Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Wangeela Namoota Hundaaf Barbaachisu

Wangeela Namoota Hundaaf Barbaachisu

Wangeela Namoota Hundaaf Barbaachisu

‘Wangeelichi humna Waaqayyoo isa fayyisuudha.ʼ—ROM. 1:16.

1, 2. “Misraachoo mootummaa” kan lallabdu maaliifi? Misraachoo kana yeroo lallabdu waaʼee maalii cimsitee ibsita?

‘GUYYAA guyyaadhaan misraachoo labsuun na gammachiisa.’ Waan akkasii yaaddee ykn dubbattee beekta taʼa. Dhugaa Baatuu Yihowaadhaaf bulte waan taateef, ‘wangeela mootummaa’ labsuun baayʼee barbaachisaa akka taʼe beekta. Raajii Yesus hojii kana akka hojjennu dubbates yaada keetiin caqasuu dandeessa taʼa.—Mat. 24:14.

2 “Misraachoo mootummaa” lallabuudhaan wanta Yesus jalqabe itti fufaa jirta. (Luqaas 4:43 dubbisi.) Misraachoo kana yeroo lallabdu wanti cimsitee ibsitu inni tokko, Waaqayyo dhiheenyatti ilmaan namootaa wajjin haala wal qabateen tarkaanfii kan fudhatu taʼuusaa akka taʼe hin shakkisiisu. ‘Rakkina guddaadhaan’ amantii sobaafi hammeenya lafarraa ni balleessa. (Mat. 24:21) Mootummaan Waaqayyoo lafti deebitee Jannata akka taatu gochuudhaan nagaafi gammachuun akka dagaagu akka godhus ni ibsita taʼa. ‘Misraachoon mootummaa Waaqayyoo,’ “misraachoo” “duraan dursee” “Abrahaamiin, sabni hundinuu siin in eebbifamu” jedhame keessa tokkodha.—Gal. 3:8.

3. Phaawulos macaafa Roomaa keessatti wangeelarratti xiyyeeffate kan jettu maaliifi?

3 Haataʼu malee, bifa wangeelaa iddoo guddaa qabuufi namootaaf barbaachisu kana keessaa bifni xiyyeeffannaan utuu hin kenniniif hafnu jiraachuu dandaʼaa? Phaawulos ergaa warra Roomaatiif barreesserratti waaʼee Mootummichaa kan caqase al tokko qofa taʼus, jecha “wangeela” jedhutti al 12 fayyadameera. (Roomaa 14:17 dubbisi.) Macaafa sana keessatti Phaawulos bifa wangeelaa isa kam yeroo baayʼee caqase? Bifti wangeelaa sun baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Namoota naannoo tajaajilaa keenya keessa jiraniif “wangeela Waaqayyoo” yommuu lallabnu kana yaadatti qabachuu kan qabnu maaliifi?—Mar. 1:14; Rom. 15:16; 1 Tas. 2:2.

Wanta Namoota Roomaa Keessa Jiran Barbaachisu

4. Phaawulos yommuu jalqaba Roomaatti hidhamee ture waaʼee maalii lallabe?

4 Phaawulos yeroo jalqaba Roomaatti hidhamee ture waaʼee maalii akka caqase hubachuun beekumsa namaaf argamsiisa. Yihudoonni hedduun yommuu garasaa dhufan, (1) waaʼee mootummaa Waaqayyoo, akkasumas (2) waaʼee Yesus tole isaan jechisiisuudhaan isaanitti akka dhugaa baʼe dubbisna. Buʼaansaa maal ture? “Isaan keessaa kaan dubbii Phaawulos dubbateen tole jedhan, kaan garuu hin amanne.” Sana boodas Phaawulos, ‘warra gara isaa dhufan hundumaa simatee, (1) mootummaa Waaqayyoo in lallaba, waaʼee (2) Yesus Kristos Gooftichaas in barsiisa ture.’ (HoE. 28:17, 23-31) Phaawulos Mootummaa Waaqayyootiif xiyyeeffannaa akka kenne ifadha. Haataʼu malee, wanti Phaawulos irratti xiyyeeffate gara biraan maalidha? Wanta Mootummicha keessatti iddoo guddaa qabu, jechuunis gaʼee Yesus kaayyoo Waaqayyoo keessatti qabudha.

5. Wanti dhugumaan barbaachisuufi Phaawulos macaafa Roomaa keessatti caqase maalidha?

5 Namoonni hundi waaʼee Yesus beekuufi isatti amanuun isaan barbaachisa. Phaawulos Macaafa Roomaa keessatti kun barbaachisaa taʼuusaa ibseera. Jalqabarratti, “Ani wangeela ilma isaatii lallabuudhaan garaa koo guutuudhaan Waaqayyoof nan hojjedha” jechuudhaan barreesseera. Itti dabaluudhaanis, “Ani wangeelatti hin yeellaʼu, inni humna Waaqayyoo isa warra amantii qaban hundumaa, . . . fayyisuu dha” jedheera. Boodas waaʼee “guyyaa Waaqayyo harka Yesus Kristosiin dhoksaa namootaa bakkee baasee faradu” caqaseera. Akkasumas, ‘Yerusaalemii jalqabee naannaʼee hamma Iliiriqumitti guutummaatti wangeela Kristos akka lallabe’ dubbateera. * (Rom. 1:9, 16; 2:16; 15:19) Phaawulos waaʼee Yesus Kiristos warra Roomaatiif cimsee kan ibse maaliif sitti fakkaata?

6, 7. Akkaataan gumiin Roomaa itti hundeeffameefi miseensota gumichaa ilaalchisee maal jechuutu dandaʼama?

6 Gumiin Roomaa akkamitti akka hundeeffame hin beeknu. Namoonni Yihudoota taʼan ykn gara Yihudiitti jijjiiramaniifi Dh.K.B bara 33 guyyaa Phenxeqostee argaman, Kiristiyaanota taʼanii gara Roomaatti deebiʼanii taʼuu dandaʼaa? (HoE. 2:10) Yookiin Kiristiyaanonni daldaltoota taʼaniifi karaa adeeman Roomaa keessatti dhugaa babalʼisanii taʼuu dandaʼaa? Haallisaa maaliyyuu yoo taʼe, Dh.K.B. naannoo bara 56 yeroo Phaawulos kitaabicha barreessetti gumichi erga hundeeffamee yeroo dheeraa taʼee ture. (Rom. 1:8) Miseensonni gumii sanaa namoota akkamii turan?

7 Tokko tokko Yihudoota turan. Fakkeenyaaf Phaawulos Andironikosiifi Yuniyaas warra “Yihudoota” taʼaniif nagaa dhaameera. Aqiilaa inni dunkaana hodhuufi haadha manaasaa Phrisqiilaa wajjin Roomaa keessa jiraatus nama Yihudiiti. (Rom. 4:1; 9:3, 4; 16:3, 7; HoE. 18:2) Taʼus, obboloonni hedduun Phaawulos nagaa isaanitti dhaame, namoota saba warra Waaqayyoo hin taane taʼuu hin oolan. Isaan keessaa tokko tokko warra “mana mootii warra Roomaa keessa jiran,” jechuunis garbootaafi hojjettoota mootichaa caasaa gad aanaarra jiran taʼuu hin oolan.—Filp. 4:22; Rom. 1:6; 11:13.

8. Kiristiyaanonni Roomaa keessa jiran rakkina akkamii qabu turan?

8 Kiristiyaanonni Roomaa keessa jiran hundi, rakkina hundi keenya qabnu qabu turan. Phaawulos, “Hundinuu yakkaniiru, ulfinni Waaqayyoos isaanitti hirʼateera” jechuudhaan rakkinni kun maal akka taʼe ibseera. (Rom. 3:23) Ifatti hubachuun akka dandaʼamutti namoonni Phaawulos barreesseef hundi, cubbamoota akka taʼan hubachuufi qophii Waaqayyo rakkina kanaaf furmaata kennuuf godherratti amantaa qabaachuun isaan barbaachisa.

Cubbamoota Akka Taʼan Beekuu

9. Phaawulos wanta wangeelli raawwatu kamirratti xiyyeeffateera?

9 Phaawulos jalqaba ergaa warra Roomaatiif barreesserratti, “Ani wangeelatti hin yeellaʼu, inni humna Waaqayyoo isa warra amantii qaban hundumaa, duraan dursee warra Yihudootaa akkasumas warra Giriikotaa fayyisuu dha” jechuudhaan, buʼaa dinqisiisaa wangeelichi argamsiisuu dandaʼu caqaseera. Eeyyee, fayyuun ni dandaʼama ture. Taʼuyyuu, yaada Phaawulos Anbaaqom 2:4⁠rraa caqasee, ‘Namni qajeelaan amantiisaatiin in jiraata’ jechuudhaan dubbatee wajjin haala walsimuun amantii qabaachuun barbaachisaa ture. (Rom. 1:16, 17; Gal. 3:11; Ibr. 10:38) Haataʼu malee, wangeelli fayyina argamsiisuu dandaʼu kun yaada “hundinuu yakkaniiru” jedhuu wajjin walitti dhufeenya akkamii qaba?

10, 11. Yaanni Roomaa 3:23⁠rratti caqasame, namoota tokko tokko biratti baramaa warra kaaniifimmoo haaraa kan taʼe maaliifi?

10 Namni tokko amantii lubbuusaa oolchu qabaachuusaa dura, cubbamaa taʼuusaa beekuu qaba. Namoonni ijoollummaadhaa kaasanii Waaqayyotti amananiifi Macaafa Qulqulluu wajjin hamma tokko wal beekan cubbamoo akka taʼan ni amanu. (Lallaba 7:20 dubbisi.) Kanarratti walii galanis shakkii qabaatanis, Phaawulos “hundinuu yakkaniiru” yeroo jedhu yoo xinnaate maal jechuusaa akka taʼe beeku. (Rom. 3:23) Taʼus, tajaajila keenya yommuu raawwannu namoonni yaada kana hin hubanne hedduun nu mudachuu dandaʼu.

11 Namoonni biyyoota tokko tokko keessa jiran cubbamoota taʼanii dhalachuusaanii, jechuunis cubbuu dhaaluusaanii akka amanan godhamanii hin guddifamne. Dhugaadha, dogoggora akka raawwatan, amalawwan gadhee akka qabaniifi waan gadhee raawwatanii taʼuu akka dandaʼu beeku taʼa. Namoonni kaanis haala wal fakkaatu keessa akka jiran ni hubatu. Taʼus, akkaataa guddinaasaaniitiin kan kaʼe, isaanis taʼan namoonni kaan maaliif akkas akka taʼan hin beekan. Afaanota tokko tokko keessatti namni tokko cubbamaadha yoo jettan, namni sun yakka raawwateera ykn yoo xinnaate seera cabseera jechuu keessan akka taʼetti yaadama. Namni naannoo akkasiitti guddate tokko, akka Phaawulos jedhetti cubbamaa taʼuusaa akka hin yaanne beekamaadha.

12. Namoonni baayʼeen namni hundi cubbamaa akka taʼe kan hin amanne maaliifi?

12 Biyyoota Saba Kiristiyaanaa keessattillee namoonni baayʼeen, cubbamoota taʼuusaanii hin amanan. Maaliif? Darbee darbee gara bataskaanaa kan dhaqan yoo taʼeyyuu, seenaa waaʼee Addaamiifi Hewwaan dubbatu akka afoolaatti ilaalu. Warri kaanimmoo hawaasa Waaqayyotti hin amanne keessatti kan guddatanidha. Waaqayyo jiraachuusaa waan shakkaniif, Qaamni Ilmaan Namootaarra Caalu tokko namootaaf ulaagaa amalaa baasuunsaafi ulaagaa sana cabsuun akka cubbuutti ilaalamuunsaa isaaniif hin galu. Kana jechuun, akkuma namoota jaarraa jalqabaa Phaawulos “abdii kan hin qabne,” akkasumas ‘Waaqayyo malee kan turan’ taʼuusaanii caqaseeti jechuudha.—Efe. 2:12.

13, 14. (a) Namoonni Waaqayyo jiraachuusaafi cubbamoota taʼuusaanii hin amanne, waan itti qabatan kan hin qabne maaliifi? (b) Namoonni baayʼeen amantii dhabuunsaanii maalitti isaan geesseera?

13 Phaawulos ergaa warra Roomaatiif barreesserratti, yeroo sanattis taʼe yeroo ammaa akkaataan guddinaa akkasiitti qabachuu kan hin dandeenye maaliif akka taʼe sababa lama dhiheesseera. Sababiin inni jalqabaa, Uumaan jiraachuusaatiif uumamni dhugaa kan baʼu taʼuusaati. (Roomaa 1:19, 20 dubbisi.) Yaanni kun, wanta Phaawulos yeroo Roomaadhaa Ibrootaaf barreessetti, “Manni illee adduma addaan nama tokkoon in ijaarama; inni wanta hundumaa ijaare garuu Waaqayyoo dha” jechuudhaan dubbatee wajjin kan walsimudha. (Ibr. 3:4) Ragaan kun Uumaan wanta hundumaa hojjete ykn gara jireenyaatti fide akka jirus kan argisiisudha.

14 Kanaafuu Phaawulos, Israaʼeloota durii fakkiiwwan lubbuu hin qabne waaqeffatan dabalatee namni kamiyyuu ‘waan itti qabatu akka hin qabne’ warra Roomaatiif barreessuuf sababii gaʼaa qaba ture. Saalqunnamtii uumaman jiruufi dhiiraafi dubartii gidduutti raawwatamurraa karaa faallaa taʼeen, warra ejja raawwatan ilaalchisees akkasuma jechuun ni dandaʼama. (Rom. 1:22-27) Phaawulos itti aansuudhaan, ‘Yihudoonni, Yihudoota warri hin taʼin hundinuus humna cubbuu jala jiru’ jechuudhaan xumureera.—Rom. 3:9.

Kan “Dhugaa Baʼu”

15. Namoonni hundi maal qabu? Kunoo faayidaa akkamii qaba?

15 Macaafni Roomaa, namoonni cubbamoota akka taʼaniifi karaa itti kana keessaa baʼan argachuun akka isaan barbaachisu beekuu kan qaban maaliifi akka taʼe sababii kan biraa ibsa. Phaawulos seerawwan Waaqayyo Israaʼelootaaf kenne ilaalchisee, “Warri seera qabaatanii yakkan hundinuu, seerichaan isaanitti in faradama” jedhee barreesseera. (Rom. 2:12) Phaawulos itti fufuudhaan, saboonni seera Waaqayyoo hin beekne yeroo baayʼee, ‘uumama isaaniitiin waan seerichi isaan irraa barbaadu akka hojjetan’ ibseera. Saboonni kun fira dhihoo wajjin saalqunnamtii raawwachuu, ajjeechaafi hanna kan dhowwan maaliifi? Phaawulos dhageettii garaa waan qabaniif akka taʼe ibseera.—Roomaa 2:14, 15 dubbisi.

16. Dhageettii yaada garaa qabaachuun cubbuurra fagaachuu jechuu kan hin taane maaliifi?

16 Taʼuyyuu, namni tokko dhageettii garaa keessasaatti dhugaa isaaf baʼu qabaachuunsaa, qajeelfama inni isaa kennu ni hordofa jechuu akka hin taane hubachuu hin ooltu. Haalli Israaʼeloota durii kana kan argisiisudha. Israaʼeloonni dhageettii garaafi seera addaa, hannaafi ejja dhowwu kan qaban yoo taʼeyyuu, yeroo baayʼee dhageettii garaasaaniis taʼe, Seera Yihowaa cabsaniiru. (Rom. 2:21-23) Karaa lamaan waan itti gaafatamaniif cubbamoota turan; kanan kan kaʼes, ulaagaafi fedhii Waaqayyoo utuu hin guutin hafaniiru. Kunis walitti dhufeenyi Uumaasaanii wajjin qaban garmalee akka mancaʼu godheera.—Lew. 19:11; 20:10; Rom. 3:20.

17. Macaafa Roomaa keessatti yaada nama jajjabeessu akkamii arganna?

17 Yaanni macaafa Roomaa keessatti qorre, nuunis dabalatee haalli ilmaan namootaa Waaqayyo duratti abdii kan hin qabne fakkeessuu dandaʼa. Haataʼu malee, Phaawulos kanuma qofa dubbatee hin dhiisne. Faarfannaa 32:1, 2⁠rraa caqasuudhaan, “Warri seera irra daddarbuun isaanii dhiifameef, warri cubbuun isaanii akka deebiʼee hin argamne godhameef haa gammadan! Namni gooftichi cubbuu isaa itti hin lakkoofne haa gammadu” jedheera. (Rom. 4:7, 8) Eeyyee, Waaqayyo karaa seera qabeessa dhiifama cubbuu argachuun itti dandaʼamu qopheesseera.

Wangeela Yesusirratti Xiyyeeffate

18, 19. (a) Phaawulos macaafa Roomaa keessatti bifa wangeelaa kamirratti xiyyeeffate? (b) Eebbawwan Mootummichaa argachuuf maal hubachuu qabna?

18 Waaʼee qophii Yihowaa yommuu yaaddan, “Kun dhuguma misraachoodha!” jettu taʼa. Dhugumayyuu kun misraachoo siʼa taʼu, bifa wangeelaa Phaawulos macaafa Roomaa keessatti ibse kan nu yaadachiisudha. Akkuma olitti caqasame Phaawulos, “Ani wangeelatti hin yeellaʼu, inni humna Waaqayyoo isa warra amantii qaban hundumaa . . . fayyisuu dha” jedhee barreesseera.—Rom. 1:15, 16.

19 Wangeelli kun gaʼee Yesus raawwii kaayyoo Waaqayyoo keessatti qaburratti kan xiyyeeffatudha. Phaawulos, “akka wangeela [inni] barsiisuutti, guyyaa Waaqayyo harka Yesus Kristosiin dhoksaa namootaa bakkee baasee faradu” eeggachuu dandaʼa ture. (Rom. 2:16) Phaawulos kana yommuu jedhu, “Mootummaa Kristosii fi mootummaa Waaqayyoo” ykn wanta Waaqayyo karaa Mootummichaa raawwatu xiqqeessuusaa hin turre. (Efe. 5:5) Kanaa mannaa, Mootummaa Waaqayyoo keessa jiraachuufi eebbawwan bulchiinsasaa jalatti argaman argachuuf, (1) Waaqayyo duratti cubbamoota taʼuu keenya, akkasumas (2) dhiifama cubbuu argachuuf Yesusitti amanuun kan nu barbaachisu maaliif akka taʼe beekuu akka qabnu argisiisuusaa ture. Namni tokko bifawwan kaayyoo Waaqayyoo kana yommuu hubatu, yommuu itti amanuufi wanta inni gara fuulduraatti isaa argamsiisu yommuu fudhatu, “Eeyyee, kun dhuguma misraachoodha” jechuu dandaʼa.

20, 21. Tajaajila keenyarratti misraachoo Phaawulos macaafa Roomaa keessatti caqase yaadatti qabachuu kan qabnu maaliifi? Kunoo faayidaansaa maalidha?

20 Tajaajila keenya yommuu raawwannu bifa wangeelaa kana yaadatti qabachuu qabna. Phaawulos, Yesusiin ilaalchisee, “Namni isatti amanu hundinuu hin yeellaʼu” jechuudhaan wanta Isaayaas dubbate caqaseera. (Rom. 10:11; Isa. 28:16) Ergaan buʼuuraa waaʼee Yesus dubbatu, namoota wanta Macaafni Qulqulluun cubbuu ilaalchisee ibsu beekaniif haaraa miti. Warra kaaniif garuu, ergaan kun haaraa, kan hin beekamne ykn wanta aadaasaanii keessatti itti hin amanamnedha. Namoonni akkasii Waaqayyoofi Caaffata Qulqullaaʼootti amanuu yeroo jalqaban, gaʼee Yesus qabu isaanii ibsuun nu barbaachisa. Matadureen itti aanu Roomaa boqonnaan 5 bifa wangeelaa kanarratti akkamitti ibsa akka kennu qora. Qayyabannaan kun tajaajila keessanirratti akka isin fayyadu ni hubattu taʼa.

21 Namoonni garaa qajeelaa qaban, wangeela macaafa Roomaa keessatti ibsame, jechuunis wangeela, “humna Waaqayyoo isa warra amantii qaban hundumaa . . . fayyisuu” akka hubatan gargaaruun eebba guddaa argamsiisa. (Rom. 1:16) Eebba argachuu keenya malees, namoonni kaan yaada Phaawulos Roomaa 10:15⁠rratti, “Warri . . . misraachoo himan, tulluu irraan mulʼachuun isaanii maal maal nama gammachiisa!” jechuudhaan caqasee wajjin yommuu walsiman ni argina.—Isa. 52:7.

[Miiljalee]

^ key. 5 Yaanni kanaa wajjin wal fakkaatu macaafota geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffaman gara biraa keessattis ni argama.—Mar. 1:1; HoE. 5:42; 1 Qor. 9:12; Filp. 1:27.

Ni Yaadattaa?

• Macaafni Roomaa bifa wangeelaa kam balʼinaan ibsa?

• Namoonni dhugaa kam akka hubatan gargaaruu nu barbaachisa?

• ‘Wangeelli Kristos’ nuufis taʼe warra kaaniif eebba kan argamsiisu akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 8rra jiru]

Wangeelli macaafa Roomaa keessatti balʼinaan ibsame gaʼee guddaa Yesus kaayyoo Waaqayyoo keessatti qabu kan dabalatudha

[Fakkii fuula 9rra jiru]

Hundi keenya hirʼina guddaa duʼatti geessu, jechuunis cubbuu wajjin dhalanne!