Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Waaqayyo Nu Geggeessaa Akka Jiru Ni Hubattaa?

Waaqayyo Nu Geggeessaa Akka Jiru Ni Hubattaa?

Waaqayyo Nu Geggeessaa Akka Jiru Ni Hubattaa?

ISRAAʼELOONNIS taʼan Gibxoonni sanaan dura waan akkasii arganii hin beekan. Israaʼeloonni Gibxii baʼanii ennaa deeman, utubaan duumessaa naannoosaaniitti kan mulʼate yommuu taʼu, yeroo hundumaas isaanii wajjin taʼa ture. Halkan halkan utubaa ibiddaa taʼa. Kun wanta baayʼee nama ajaaʼibsiisu ture! Wanti kun eessaa dhufe? Kaayyoonsaahoo maal ture? Amma waggoota gara 3,500 booda, nuyi akkaataa Israaʼeloonni “utubaa ibiddaa fi duumessaa” sana itti ilaalanirraa maal barachuu dandeenya?—Bau. 14:24.

Macaafni Qulqulluun, “Waaqayyo akka isaan halkanii fi guyyaa adeemuu dandaʼaniif, guyyaa utubaa duumessaatiin isaan dura adeemee karaa isaanitti argisiise, halkan immoo utubaa ibiddaatiin isaaniif ibse; akkasitti isaan in geggeesse” jechuudhaan maddaafi kaayyoo utubichaa ibsa. (Bau. 13:21, 22) Yihowaan utubaa ibiddaafi duumessaatti kan fayyadame, yeroo Gibxii baʼaniifi lafa onaa keessa turanitti sabasaa geggeessuuf ture. Utubaa kana duukaa buʼanii deemuuf qophaaʼoo taʼuu qabu turan. Waraanni Gibxootaa saba Waaqayyoo hordofee miidhaa irraan geessisuuf yeroo turetti, utubichi Israaʼelootaaf eegumsa gochuudhaan garee lamaan gidduu dhaabatee ture. (Bau. 14:19, 20) Utubichi daandii qaxxaamura taʼe kan isaanitti hin argisiisne taʼus, Israaʼeloonni Biyyattii Abdachiifamtetti galuuf isa duukaa buʼuunsaanii dirqama ture.

Utubichi jiraachuunsaa, karaa Israaʼeloonni Yihowaan akka isaanii wajjin jiru itti mirkaneeffatan ture. Utubichi Yihowaa kan bakka buʼu siʼa taʼu, al tokko tokkos Yihowaan isa keessaa dubbata ture. (Lak. 14:14; Far. 99:7) Kana malees, duumessi sun, Museen nama Yihowaan sabasaa akka geggeessuuf isa muude taʼuusaa kan mirkaneessu ture. (Bau. 33:9) Yeroon xumuraa duumessichi mulʼachuunsaa itti ibsames, Yihowaan Iyaasuu bakka Musee buusuudhaan akka muude kan mirkaneessu ture. (Kes. 31:14, 15) Israaʼeloonni Gibxii yeroo baʼan milkaaʼina argachuunsaanii kan hundaaʼe, ragaa Yihowaan isaan geggeessaa akka jiru argisiisu hubachuufi achiis isa duukaa buʼuusaaniirratti ture.

Milikkiticha Hubachuu Dadhaban

Israaʼeloonni yeroo jalqabaatiif utubaa sana yommuu ilaalan baayʼee ajaaʼibsiifatanii akka turan hin shakkisiisu. Kan nama gaddisiisu garuu, dinqiin yeroo hunda argan sun, hamma dhumaatti Yihowaarratti amanannaa akka qabaatan isaan hin goone. Qajeelfama Waaqayyo kennu irra deddeebiʼanii mormaniiru. Yeroo loltoonni Gibxii isaan duukaa buʼan, Yihowaan fayyisuuf humna qabaachuusaa akka amanan hin argisiisne. Kanaa mannaa, tajaajilaa Waaqayyoo kan taʼe Museen isaan ficcisiisuuf akka jiru dubbachuudhaan isa komataniiru. (Bau. 14:10-12) Galaana Diimaa erga ceʼanii booda, midhaaniifi bishaan dhabna jedhanii yaaduudhaan Musee, Aaroniiifi Yihowaarratti guunguman. (Bau. 15:22-24; 16:1-3; 17:1-3, 7) Torban muraasa boodammoo, Aaron dibicha warqee akka isaaniif tolchu isa rakkisan. Mee yaadi! Kutaa kaampichaa isa tokkotti utubaa ibiddaafi duumessaa isa Yihowaan inni Gibxii isaan baase gidduusaanii jiraachuusaa argisiisu ni argu turan. Achirraa utuu baayʼee hin fagaatinimmoo, waaqayyolii lubbuu hin qabne kan waaqeffatan taʼuusaarrayyuu, “Yaa Israaʼel Waaqayyo kee inni biyya Gibxii si baase isa kana” jedhu turan. Kun “arrabsoo guddaa” mitii?— Bau. 32:4; Nah. 9:18.

Hammeenyi Israaʼelootaa qajeelfama Yihowaatiif tuffii guddaa akka qaban kan agarsiisu ture. Rakkinnisaanii ijaan arguu dadhabuu utuu hin taʼin, karaa hafuuraa hubannaa dhabuu ture. Utubicha kan argan taʼus, hiika inni qabu hubachuu dhiisan. Gochisaanii, ‘isa qulqulluu kan Israaʼel kan aarse’ taʼus, Yihowaan hamma Israaʼeloonni Biyyattii Abdachiifamte gaʼanitti ooʼa isaaniif qabaachuudhaan utubichatti fayyadamee qajeelfama isaanii kennuusaa itti fufeera.—Far. 78:40-42, 52-54; Nah. 9:19.

Ragaa Yeroo Harʼaa Waaqayyo Sabasaa Akka Geggeessu Argisiisu Hubadhu

Yeroo harʼaas Yihowaan sabasaatiif qajeelfama ifa taʼe ni kenna. Yihowaan Israaʼeloonni karaa mataasaanii akka deeman akkuma isaanirraa hin eegne, nuyis addunyaa haaraa abdachiifametti galuuf karaa mataa keenyaa akka barbaaddannu hin gaafatamne. Yesus Kiristos Geggeessaa gumii godhamee muudameera. (Mat. 23:10; Efe. 5:23) Innis kutaa hojjetaa amanamaa Kiristiyaanota dibamoorraa walitti gurmaaʼeef aangoo kenneera. Kutaan hojjetaa kunimmoo, gumii Kiristiyaanaarratti ilaaltota olaanaa muuda.—Mat. 24:45-47; Tit. 1:5-9.

Eenyummaa kutaa hojjetaa kanaa akkamitti mirkaneeffachuu dandeenya? Yesus waaʼee hojjetaa kanaa maal akka jedhe hubadhu: “Egaa hojjetaan amanamaanii fi ogeessi, gooftaan isaa naaʼota isaa warra kaaniif yeroodhaan nyaata isaan gaʼu haa kennuuf, mana isaa irratti hojii adeemsiftuu godhatu, isa kam ree? Egaa hojjetaan kun gooftaan isaa dhufee akkanuma utuu hojjetuu kan isa argu gammachuu qaba.”—Luq. 12:42, 43.

Kutaan hojjetaa kanaa “amanamaa” waan taʼeef, Yihowaa, Yesus, dhugaa Macaafa Qulqulluus taʼe saba Waaqayyoo dabarsee hin kennu ykn hin dhiisu. Akkasumas ‘ogeessa’ waan taʼeef, hojii ‘wangeela mootummaa’ lallabuufi ‘saba hundumaa bartoota’ gochuu isa baayʼee barbaachisaa taʼe hubannaadhaan geggeessaa jira. (Mat. 24:14; 28:19, 20) Kutaan hojjetaa kanaa akkuma ajajametti “yeroodhaan” nyaata hafuuraa qulqulluufi gabbisaa taʼe ni dhiheessa. Yihowaan, lakkoofsi sabasaa akka dabalu gochuudhaan, murtoowwan barbaachisaa taʼanirratti qajeelfama kennuudhaan, dhugaa Macaafa Qulqulluu caalaatti akka hubatan gochuudhaan, diinonnisaanii guutummaatti akka isaan hin balleessine isaan eeguudhaan, akkasumas nagaa sammuu isaanii kennuudhaan isa duratti fudhatama argachuusaanii mirkaneesseera.—Isa. 54:17; Filp. 4:7.

Qajeelfama Waaqayyoo Fudhadhu

Qajeelfama Waaqayyo kennu akka dinqisiifannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Phaawulos ergamaan, ‘Geggeessitoota keessaniif abboomamaa, karaas kennaafii’ jedheera. (Ibr. 13:17) Kana gochuun yeroo hundumaa salphaa taʼuu dhiisuu dandaʼa. Fakkeenyaaf: Mee bakka nama Israaʼel bara Musee ture tokkoo of kaaʼi. Deemaa erga turtee booda, utubichi ni dhaabate haa jennu. Bakka dhaabate sana hammam tura? Guyyaa tokkoo? Torban tokkoo? Moo jiʼoota hedduudhaafi? ‘Baʼaakoo hunda hiikuun qabaa laata?’ jettee yaadda taʼa. Dura miʼa baayʼee barbaachisaa taʼe qofa hiikta taʼa. Garuu, guyyoota muraasa booda waan tokko argachuuf miʼa sakattaʼuun waan si nuffisiiseef, waan hundumaa hiikta. Yeroo waan hundumaa hiiktee raawwatte kanattimmoo, utubichi sochoʼuusaa argita; achiis, deebitee miʼakee walitti qabuu jalqabda! Kun salphaa ykn kan namatti tolu miti. Taʼus, Israaʼeloonni ‘yeruma sana kaʼanii adeemuu,’ [NW] qabu turan.—Lak. 9:17-22.

Waaqayyo biraa qajeelfamni ennaa nuu kennamu deebii akkamii kennina? “Yeruma sana” hojiirra oolchuuf ni yaallaa? Moo wanta tokko karuma barreen raawwachuu keenya itti fufna? Qajeelfamawwan waaʼee qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessuu, namoota afaan biyya alaa dubbataniif lallabuu, yeroo hundumaa waaqeffannaa maatiirratti hirmaachuu, wanta Koreen Hospitaalaan Wal Qunnamsiisu gaafatu raawwachuufi walgaʼiiwwan koonyaarratti sabrii qabaachuu ilaalchisee kennaman dabalatee, qajeelfamawwan yeroo yeroodhaan baʼan ni beeknaa? Gorsa fudhachuudhaanis qajeelfama Waaqayyoo akka dinqisiifannu ni argisiisna. Murtoo guddaa gochuun yeroo nu barbaachisu, ogummaa keenyatti amanamuu mannaa qajeelfama Yihowaafi jaarmiyaasaa barbaanna. Akkuma mucaan xinnoon tokko yeroo obomboleettiin dhufu warrasaatti fiigee jalaa baqatu, rakkoowwan akka obomboleettii biyya lafaarra jiran yeroo nu rukutan, jaarmiyaa Yihowaarraa eegumsa argachuu barbaanna.

Dhugaadha, namoonni kutaa jaarmiyaa Yihowaa isa lafarraa keessatti geggeessitoota taʼan mudaa kan qabanidha; Museenis akkasuma ture. Taʼuyyuu, utubichi ragaa yeroo hunda Museen Waaqayyoon kan muudameefi isa duratti fudhatama kan qabu taʼuusaa mirkaneessu ture. Yoom sochoʼuu akka qaban kan murteessu Israaʼeloota hunda akka hin taanes qalbeeffadhu. Kanaa mannaa, sabichi “wanta Waaqayyo isaan irraa barbaadee karaa Musee isaan abboome” ni raawwatu turan. (Lak. 9:23) Kanaafuu, Museen inni Waaqayyo karaasaa qajeelfama kennu, deemuu akka jalqaban milikkita isaanii kennaa ture jechuun ni dandaʼama.

Yeroo harʼaa, kutaan hojjetaa Yihowaa yommuu sochoʼuun barbaachisu hundumaatti mallattoo ifa taʼe ni kenna. Kana kan godhu akkamitti? Barumsawwan Masaraa Eegumsaa, Tajaajila Mootummaa, barreeffamoota haaraa baʼaniifi haasaawwan walgaʼii gurguddaarratti kennamanitti fayyadameeti. Gumiiwwan, daawwattoota olaanaarraa, xalayaa ykn leenjii obboloonni gumii keessatti itti gaafatamummaa qaban argatanirraas qajeelfama ni argatu.

Ragaa Waaqayyo sabasaa geggeessaa akka jiru argisiisu ifatti ni hubattaa? Yihowaan lafa onaa guyyoota gara dhumaa sirna Seexanaa kana keessatti, warra sabasaa taane geggeessuuf jaarmiyaasaatti fayyadama. Kanaan kan kaʼes, tokkummaa, jaalalaafi tasgabbii argachuu dandeenyeerra.

Israaʼeloonni Biyyattii Abdachiifamte ennaa gaʼan Iyaasuun, “Isin abdii Waaqayyo gooftaan keessan isiniif kenne hundumaa keessaa tokko illee akka hin hafne garaa keessan hundumaan, yaada keessan hundumaanis gaarii gootanii beektu; abdiin inni kenne hundinuu raawwatamaniiru” jedhee ture. (Iya. 23:14) Harʼas sabni Waaqayyoo addunyaa haaraatti akka galu beekamaadha. Haataʼu malee, dhuunfaatti achitti argamuun keenya, gad of deebisnee qajeelfama Waaqayyoo hordofuuf qophaaʼoo taʼuu keenyarratti kan hundaaʼedha. Kanaafuu, hundi keenya ragaa Yihowaan sabasaa geggeessaa akka jiru argisiisu hubachuu keenya itti haa fufnu!

[Fakkii fuula 5]

Yeroo harʼaa jaarmiyaa Yihowaatiin geggeeffamaa jirra

Barreeffamoota walgaʼii koonyaarratti baʼan

Mana barumsaa tiʼookraasii

Leenjii walgaʼiiwwan tajaajilaarratti kennamu