Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ijoolleen Cuuphamuu Qabuu?

Ijoolleen Cuuphamuu Qabuu?

Ijoolleen Cuuphamuu Qabuu?

ABBAAN Kiristiyaanni Kaarlos * jedhamuufi Filippiinsi keessa jiraatu tokko, “Intallikoo tajaajiltuu Yihowaa taʼuusheetti baayʼeen gammada, isheenis akka gammaddu beeka,” jedheera. Abbaan Giriik keessa jiraatu tokkos, “Aniifi haati manaakoo ijoolleen keenya sadan xinnummaasaaniitti cuuphamanii Dhugaa Baatota Yihowaa taʼuusaaniitti gammanneerra. Karaa hafuuraa guddina gochaa jiru; akkasumas Yihowaa tajaajiluutti ni gammadu” jechuudhaan barreesseera.

Kiristiyaanonni warra taʼan, yommuu ijoolleensaanii cuuphaman baayʼee gammaduuf sababii qabu, taʼuyyuu gammachuu qofa utuu hin taʼin dhiphinnis isaanitti dhagaʼama. Haati tokko, “Baayʼee gammadee akkasumas baayʼee dhiphadheen ture” jetteetti. Haati kun miirri akkasii kan isheetti dhagaʼame maaliifi? “Ilmikoo amma Yihowaa duratti guutummaatti itti gaafatamummaa akka qabu beeka” jetteetti.

Dhugaa Baatuu cuuphame taʼanii Yihowaa tajaajiluun galma ijoolleen hundi baafachuu qabanidha. Taʼus haatiifi abbaan Waaqayyoof bulan, ‘Mucaankoo guddina gaarii gochaa akka jiru beeka, taʼus, qorumsa jireenya gadhiisii akka jiraatu isatti dhufu moʼuufi Yihowaa duratti qulqulluu taʼee jiraachuuf cimina qabaa laata?’ jedhanii yaaddaʼu taʼa. Warri kaanimmoo, ‘Mucaankoo yommuu qorumsi qabeenyaa wajjin wal qabate isa mudatu, gammachuufi hinaaffaadhaan Waaqayyoon tajaajiluusaa itti fufaa laata?’ jedhu taʼa. Kanaafuu seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu, warri mucaansaanii cuuphamuuf qophaaʼaa taʼuufi dhiisuusaa beekuuf isaan gargaaruu dandaʼan warra kamidha?

Bartoota Kiristos Taʼuun, Ulaagaa Cuuphamuuf Barbaachisu Isa Guddaadha

Dubbiin Waaqayyoo umrii kamitti cuuphamuu akka qabnu ibsuu mannaa, namoonni tarkaanfii kana fudhachuuf gaʼeessa taʼan karaa hafuuraa haala akkamiirratti akka argaman ibsa. Yesus, “Namoota hundumaa bartoota gochuudhaan isaan cuuphaa” jedhee duuka buutotasaa ajajeera. (Mat. 28:19, NW) Kanaafuu namoonni cuuphaman warra bartoota Kiristos taʼanidha.

Bartuu jechuun maal jechuudha? Kitaabni, Insaayit on za Iskiriipcharsi jedhamu, “Jechi kun, adda durummaadhaan, warra barumsa Kiristositti amanan qofa utuu hin taʼin, warra barumsasaa akka gaariitti hordofanis kan argisiisudha” jechuudhaan ibsa. Dargaggoonni hamma tokko umrii ijoollummaarratti argaman bartoota Yesus taʼuu dandaʼuu? Obboleettiin waggaa 40f misiyoonii taatee Laatiin Ameerikaatti tajaajilte tokko, ofiisheefi obboleettotashee lamaan ilaalchisuudhaan akkas jetteetti: “Yihowaa tajaajiluufi Jannata keessa jiraachuu akka barbaannu beekuuf gaʼeessota turre. Yihowaadhaaf of murteessuun keenya, yommuu qorumsi dargaggootarratti hammaatu nu mudatu jabina argachuuf nu gargaareera. Ijoollummaa keenyatti Waaqayyoof of murteessuu keenyatti hin gaabbinu.”

Mucaan keessan bartuu Kiristos taʼuufi dhiisuusaa akkamitti beekuu dandeessu? Macaafni Qulqulluun, “Mucaan iyyuu qullaaʼaa fi qajeelaa taʼuun isaa, hojii isaatiin in beekama” jechuudhaan dubbata. (Fak. 20:11) Gochawwan mucaan tokko bartuu taʼuudhaan ‘itti guddachaa adeemaa’ akka jiru argisiisan tokko tokko ilaali.—1 Xim. 4:15.

Ragaawwan Mucaan Keessan Bartuu Kiristos Akka Taʼe Argisiisan

Mucaan keessan isiniif ni ajajamaa? (Qol. 3:20) Hojii mana keessatti isaa kennamu ni hojjetaa? Macaafni Qulqulluun Yesus inni umriinsaa gara waggaa 12 ture, ‘warrasaatiif abboomamaa akka jiraate’ dubbata. (Luq. 2:51) Dhugaadha, yeroo harʼaa mucaan mudaa tokko malee warrasaatiif ajajamu hin jiru. Kiristiyaanonni dhugaan garuu, ‘faana Yesus duukaa buʼuun’ isaan barbaachisa. Kanaaf, ijoolleen cuuphamuu barbaadan, warrasaaniitiif abboomamuudhaan kan beekaman taʼuu qabu.—1 Phe. 2:21.

Gaaffiiwwan armaan gadii qoraa: Mucaan keessan tajaajilarratti hirmaannaa guutuu gochuudhaan ‘duraan dursanii Mootummicha ni barbaaduu?’ (Mat. 6:33) Misraachicha warra kaaniif hiruuf fedhii qabumoo, tajaajila akka baʼaniifi manaa gara manaatti akka lallaban ciimsitanii jajjabeessuun isin barbaachisa? Itti gaafatamummaa babalʼisaa hin cuuphamne taʼuudhaan qaban beekuu? Namoota fedhii qabaniifi naannoo tajaajilaa keessatti argatan deebiʼanii gaafachuuf fedhii qabuu? Ijoollee wajjin barataniifi barsiistotasaaniitti Dhugaa Baatuu Yihowaa akka taʼan ni himuu?

Walgaʼiiwwan gumiirratti hirmaachuuf bakka guddaa kennuu? (Far. 122:1) Qayyabannaa Masaraa Eegumsaafi qayyabannaa Macaafa Qulqulluu gumiirratti yaada kennuun isaan gammachiisaa? Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiirratti ni hirmaatuu?—Ibr. 10:24, 25.

Intalli ykn ilmi keessan hiriyoota mana barumsaafi bakka biraatti miidhaa isaanirraan geessisanirraa fagaachuudhaan qulqulluu taʼanii jiraachuuf carraaqqii godhuu? (Fak. 13:20) Muuziqaa, fiilmii, sagantaawwan televijiinii, tapha viidiyoofi Intarneetiitti fayyadamuu wajjin haala wal qabateen Filannaansaanii maalidha? Dubbiifi gochisaanii seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu wajjin walsimanii jiraachuu akka barbaadan mirkaneessaa?

Intalli ykn ilmi keessan Macaafa Qulqulluu hangam akka gaariitti beeku? Wanta yeroo Waaqeffannaa maatiitti baratan jecha mataasaaniitiin ibsuu dandaʼuu? Dhugaawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu ibsuu dandaʼuu? (Fak. 2:6-9) Macaafa Qulqulluu dubbisuufi barreeffamoota kutaan hojjetaa amanamaafi ogeessaa baasu qayyabachuun isaan gammachiisaa? (Mat. 24:45) Barumsawwaniifi caqasoota Macaafa Qulqulluu ilaalchisee gaaffii ni gaafatuu?

Gaaffiiwwan kun guddina hafuuraa ijoollee keessanii beekuuf isin gargaaru. Gaaffiiwwan kana erga qortanii booda, ijoolleen keessan cuuphamuusaanii dura kallattiiwwan tokko tokkoon fooyyaʼiinsa akka godhan murteessitu taʼa. Akkaataan jireenyaasaanii bartuu akka taʼaniifi dhugumaan Waaqayyoof kan of murteessan akka taʼan kan argisiisu yoo taʼe garuu, akka cuuphaman heyyamuufii dandeessu taʼa.

Ijoolleen Yihowaa Jajachuu Dandaʼu

Tajaajiltoonni Waaqayyoo hedduun yeroo saafela turanitti ykn sana dura amanamoo taʼuusaanii argisiisaniiru. Yoseef, Saamuʼel, Yosiyaasiifi Yesusiin yaadaa. (Uma. 37:2; 39:1-3; 1 Sam. 1:24-28; 2:18-20; 2 Sen. 34:1-3; Luq. 2:42-49) Intaloonni Filiphos warri raajii dubbatanis, xinnummaasaaniitii kaasanii akka gaariitti leenjifamanii taʼuu qaba.—HoE. 21:8, 9.

Dhugaa Baatuun Giriik keessa jiraatu tokko akkas jedheera: “Yeroon cuuphamu umriinkoo waggaa 12 ture. Murtoon godhetti matummaa gaabbee hin beeku. Erga kun taʼee waggaan 24 kan darbe siʼa taʼu, kana keessaa waggaa 23 tajaajila yeroo guutuurrattan dabarse. Jaalalli ani Yihowaaf qabu yeroo hundumaa rakkoowwan umrii dargaggummaatti na mudatan akkan dandamadhu na gargaareera. Yommuu umriinkoo waggaa 12 turetti waaʼee Caaffata Qulqullaaʼoo beekumsan yeroo ammaa qabu hin qabun ture. Haataʼu malee, Yihowaa akkan jaalladhuufi barabaraaf isa tajaajiluu akkan barbaadu beekeen ture. Isa tajaajiluukoo akkan itti fufu waan na gargaareef nan gammada.”

Ijoollees taʼe nama guddaa, namni dhugumaan bartuu akka taʼe argisiisu tokko cuuphamuu qaba. Phaawulos ergamaan, “Namni garaa isaatti amanee qajeelaa taʼa, afaan isaatiinis beeksisee in fayya” jechuudhaan barreesseera. (Rom. 10:10) Mucaan bartuu Kiristos taʼe tokko tarkaanfii cuuphaadhaaf barbaachisu yeroo fudhatu, innis taʼe warrisaa milkaaʼina guddaa argatan jechuudha. Wanti kamiyyuu, gammachuu isiniinis taatan ijoolleen keessan argachuuf jettan isin hin dhowwin.

[Miiljalee]

^ key. 2 Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

[Fakkii fuula 5rra jiru]

Cuuphaadhaaf Ilaalcha Sirrii Qabaachuu

Warri tokko tokko ijoolleensaanii cuuphamuunsaanii, tarkaanfii gaarii rakkina of keessaa qabu akka taʼetti ilaalu. Haataʼu malee, cuuphamuufi Waaqayyoon tajaajiluun, milkaaʼina namni tokko gara fuulduraatti argatu balaadhaaf ni saaxilaa? Macaafni Qulqulluun hin saaxilu jedha. Fakkeenyi 10:22, “Eebbi Waaqayyoo nama in badhaasa, badhaadhummaattis inni rakkina hin dabalu” jedha. Phaawulosis Ximotewos isa dargaggeessa tureef, “Nama Waaqayyoo taʼuun, nama wanta qabuun of dandaʼee jiraatu biratti buʼaa guddaa qaba” jechuudhaan barreesseera.—1 Xim. 6:6.

Dhugaadha, Yihowaa tajaajiluun salphaa miti. Ermiyaas, hojii raajii Waaqayyoo taʼuudhaan raawwaturratti rakkinni guddaan isa mudateera. Taʼus waaqeffannaa, Waaqa dhugaatiif dhiheessu ilaalchisuudhaan, ‘Yaa Waaqayyo gooftaa maccaa, ani kan kee tiʼo, dubbiinkee garaakoo gammachuufi qannoodhaan in guute’ jechuudhaan barreesseera. (Er. 15:16) Ermiyaas Waaqayyoon tajaajiluun gammachuu akka isaaf argamsiisu beekee ture. Addunyaan Seexanaa madda rakkinaati. Warri, ijoolleensaanii garaagarummaa kana akka hubatan gargaaruun isaan barbaachisa.—Er. 1:19.

[Saanduqa/​Fakkii fuula 6rra jiru]

Ilmi ykn Intallikoo Utuu Hin Cuuphamin Turuu Qabuu?

Yeroo tokko tokko, yommuu ijoolleen cuuphamuuf gaʼeessa taʼanittillee, warrisaanii yeroo gara biraa akka cuuphaman murteessu taʼa. Sababiin kana itti godhaniif maal taʼuu dandaʼa?

Mucaankoo yoo cuuphame, booda cubbuu cimaa hojjetee gumiidhaa baafamuu dandaʼa jedheen sodaadha. Mucaan hin cuuphamne tokko gochasaatiif Waaqayyo duratti itti hin gaafatamu jedhanii amanuun sirriidhaa? Solomoon dargaggootaan, “Waaqayyo [gochawwan keetiif] gara firdiitti akka si dhiʼeessu beeki!” jedheera. (Lal. 11:9) Phaawulos, “Nu keessaa hundumtinuu adda addaan waan godhe sababii isaa wajjin Waaqayyotti himuuf jira” jechuudhaan nama umrii kamirrattiyyuu argamu hubachiiseera.—Rom. 14:12.

Waaqeffattoonni cuuphamanis taʼan hin cuuphamne Waaqayyo duratti itti gaafatamu. Yihowaan tajaajiltoonnisaa ‘humnasaanii gararraatti akka hin qoramne’ akka isaan eegu hin irraanfatinaa. (1 Qor. 10:13) Kan ‘of qaban’ akkasumas qorumsa moʼuuf kan carraaqan taanaan, Waaqayyo akka isaan gargaaru mirkanaaʼoo taʼuu dandaʼu. (1 Phe. 5:6-9) Haati Kiristiyaana taate tokko akkas jechuudhaan barreessiteetti: “Ijoolleen cuuphaman wantoota gadhee biyya lafaa keessa jiranirraa fagaachuuf sababa dabalataa qabu. Ilmikoo inni umrii waggaa 15⁠tti cuuphame, cuuphamuunsaa eegumsa akka isaa taʼe isatti dhagaʼama. Mucaan kun, ‘Wanta seera Yihowaa wajjin wal faallessu raawwachuu hin yaaddu’ jedheera. Cuuphamuun wanta qajeelaa taʼe raawwachuuf nama kakaasa.”

Wanta dubbattaniin akkasumas fakkeenya taʼuudhaan ijoolleen keessan Yihowaadhaaf akka abboomaman yoo leenjistan, erga cuuphamanii booda kana gochuu akka itti fufan mirkanaaʼoo taʼuu dandeessu. Fakkeenyi 20:7, “Namni qajeelaan jireenya mudaa hin qabne jiraata, isa booddees ijoolleen isaa in gammadu” jedha.

Ilmikoo dura galmawwan tokko tokkorra akka gaʼun barbaada. Dargaggoonni yeroo booda of dandaʼanii akka jiraataniif hojjechuu barachuu qabu. Haataʼu malee, jireenyisaanii waaqeffannaa dhugaa mannaa, barumsaafi qarshii argachuurratti akka xiyyeeffatu jajjabeessuun balaa qaba. Yesus, “sanyii” ykn dubbii Mootummichaa utuu hin guddatin hafe ilaalchisuudhaan, “Akkuma sanyiin qoraattii keessa buʼe taʼe, akkasuma namni dubbicha in dhagaʼa; kana booddees yaaddoon biyya lafaa, gowwoomsaan soorumaa dubbicha in hudha, ija utuu hin godhatinis in hafa” jedheera. (Mat. 13:22) Dargaggoonni galma dhimmawwan hafuuraatiif utuu hin taʼin dhimmawwan biyya lafaatiif dursa akka kennan godhu baafachuunsaanii, fedhii Waaqayyoon tajaajiluuf qaban jalaa hirʼisuu dandaʼa.

Jaarsi gumii muuxannoo qabu tokko, ijoollee cuuphamuuf gaʼeessa taʼaniifi warrisaanii akka isaan cuuphaman hin barbaanne ilaalchisuudhaan, “Mucaan tokko akka hin cuuphamne dhowwuun, dhugaa keessatti guddina akka hin gooneefi abdii akka kutatu isa gochuu dandaʼa” jedheera. Daawwataan olaanaa tokkos, “Mucaan tokko karaa hafuuraa amanannaa dhabuufi gad aantummaan itti dhagaʼamuu dandaʼa. Milkaaʼina argachuufis gara biyya lafaa ilaaluu dandaʼa” jedheera.

[Fakkii]

Dura yunivarsiitii galee barachuu qabaa?

[Fakkii fuula 3rra jiru]

Mucaan tokko bartuu Yesus taʼuusaa argisiisuu dandaʼa

[Fakkii fuula 3rra jiru]

Walgaʼiidhaaf qophaaʼuufi hirmaannaa gochuu

[Fakkii fuula 4rra jiru]

Warraaf ajajamuu

[Fakkii fuula 4rra jiru]

Tajaajilarratti hirmaachuu

[Fakkii fuula 4rra jiru]

Dhuunfaatti kadhannaa gochuu