Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Tajaajila Yihowaatiif Ulfina Guddaa Kennuu

Tajaajila Yihowaatiif Ulfina Guddaa Kennuu

Tajaajila Yihowaatiif Ulfina Guddaa Kennuu

‘Waaʼee waanuma ulfina qabuu yaadaa!ʼ—FILP. 4:8.

1, 2. Namoonni biyya lafaa hedduun waaʼee jireenyaa ilaalcha dogoggoraa akka qabaatan kan godhe maalidha? Kunoo gaaffii akkamii kaasa?

ADDUNYAA rakkoowwan gurguddaan hamma yoonaatti mulʼatanii hin beekne tokko tokko itti raawwataman keessa jiraanna. Namoota Yihowaa wajjin walitti dhufeenya gaarii hin qabneef, rakkoowwan ‘yeroo sodaachisaa taʼe’ kana keessatti isaan mudatan dandamachuun baayʼee rakkisaadha. (2 Xim. 3:1-5) Rakkina guyyaa guyyaadhaan isaanirra gaʼu jabina mataasaaniitiin hiikuuf kan dhamaʼan taʼus, guutummaatti furmaata argachuu hin dandaʼan. Namoonni hedduun jireenyasaanii isa yaaddoodhaan guutamerraa obbaafachuuf, bohaartiiwwan biyya lafaa addaddaarratti yeroo dabarsu.

2 Namoonni dhiphina isaanirra gaʼu jalaa boqochuuf jecha, yeroo baayʼee gammachuu argachuuf dursa kennu. Kiristiyaanonnis of eeggannoo gochuu baannaan akkaataa jireenyaa kana hordofuu jalqabuu dandaʼu. Kanarraa of eeggachuu kan dandeenyu akkamitti? Wanta itti gammaduu dandeenyu hundumaarraa fagaachuu qabna jechuudhaa? Itti gaafatamummaa qabnu raawwachuu utuu hin dagatin, gammachuu argachuu kan dandeenyu akkamitti? Jireenya keenya keessatti wantoota barbaachisaa taʼaniif xiyyeeffannaa guddaa kan laannu taʼus, seerawwan Caaffata Qulqullaaʼoo hamma gammachuu keenya dhabnutti wanta akkasiirratti akka hin xiyyeeffanne nu gargaaran kamfaʼi?

Biyya Lafaa Gammachuu Ariʼu Keessatti Wanta Barbaachisaa Taʼerratti Xiyyeeffachuu

3, 4. Caaffanni Qulqullaaʼoon, wanta barbaachisaa taʼerratti xiyyeeffachuun faayidaa akka qabu hubachuuf kan nu gargaaran akkamitti?

3 Biyyi lafaa ‘waan gammachiisaa taʼe jaallachuurratti’ garmalee akka xiyyeeffatu beekamaadha. (2 Xim. 3:4) Xiyyeeffannaan biyyi lafaa gammachuu argachuuf kennu karaa hafuuraa nu miidhuu dandaʼa. (Fak. 21:17) Kanaafuu, Phaawulos ergaawwan Ximotewosiifi Tiitoosiif ergerratti jireenya hafuuraarratti akka xiyyeeffatan gorsuuf sababa gaʼaa qaba ture. Nuyis gorsa kana hojiirra oolchuun keenya, ilaalchi dogoggoraa biyyi lafaa jireenyaaf qabu dhiibbaa akka nurraan hin geenye nu gargaara.—1 Ximotewos 2:1, 2; Tiitoos 2:2-8 dubbisi.

4 Wanta barbaachisaa taʼerratti xiyyeeffachuuf jecha, yeroo tokko tokko wantoota nu gammachiisan dhiisuun faayidaa akka qabu Solomoon jaarraawwan hedduu dura barreesseera. (Lal. 3:4; 7:2-4) Dhugaadha, barri jireenyaa keenya gabaabaa waan taʼeef fayyina argachuuf ‘dhamaʼuu’ qabna. (Luq. 13:24, hiika bara 1899) Galma keenya kanarra gaʼuuf, waaʼee ‘waanuma ulfina qabuu’ yaaduu keenya ittuma fufuu qabna. (Filp. 4:8, 9) Kana jechuun, karaa hundaan jireenya Kiristiyaanummaatiif xiyyeeffannaa guddaa kennuu jechuudha.

5. Kutaa jireenyaa xiyyeeffannaa guddaa kennuufii qabnu keessaa tokko kamidha?

5 Kiristiyaanonni, fakkeenya Yihowaafi Yesus hordofuudhaan itti gaafatamummaa qaban baʼuuf dhimmanii hojjetu. (Yoh. 5:17) Kanaan kan kaʼes, yeroo baayʼee namoonni Kiristiyaanota dhugaa hojiisaanii dhimmanii hojjetaniifi amanamoo taʼan ni galateeffatu. Keessumaa mataa maatii kan taʼan, wanta maatiisaaniitiif barbaachisu dhiheessuuf dhimmanii hojjetu. Hunda caalaammoo namni wanta maatiisaatiif barbaachisu hin dhiheessine tokko, akka nama ‘amanticha ganeetti,’ jechuunis akka nama Yihowaa ganeetti ilaalama.—1 Xim. 5:8.

Waaqeffannaan Keenya Ulfina Kan Qabu Taʼus Gammachiisaadha

6. Waaqeffannaa Yihowaatiif xiyyeeffannaa kennaa akka jirru beekuu kan dandeenyu akkamitti?

6 Yihowaan waaqeffannaa dhugaa akka laayyootti ilaalee hin beeku. Fakkeenyaaf Seera Musee keessatti, Israaʼeloonni Yihowaa waaqeffachuurraa yeroo garagalan rakkina guddaatu isaan mudata ture. (Iya. 23:12, 13) Dh.K.B. jaarraa jalqabaatti duuka buutonni Kiristos, waaqeffannaan dhugaa barumsaafi ilaalcha dogoggoraatiin akka hin faalamne dhimmanii ittisuu qabu turan. (2 Yoh. 7-11; Mul. 2:14-16) Kiristiyaanonni dhugaan yeroo harʼaa jiranis waaqeffannaasaaniitiif xiyyeeffannaa guddaa kennu.—1 Xim. 6:20.

7. Phaawulos tajaajilasaatiif kan qophaaʼu akkamitti ture?

7 Tajaajilli keenya gammachuu guddaa nuuf argamsiisa. Haataʼu malee tajaajilarraa gammachuu argachuuf, xiyyeeffannaa kennuufii, akkasumas dursinee qophaaʼuun nu barbaachisa. Phaawulos namoota isaan barsiisuuf xiyyeeffannaa akkamii kennee akka ture ibseera. “Karaadhuma hundumaan namoota muraasa illee oolchuudhaaf, namoota hundumaa biratti waan fakkaatu hundumaa taʼeera. Hojii wangeelaatiin kennaa isaa keessaa hirmaachuudhaaf, wangeelaaf jedhee kana hundumaa nan godha” jechuudhaan barreesseera. (1 Qor. 9:22, 23) Phaawulos karaa hafuuraa namoota gargaaruudhaan gammachuu argachaa kan ture yommuu taʼu, wanta namoota isa dhaggeeffataniif barbaachisu guutuuf xiyyeeffannaadhaan yaada ture. Akkas gochuudhaan, namoonni Yihowaa akka waaqeffatan gargaaruufi jajjabeessuu dandaʼeera.

8. (a) Namoota tajaajilarratti isaan barsiisnuuf ilaalcha akkamii qabaachuu qabna? (b) Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessuun tajaajilarraa gammachuu argachuuf kan gargaaru akkamitti?

8 Phaawulos tajaajilasaatiif ulfina akkamii kenna ture? Yihowaafi namoota dhugaa dhagaʼuuf fedhii qabaniif “garba” taʼuuf kan of kenne ture. (Rom. 12:11, NW; 1 Qor. 9:19) Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessuurratti, walgaʼii Kiristiyaanaarrattis taʼe Waaqeffannaa Maatiirratti yommuu Dubbii Waaqayyoo barsiisnu, namoota barsiisnu sanaaf itti gaafatamummaa akka qabnu nutti dhagaʼamaa? Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessuun baʼaa ulfaataa akka taʼe nutti dhagaʼama taʼa. Dhugaadha, yeroo baayʼee kana gochuun dhimma dhuunfaa keenyaarraa yeroo fudhannee namoota kaan gargaaruu gaafata. Haataʼu malee akkas gochuun yaada Yesus, “Fudhachuu irra kennuutu caalaa nama gammachiisa” jechuudhaan dubbatee wajjin kan walsimu mitii? (HoE. 20:35) Dhuunfaadhaan waaʼee karaa fayyinaa namoota barsiisuun, gammachuu hojii kamirrattiyyuu hirmaachuudhaan argamu caalu nuuf argamsiisa.

9, 10. (a) Wantoota hafuuraarratti xiyyeeffachuu qabna jechuun, namootaa wajjin yeroo gammachiisaa dabarsuu hin dandeenyu jechuudhaa? Ibsi. (b) Jaarsi tokko kan nama jajjabeessuufi kan itti dhihaatamu akka taʼu wanti isa gargaaru maalidha?

9 Tajaajilaaf xiyyeeffannaa guddaa kennina jechuun, namootaa wajjin yeroo gammachiisaa taʼe hin dabarsinu jechuu miti. Yesus namoota barsiisuudhaan qofa utuu hin taʼin, walitti dhufeenya gaarii qabaachuuf isaanii wajjin yeroo gammachiisaa dabarsuudhaanis fakkeenya nuuf kaaʼeera. (Luq. 5:27-29; Yoh. 12:1, 2) Tajaajilaaf xiyyeeffannaa guddaa kennina jechuun, yeroo hunda fuula keenya dukkaneessuu qabna jechuu miti. Yesus nama nyaara guuru utuu taʼee, namoonni akka isatti hin dhihaanne hin shakkisiisu. Ijoolleenillee Yesusii wajjin taʼuun isaan gammachiisa ture. (Mar. 10:13-16) Tajaajilarratti xiyyeeffachuufi yeroo gammachiisaa dabarsuu ilaalchisee, fakkeenya Yesus fudhachuu kan dandeenyu akkamitti?

10 Obboleessi tokko, jaarsa gumii tokko ilaalchisee, “Ofiisaarraa waan baayʼee eega malee, warri kaan mudaa kan hin qabne akka taʼan isaanirraa hin eegu” jedheera. Waaʼeekeehoo akkas jedhamuu dandaʼaa laata? Namootarraa hamma tokko eeguun dogoggora miti. Fakkeenyaaf, warri galma sirrii taʼe kan baasaniifi ijoolleensaanii galma kanarra akka gaʼan kan gargaaran yoo taʼe, ijoolleen qajeelfama isaanii kenname gammachuudhaan hordofuu dandaʼu. Jaarsoliinis, obboloonni gumii karaa hafuuraa gaʼeessota akka taʼan isaan jajjabeessuufi yaadawwan kana gochuuf isaan gargaaran kennuufii dandaʼu. Kana malees, jaarsi tokko waaʼee ofiisaa ilaalcha sirrii kan qabu yoo taʼe, warra kaan ni jajjabeessa, akkasumas isatti dhihaachuun namatti hin ulfaatu. (Rom. 12:3) Obboleettiin tokko, “Jaarsi tokko waan hundumaa akka qoosaatti akka fudhatu hin barbaadu. Yeroo hundumaa fuullisaa kan hin hiikamne yoo taʼesimmoo isatti dhihaachuun nama rakkisa” jetteetti. Obboleettiin kan biraanimmoo, jaarsoliin tokko tokko “fuullisaanii waan hin hiikamneef baayʼee akka nama sodaachisan” akka isheetti dhagaʼamu dubbatteetti. Jaarsoliin gammachuu Kiristiyaanonni Yihowaa isa “waaqa gammadaa taʼe” waaqeffachuudhaan argatan jalaa hirʼisuu hin barbaadan.—1 Xim. 1:11, NW.

Gumii Keessatti Itti Gaafatamummaa Fudhachuu

11. Gumii keessatti ilaaltuu hojii waldaa Kiristiyaanaa ‘taʼuu fedhuu’ jechuun maal jechuudha?

11 Phaawulos dhiironni gumii keessa jiran itti gaafatamummaa guddaa fudhachuuf akka carraaqan yeroo jajjabeessu, eenyuyyuu fedhii mataasaa akka guuttatu jajjabeessuusaa miti. Kanaa mannaa, “Namni ilaaltuu hojii waldaa kristiyaanaa taʼuu fedhu, hojii baʼeessa hawwa” jechuudhaan barreesseera. (1 Xim. 3:1, 4) Dhiironni ilaaltuu hojii waldaa Kiristiyaanaa ‘taʼuu fedhan’ obbolootasaanii tajaajiluuf gaʼumsa akka qabaataniif jabaatanii hojjechuuf fedhii qabaachuu qabu. Obboleessi erga cuuphamee yoo xinnaate waggaa tokko guuteefi ulaagaa Caaffata Qulqullaaʼaa 1 Ximotewos 3:8-13⁠rra jiru hamma tokko kan guutu yoo taʼe, tajaajilaa gumii taʼee akka muudamu yaanni dhihaachuu dandaʼa. Yaanni lakkoofsa 8⁠rra jiru, ‘Diiyaaqonoonni warri waldaa kristiyaanaa keessatti gargaartota taʼan namoota ulfina namarraa qaban haa taʼan’ jechuudhaan adda baasee akka ibsu hubadhu.

12, 13. Karaawwan dargaggoonni itti gaafatamummaa argachuu itti dandaʼan caqasi.

12 Obboleessa dhuma umrii waggoota kurnanii keessatti argamtuufi dhimmawwan hafuuraatiif xiyyeeffannaa kennitudhaa? Taanaan, karaawwan ilaaltuu hojii waldaa Kiristiyaanaa taʼuuf si dandeessisan hedduutu jira. Isaan keessaa tokko hirmaannaa tajaajilarratti gootu fooyyeffachuudha. Obboloota umrii garaagaraa qabanii wajjin tajaajiluun si gammachiisaa? Nama Macaafa Qulqulluu qayyabsiistu argachuuf carraaqqii ni gootaa? Yaada walgaʼiiwwan Kiristiyaanaarratti kennamurratti hundaaʼuudhaan qayyabannaa Macaafa Qulqulluu kan geggeessitu yoo taʼe, dandeettii barsiisuuf qabdu fooyyeffachuu dandeessa. Hunda caalaammoo, nama daandii Yihowaa barachaa jiruuf ooʼa qabaachuu baratta. Namni ati qayyabsiistu tokko jijjiirama gochuunsaa barbaachisaa akka taʼe hubachaa yommuu adeemu, seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra akka oolchu obsaafi hubannaadhaan isa gargaaruu baratta.

13 Obboloonni dargaggoota taatan, obboloota maanguddoota gumii keessa jiran karaa dandaʼamu hundaan gargaaruuf of dhiheessaa. Bareedinaafi qulqullina Galma Mootummaa eeguurratti warra kaan gargaaruudhaan hojii guddaa raawwachuu dandeessu. Karaa kamiiniyyuu warra kaan gargaaruuf hamma dandeessan kan gootan yoo taʼe, fedhiin isin gama kanaan argisiistan tajaajila keessaniif xiyyeeffannaa akka kennitan kan argisiisudha. Akkuma Ximotewos, wantoota gumichaaf barbaachisan gochuu barachuu dandeessu.—Filiphisiiyus 2:19-22 dubbisi.

14. Dargaggoota gumii keessatti tajaajiluu dandaʼuufi dhiisuusaanii ‘qoranii ilaaluun’ kan dandaʼamu akkamitti?

14 Jaarsolii kan taatan, dargaggoota “kajeellaa yeroo dargaggummaatti hammaatu irraa baqa[chaa]” jiraniifi “qajeelina, amantii, jaalala, nagaa” akkasumas amalawwan gaggaarii kaan duukaa buʼuuf carraaqqii gochaa jiraniif hojii kennuuf dammaqoo taʼaa. (2 Xim. 2:22) “Namoonni hundinuu itti guddachaa adeemuu [isaanii] akka arganitti” gumii keessatti hojiin isaaniif kennamuudhaan, itti gaafatamummaa fudhachuu kan dandaʼan taʼuufi dhiisuusaanii “qoramanii ilaalamuu” dandaʼu.—1 Xim. 3:10; 4:15.

Gumiifi Maatii Keessatti Ulfina Argisiisuu

15. Akka 1 Ximotewos 5:1, 2⁠rratti ibsametti, warra kaaniif ulfina akka kenninu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

15 Ulfina argisiisuun, obboloota keenya kabajuu kan dabalatudha. Phaawulos, ergaa Ximotewosiif barreesserratti warra kaan kabajuun barbaachisaa akka taʼe ibseera. (1 Ximotewos 5:1, 2 dubbisi.) Keessumaa namoota saala faallaa taʼe qabanii wajjin haala wal qabateen kana gochuun baayʼee barbaachisaadha. Dubartoota, keessumaammoo hiriyaa gaaʼelaa ofii kabajuu ilaalchisee Iyoob fakkeenya gaarii nuu taʼa. Iyoob ija hawwaatiin dubartii ilaaluurraa fagaachuuf carraaqqii guddaa godheera. (Iyo. 31:1) Obboloota keenyaaf ulfina kennuun, akka isaan hin kolomsine, akkasumas obboleessi ykn obboleettiin tokko yommuu nu bira taʼan wanta isaanitti hin tolle akka hin raawwanne nu godha. Keessumaa namoonni gaaʼela godhachuuf yaaduudhaan jaalalaan walitti dhihaatan ulfina waliif qabaachuunsaanii barbaachisaadha. Kiristiyaanni namootaaf ulfina qabu tokko matumaa miira nama saala faallaa taʼe qabuutti hin taphatu.—Fak. 12:22.

16. Ilaalcha namoonni biyya lafaa tokko tokko gaʼee abbaa manaa, akkasumas abbaa ijoolleetiif qabaniifi Macaafni Qulqulluun gaʼeesaa akkamitti akka dubbatu walbira qabii ibsi.

16 Itti gaafatamummaa Waaqayyo maatii keessatti nuu kenneefis xiyyeeffannaa kennuun keenya barbaachisaadha. Biyyi lafaa Seexanni bulchu kun gaʼee abbaan manaa, akkasumas abbaan ijoollee qabutti ni qoosa. Bohaartiiwwan biyya lafaa, mataan maatii tokko akka itti gaʼisamuufi ulfina akka hin arganne gochuudhaan namoonni akka gammadan godhu. Haataʼu malee, Caaffanni Qulqullaaʼoon abbaan manaa “mataa haadha manaa” akka taʼe ibsuudhaan, itti gaafatamummaa guddaa akka qabu dubbatu.—Efe. 5:23; 1 Qor. 11:3.

17. Hirmaannaan waaqeffannaa maatiirratti goonu itti gaafatamummaa keenya dhimminee baʼaa akka jirru argisiisuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe ibsi.

17 Abbaan manaa wanta maatiisaatiif barbaachisu dhiheessuu dandaʼa taʼa. Karaa hafuuraa qajeelfama hin kennu taanaan garuu, namni kun hubannaafi ogummaa akka hin qabne argisiisaa jira jechuudha. (Kes. 6:6, 7) Kanaaf, akka 1 Ximotewos 3:4 jedhutti mataa maatii yoo taate, akkasumas gumii keessatti mirgawwan dabalataa argachuuf carraaqqii gochaa kan jirtu yoo taʼe, ‘nama manakee baʼeessa gootee bulchitu, ijoolleekees ulfina hundumaan akka abboomaman gochuudhaan kan guddistu taʼuu’ qabda. Gama kanaan, ‘Utuu walirraa hin kutin waaqeffannaa maatii akka goonuuf yeroo nan ramadaa?’ jedhii of gaafadhu. Obboleettonni Kiristiyaana taʼan tokko tokko abbootiin manaasaanii karaa hafuuraa dursa akka fudhatan isaan kadhachuun isaan barbaachiseera. Abbootiin manaa hundi xiyyeeffannaa kennuudhaan itti gaafatamummaasaanii kana raawwachuu qabu. Dhugaadha, haati manaa Kiristiyaana taate tokkos, qophii Waaqeffannaa Maatii deggeruufi qayyabannaa kana akka godhaniif abbaa manaashee gargaaruunshee barbaachisaadha.

18. Ijoolleen dhimmanii hojjechuu barachuu kan dandaʼan akkamitti?

18 Ijoolleenis wanta jireenya keessatti baayʼee barbaachisaa taʼeef xiyyeeffannaa akka kennan jajjabeeffamaniiru. (Lal. 12:1) Ijoolleen akka umriifi dandeettiisaaniitti hojii mana keessaa raawwachuudhaan dhimmanii hojjechuu barachuunsaanii isaan hin miidhu. (Faru. 3:27) Daawit Mootichi yeroo ijoollee turetti tiksee gaarii taʼuu barateera. Akkasumas meeshaa muuziqaa taphachuufi walaloo barreessuu kan barate yommuu taʼu, dandeettiin kunimmoo mootii Israaʼel duratti dhihaatee tajaajiluuf isa dandeessisee ture. (1 Sam. 16:11, 12, 18-21) Daawit mucaa xinnoo waan tureef tapha kan beeku taʼuunsaa hin shakkisiisu; taʼus ogummaa guddaa yeroo booda Yihowaa jajachuuf isa dandeessises barateera. Dandeettiin inni tiksee taʼuudhaan argate saba Israaʼel obsaan geggeessuuf isa gargaareera. Dargaggootaa, barumsawwan ogummaa gara fuulduraatti Uumaa keessan tajaajiluuf isin gargaaraniifi itti gaafatamummaa fudhachuuf isin qopheessan meeqa barachaa jirtu?

Ilaalcha Sirrii Qabaadhaa

19, 20. Ofii keetiifis taʼe waaqeffannaa keetiif ilaalcha sirrii akkamii qabaachuuf murteessiteetta?

19 Hundi keenyayyuu ofii keenyaaf ilaalcha sirrii qabaachuuf carraaquu qabna malee, garmalee keessa baʼaa taʼuu hin qabnu. ‘Qajeelaa keessa baʼaa’ taʼuu hin barbaannu. (Lal. 7:16) Mana keessattis taʼe bakka hojiitti ykn yeroo obboloota keenyaa wajjin taanu iddoo barbaachisaa taʼetti taphachuun haala dhiphisaa taʼe tokko hambisuu dandaʼa. Miseensonni maatii garmalee wal ceephaʼuudhaan nagaa maatii akka hin balleessine of eeggachuu qabu. Gumii keessatti Kiristiyaanonni hundi waliin kolfuufi gammaduu barachuu dandaʼu; akkasumas akkaataan itti waliin haasofnuufi akkaataan itti barumsa kenninu kan nama ijaaru ykn jajjabeessu akka taʼu gochuu qabna.—2 Qor. 13:10; Efe. 4:29.

20 Kan jiraannu biyya lafaa Yihowaafi seerawwansaatiif dantaa hin qabne keessadha. Faallaa biyya lafaatiin sabni Yihowaa isaaf ajajamuufi isaaf amanamoo taʼuun baayʼee barbaachisaa akka taʼetti ilaalu. Kutaa waldaa namootaa “ulfina hundumaan” Yihowaa waaqeffatuu taʼuun keenya baayʼee kan nama gammachiisudha! Jireenyaafi waaqeffannaa keenyaaf xiyyeeffannaa kennuuf haa murteessinu.

Maal Jettee Deebista?

• Ilaalcha dogoggoraa biyyi lafaa jireenyaaf qaburraa fagaachuu kan qabnu maaliifi?

• Tajaajilli keenya ulfina kan qabu taʼus, gammachiisaa kan taʼe akkamitti?

• Ilaalchi nuyi itti gaafatamummaa fudhachuuf qabnu, wanta barbaachisaa taʼeef xiyyeeffannaa kennuufi dhiisuu keenya kan argisiisu akkamitti?

• Obboloota keenyaafi miseensota maatii keenyaa kabajuun bakka guddaa kan qabu maaliif akka taʼe ibsi.

Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 12]

Abbaan manaa karaa fooniis taʼe karaa hafuuraa wanta maatiisaatiif barbaachisu dhiheessuu qaba