Dhimma ijoo ta'etti seeni

KITAABNI QULQULLUUN JIREENYA NAMOOTAA NI JIJJIIRA

KITAABNI QULQULLUUN JIREENYA NAMOOTAA NI JIJJIIRA

KITAABNI QULQULLUUN JIREENYA NAMOOTAA NI JIJJIIRA

NAMNI namootaa wajjin walitti dhihaachuun isa jibbisiisuu fi sochii paanki rook irratti hirmaachaa ture namoota jaallachuu fi gargaaruuf kan isa kakaase maali dha? Namni Meeksikoo jiraatu tokko jireenya gadhiisii jiraatu akka dhiisu kan isa kakaase maali dha? Namni Jaappaanitti dorgomaa biskileetii beekamaa ture tokko dorgommii irratti hirmaachuu dhiisee Waaqayyoon tajaajiluu kan jalqabe maaliifi? Mee wanta namoonni kun jedhaan haa dhaggeeffannu.

“Nama addaggee, of tuulaa fi garmalee aarun ture.”—DEENAS OBIIRNI

BARA DHALOOTAA: 1958

BIYYA DHALOOTAA: INGILAANDI

SEENAA: SOCHII PAANKI ROOK IRRATTI KAN HIRMAATU

JIREENYA KOO DURAA: Karaa abbaa koo maatiin koo lammii Aayerlaandi dha; ijoollummaa kootti amantaa Kaatolikii Aayerlaandin hordofa ture. Yeroo baayʼee gara waldaa kanan dhaqu kophaa koo ture; garuu deemuun natti hin tolu ture. Wantoota hafuuraatiif garuu fedhii guddaan qaba ture. Yeroo hundumaa Kadhannaa Gooftaa nan kadhadha; galgala siree koo irra ciisee hiika kadhannaan kun qabu irratti yaadaa akkan ture nan yaadadha. Yaadawwan kadhannaan kun qabate kopha kophaatti baasee, hiika maalii akka qabu tilmaamuufan yaala ture.

Yeroo umuriin koo walakkeessa umurii waggoota kurnanii turetti, miseensa sochii Raastafariyaan nan taʼe. Akkasumas warraaqsawwan siyaasaa akka Dhaabbata Farra Naazii jiran keessa galuuf fedhiin qaba ture. Haa taʼu malee, amalli hammeenyaa sochiin paanki rook geessisu dhiibbaa guddaa na irraan geessisaa dhufe. Qorichawwan sammuu namaa hadoochan nan fudhadha, keessumaa immoo guyyaa guyyaadhaan jechuun ni dandaʼama maariwaanaa nan xuuxan ture. Ilaalcha, “Wanta kamiif iyyuu dhiphachuun hin barbaachisu” jedhu waanan qabuuf, dhugaatii alkoolii garmaleen dhuga, akkasumas jireenya kootiifis taʼe namoota kaaniif dantaa kan hin qabne taʼeen ture. Namootaa wajjin walitti dhihaachuun baayʼee waan na jibbisiisuuf, wanti isaan dubbatan gaarii akka taʼe hamma na hin amansiisnetti eenyuu wajjin iyyuu hin dubbadhun ture. Suuraa kaʼuuf illee fedhiin hin qabun ture. Amma gara duubaatti deebiʼee yommuun ilaalu, nama addaggee, of tuulaa fi garmalee aarun ture jechuu nan dandaʼa. Gaarii fi arjaa kanan ture namootan itti dhihaadhuuf qofa ture.

Yeroo umuriin koo waggaa 20 taʼu, waaʼee Kitaaba Qulqulluu beekuun barbaade. Hiriyaan koo qoricha sammuu namaa hadoochu gurguru tokko yeroo mana hidhaa galetti Kitaaba Qulqulluu dubbisuu jalqabee ture; isaa wajjin waaʼee amantaa, waaʼee Waldaa fi waaʼee gaʼee Seexanni addunyaa irratti qabuu maree dheeraa goone. Anis Kitaaba Qulqulluu bitadhee kophaa koo qoʼachuun jalqabe. Anii fi hiriyaan koo kutaawwan Kitaaba Qulqulluu muraasa dhuunfaatti erga dubbisnee booda, waliin taanee wanta dubbisne irratti mariʼanna, achiis xumura tokko irra geenya turre. Haalli kun jiʼoota hedduudhaaf itti fufe.

Wanta dubbisne irraa kaʼuudhaan xumura irra geenye keessaa muraasni isaanii kan armaan gadii turan: guyyoota dhumaa keessa jiraachaa jirra; Kiristiyaanonni misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo lallabuu qabu; siyaasa irratti hirmaachuus taʼe kutaa addunyaa kanaa taʼuu hin qaban; akkasumas, Kitaabni Qulqulluun amala naamusaa gaarii ilaalchisee qajeelfama kenna. Kitaabni Qulqulluun dhugaa akka taʼee fi amantaa dhugaan tokko jiraachuu akka qabu ifatti hubachuu dandeenyee turre. Gaaffiin kaʼu garuu, ‘Amantaa dhugaan isa kami?’ kan jedhu dha. Sirna dhaabbileen amantaa guguddaa taʼan geggeessanii fi siyaasaa keessa akka galan yommuu ilaallu hojiin isaanii wanta Yesuus godhee wajjin akka wal hin simne hubanne. Waaqayyo akka isaanitti hin fayyadamne waan hubanneef, amantaawwan baayʼee hin beekamne keessaa tokko tokko maal akka barsiisan qoruuf murteessine.

Namoota amantaawwan kanneen hordofan gaaffii hedduu gaafanna turre. Gaaffii isaan gaafannu hunda ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun maal akka jedhu waan beeknuuf, deebiin isaan kennan Dubbii Waaqayyoo wajjin kan wal simuu fi kan wal hin simne taʼuu isaa salphaatti hubachuu dandeenya turre. Isaanii wajjin maree erga goonee booda, ‘Namoonni kun amantaa dhugaa kan bakka buʼa yoo taʼe, isaanii wajjin deebiʼee wal arguuf fedhii akkan qabaadhu godhi’ jedheen yeroo hundumaa gara Waaqayyootti kadhannaa dhiheessa ture. Haa taʼu malee, jiʼootaaf mareewwan akkasii kan goone taʼus, namni ykn gareen gaaffiiwwan keenyaaf Kitaaba Qulqulluu irraa deebii nuuf kennu dandaʼe tokko illee hin arganne; akkasumas isaan keessaa eenyuu wajjin iyyuu deebiʼee wal arguuf fedhii hin qabun ture.

Dhuma irratti, anii fi hiriyaan koo Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin wal argine. Achiis gaaffiiwwan yeroo hunda gaafachaa turre isaan gaafanne; isaanis Kitaaba Qulqulluutti fayyadamanii deebii nuuf kennan. Deebiin isaan nuuf kennan wanta nuyi kanaan dura beeknuu wajjin guutummaatti kan wal simu ture. Kanaafuu, Waaqayyo tamboo xuuxuu fi qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachuuf ilaalcha akkamii akka qabu dabalatee, gaaffiiwwan nuti Kitaaba Qulqulluu irraa deebii hin arganneef kan biroo isaan gaafanne. Ammas Kitaaba Qulqulluutti fayyadamanii deebii nuu kennan. Achiis walgaʼii Galma Walgaʼiitti godhamu tokko irratti argamuuf walii galle.

Walgaʼii irratti argamuun anaaf baayʼee ulfaataa ture. Namoonni achi turan haala gaariitiin kan nama simatanii fi akkaataa uffannaa gaarii kan qaban turan; ani garuu namootaa wajjin walitti dhihaachuun waan na jibbisiisuuf, namoonni kun natti dhihaatanii akka na haasofsiisan hin barbaanne. Isaan keessaa tokko tokko kan na haasofsiisan haala gaariidhaan akka hin taane waanan yaadeef, sana booda walgaʼii deemuun na jibbisiise. Haa taʼu malee, yeroo kaan akkuman godhu, ‘Namoonni kun amantaa dhugaa kan hordofan yoo taʼe, deebiʼee isaanii wajjin wal arguuf fedhii akkan qabaadhu godhi’ jedheen kadhadhe; yeroo booda Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf fedhii guddaan qabaadhe.

KITAABNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIRE AKKAMITTI? Qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachuu akkan hin qabne yommuun beeku, araada kana dhaabuun na hin rakkisne. Baayʼee kan natti ulfaate sijaaraa xuuxuu dhiisuu ture. Yeroo baayʼee dhiisuuf yaalii godhus utuu naaf hin milkaaʼin hafe. Namoonni kan biroon salphaatti sijaaraa xuuxuu akka dhiisanii fi araadni isaanii akka isaanitti hin deebine yommuun dhagaʼu rakkina koo Yihowaattin himadhe. Boodas, gargaarsa Yihowaatiin sijaaraa xuuxuu dhiisuu dandaʼeera. Faayidaa wanta nutti dhagaʼamu hundumaa iftoominaan Yihowaatti himuun qabu hubadheera.

Akkaataa uffannaa fi miidhaginaa ilaalchisees jijjiirama guddaa gochuun qaba ture. Yeroon jalqaba walgaʼii Galma Walgaʼiitti godhamu irratti argametti rifeensi koo kan ol dhaabatee fi halluu magariisa gara cuquliisaatti siqu darbee darbee kan dibame ture. Yeroo booda immoo, halluu bifa burtukaaniin dibadhe. Surree jiinsii fi jaakkeettii gogaa dhaadannoo hedduun irratti barreeffamen uffadha ture. Dhugaa Baatonni Yihowaa sun gaarummaadhaan kan natti himan taʼus, akkaataa uffannaa koo jijjiiruu akkan qabu natti hin dhagaʼamne ture. Dhuma irratti garuu, yaada 1 Yohaannis 2:15-17 irratti argamuu fi “Addunyaas taʼe wantoota addunyaa keessa jiran hin jaallatinaa. Namni kam iyyuu addunyaa yoo jaallate, jaalalli Abbaa isa keessa hin jiru” jedhu irratti yaaduun jalqabe. Akkaataan uffannaa fi miidhaginaa koo addunyaa kana akkan jaalladhu kan argisiisuu akka taʼee fi jaalalan Waaqayyoof qabu argisiisuuf jijjiirama gochuu akkan qabun hubadhe. Kanaafuu jijjiiraman godhe.

Yeroo booda, walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irratti akkan argamu kan barbaadan Dhugaa Baatota Yihowaa qofa akka hin taanen hubadhe. Yaada Ibroota 10:24, 25 irra jiru irraa, Waaqayyos walgaʼiiwwan irratti akkan argamu kan barbaadu taʼuu isaa hubachuu dandaʼeera. Walgaʼiiwwan hunda irratti argamuu ergan jalqabee booda namootan achitti argadhuu wajjin sirriittan wal bare; achiis Yihowaadhaaf akkan of murteesse argisiisuuf nan cuuphame.

FAAYIDAA ANI ARGADHE: Yihowaan carraa hariiroo cimaa isaa wajjin uumuu itti dandeenyu akka nuu bane beekuun koo baayʼee garaa koo tuqeera. Gara laafinni isaa fi kunuunsi inni nuuf godhu, fakkeenya isaa fi fakkeenya Ilma isaa Yesuus Kiristoos hordofuuf carraaqqii akkan godhu na kakaaseera. (1 Pheexiros 2:21) Amalawwan Kiristiyaana tokko irraa eegaman horachuuf carraaqqii kanan godhu taʼus, eenyummaa mataa kootii akkan qabu hubadheera. Namoota kanan jaalladhuu fi kanan isaaniif yaadu taʼuuf carraaqqii guddaa gochaa tureera. Hariiroon haadha manaa tiyyaa fi ilma koo wajjin qabuunis amala akka Kiristoos argisiisuuf carraaqqiin godha. Obbolootaa fi obboleettota koo hafuuraatiifis garaadhaan yaada. Fakkeenya Kiristoos hordofuun koo namoota biratti kabaja akkan qabaadhu, ofii kootiif kabaja akkan qabaadhuu fi namoota akkan jaalladhu argisiisuu akkan dandaʼu na gargaareera.

“Na kabajaniiru.”—GUWODOLUPE BIILYORAAʼOL

BARA DHALOOTAA: 1964

BIYYA DHALOOTAA: MEEKSIKOO

SEENAA: JIREENYA GADHIISII JIRAACHAA KAN TURE

JIREENYA KOO DURAA: Ijoollee torba keessaa isa tokkon ture; kanan guddadhe Meeksikootti magaalaa Ermoosiyoo ishii bulchiinsa Sonooraa keessatti argamtuu fi hiyyummaa guddaa qabdu keessatti dha. Abbaan koo xinnummaa kootti waan duʼeef, haati tiyya nu guddisuuf jabaattee hojjechuu qabdi turte. Maallaqa kophee ittiin bitannu waan hin qabeef, yeroo baayʼee miilla koo duwwaan deema ture. Maatii koo gargaaruuf jedhee hojii hojjechuu kanan jalqabe ijoollummaa kootti dha. Akkuma maatiiwwan kan biroo hedduu maatiin keenyas mana dhiphoo keessa jiraata turre.

Yeroo baayʼee guyyaa guyyaa haati tiyya mana keessa waan hin oolleef, namni nu eegu hin jiru ture. Yeroo umuriin koo waggaa 6 taʼu, dargaggeessi umurii waggaa 15 na gudeeduu jalqabe. Gudeeddiin kunis yeroo dheeraadhaaf itti fufee ture. Kunis saalqunnamtii ilaalchisee akkan burjaajaʼu na taasise. Dhiirri tokko na hawwachuun isaa waanuma uumamumaan jiru akka taʼe godhee yaaduun jalqabe. Dhimma kana ilaalchisee doktarootaa fi qeesota biraa gorsa argachuuf yaaleen ture; isaanis fedhiin akkasii waanuma uumamaan jiru akka taʼee fi rakkina akka hin qabne natti himu turan.

Yeroo umuriin koo waggaa 14 taʼu, namni hundi nama dhiirotaa wajjin saalqunnamtii raawwatu akkan taʼe akka beekan gochuufan murteesse. Waggoottan 11 itti aanan haala kanaanan dabarse; yeroo kana keessatti dhiirota hedduu wajjin jiraadheera. Yeroo booda, ogummaa rifeensa tottolchuu barachuudhaan mana miidhaginaa banadheen hojjechuu jalqabe. Haa taʼu malee, gammachuu hin qabun ture. Jireenya dhiphinaan guutameen jiraadha, akkasumas akkan ganame natti dhagaʼama ture. Wantin gochaa jiru sirrii akka hin taane natti dhagaʼama ture. ‘Namoonni gaariinii fi amanaman jiraachuu dandaʼuu laata?’ jedhee of gaafachuun jalqabe.

Yeroo kanatti waaʼee obboleettii koon yaade. Obboleettiin koo Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼattee cuuphamtee turte. Ishiin wanta baratte natti himaa turte; ani garuu wanta ishiin dubbattuuf xiyyeeffannaa hin kennun ture. Taʼus, jireenya ishii fi gaaʼela ishii baayʼeen dinqisiifadha ture. Ishii fi abbaan manaa ishii baayʼee akka wal jaallatanii fi akka wal kabajan hubachuu dandaʼeera. Lamaan isaanii iyyuu gaarummaa walitti argisiisu. Yeroo booda Dhugaa Baatuun tokko Kitaaba Qulqulluu na qoʼachiisuu jalqabde. Jalqaba irratti yeroon qoʼadhu fedhii baayʼee hin qabun ture. Booda garuu haalli isaa ni jijjiirame.

KITAABNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIRE AKKAMITTI? Dhugaa Baatonni Yihowaa walgaʼii tokko irratti akkan argamu na affeeran; anis nan dhaqe. Wanti yeroo kanatti na mudate anaaf haaraa ture. Walumaa galatti namoonni hedduun natti qoosu; isaan garuu natti hin qoosne. Gaarummaadhaan na simatan, akkasumas na kabajaniiru. Kunis garaa koo tuqe.

Walgaʼii guddaa Dhugaa Baatota Yihowaa tokko irratti argamuun koo ilaalchi gaariin qabu akka guddatu taasiseera. Walgaʼicha irra namoota hedduutu ture; taʼus namoonni kunneen akkuma obboleettii tiyyaa dhuga qabeeyyii fi garraamii akka taʼan hubachuu dandaʼeera. ‘Namoonni kun namoota gaarii fi amanamoo ani yeroo dheeraadhaaf barbaadaa ture taʼinnaa laata?’ jedheen of gaafadhe. Akkuma karaa isaan gaaffii gaafataman hundumaatiif Kitaaba Qulqulluu irraa deebii itti kennan na dinqisiisaa ture, jaalallii fi tokkummaan isaan qabanis baayʼee na dinqisiise. Jireenya isaanii irratti jijjiirama guddaa kan fide Kitaaba Qulqulluu akka taʼen hubadhe. Kanaafuu, akka isaanii taʼuuf jijjiirama hedduu gochuu akkan qabun hubadhe.

Jireenyi koo hundi akkuma dubartii waan tureef, jijjiirama guddaa gochuun qaba ture. Dubbii koo, haala koo, akkaataa uffannaa koo, akkaataa rifeensa koo fi filannoo hiriyaa koo irratti jijjiirama gochuun qaba ture. Hiriyoonni koo durii, “Akkas kan gootu maaliifi? Akkuma duraa taʼuu kee sii wayya. Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu dhiisi. Maaltu natti hirʼate jettee ti?” jedhanii natti qoosuu jalqaban. Wanti hunda caalaa natti ulfaate garuu akkaataa jireenyaa gadhiisii taʼe dhiisuu ture.

Taʼus, yaanni Kitaaba Qulqulluu 1 Qorontos 6:9-11 irra jiru garaa koo waan tuqeef, jijjiirama guddaa gochuu akkan dandaʼu hubachuu dandaʼeera; caqasichi akkana jedha: “Yookiin namoonni jalʼoota taʼan Mootummaa Waaqayyoo akka hin dhaalle hin beektanii? Hin dogoggorinaa. Warri halaleen, warri waaqolii tolfamoo waaqeffatan, ejjitoonni, warri gadhaaʼan, warri nama gadhoomsan . . . Mootummaa Waaqayyoo hin dhaalan. Isin keessaa tokko tokko namoota akkasii turtan. Haa taʼu malee . . . dhiqamtanii qulqullooftaniittu.” Yihowaan namoota yeroo sana turan akka jijjiiraman akkuma gargaare anaanis gargaareera. Jijjiirama gochuun waggoota muraasaaf qabsoo gochuu kan na gaafate taʼus, wanti Dhugaa Baatonni Yihowaa na barsiisanii fi jaalalli isaan natti argisiisan guddaa na gargaareera.

FAAYIDAA ANI ARGADHE: Yeroo ammaatti jireenya koo duraa irraa guutummaatti walaba baʼeera. Gaaʼela kanan godhadhe yeroo taʼu, anii fi haati manaa koo ilma keenya qajeelfama Kitaaba Qulqulluu wajjin haala wal simuun akka jiraatu barsiisaa jirra. Jireenya koo duraa irraa walaba ergan baʼee waggoonni hedduun darbaniiru; eebbaa fi mirgawwan hafuuraa hedduus argadheera. Gumii keessatti jaarsa gumii taʼeen tajaajila; akkasumas namoonni dhugaa Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu akka baratan gargaaraan jira. Haati koo jijjiirama ani godheetti baayʼee waan gammaddeef, affeerraa Kitaaba Qulqulluu akka qoʼattu ishiidhaaf dhihaate fudhattee cuuphamteetti. Obboleettiin koo jireenya gadhiisii jiraachaa turte takkas Dhugaa Baatuu Yihowaa taateetti.

Namoonni jireenya koo duraa beekan tokko tokko illee jireenyi koo akka fooyyaʼe hubataniiru. Jijjiirama kana duuba kan jiru eenyu akka taʼe beeka. Jalqaba irratti gargaarsa ogeeyyii argachuuf yaalee kanan ture taʼus, gorsa na miidhu qofan argadhe. Haa taʼu malee, Yihowaa irraa gargaarsa dhugaa argadheera. Gatii akkan hin qabne kan natti dhagaʼamu taʼus, inni xiyyeeffannaa naaf kenneera, akkasumas jaalalaa fi obsa natti argisiiseera. Waaqni jaalala qabeessi inni dinqisiisaa fi ogeessa taʼe xiyyeeffannaa akka naaf kennuu fi jireenya hunda irra wayyu akkan jiraadhu akka barbaadu beekuun koo jireenyi koo akka jijjiiramu godheera.

“Gammachuu akkan hin qabne, kophaa akkan taʼee fi gatii akkan hin qabne natti dhagaʼama ture.”—KOOZUHIROO KUUNIMOCHII

BARA DHALOOTAA: 1951

BIYYA DHALOOTAA: JAAPPAAN

SEENAA: DORGOMAA SAAYKILII BEEKAMAA

JIREENYA KOO DURAA: Kanan guddadhe Jaappaanitti magaalaa buufata doonii sochii baayʼee hin qabnee fi bulchiinsa Shuzuukaa keessatti argamtu keessatti dha; maatiin keenya inni miseensota maatii saddeet qabu mana xinnoo tokko keessa jiraata ture. Abbaan koo suuqii saaykiliin itti gurguramu qaba ture. Ijoollummaa kootii kaasee bakkawwan dorgommiin saaykilii itti geggeeffamu na fuudhee waan deemuuf, ispoortiin kanaaf jaalala qabaachaan dhufe. Kanaafuu, Abbaan koo dorgomaa saaykilii beekamaa akkan taʼuuf haala mijeessuu jalqabe. Yeroon mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa turetti illee akka gaariitti na leenjisa ture. Yeroon mana barumsaa sadarkaa lammaffaa turetti immoo, dorgommii atleetiksii biyyaalessaa waggaa waggaadhaan taasifamu irratti waggaa sadiif walitti aansuudhaan injifadheera. Yunivarsiitii galee barachuuf carraa argadhee kanan ture taʼus, kallattiidhaan gara dhaabbata leenjii dorgommii saaykilii galuufan murteesse. Achiis yeroo umuriin koo waggaa 19 taʼu, dorgomaa saaykilii beekamaan taʼe.

Yeroo kanatti, galmi koo inni guddaan Jaappaan keessatti dorgomaa saaykilii baayʼee beekamaa taʼuu ture. Maatiin koo jireenya amansiisaa fi gaarii taʼe akka jiraatu gochuuf maallaqa hedduu argachuufan karoora baafadhe. Kanaafuu, hamma naaf dandaʼame shaakaluuf carraaquun jalqabe. Shaakallii ykn dorgommii irratti haalli rakkisaan yommuu na mudatu hundumaatti, kanan dhaladhe dorgommii saaykiliitiif akka taʼe irra deddeebiʼeen of amansiisa ture! Kan godhes akkasuma ture. Carraaqqii cimaan ani godhes lafatti hin hafne. Waggaa isa jalqabaatti namoota dandeettii guddaa qabanii wajjin dorgomee tokkoffaan baʼe. Waggaa itti aanu irratti immoo, Jaappaan keessatti nama dandeettii saaykilii oofuu qabu adda baasuuf godhame irratti hirmaachuu dandaʼeen ture. Dorgommii kana irratti siʼa jaʼa lammaffaa baʼeera.

Yeroo hunda tarree namoota badhaafamanii keessaa waanan hin dhibneef, maqaa miillawwan jajjaboo Tookaayi jedhamuun beekama ture; Tookaayi maqaa naannoo Jaappaan keessatti argamu tokkoo ti. Dorgommii irratti dandeettii guddaan qaba ture. Yeroo booda, ija jabeessaa fi wanti kam iyyuu kan na hin dandeenye waanan tureef warri kaan na sodaachuu jalqaban. Galiin koo waan dabaleef, wanta natti tole hunda bitachuu dandaʼeen ture. Achiis mana guddaa tokkon bitadhe; manichi kutaa meeshaalee ammayyaa sochii qaamaa gochuuf gargaaraniin guutames qaba ture. Kana malees, maallaqa mana tokko bituu dandaʼu baaseen konkolaataa biyya alaa bitadhe. Jireenya koo gara fuulduraa amansiisaa gochuuf jecha qabeenya hin sochoonee fi aksiyoonii bitachuun jalqabe.

Taʼus, gammachuu akkan hin qabne, kophaa akkan taʼee fi gatii akkan hin qabne natti dhagaʼama ture. Yeroo kanatti, gaaʼela godhadhee ture, akkasumas ilmaan sadii qaban ture. Taʼus yeroo baayʼee maatii koo obsaan waan hin qabneef, waanuma xixinnoottin haadha manaa koo fi ijoollee kootti iyya ture. Isaanis miirri koo gaarii taʼuuf dhiisuu isaa beekuuf yeroo hunda dhiphinaan guutamanii ija ija keessa na ilaaluu jalqaban.

Yeroo booda garuu, haati manaa koo Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabde. Kun immoo jijjiirama hedduu fide. Walgaʼii Dhugaa Baatota Yihowaa irratti argamuu akka barbaaddu yommuu natti himtu, maatiin keenya hundi waliin akka deemnun murteesse. Galgala jaarsi gumii tokko mana koo dhufee qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu itti na jalqabsiise amma illee nan yaadadha. Wantin baradhe baayʼee garaa na tuqe.

KITAABNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIRE AKKAMITTI? Efesoon 5:5 dubbisuun koo hangam garaa koo tuqee akka ture matumaa hin irraanfadhu. Caqasichi akkana jedha: “Namni halaleen yookiin namni xuraaʼaan yookiin namni sassata isa waaqolii tolfamoo waaqeffachuu taʼe raawwatu Mootummaa Kiristoosii fi Mootummaa Waaqayyoo keessatti dhaala tokko illee hin qabaatu.” Dorgommiin saaykilii qumaaraa wajjin kan wal qabate akka taʼee fi sassata kan jajjabeessu akka taʼen hubadhe. Yeroo kanatti sammuun koo na ceephaʼuu jalqabe. Yihowaa gammachiisuu yoon barbaade, dorgommicha guutummaatti dhiisuu akkan qabu natti dhagaʼame. Taʼus kun anaaf murtoo ulfaataa ture.

Waggaa dorgommii yeroo kam iyyuu caalaa itti gammade reefuu xumuruu koo waan tureef, milkaaʼina dabalataa argachuuf hawween ture. Haa taʼu malee, Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun koo nagaa sammuu fi tasgabbii akka naaf argamsiisun hubadhe; kunis miira dorgommii irratti yeroon injifadhu natti dhagaʼamu irraa baayʼee adda ture! Qoʼachuu ergan jalqabee booda kanan dorgome siʼa sadii qofa dha; garuu fedhiin ani dorgomuuf qabu guutummaatti hin badne ture. Akkasumas maatii koo akkamitti deggaruu akkan dandaʼu na yaaddessee ture. Haala gara boodaattis taʼe gara fuulduraatti deemuu hin dandeenye keessatti utuman jiruu, firoonni koo immoo amantaa koo isa haaraa kanaan kan kaʼe baayʼee na rakkisuu jalqaban. Abbaan koo garmalee natti aare. Yaada lamaan waanan qabameef garaachi koo ni madaaʼe.

Wanti haala rakkisaa kana keessatti na gargaare, Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu fi walgaʼiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa irratti argamuu itti fufuu koo ture. Suutuma suuta amantiin koo cimaa deeme. Yihowaan kadhannaa koo akka naaf dhagaʼuu fi kanas akkan hubadhu akka na gargaaru kadhachaan ture. Haati manaa koo gammachuu argachuuf dirqama mana guddaa keessa jiraachuun barbaachisaa akka hin taane yommuu natti himtu dhiphinni koo naaf hirʼate. Suutuma suuta guddina gochaan deeme.

FAAYIDAA ANI ARGADHE: Wanti Yesuus Maatewos 6:33 irratti dubbate dhugaa akka taʼe jireenya koo keessatti argeera. Caqasichi akkana jedhe: “Egaa, hundumaa dura Mootummichaa fi qajeelummaa isaa barbaaduu keessan itti fufaa; wantoonni kun hundis isiniif ni dabalamu.” Wantoota Yesuus “wantoonni kun” jedhee ibse, jechuunis wantoota jireenyaaf nu barbaachisan matumaa dhabnee hin beeknu. Galiin amma argadhu yeroon dorgommii irratti hirmaachaa turetti argadhu harka 30 keessaa harka tokko qofa taʼus, waggoottan 20 darban keessatti ofis taʼe maatii koo deggaruuf wanti na barbaachisu natti hirʼatee hin beeku.

Hunda caalaa garuu, namoota hidhata amantaa koo taʼaanii wajjin yeroon hojjedhuu fi yeroon Yihowaa waaqeffadhu gammachuu kanaan dura qabaadhee hin beeknen argadha. Yeroon isaa baayʼee fiiga. Jireenyi maatii koos baayʼee fooyyaʼeera. Ilmaan koo sadan haadhotii manaa isaanii wajjin amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilaa jiru.