Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Macaafota Addumaanimmoo Maraa Caaffatoota Gogaa Duugamaa Anaaf Fidi’

‘Macaafota Addumaanimmoo Maraa Caaffatoota Gogaa Duugamaa Anaaf Fidi’

‘Macaafota Addumaanimmoo Maraa Caaffatoota Gogaa Duugamaa Anaaf Fidi’

PHAAWULOS yaada olitti ibsame dubbachuudhaan, misiyooniin hidhatasaa taʼe Ximotewos barreeffamoota tokko tokko akka isaaf fidu cimsee gaafateera. Phaawulos waaʼee macaafotaafi maraa caaffatoota gogaa duugamaa kamii dubbachaa ture? Kana akka jedhu kan isa kakaase maalidha? Gaaffii kana dhiheessuusaarraa maal barachuu dandeenya?

Phaawulos walakkaa jaarraa jalqabaatti yaada kana yeroo barreessu, Caaffanni Qulqullaaʼoon afaan Ibrootaa 39an kitaabota 22 ykn 24⁠tti qoqqoodamanii kan turan siʼa taʼu, garri caalaansaanii kopha kophaatti kan maraman fakkaata. Piroofeesar Aalan Miilardi, macaafonni kun yeroo sana gatiinsaanii miʼaa taʼus ‘namoonni hamma tokko sooreyyii taʼan bituu kan hin dandeenye akka hin turre’ ibsaniiru. Namoonni tokko tokko yoo xinnaate macaafota sana keessaa tokko ni qabaatu. Fakkeenyaaf, namichi xuʼaashiin Itoophiyaa konkolaataasaa isa fardaan harkifamurratti “macaafa raajicha Isaayaas” maramu qabatee “dubbisaa” ture. Namichi “qabeenya ‘Kandaakee’ mootittii warra Itoophiyaa hundumaa irratti abboomaa ture.” Namichi kun, kutaawwan Caaffata Qulqullaaʼoo argachuu waan dandaʼeef, sooressa akka ture hin shakkisiisu.—HoE. 8:27, 28.

Phaawulos Ximotewosiin, “Yommuu dhuftu waaroo ani Kaarphos biratti Xroʼaasitti dhiise, macaafotas addumaan immoo maraa caaffatoota gogaa duugamaa anaaf fidi” jedheeraan. (2 Xim. 4:13) Kun, Phaawulos kitaabota hedduu akka qabu argisiisa. Kitaabota qabu hundumaa keessaa, isaaf bakka guddaa kan qabu Dubbii Waaqayyoo ture. Yaada caqasa kanarratti “caaffatoota gogaa duugamaa” jedhu ilaalchisee, hayyuu Macaafa Qulqulluu kan taʼan Arkiibaaldi Toomaas Roobartisan, “Keessumaa kun kitaabota Kakuu Moofaa taʼaniifi caaffatoota gogaa duugamaa gatiinsaanii paappiirasii caalaa miʼaa taʼe taʼuu hin oolan” jedhaniiru. Phaawulos ijoollummaasaatii kaasee Gamaaliʼel isa Seera Musee barsiisaa tureefi namoota biratti ulfina qabu ‘biratti barateera.’ Kanaafuu, maraa Dubbii Waaqayyoo dhuunfaatti qabaachuunsaa nama hin dinqisiisu.—HoE. 5:34; 22:3.

Kiristiyaanonni Macaafota Maramanitti Kan Fayyadaman Akkamitti?

Taʼuyyuu, namoonni baayʼeen maraawwan Caaffata Qulqullaaʼoo hin qaban turan. Yoosuu, Kiristiyaanonni yeroo sana turan hedduun Dubbii Waaqayyoo kan dhagaʼan akkamittiree? Ergaa jalqabaa Phaawulos Ximotewosiif barreesserraa deebiisaa argachuu dandeenya. “Hamma ani dhufutti immoo, caaffata qulqullaaʼaa namootaaf dubbisuutti . . . of kenni!” jechuudhaan barreesseera. (1Xim. 4:13) Namootaaf dubbisuun, sagantaa walgaʼii gumii Kiristiyaanaa keessaa kutaa tokko siʼa taʼu, bara Museetii kaasee saba Waaqayyoo gidduutti itti hojjetamaa ture.—HoE. 13:15; 15:21; 2 Qor. 3:15.

Ximotewos jaarsa waan tureef, sagalee ol fuudhanii dubbisuu isa namoota Caaffata Qulqullaaʼoo hin qabne fayyaduuf ‘of kennuu’ qaba ture. Yeroo Dubbiin Waaqayyoo dubbifamu, jechi tokkollee akka isaan jala hin darbineef xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachaa akka turan, akkasumas warriifi ijoolleen wanta walgaʼiirratti dubbifame sana manasaaniitti akka irratti mariʼatan homaa hin shakkisiisu.

Maraan macaafa Isaayaas inni Galaana Duʼaatti argame, gara meetira 7.3 dheerata ture. Maraan tokko bitaafi mirgaan uleetti waan hidhamuufi yeroo baayʼee wanta ittiin uwwifamu waan qabuuf ni ulfaata. Tarii Kiristiyaanonni garri caalaan yeroo tajaajilaaf deeman baayʼeesaa baatanii deemuu hin dandaʼan ture taʼa. Phaawulos dhuunfaatti itti fayyadamuuf maraa Caaffata Qulqullaaʼoo kan qabu taʼus, yeroo asiifi achi deemu hundasaanii qabachuu hin dandeenye taʼa. Isaan keessaa tokko tokko michuusaa Kaarphos biratti Xiroʼaasitti akka dhiise hubachuu dandeenya.

Fakkeenya Phaawulosirraa Maal Barachuu Dandeenya?

Phaawulos gaaffii kana gaafachuusaa dura yeroo lammaffaatiif Roomaatti hidhamee utuu jiruu, “Walʼaansoo isa gaarii sanas dhaabadhee qabeera; dorgomee koos raawwadheera, . . . Kanaa achis gonfoon qajeelummaa anaaf kaaʼamee jira” jechuudhaan barreessee ture. (2 Xim. 4:7, 8) Kana kan barreesse, Dh.K.B. naannoo bara 65, yeroo Neeroon ariʼatama geessisaa turetti taʼuu hin oolu. Yeroo kanatti hidhaa cimaa hidhamee ture. Phaawulos ajjeefamuunsaa akka hin oolle isatti dhagaʼameera. (2 Xim. 1:16; 4:6) Caaffatootasaa of harkaa qabaachuuf baayʼee kan hawwe maaliif akka taʼe beekamaadha. Walʼaansoo isa gaarii hamma dhumaatti qabuusaa kan beeku taʼus, Dubbii Waaqayyoo qayyabachuudhaan of jabeessuusaa itti fufuuf hawwii qaba ture.

Yeroo Phaawulos gaaffii kana isaa dhiheessu, Ximotewos Efesoon kan ture fakkaata. (1 Xim. 1:3) Efesoonii kaasee Xiroʼaasirraan Roomaa gaʼuuf, fageenyisaa tilmaamaan kiilomeetira 1,600 taʼa. Ergaa sanarratti Phaawulos Ximotewosiin, “Utuu ganni hin lixin dhufuudhaaf dhamaʼi!” jedheera. (2 Xim. 4:21) Ximotewos yeroo Phaawulos barbaadetti Roomaa gaʼuuf markaba argachuufi dhiisuusaa Macaafni Qulqulluun hin dubbatu.

Phaawulos “macaafotas addumaan immoo maraa caaffatoota gogaa duugamaa” sana argachuuf gaafachuusaarraa maal baranna? Yeroo baayʼee dhiphatee ture kanatti, Dubbii Waaqayyootiif dharraa qabaachuusaa itti fufeera. Karaa hafuuraa yeroo hundumaa dammaqaa kan taʼeefi namoota baayʼeedhaaf madda jajjabinaa taʼuu kan dandaʼe kanaaf sitti hin fakkaatuu?

Yeroo harʼaa, guutummaa Macaafa Qulqulluu dhuunfaatti qabaachuun keenya eebba guddaadha! Nu keessaa tokko tokko, Macaafa Qulqulluu hedduufi hiikawwan addaddaa qabna. Akkuma Phaawulos, Caaffata Qulqullaaʼoo gadi fageenyaan hubachuuf hawwii qabaachuu qabna. Ergaawwan 14an Phaawulos hafuuraan geggeeffamee barreessuuf mirga argate keessaa, ergaa lammaffaan Ximotewosiif barreesse isa dhumaati. Gaaffiin dhuunfaatti gaafate gara dhuma macaafichaarratti argama. Yaanni Phaawulos Ximotewos “macaafotas addumaan immoo maraa caaffatoota gogaa duugamaa” akka isaa fidu gaafate, hawwiisaa isa dhumaa galmeeffamedha.

Akkuma Phaawulos godhe walʼaansoo amantii isa gaarii hamma dhumaatti qabachuuf hawwii guddaa qabdaa? Karaa hafuuraa dammaqaa taatee itti fufuufi hamma Gooftaan akka itti fufunu barbaadutti hojii lallabaarratti hirmaachuuf qophaaʼaa taatee itti fufuu ni barbaaddaa? Taanaan, akkuma Phaawulos Kiristiyaanonni akka godhan jajjabeesse maaliif hin gootu? Macaafa Qulqulluu isa macaafota maraman caalaa namoonni baayʼeen argachuu dandaʼaniifi qabachuuf mijaaʼaa taʼe karaa itti fufiinsa qabuufi hawwiidhaan qayyabachuudhaan, “Ofii kee, barsiisa kees eeggadhu.”—1 Xim. 4:16.

[Kaartaa/​Fakkiiwwan fuula 18, 19rra jiru]

(Odeeffannoo guutuu argachuuf, barruu kana ilaali)

Efesoon

Xiroʼaas

Roomaa