchu ergamootaan akka eegamu godhame.

Yeroo tokko hayyoonni, beektonniifi ogeeyyiin, seenaa Seera Uumamaa keessatti argamu qorachuudhaan ragaa seenaan kun dhugaa taʼuusaa mirkaneessu dhiheessuunsaanii balʼinaan kan beekamu ture. Yeroo harʼaatti garuu, seenaan kun dhugaa taʼuusaa shakkuun babalʼachaa dhufeera. Haataʼu malee, seenaan Seera Uumamaarratti argamuufi waaʼee Addaamiifi Hewwaan, akkasumas waaʼee dhaaba Eeden dubbatu akka shakkamu kan godhe maalidha? Mee amma sababiiwwan yeroo baayʼee akka ragaatti dhihaatan afur haa ilaallu.

1. Dhaabni Eeden Bakka Dhugumaan Jiru Turee?

Dhimma kanarratti shakkiin kan uumame maaliifi? Barumsi falaasamaa kanaaf buʼuura guddaa hin taʼin hin oolu. Jaarraawwan hedduudhaaf, hayyoonni amantii jannanni Waaqayyo dhaabe ammayyuu bakka taʼe tokkotti argamti jedhanii yaadu turan. Haataʼu malee, ilaalchi falaasota Giriikii, kan akka Pilaatoofi Aristootil, ‘Samiirra yoo taʼe malee lafa kanarra wanti mudaa hin qabne tokkoyyuu jiraachuu hin dandaʼu’ jedhu Saba Kiristiyaanaarratti dhiibbaa guddaa geessiseera. Kanaan kan kaʼes, hayyoonni amantii jannanni isheen jalqabaa gara samiitti dhihaattee kan jirtu taʼuu qabdi jedhanii amanuu jalqaban. * Namoonni tokko tokko dhaabni kun lafa isa mancaʼe kanaan akka hin faalamneef, tabba baayʼee ol dheeraa taʼerratti argamti jedhu; kaanimmoo, Bantii Kaabaa ykn Bantii Kibbaarra turte jedhanii kan yaadan siʼa taʼu, kaanis, addeessarratti ykn naannoo addeessaatti argamti jedhanii yaadu. Kanaaf, seenaan waaʼee dhaaba Eeden dubbatu abjuu qofa akka taʼetti ilaalamuunsaa nu ajaaʼibsiisuu hin qabu. Hayyoonni bara keenyatti argaman hedduun, iddoon Eeden jedhamu matumaa jiraatee hin beeku jedhanii waan amananiif, bakka Eeden itti argamu kaartaarraa argachuuf yaalii gochuun gowwummaadha jedhanii yaadu.

Haataʼu malee, Macaafni Qulqulluun waaʼee dhaaba Eeden karaa kanarraa adda taʼeen ibsa. Uumama 2:8-14⁠rratti waaʼee iddoo kanaa ibsi balʼaan kennameera. Iddoon dhaabaa kun karaa bahaa bakka Eeden jedhamutti argama. Lagni Eedenirraa kaʼee bakka afuritti hiramuudhaan, iddoo dhaabaa kana obaasa ture. Maqaan lageen arfanii kan caqasame siʼa taʼu, kallattii kamitti akka yaaʼanis ibsi gabaabaan kennameera. Ibsi balʼaan kun, hayyoonni bakka kana argachuuf hawwii akka qabaataniifi naannoon kun bakka kamitti akka argamu beekuuf kutaa caqasa Macaafa Qulqulluu kanarratti qorannoo gadi fageenya qabu akka godhan isaan godheera. Haataʼu malee, qorannoo godhame ilaalchisee yaanni isaan kennan hedduunsaa kan wal faallessudha. Kana jechuun garuu, waaʼeen Eeden, waaʼeen dhaaba naannoo sana tureefi waaʼeen lageen sanaa ibsi kenname sheekkoo ykn sobadha jechuudhaa?

Mee yaadi: Wantoonni kun waggaa 6,000 dura dhaaba Eeden keessatti kan raawwatamanidha. Wantoota kana kan barreesse Museedha jedhamee kan yaadamu siʼa taʼu, seenaawwan kana namootarraa dhagaʼee ykn galmeewwan dur barreeffamanirraa argatee taʼuu dandaʼa. Taʼus Museen seenaawwan kana kan galmeesse, wantoonni kun erga raawwatamanii gara waggaa 2,500 boodadha. Seenaan waaʼee dhaaba Eeden dubbatu yeroo sanattillee seenaa durii ture. Lageen dabalatee akkaataan taaʼumsa lafaa Eeden jaarraawwan hedduu booda jijjiiramuu hin dandaʼuu? Akkaataan taaʼumsa lafaa yeroo hunda ni jijjiirama. Naannoo dhaaba Eeden turte jedhamee yaadamutti kirkirri lafaa kan baayʼatu siʼa taʼu, kirkira lafaa gurguddaa yeroo ammaatti gaʼu keessaa dhibbeentaa 17 kan taʼan naannoo kanatti kan gaʼanidha. Naannoo akkasiitti taaʼumsa lafaarratti jijjiiramni akka jiraatu beekamaadha. Kana malees, Bishaan Badiisaa bara Nohitti gaʼe, jijjiirama taaʼumsa lafaa nuyi matumaa hubachuu hin dandeenye geessisee taʼuu dandaʼa. *

Haataʼu malee, waaʼeen Eeden wantoonni beeknu muraasni jiru: Seenaan Seera Uumamaa dhaabni Eeden bakka dhugumaan jiru akka ture ibsa. Lageen afur keessaa lama, jechuunis Efraaxiisiifi Xegros ykn Hiidiikeel hanga harʼaatti kan jiran siʼa taʼu, maddeen lageen kanaa tokko tokkos walitti dhihoo jiru. Kana malees seenaan kun biyyoota lageen kun keessa darban, akkasumas naannoon sun albuuda akkamiitiin akka beekamu adda baasee caqaseera. Dhaaba Eeden ilaalchisee ibsi balʼinaan kenname kun, saba Israaʼel durii yeroo jalqabaatiif kitaaba kana dubbisaniif ragaa gaʼaa kan kennu ture.

Seenaan kun utuu sheekkoo ykn soba taʼee karaa kanaan dhihaata turee? Yookiin seenaan dhugaa ykn soba taʼuusaa salphaatti mirkaneessuun dandaʼamu akkasitti balʼinaan dhihaata turee? Yeroo baayʼee sheekkoon, “Gaaf tokko biyya fagoo tokkotti” jechuudhaan jalqaba. Seenaan dhugaa garuu, akkuma seenaa dhaaba Eeden yaadawwan barbaachisaa taʼan balʼinaan ibsa.

2. Seenaan Addaam biyyoo lafaarraa akka tolchame, Hewwaanimmoo lafee cinaacha Addaamirraa akka tolchamte ibsu dhugaadhaa?

Saayinsiin ammayyaa qaamni namaa elemantoota addaddaa kan akka haaydiroojinii, oksijiiniifi kaarboonii warra dachee lafaa keessaa argamanirraa akka tolfame mirkaneesseera. Haataʼu malee, albuudawwan kun walitti makamanii uumama lubbuu qabu tokko argamsiisuu kan dandaʼan akkamitti?

Saayintistoonni hedduun wantoonni lubbuu qaban akka tasaatti dhufan jedhanii dubbatu; namoonni kun lubbuun seelii salphaa taʼerraa kaʼee waggoota miliyoonaan lakkaaʼaman keessatti suutuma suuta gara sadarkaa wal xaxaa taʼetti jijjiiramuu jalqabe jedhu. Haataʼu malee, seeliiwwan ijaan hin mulʼanne dabalatee wantoonni lubbuu qabeeyyii taʼan hundi baayʼee wal xaxaa waan taʼaniif, jechi “salphaa” jedhu sirrii taʼuu hin dandaʼu. Yaanni lubbuun kamiyyuu akka tasaa dhufuu ykn argamuu dandaʼa jedhu ragaa tokkoyyuu hin qabu. Kanaa mannaa, akkaataan wantoonni lubbuu qabeeyyii taʼan hundi itti uumaman, qaamni nu caalaa dandeettii guddaa qabu tokko akka jiru mirkaneessa. *Roomaa 1:20.

Muuziqaa orkeestiraa addaatiin qindeeffame dhaggeeffachaa ykn fakkii baayʼee miidhagaa taʼe dinqisiifachaa ykn argama teknooloojii tokko ajaaʼibsiifachaa jirta haa jennu. Wantoota kana namni hin hojjenne jettee falmitaa? Akka hin falmine beekamaadha! Haataʼu malee, wantoonni kun wal xaxiinsa, miidhagina ykn dandeettii guddaa akkaataa qaamni namootaa itti hojjetamee wajjin matumaa wal biraa qabamanii ilaalamuu hin dandaʼan. Maarree qaama namootaa kan uume hin jiru jennee yaaduu kan dandeenyu akkamitti? Kana malees, seenaan Seera Uumamarratti ibsame wantoota lafarratti uumaman hundumaa keessaa akka bifa Waaqayyootti kan uumaman namoota qofaa akka taʼan ibsa. (Uumama 1:26) Lafa kanarratti akkuma Waaqayyoo waan tokko uumuu kan dandaʼan namoota qofadha; al tokko tokko muuziqaa, hojiiwwan ogummaafi buʼaawwan teknooloojii nama dinqisiisan qopheeffamuunsaanii kanaaf ragaa taʼa. Maarree dandeettiin Waaqayyo waa uumuuf qabu kan keenyarra guddaa caaluunsaa nu dinqisiisuu qabaa?

Waaqayyo lafee cinaacha Addaam keessaa tokko fuudhee Hewwaaniin akka uume amanuun ulfaataadhaa? * Waaqayyo mala gara biraatti fayyadamuu kan dandaʼu taʼus, karaa kanaan dubartii uumuunsaa garuu hiika guddaa kan qabudha. Addaamiifi Hewwaan gaaʼela dhaabbachuudhaan “foon tokko” taʼanii akka waliin jiraatan barbaada ture. (Uumama 2:24) Dhiirriifi dubartiin tokko walitti dhufeenya lamaansaanii tokko godhu qabaachuudhaan jiraachuunsaanii, ragaa cimaa Uumaan ogeessaafi jaalala qabeessa taʼe akka jiru argisiisu mitii?

Kana malees, qorattoonni jenetiksii bara keenyatti argaman, ilmaan namootaa hundi dhiira tokkoofi dubartii tokkorraa kan argaman utuu hin taʼin akka hin oolle amananiiru. Maarree, seenaa Seera Uumamaarra jiru amanuun ulfaataadhaa?

3. Seenaan muka hamaafi gaarii ittiin beekan, akkasumas muka jireenyaa ilaalchisee dubbatamu sheekkoo fakkaata.

Seenaan Seera Uumamarratti argamu, mukeetiin kun humna adda taʼe qabu jedhee hin barsiisu. Kanaa mannaa, mukeetii Yihowaan hiika fakkeenyaa akka qabaatan godhe biqilchedha.

Yeroo tokko tokko namoonniyyuu wantoota kanaa wajjin walfakkaatan raawwatu mitii? Fakkeenyaaf, abbaan alangaa tokko namoonni seera mana murtii cabsuunsaanii yakka taʼuusaa akeekkachiisa taʼa. Yeroo akkas jedhu garuu miʼa, keenyan ykn kutaa mana murtiif ulfina akka kennan dubbachuusaa utuu hin taʼin, sirni mana murtii sanaa kabajamuu qaba jechuusaa akka taʼe beekamaadha. Mootummoonni addaddaas, aangoo olaantummaasaanii ibsuuf siiqqee ykn gonfoo akka mallattootti fayyadamaa turaniiru.

Maarree, mukeetiin kun lamaan maal argisiisu? Kana ilaalchisee yaadawwan hubachuuf nama rakkisan hedduun kennamaniiru. Deebiinsaa inni sirriin garuu, salphaafi hiika guddaa kan qabudha. Mukti hamaafi gaarii ittiin beekan, mirga Waaqayyo qofti qabu, jechuunis wanta gaariifi gadhee taʼe murteessuu kan dandaʼu isa akka taʼe kan argisiisudha. (Ermiyaas 10:23) Kanaaf muka sanarraa hatuun yakka jedhamuunsaa kana nama dinqisiisu miti! Mukti jireenya kennummoo, kennaa Waaqayyo qofti kennuu dandaʼu, jechuunis jireenya barabaraa kan argisiisudha.—Roomaa 6:23.

4. Seenaan bofti akka dubbate ibsu sheekkoo fakkaata.

Keessumaa kutaawwan Macaafa Qulqulluu kaan tilmaama keessa galchuu baannaan, seenaa Seera Uumamaa waaʼee bofaa ibsu hubachuun nama rakkisuu dandaʼa. Haataʼu malee, Caaffanni Qulqullaaʼoon suutuma suuta iccitii kana akka gaariitti nuuf ibsu.

Bofichi dubbachaa akka jiru kan fakkeesse eenyudha? Sabni Israaʼel durii, yaadawwan bofni kun seenaa kana keessatti gaʼee akkamii qabaachuu akka dandaʼu hubachuuf isaan gargaaran tokko tokko beeku turan. Fakkeenyaaf, horiin dubbachuu akka hin dandeenye kan beekan taʼus, qaamni hafuuraa tokko horiin sun dubbachaa akka jiru fakkeessuu akka dandaʼu beeku turan. Museen waaʼee nama Balaʼaam jedhamu kan barreesse siʼa taʼu, seenaansaas ergamaan Waaqayyoo tokko harreen Balaʼaam akkuma namaatti akka dubbattu gochuusaa ibsa.—Lakkoobsa 22:26-31; 2 Phexros 2:15, 16.

Warra diinota Waaqayyoo taʼan dabalatee uumamawwan hafuuraa kaanis dinqii raawwachuu ni dandaʼuu? Museen, luboonni Gibxii warri ayyaana hedan dinqii Waaqayyo raawwate fakkeessanii hojjechuusaanii argee ture; dinqiiwwan isaan hojjetan kana keessaa tokko ulee gara bofaatti jijjiiruu ture. Humna wanta dinqisiisaa akkasii akka raawwatan isaan gargaare kan argatan, ergamoota hamoo dinoota Waaqayyoo taʼanirraa akka taʼe ifadha.—Baʼuu 7:8-12.

Macaafa Iyoob kan barreesse Musee akka ture beekamaadha. Macaafni kun waaʼee Seexanaa isa tajaajiltoonni Yihowaa Waaqayyoof amanamoo taʼuu hin dandaʼan jedhee sobaan himata dhiheesseefi diina Waaqayyoo isa guddaa taʼee waan baayʼee ibsa. (Iyoob 1:6-11; 2:4, 5) Sabni Israaʼel durii, bofni Eeden keessa ture akka dubbate fakkeessuudhaan Hewwaan Waaqayyoof akka hin amanamne kan gowwoomse Seexanadha jedhanii yaadu turanii? Akkas jedhanii kan yaadan taʼuu hin oolu.

Bofichi akka dubbatuu kan godhe Seexana turee? Yesus yeroo booda “inni sobaa dha, abbaa sobaa tis” jechuudhaan waaʼee Seexanaa dubbateera. (Yohannis 8:44) Jalqabarratti soba kan dubbate Seexana isa “Abbaa sobaa” jedhame kana mitiiree? Sobni inni jalqabaa wanta bofichi Hewwaanitti dubbate keessatti kan argamu ture. Ija mukaa sanarraa yoo nyaatan akka duʼan akeekkachiisa Waaqayyo isaanii kennerraa haala faallaa taʼeen, bofichi “Hin duutan” jedhee isaan sobe. (Uumama 3:4) Yesus bofni kun akka dubbatu kan godhe Seexana taʼuusaa akka beeku ifadha. Yesus, mulʼata Yohannis ergamaatti beeksiserratti ‘bofa bara durii’ jedhee Seexana waamuunsaa haallisaa caalaatti akka ifa nuu taʼu godha.—Mulʼata 1:1; 12:9.

Qaamni hafuuraa humna guddaa qabu bofni dubbachaa akka jiru fakkeessuunsaa wanta amanuuf nama rakkisudhaa? Namoonni akka uumamawwan hafuuraa humna guddaa kan hin qabne taʼaniyyuu fiilmii, tiyaatirii ykn televijiiniirratti wanta namoota dinqisiisu fakkeessanii hojjechuu ni dandaʼu.

Ragaa Hunda Caalaa Amansiisaa Taʼe

Shakkiin namoonni seenaa Seera Uumamaarratti qaban ragaa quubsaa kan hin qabnedha yoo jedhame walii hin galtuu? Karaa biraammoo, seenaan kun dhugaa taʼuusaa ilaalchisee ragaan hunda caalaa amansiisaa taʼe jira.

Fakkeenyaaf Yesus Kiristos, “dhuga-baatuu isa amanamaa, isa dhugaadhaaf dhugaa baʼu” jedhameera. (Mulʼata 3:14) Yesus nama mudaa hin qabne waan taʼeef matumaa sobee hin beeku; karaa kamiiniyyuu dhugaa jalʼisee hin beeku. Kana malees nama taʼee lafarratti dhalachuusaa dura, jechuunis “utuu biyyi lafaa hin uumamin” dura, Yihowaa Abbaasaa wajjin jiraachaa akka ture dubbateera. (Yohannis 17:5) Kanaaf yeroo jalqaba namni lafarratti uumamu Yesus samiirra jira ture. Dhugaa baatuun hundumaa caalaa amanamaa taʼe kun maal jedhee dubbateree?

Yesus, Addaamiifi Hewwaan namoota dhugumaan jiraatan akka turan dubbateera. Gaaʼela ilaalchisee qajeelfama Yihowaa yeroo dubbatu dhiirri tokko dubartii tokkoo wajjin qofa jiraachuu akka qabu caqaseera. (Maatewos 19:3-6) Addaamiifi Hewwaan namoota lubbuudhaan hin jiraanne utuu taʼanii, akkasumas dhaabni jannataa isaan keessa jiraatan sheekkoo utuu taʼee, Yesus gowwoomfameera ykn sobeera jechuu taʼa. Kunimmoo dhugaa taʼuu hin dandaʼu! Yesus samiirra taaʼee wanta gaddisiisaa dhaaba Eeden keessatti raawwatame ilaalaa ture. Ragaa amansiisaa Yesus kenne kanarra caalu argachuun ni dandaʼamaa?

Seenaa Seera Uumamaarra jirutti amanuu dhiisuun, Yesusirratti amantii dhabuudha. Kana malees, barumsawwan ijoo Macaafa Qulqulluu taʼaniifi abdii nama jajjabeessu kennan hubachuun akka namatti ulfaatu godha. Mee akkas kan jennu maaliif akka taʼe haa ilaallu.

[Miiljaleewwan]

^ key. 3 Macaafa Qulqulluu keessatti maqaan Waaqayyoo Yihowaa akka taʼe ibsameera.

^ key. 7 Haataʼu malee, ilaalchi akkasii deggersa Caaffata Qulqullaaʼoo hin qabu. Macaafni Qulqulluun, hojiin Waaqayyoo mudaa akka hin qabneefi mancaʼiinsa gaʼeef kan itti gaafatamu Isa akka hin taane barsiisa. (Keessa Deebii 32:4, 5) Yihowaanis wantoota lafarratti argaman hunda uumee erga raawwatee booda, wantoonni inni uume hundi “baayʼee gaarii” akka turan dubbateera.—Uumama 1:31.

^ key. 9 Bishaan Badiisaa Waaqayyo fide, dhaaba Eeden guutummaatti akka balleesse haalasaarraa hubachuun ni dandaʼama. Akka Hisqiʼel 31:18 ibsutti, ‘mukkeetiin Eeden’ Dh.K.D. jaarraa torbaffaa dura badaniiru. Kanaaf, sana booda carraaqqiin namoonni dhaaba Eeden barbaaduuf godhan buʼaa utuu hin argamsiisin hafeera.

^ key. 14 Birooshura Madda Jireenyaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Gaafatamuu Qaban Shanan jedhuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe ilaali. (Amaariffa)

^ key. 16 Kan nama dinqisiisu, saayinsiin fayyaa yeroo ammaatti argamu lafeen cinaachaa miidhaa isarra gaʼerraa fayyuu akka dandaʼu mirkaneesseera. Lafeewwan kaanirraa haala adda taʼeen, ribuuwwan wal qabsiistuu taʼan hanga hin miidhamnetti deebiʼee guddachuu dandaʼa.