Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yesus Maaliif Duʼe?

Yesus Maaliif Duʼe?

Yesus Maaliif Duʼe?

“Ilmi namaa . . . lubbuu [ykn jireenya] isaa furii namoota baayʼeetiif kennuuf dhufe.”—MAARQOS 10:45.

YESUS wanta isa eeggatu beeka ture. Nagaadhaan akka hin jiraannes hubatee ture. Umriinsaa waggoota 30 keessa utuma jiruu haala gaddisiisaa taʼeen akka duʼu kan beeku taʼuusaarrayyuu, duʼa isarra gaʼuuf jiru kanaaf guutummaatti of qopheessee ture.

Macaafni Qulqulluun duuti Yesus faayidaa guddaa akka qabu ibsa. Barreeffamni tokko, duuti Yesus Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Giriikii ykn Kakuu Haaraa keessatti kallattiidhaan gara 175 akka caqasame ibseera. Haataʼu malee, dhiphachuufi duʼuun kan isa barbaachise maaliifi? Duuti Yesus jireenya keenyarratti jijjiirama guddaa fiduu akka dandaʼu beekuu qabna.

Yesus maal akka isarra gaʼu beeka ture? Yesus dhuma jireenyasaa isa lafarraarratti, dhiphinaafi duʼa isa eeggatu ilaalchisee irra deddeebiʼee bartootasaa akeekkachiiseera. Yeroo dhumaatiif Ayyaana Faasikaa kabajuuf Yerusaalem dhaqaa utuu jiruu ergamootasaa 12⁠niin akkas jedheera: “Ilmi namaa luboota warra angafootaatti, barsiisota seeraattis dabarfamee in kennama; isaan immoo yakka duʼaa itti muranii, saba Waaqayyoo warra hin taʼinitti dabarsanii isa in kennu; jarri itti in gaʼisu, itti in tufu, in reebu, in ajjeesus.” * (Maarqos 10:33, 34) Yesus wanta isarra gaʼu ilaachisee akkas mirkanaaʼaa akka taʼu kan isa godhe maalidha?

Yesus raajiiwwan Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Ibrootaa keessatti akkamitti akka duʼu dubbataman hedduu beeka ture. (Luqaas 18:31-33) Mee raajiiwwaniifi caqasoota raajiiwwan kun akkamitti akka raawwataman ibsan tokko tokko haa ilaallu.

Masiihichi . . .

▪ Meetii guroo 30an gurgurama.—ZAKAARIYAAS 11:12; MAATEWOS 26:14-16.

▪ Ni rukutama; itti tufamas.—ISAAYAAS 50:6; MAATEWOS 26:67; 27:26, 30.

▪ Ni fannifama.—FAARFANNAA 22:16; MAARQOS 15:24, 25.

▪ Utuu fannifamee jiruu itti gaʼifama.—FAARFANNAA 22:7, 8; MAATEWOS 27:39-43.

▪ Utuu lafeensaa tokkoyyuu hin cabin ajjeefama.—FAARFANNAA 34:20; YOHANNIS 19:33, 36.

Raajiiwwan kuniifi kan biraa hedduun Yesusirratti raawwatamaniiru. Yesus karaa raajiiwwan kun isarratti akka raawwataman itti gochuu dandaʼu hin jiru ture. Raajiiwwan kun hundi isarratti raawwatamuunsaanii, Yesus dhugumaan Waaqayyoon kan ergame taʼuusaa mirkaneessu. *

Haataʼu malee, Yesus dhiphachuunsaafi duʼuunsaa barbaachisaa kan ture maaliifi?

Yesus kan duʼe gaaffiiwwan gurguddaa kaʼan deebii akka argatan gochuuf ture Yesus gaaffiiwwan olaantummaa wajjin haala wal qabateen dhaaba Eeden keessatti kaʼe beeka ture. Addaamiifi Hewwaan, qaama hafuuraa hamaa tokkoon gowwoomfamanii Waaqayyoof abbomamuu diduu filatan. Namoonni kun hammaachuunsaanii olaantummaan Waaqayyoo ykn akkaataan inni itti bulchu sirrii taʼuusaarratti gaaffiin akka kaʼu godheera. Cubbuu hojjechuunsaanii ilmaan namootaa yoo qorumsi isaanirra gaʼe amanamoo taʼuusaanii ilaalchisees gaaffiin akka kaʼu godheera.—Uumama 3:1-6; Iyoob 2:1-5.

Yesus gaaffiiwwan lamaaniif, jechuunis olaantummaa Yihowaafi amanamummaa ilmaan namootaa ilaalchisee kaʼaniif deebii quubsaa kenneera. Yesus “hamma duʼaatti, hamma fannifamee duʼutti” abboomamaa taʼuudhaan olaantummaa Waaqayyoo deggereera. (Filiphisiiyus 2:8) Yesus namni cubbuurraa walaba taʼe tokko qorumsi cimaan isarra gaʼuyyuu, Yihowaadhaaf amanamaa taʼuu akka dandaʼus mirkaneesseera.

Yesus kan duʼe ilmaan namootaa furuufidha Isaayaas raajichi, Masiihiin akka dhufu abdachiifame ilmaan namootaa cubbuu dhaalan Waaqayyoo wajjin akka araaraman gochuuf, dhiphachuufi duʼuu akka qabu raajii dubbateera. (Isaayaas 53:5, 10) Yesus kana sirriitti kan hubate taʼuusaarrayyuu, fedhiisaatiin “lubbuu isaa furii namoota baayʼeedhaaf” kenneera. (Maatewos 20:28) Duuti aarsaa inni duʼe ilmaan namootaa cubbuu dhaalan Yihowaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuu akka dandaʼaniif karaa banuusaarrayyuu, cubbuufi duʼa jalaa akka furaman godha. Duuti Yesus wanta Addaamiifi Hewwaan dhaban akka argannu, jechuunis mudaa malee barabaraaf lafarra jiraachuu akka dandeenyuuf karaa nuu baneera. *Mulʼata 21:3, 4.

Atoo maal gochuu dandeessa? Matadureewwan walitti aanan kana keessatti Macaafni Qulqulluun Yesus eessaa akka dhufe, akkamitti akka jiraateefi maaliif akka duʼe ilaalleerra. Waaʼee Yesus dhugaawwan kana beekun isa ilaalchisee hubannaa dogoggoraa qabnu nuu sirreessuu caalaa waan nuu godhu qaba. Beekumsa argannee wajjin haala walsimuun jiraachuun eebba, jechuunis yeroo ammaatti jireenya gaarii gara fuulduraattimmoo jireenya barabaraa nuuf argamsiisa. Macaafni Qulqulluun eebbawwan kana argachuuf maal gochuu akka nu barbaachisu nutti hima.

▪ Waaʼee Yesus Kiristosiifi gaʼee inni kaayyoo Waaqayyoo keessatti qabu caalaatti baradhu.—YOHANNIS 17:3.

▪ Amantii Yesusirratti qabdu argisiisi; akkaataa jireenyaa keetiin fayyisaakee gootee akka isatti amantus argisiisi.—YOHANNIS 3:36; HOJII ERGAMOOTAA 5:31.

Dhugaa Baatonni Yihowaa waaʼee Yesus Kiristos, “tokkicha ilma” Waaqayyoo, isa kennaa “jireenya bara baraa” itti argannuu caalaatti akka barattu si gargaaruuf qophaaʼoodha.—Yohannis 3:16.

[Miiljaleewwan]

^ key. 5 Yesus yeroo baayʼee ‘Ilma namaa’ ofiin jedha ture. (Maatewos 8:20) Jechi kun guutummaatti nama taʼuusaa qofa utuu hin taʼin, inni isa raajii Macaafa Qulqulluu keessatti “ilma namaa” jedhame taʼuusaa kan argisiisu ture.—Daaniʼel 7:13, 14.

^ key. 13 Raajiiwwan Yesusirratti raawwataman ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf, kutaa dabalataa kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamurra jiruufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe, mataduree “Yesus KiristosMasiihii Isa Abdachiifame” jedhu ilaali.

^ key. 17 Faayidaa Yesus duʼa aarsaa duʼuunsaa qabu caalaatti beekuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu, boqonnaa 5, mataduree “Furiin—Kennaa Waaqayyoo Isa Hundaa Caaludha” jedhu ilaali.