Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yesus Eessaa Dhufe?

Yesus Eessaa Dhufe?

Yesus Eessaa Dhufe?

“Deebiʼees [Philaaxos] manichatti ol lixee, Yesusiin, ‘Ati eessaa dhufte?’ jedhe; Yesus garuu deebii hin deebifneef.”—YOHANNIS 19:9.

BULCHAAN warra Roomaa, Phonxos Philaaxos gaaffii kana kan gaafate, yeroo Yesus murtoodhaaf garasaatti dhihaatetti ture. Philaaxos Yesus kutaa Israaʼel isa kam keessaa akka dhufe beeka. (Luqaas 23:6, 7) Kana malees, Yesus nama bakka guddaa qabu taʼuusaa beeka ture. Philaaxos gaaffii kana kan gaafate, Yesus nama taʼuusaa dura jiraachuufi dhiisuusaa beekuu waan barbaadeef turee? Bulchaan waaqayyolii tolfamoo waaqessu kun, dhugaa fudhatee haala dhugichaa wajjin walsimuun jiraachuu barbaadeetii? Sababiin inni itti gaaffii kana gaafate maaliyyuu yoo taʼe, Yesus gaaffiisaatiif deebii hin kennine. Wanti Philaaxosiin caalaatti yaaddesse aangoosaa malee, waaʼee dhugaafi waaʼee qajeelummaa akka hin taane utuu hin turin ifa taʼeera.—Maatewos 27:11-26.

Namoonni dhugumaan Yesus eessaa akka dhufe beekuu barbaadan garuu, salphaatti deebii argachuu akka dandaʼan beekuun nama gammachiisa. Macaafni Qulqulluun, Yesus Kiristos eessaa akka dhufe ifatti dubbata. Mee yaadawwan armaan gadii ilaali.

Bakka inni itti dhalate Lakkoofsi baraa yeroo ammaatti itti hojjetamu, Yesus Yihudaa mandara Betlihem maatii harka qalleeyyii taʼan keessatti Dh.K.D. birraa, bara 2⁠tti akka dhalate argisiisa. Abboommiin mootii warra Roomaa kan ture Awugusxos namoonni biyyichaa akka caafamaniif baase, haati Yesus, Maariyaam isheen ‘ulfa turteefi’ abbaan manaashee Yoseef gara Betlihem bakka sanyiinsaa itti argaman akka dhaqan isaan dirqisiiseera. Namoonni kun mandara namaan guutamte kana keessatti bakka bultii waan dhabaniif, yeroo Yesus dhalatu siree horiin irraa nyaaturra isa ciibsan.—Luqaas 2:1-7.

Jaarraa hedduu dura bakka Yesus itti dhalatu ilaalchisee raajiin Macaafa Qulqulluu, “Ati immoo yaa mandara Betlihem-Efraataa, mandaroota Yihudaa warra gurguddoota keessaa ati ishee xinnoo dha; Israaʼelin kan moʼu tokko si keessaa anaaf in baʼa” jedhu dubbatamee ture. * (Miikiyaas 5:2) Betlihem mandara baayʼee xinnoo taʼuusheetiin kan kaʼe mandaroota Yihudaa keessatti hin galmeeffamne turte. Taʼus, mandarri xinnoon kun ulfina addaa argachuuf jetti. Masiihiin inni abdachiifame ykn Kiristos, Betlihemii dhufuuf jedha.—Maatewos 2:3-6; Yohannis 7:40-42.

Bakka inni itti guddate Maatiin Yesus yeroo muraasaaf biyya Gibxii erga turee booda, mandara Naazireet ishee koonyaa Galiilaatti argamtuufi Yerusaalemirraa gara kaabaatti kiilomeetira 96 fagaattu keessa jiraachuu dhaqe. Yeroo sanatti Yesus umriinsaa waggaa sadii hin guunne ture. Naannoo bareedaa kana keessa kan jiraatan, qonnaan bultoota, tiksitootaafi namoota qurxummii qaban siʼa taʼu, Yesusis kan guddate maatii balʼaa harka qalleeyyii turan keessatti taʼuu hin oolu.—Maatewos 13:55, 56.

Macaafni Qulqulluun jaarraa hedduu dura, Masiihichi “Naaziricha” akka jedhamu raajii dubbatee ture. Barreessaa Wangeelaa kan taʼe Maatewos, maatiin Yesus wanti “Raajonni waaʼee Yesusiif, ‘Inni “Naaziricha” in jedhama’ jedhanii kan dubbatan akka raawwatamuuf, mandara Naazireet jedhamtu tokko keessa” jiraachuu akka dhaqe dubbateera. (Maatewos 2:19-23) Maqaan Naazireet jedhu jecha afaan Ibrootaa “latii” jedhuu wajjin walitti dhufeenya kan qabu utuu hin taʼin hin oolu. Kanaaf, Maatewos yeroo akkas jedhu, raajii Isaayaas isa waaʼee Masiihicha “latii” hidda Iseyi keessaa baʼu ibsu caqasuusaa taʼuu hin oolu; kunimmoo Masiihichi karaa sanyii Iseyi abbaa Daawit Mootichaa akka dhufu kan argisiisudha. (Isaayaas 11:1) Dhugumayyuu, Yesus karaa Daawit hidda dhalootaa Iseyirraa dhufe.—Maatewos 1:6, 16; Luqaas 3:23, 31, 32.

Dhalachuusaa dura bakka inni ture Macaafni Qulqulluun, Yesus Betlihemitti siree horiin irraa nyaatanirratti dhalachuusaa yeroo dheeraa dura jiraachaa akka ture ibsa. Raajiin Miikiyaas olitti ibsame, “hundeen isa si keessaa baʼuuf jiruus kan bara durii durii bara baraa ti” jedha. (Miikiyaas 5:2) Yesus Ilma Waaqayyoo isa angafaa waan taʼeef, nama taʼee lafarratti dhalachuusaa dura uumama hafuuraa taʼee samiirra jiraachaa ture. Yesusis, “Waaqa irraa[n] gad buʼe” jechuudhaan dubbateera. (Yohannis 6:38; 8:23) Kun taʼuu kan dandaʼe akkamitti?

Yihowaan hafuura qulqulluutti fayyadamee, jireenya Ilmasaa isa samiirraa gara gadameessa durba Yihudii Maariyaam jedhamtutti dabarsee, nama cubbuu hin dhaalle taʼee akka dhalatu gochuudhaan dinqii raawwateera. * Dinqii akkasii raawwachuuf humna kan qabu, Waaqa isa Hundumaa Dandaʼu qofadha. Akkuma ergamichi dhimma sana ilaalchisee Maariyaamitti dubbate, “Waaqayyoof wanti dadhabamu hin jiru.”—Luqaas 1:30-35, 37.

Macaafni Qulqulluun Yesus eessaa akka dhufe nutti himuu malees waan ibsu qaba. Barreessitoonni Wangeelaa arfan, jechuunis Maatewos, Maarqos, Luqaasiifi Yohannis, bara inni lafarra jiraatetti waan turaniif akkamitti akka jiraate ilaalchisee waan hedduu nutti himu.

[Miiljaleewwan]

^ key. 6 Efraataan maqaa Betlihem duraan ittin beekamtu taʼuu hin oolu.—Uumama 35:19.

^ key. 10 Yihowaan maqaa Waaqayyoo Macaafa Qulqulluu keessatti ibsamedha. Macaafa Qulqulluu afaan Oromoo, Uumama 22:14⁠rratti afaan Ibrootaatiin Yaahwee jedhameera. Hiikawwan kaanimmoo Yihowaa jedhu.