Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Iji Hojii Hafuuraa” Waaqayyoof Ulfina Fida

“Iji Hojii Hafuuraa” Waaqayyoof Ulfina Fida

“Iji Hojii Hafuuraa” Waaqayyoof Ulfina Fida

“Kanaan, ija baayʼee godhachuu keessaniin, . . . ulfinni abbaa koo in argama.”—YOH. 15:8.

1, 2. (a) Warra kaan jajjabeessuuf carraawwan akkamii qabna? (b) Kennaan Yihowaarraa argamuufi dandeettii isa tajaajiluuf qabnu nuu guddisu maalidha?

HAALAWWAN armaan gadi jiran lamaan ilaali: Obboleettiin Kiristiyaanni tokko, babalʼistuun umriidhaan isheedhaa gadi taate tokko wanti ishee dhiphise akka jiru hubatte. Kanaaf isheedhaa wajjin tajaajiluuf qophii goote. Manaa gara manaa utuu deemanii gidduutti ennaa waliin haasaʼan, babalʼistuun kun wanta ishee dhiphise obboleettii kanatti himuu jalqabde. Babaliʼstuun umriidhaan xinnoo taate kun, kadhannaa guyyaa sana gooterratti xiyyeeffannaa obboleettiin gaʼumsa qabdu kun jaalalaan kakaatee isheedhaa kenniteef Yihowaa galateeffatte; wanti ishee barbaachisus kanuma ture. Bakka biraattimmoo, misiyoononni abbaa manaafi haadha manaa taʼan tokko biyya alaatti tajaajilaa turanii dhiheenyatti biyyasaaniitti deebiʼan. Obbolootaa wajjin bakka tokkotti walgaʼanii yommuu muuxannoo argatan dubbatan, obboleessi dargaggeessi tokko callisee dhaggeeffata ture. Obboleessi kun, waggoota muraasa booda, misiyoonii taʼee biyya alaa deemuuf qophaaʼaa utuu jiruu, abbaa manaafi haadha manaa sana, akkasumas wanta misiyoonii taʼuuf isa kakaase jechuunis wanta isaan dubbatan yaadate.

2 Tarii haalawwan kun, nama jireenya keerratti dhiibbaa gaarii godhe ykn ati dhiibbaa gaarii irratti goote akka yaadattu si godhaniiru taʼa. Dhugaadhaa, yeroo baayʼee wanti dubbannu tokko jireenya nama tokkoo kan hin jijjiire taʼus, guyyaa guyyaadhaan warra kaan jajjabeessuuf carraawwan hedduu qabna. Wanti dandeettiifi amalawwan gaggaarii qabdu sii dabaluudhaan obboloota kees taʼe, Waaqayyoon caalaatti akka fayyaddu godhu tokko jira. Kun baayʼee nama hin gammachiisuu? Yihowaan wanta kana kennaa godhee kan nuu kennu yommuu taʼu, wanti kunis hafuura qulqulluudha. (Luq. 11:13) Hafuurri Waaqayyoo jireenya keenya keessatti yommuu hojjetu, amalawwan gaggaarii bifa tajaajilaa addaddaa Waaqayyoof dhiheessinurratti nu gargaaran horachuuf nu dandeessisa. Kun kennaa ajaaʼibsiisaadha!—Galaatiyaa 5:22, 23 dubbisi.

3. (a) ‘Ija hojii hafuuraa’ horachuun keenya Waaqayyoof ulfina kan fidu akkamitti? (b) Gaaffiiwwan kam qorra?

3 Amalawwan hafuurri qulqulluun nuu argamsiisu, Yihowaan inni madda hafuura kanaa taʼe amala akkamii akka qabu argisiisu. (Qol. 3:9, 10) Yesus, “Kanaan, ija baayʼee godhachuu keessaniin, . . . ulfinni abbaa koo in argama” yommuu jedhu, sababiin guddaan Kiristiyaanonni Waaqayyoon fakkaachuuf carraaquu itti qaban maal akka taʼe ibseera. * (Yoh. 15:8) ‘Ija hojii hafuuraa’ horachaa yommuu adeemnu, buʼaansaa akkaataa dubbiifi hojii keenyaan kan mulʼatu siʼa taʼu, kunimmoo Waaqa keenyaaf ulfina fida. (Mat. 5:16) Iji hojii hafuuraa amalawwan biyyi lafaa inni Seexanni bulchu argisiisurraa adda kan taʼe karaawwan kamiini? Ija hojii hafuuraa horachuu kan dandeenyu akkamitti? Kana gochuun rakkisaa kan taʼe maaliifi? Waaʼee bifawwan ija hojii hafuuraa warra jalqabaa, jechuunis waaʼee jaalalaa, gammachuufi nagaa qoruudhaan gaaffiiwwan kanaaf deebii arganna.

Jaalala Seera Buʼuuraa Olaanaa Taʼerratti Hundaaʼe

4. Yesus duuka buutonnisaa jaalala akkamii akka argisiisan isaan barsiise?

4 Jaalalli hafuurri qulqulluun argamsiisu, jaalala biyya lafaa keessatti baramaa taʼerraa baayʼee addadha. Akkamitti? Jaalalli kun, seera buʼuuraa olaanaa taʼerratti kan hundaaʼedha. Yesus Lallabasaa Isa Gaaraarratti garaagarummaa kana ifa godheera. (Maatewos 5:43-48 dubbisi.) Yesus cubbamoonnillee waan isaaniif godhame namootaaf deebisanii akka godhan addeesseera. “Jaalalli” akkasii aarsaa dhugaa kaffaluu kan gaafatu utuu hin taʼin, wanta walii godhan walii deebisuudhaan kan argisiifamudha. ‘Ijoollee abbaa keenya isa waaqarraa’ taʼuu yoo barbaanne namoota akkasiirraa adda taʼuu qabna. Namoota akka isaan nu qabanitti qabuu mannaa, akka Yihowaan isaan ilaaluufi isaan qabutti isaan ilaaluufi isaan qabuun nu barbaachisa. Haataʼu malee, akkuma Yesus ajaje diinota keenya jaallachuun kan dandaʼamu akkamitti?

5. Warra nu ariʼatanitti jaalala argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

5 Fakkeenya Macaafa Qulqulluu tokko ilaali. Phaawulosiifi Siilaas Filiphisiiyus keessatti yommuu tajaajilaa turan, hidhamaniiru, garmalee reebamaniiru, akkasumas kutaa mana hidhaa isa gara keessaatti galfamanii miillisaanii jirma ulfaataa lama gidduutti jabeeffamee hidhameera. Eegduun mana hidhaa sanaas yeroo kanatti isaan dhiphisuu hin oolu. Haataʼu malee, sababii sochoʼa lafaatiin utuu hin yaadamin yommuu bilisa baʼan, nama sanatti haaloo baʼuu barbaadanii turanii? Matumaa. Nageenyasaatiif baayʼee waan yaadaniif, jaalallisaanii inni ofittummaarraa walaba taʼe, eegduun suniifi guutummaan maatiisaa amantoota akka taʼan gargaaruuf hatattamaan tarkaanfii akka fudhatan isaan kakaaseera. (HoE. 16:19-34) Obboloonni keenya yeroo harʼaa jiran baayʼeenis, ‘warra isaan ariʼatan eebbisuudhaan’ wanta kanaa wajjin wal fakkaatu godhaniiru.—Rom. 12:14.

6. Jaalala isa fedhii ofii aarsaa gochuu gaafatu obboloota keenyatti argisiisuu kan dandeenyu karaawwan kamiini? (Saanduqa fuula 21⁠rra jiru ilaali.)

6 Jaalalli namoota hidhata amantii keenya taʼaniif qabnu kanarra darbee kan deemudha. Nuyi “lubbuu keenya obbolootaaf kennuun nuuf taʼa.” (1 Yohannis 3:16-18 dubbisi.) Taʼuyyuu, yeroo baayʼee karaawwan xixinnoo taʼaniinis jaalala argisiisuu ni dandeenya. Fakkeenyaaf wanta obboleessa tokko mufachiisu yoo dubbanne ykn yoo goone dursa fudhannee gidduu keenyatti nagaan akka buʼu gochuudhaan jaalala argisiisuu dandeenya. (Mat. 5:23, 24) Namni tokko yoo nu mufachiisehoo maal gochuu qabna? ‘Dhiifama goonamoo’ yeroo tokko tokko haaloo qabachuutti ariifanna? (Far. 86:5) Jaalalli olaanaan hafuurri qulqulluun akka horannu nu gargaaru, ‘akkuma gooftaan nuuf dhiise’ waliif dhiisuudhaan cubbuuwwan xixinnoo akka bira darbinu nu gargaara.—Qol. 3:13, 14; 1 Phe. 4:8.

7, 8. (a) Jaalalli Waaqayyoof qabnu jaalala namootaaf qabnurratti dhiibbaa kan godhu akkamitti? (b) Jaalala Yihowaadhaaf qabnu guddifachuu kan dandeenyu akkamitti? (Fakkii armaan gadii ilaali.)

7 Obboloota keenyaaf jaalala isa fedhii ofii aarsaa gochuu gaafatu qabaachuu kan dandeenyu akkamitti? Jaalala Waaqayyoof qabnu guddifachuudhaani. (Efe. 5:1, 2; 1 Yoh. 4:9-11, 20, 21) Yeroon Macaafa Qulqulluu dubbisuudhaan, xiinxaluufi kadhannaa gochuudhaan Yihowaa wajjin dabarsinu kan nu jajjabeessu yommuu taʼu, jaalala Abbaa keenya isa samiitiif qabnus nuu guddisa. Haataʼu malee, Waaqayyotti dhihaachuuf yeroo ramaduun nu barbaachisa.

8 Fakkeenyaaf: Guyyaa guyyaadhaan Macaafa Qulqulluu dubbisuu, irratti xiinxaluufi Yihowaatti kadhannaa dhiheessuu kan dandeessu saʼaatii murtaaʼe qofatti akka taʼe godhii yaadi. Saʼaatii dhuunfaatti Yihowaa wajjin itti taatu kana wanti tokkoyyuu akka si jalaa hin fudhanne hin gootuu? Dhugaadha, Waaqayyotti kadhannaa akka hin dhiheessine eenyuyyuu nu dhowwuu kan hin dandeenye taʼuusaarrayyuu, baayʼeen keenya yeroo barbaannetti Macaafa Qulqulluu dubbisuu ni dandeenya. Haataʼu malee, saʼaatii gabaabaa arganne sanatti Waaqayyoo wajjin dhuunfaatti walitti dhufeenya qabaachuuf akka itti hin fayyadamne wanta nu dhowwu kamirraayyuu of eeggachuun nu barbaachisuu dandaʼa. Guyyaa guyyaadhaan Yihowaatti dhihaachuuf hamma dandeesse yeroo gaʼaa ni ramaddaa?

“Gammachuu Hafuura Qulqulluu Biraa Dhufu”

9. Gammachuun hafuura qulqulluurraa argamu maaliin beekama?

9 Iji hojii hafuuraa yeroo rakkinaattillee argisiifamuudhaan beekama. Gammachuun inni bifa ija hojii hafuuraa isa lammaffaa taʼeefi itti aansuudhaan qorru, kun dhugaa taʼuusaa mirkaneessa. Gammachuun, biqiltuu jabaa naannoo rakkisaa keessattillee lalisuusaa itti fufuu wajjin wal fakkaata. Tajaajiltoonni Waaqayyoo hedduun addunyaa mara jiran, ‘yoo baayʼee rakkataniyyuu, gammachuu hafuura qulqulluu biraa dhufuun dubbicha fudhataniiru.’ (1 Tas. 1:6) Obboloonni kaanimmoo jireenyasaanii keessatti rakkinni cimaan isaanirra gaʼa. Haataʼu malee, Yihowaan karaa hafuurasaa ‘obsa hundumaafi gammachuudhaan akka dandaʼan’ humna isaanii kenna. (Qol. 1:11) Maddi gammachuu kanaa maalidha?

10. Maddi gammachuu keenyaa maalidha?

10 “Sooruma isa hin amansiifne[efi]” biyyi lafaa Seexanni bulchu argamsiisurraa haala adda taʼeen, badhaadhummaan hafuuraa Yihowaarraa argannu yoomiyyuu faayidaa qaba. (1 Xim. 6:17; Mat. 6:19, 20) Yihowaan yeroo dhuma hin qabneef gammachuudhaan akka jiraannu abdii nuu kenneera. Kutaa waldaa obbolummaa Kiristiyaanaa addunyaa maraa taʼuu keenyaan ni gammanna. Hunda caalaammoo, gammachuun keenya walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjin qabnurratti kan hundaaʼedha. Akkuma Daawit isa baqataa taʼee jiraachuuf yoo dirqameyyuu akkas jedhee faarfachuudhaan Yihowaa jajatee nutti dhagaʼama: “Gaarummaa kee argachuun, jireenya ani amma jiraadhu irra in wayya, kanaafis arrabni koo si jajata; ani hamman jirutti sin galateeffadha.” (Far. 63:3, 4) Yommuu rakkinni nurra gaʼuttillee gammachuudhaan Yihowaa jajanna.

11. Gammachuudhaan Yihowaa tajaajiluun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

11 Phaawulos ergamaan, “Yeroo hundumaa gooftaatti gammadaa! Ammas irra deebiʼee nan jedha, gammadaa!” jechuudhaan Kiristiyaanota jajjabeesseera. (Filp. 4:4) Kiristiyaanonni gammachuudhaan Yihowaa tajaajiluunsaanii barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Olaantummaa Yihowaa wajjin haala wal qabateen Seexanni gaaffii waan kaaseefidha. Seexanni eenyuyyuu fedhiidhaan Waaqayyoon hin tajaajilu jechuudhaan falmeera. (Iyo. 1:9-11) Yihowaa kan tajaajillu gammachuudhaan utuu hin taʼin, dirqamni akka nurra jiru nutti dhagaʼamee yoo taʼe, aarsaan galataa isaaf dhiheessinu hanquu taʼa. Kanaaf gorsa faarfatichi, “Waaqayyoof gammachuudhaan hojjedhaa, ililleedhaanis gara fuula isaa dura kottaa!” jechuudhaan nuu kenne fudhachuuf carraaqqii goona. (Far. 100:2) Tajaajilli gammachuufi fedhiidhaan dhihaatu Waaqayyoof ulfina fida.

12, 13. Miirawwan gadhee taʼan moʼuuf maal gochuu dandeenya?

12 Taʼus, tajaajiltoonni Yihowaa amanamoo taʼanillee, yeroon isaan itti gaddan ykn ilaalcha sirrii qabaachuuf qabsoo itti godhan akka jiru hin shakkisiisu. (Filp. 2:25-30) Yeroo akkasiitti maaltu nu gargaaruu dandaʼa? Efesoon 5:18, 19, “Hafuura qulqulluudhaan guutamaa! Qooqa garaa garaatiin, faarfannaa galataatiin, weedduu hafuuraatiinis wal harkaa fuudhaa! Garaa keessan keessatti faarfachaa galata gooftaa dhageessisaa!” jedha. Gorsa kana hojiirra oolchuu kan dandeenyu akkamitti?

13 Miirawwan gadhee taʼaniin yommuu liqimfamnu, Yihowaa kadhachuufi wantoota faayidaa qabanirratti xiinxaluuf carraaquu dandeenya. (Filiphisiiyus 4:6-9 dubbisi.) Obboloonni tokko tokko afaan utuu hin banin sagalee dhageessisaa faarfannaawwan keenya faarfachuun, yaadasaanii toʼachuudhaan waan gaarii yaaduuf akka isaan gargaare hubataniiru. Obboleessi haalli rakkisaan isarra gaʼee ture tokko akkas jedheera: “Yeroo hunda kadhannaa garaadhaa madde gochuu malees, faarfannaawwan Mootummichaa muraasa yaadadheen ture. Faarfannaawwan nama gammachiisan kana sagalee dhageessisees taʼe utuu hin dhageessisin faarfachuudhaan Yihowaa jajachuunkoo keessa kootti nagaa akkan argadhu na gargaareera. Akkasumas kitaabni Yihowaatti Dhihaadhu jedhamu kan baʼe naannoo yeroo sanaatti ture. Kitaaba kana waggaa itti aanutti siʼa laman dubbise. Akkuma dibata urgaaʼuu garaa na ciibse. Yihowaan carraaqqiikoo akka naa eebbise hubadheera.”

“Hidhaa Nagaa”

14. Nagaan hafuurri qulqulluun argamsiisu maaliin beekama?

14 Walgaʼii koonyaa biyyoolessaarratti obboloonni biyya addaddaatii dhufan, jaalala hoʼaa Kiristiyaanota gidduutti mulʼatuun baayʼee gammadu. Haalawwan akkasii tokkummaa nuyi addunyaa maratti qabnuufi nagaa sabni Waaqayyoo yeroo harʼaa argatan kan argisiisanidha. Namoonni kaan, yeroo baayʼee warri isaan diina walii taʼu jedhanii eegan, ‘hidhaa nagaatiin tokkummaa hafuura qulqulluu of harkatti eeguusaanii’ yommuu argan ni dinqisiifamu. (Efe. 4:3) Wanta obboloonni baayʼeen moʼuun isaan barbaachise yommuu ilaallu tokkummaan kun dhugumayyuu ajaaʼibsiisaadha.

15, 16. (a) Phexros haala akkamii keessatti guddate? Kunoo rakkina akkamii isatti fide? (b) Yihowaan, Phexros ilaalchasaa akka sirreessu kan isa gargaare akkamitti?

15 Namoonni akkaataa garaagaraa qaban, tokkummaa akka qabaatan gochuun rakkisaadha. Tokkummaa akkasii qabaachuuf maal moʼuu akka qabnu hubachuuf akka nu gargaarutti, fakkeenya Phexros ergamaa isa jaarraa jalqabaatti turee haa ilaallu. Ilaalcha inni namoota dhaqna hin qabanneef qabu, yaada inni akkas jechuudhaan dubbaterraa hubachuun ni dandaʼama: “Yihudii kan taʼe hundinuu, nama qomoo biraa wajjin walitti firoomuunii fi mana walii dhaquun seera akka hin taʼin, isin iyyuu gaarii gootanii beektu; Waaqayyo garuu eenyumaan iyyuu, ciiggaʼamaa yookiis xuraaʼaa akkan hin jenneef anatti mulʼiseera.” (HoE. 10:24-29; 11:1-3) Ilaalcha yeroo sanatti baramaa turerraa hubachuun akka dandaʼamutti, Phexros ijoollummaasaatii kaasee Seerichi Yihudoota qofa akka jaallatu akka isa dirqisiisu amana ture. Namoonni dhaqna hin qabanne akka diinaatti jibbamuunsaanii sirriidha jedhee guutummaatti kan amanu waan ture fakkaata. *

16 Phexros yommuu mana Qorneelewos lixe hangam rakkatee taʼuu akka dandaʼu yaadi. Namni duraan namoota Yihudoota hin taaneef ilaalcha gadhee qabu kun, ‘hidhaa nagaa tokkummaa hafuura qulqulluutiin’ namoota kanaa wajjin ‘wal fudhatee walitti qabsiifamuu’ ni dandaʼaa? (Efe. 4:3, 16) Eeyyee, guyyoota muraasa dura, hafuurri Waaqayyoo garaa Phexros banee, ilaalchasaa sirreessuudhaan jibba inni qabu akka moʼu isa gargaareera. Yihowaan mulʼata tokko isatti argisiisuudhaan, ilaalchi Waaqayyo namootaaf qabu sanyiisaaniirratti kan hundaaʼe akka hin taane ifa isaa godheera. (HoE. 10:10-15) Kanaaf Phexros, Qorneelewosiin, “Waaqayyo akka nama wal hin caalchifne amma hubadheera. Saba biyya lafaa hundumaa keessaa namni isa sodaatu, inni waan qajeelaa hojjetus isa biratti fudhatamaa dha” jechuu dandaʼee ture. (HoE. 10:34, 35) Phexros jijjiirameera; “obbolummaa amantootaa” wajjinis tokkummaa dhugaa qabaachuu dandaʼeera.—1 Phe. 2:17.

17. Tokkummaan sabni Waaqayyoo qabu ajaaʼibsiisaa kan taʼe maaliifi?

17 Muuxannoon Phexros, jijjiirama ajaaʼibsiisaa yeroo harʼaa saba Waaqayyoo gidduutti taʼaa jiru hubachuuf nu gargaara. (Isaayaas 2:3, 4 dubbisi.) Namoonni miliyoonaan lakkaaʼamaniifi “saba hundumaa keessaa, gosa hundumaa keessaa, nama hundumaa keessaa, afaan dubbatamu hundumaa keessaa” walitti qabaman, ‘jaalala Waaqayyoo isa waan gaarii taʼe, waan isa duratti fudhatamaa taʼe, waan akeekasaa fiixaan baasus hubachuu taʼee’ wajjin walsimuuf ilaalchasaanii sirreessaniiru. (Mul. 7:9; Rom. 12:2) Namoota kana keessaa baayʼeensaanii yeroo tokkotti jibba, diinummaafi wal qoqqooduu biyya lafaa Seexanni bulchu keessatti mulʼaturratti kan hirmaatan turan. Haataʼu malee, Dubbii Waaqayyoo qayyabachuufi gargaarsa hafuura qulqulluutiin, ‘wanta nagaaf taʼu duukaa buʼuu’ barataniiru. (Rom. 14:19) Tokkummaan karaa kanaan argamu Waaqayyoof ulfina fida.

18, 19. (a) Tokkoon tokkoon keenya nagaafi tokkummaa gumiitiif gumaacha gochuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Mataduree itti aanurratti gaaffii kamiif deebii arganna?

18 Tokkoon tokkoon keenya nagaafi tokkummaa saba Waaqayyoo gidduu jiruuf gumaacha gochuu kan dandeenyu akkamitti? Gumiiwwan hedduun namoota biyya alaatii dhufan of keessaa qabu. Isaan keessaa tokko tokko aadaa kan keenyarraa adda taʼe kan qaban ykn afaan keenya akka gaariitti kan hin dubbanne taʼuu dandaʼu. Isaanii wajjin wal baruuf carraaqqii ni goonaa? Dubbiin Waaqayyoo akka kana goonu nu jajjabeessa. Phaawulos gumii Roomaa isa Kiristiyaanota Yihudoota taʼaniifi Yihudoota hin taane qabateef, “Akkuma Kristos ofitti isin qabe, isinis Waaqayyoon galateeffachiisuuf akka taʼutti, inni tokko isa kaan ofitti haa qabu” jedheera. (Rom. 15:7) Gumiikee keessa namni akka gaariitti wal baruun si barbaachisu jiraa?

19 Hafuurri qulqulluun jireenya keenya keessatti akka hojjetu heyyamuuf wanti gochuu dandeenyu gara biraan maalidha? Mataduree itti aanurratti bifawwan ija hojii hafuuraa hafan yommuu qorru gaaffii kanaaf deebii arganna.

[Miiljaleewwan]

^ key. 3 Iji ykn hojiin Yesus asirratti caqase ‘ija hojii hafuuraafi’ misraachoo Mootummichaa lallabuudhaan “maqaa isaa beeksisuudhaaf wanta afaan keenya keessaa baʼu” kan dabalatudha.—Ibr. 13:15.

^ key. 15 Lewwoonni 19:18, “Ati nama akka ofii keetiitti jaalladhu malee, ijaa hin baafatin, ijoollee saba keetii irrattis haaloo hin qabatin!” jedha. Geggeessitoonni amantii Yihudootaa yaanni “ijoollee saba keetii” akkasumas “nama” jedhu Yihudoota qofa akka argisiisu amanu turan. Seerichi Israaʼeloonni saboota kaanirraa adda akka taʼan isaanirraa eega ture. Haataʼu malee Seerri kun, yaada geggeessitoonni amantii jaarraa jalqabaa qaban, jechuunis Yihudoota kan hin taane hundi diina akka taʼaniifi jibbamuu akka qaban ibsu hin deggeru.

Maal Jettee Deebista?

• Jaalala isa fedhii ofii aarsaa gochuu gaafatu obboloota keenyatti argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

• Gammachuudhaan Waaqayyoon tajaajiluun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

• Nagaafi tokkummaa gumiitiif gumaacha gochuu kan dandeenyu akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Saanduqa fuula 21]

“Kiristiyaanonni Dhugaan Warra Kanadha”

Kitaabni, Bitwiin Reezistaansi eendi Maartiirdam—Jehoovaas Wiitnasis iin za Sardi Raayik jedhamu yaada dargaggeessi Yihudii mana hidhaa ture tokko dubbate qabateera; kitaabichi yaada dargaggeessi kun mana hidhaa Nooyingamee jedhamu keessatti yeroo jalqabaatiif Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin erga wal argee booda dubbate qabateera:

“Yihudoota kan taane bakka Dahawuu jedhamuu mana hidhaa kana akkuma geenyeen, Yihudoonni achi turan kaan wanta qaban hundumaa akka nuu hin kennineef jecha dhoksuu jalqaban. . . . Mana hidhaa galuu keenya dura wanta qabnu waliin geenya turre. Haataʼu malee, bakka haala duʼaafi jireenyaa keessatti argamnu kanatti hundumtuu ofiisaatiif dursa kenna malee waaʼee warra kaanii hin yaadu. Wanta Barattoonni Macaafa Qulqulluu godhan garuu hubadhaa. Yeroo sanatti ujummoo bishaanii suphuudhaaf jabaatanii hojjechuu qabu turan. Yeroonsaa yeroo qorraa yommuu taʼu, guyyaa guutuu bishaan akka cabbii diilallaaʼu keessa dhaabatu turan. Rakkina kana akkamitti akka dandaʼan eenyuyyuu hin beeku. Yihowaa biraa humna akka argatan dubbatu. Akkuma keenya waan beelaʼaniif daabboo argachuun baayʼee isaan barbaachisa ture. Haataʼu malee maal godhu turan? Daabboo argatan hundaa walitti sassaabuudhaan walakkaasaa ofiisaaniitiif isa hafemmoo namoota hidhatan amantiisaanii taʼan warra Dahawuudhaa reefuu dhufaniif kennu turan. Akkasumas hammatanii gammachuudhaan isaan simataniiru. Nyaachuusaanii dura kadhannaa dhiheessu turan. Sana booda hundasaanii gammachuutu fuulasaaniirraa mulʼata ture. Ni beelofne hin jedhan turan. Kiristiyaanonni dhugaan warra kanadha kanan jedhe yeroo kanattidha.”

[Fakkii fuula 19]

Sochiiwwan gooturraa hirʼistee guyyaa guyyaadhaan Yihowaatti dhihaachuuf yeroo ni ramaddaa?