Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Karra Hoolotaa Waaqayyo Tikaaf Isinitti Kenne Eegaa’

‘Karra Hoolotaa Waaqayyo Tikaaf Isinitti Kenne Eegaa’

‘Karra Hoolotaa Waaqayyo Tikaaf Isinitti Kenne Eegaa’

“Karra hoolotaa isa Waaqayyo tikaaf isinitti kenne sana, giddiidhaan utuu hin taʼin, jaalalaan, . . . egaa!”—1 PHE. 5:2.

1. Phexros ergaasaa isa duraa yommuu barreesse, haalli akkamii Kiristiyaanota mudatee ture?

PHEXROS ergaasaa isa duraa kan barreesse, Neeroon Kiristiyaanota Roomaarratti ariʼatama kaasuusaa yeroo muraasa duradha. Ergaasaa kan barreesse, obboloota hidhatasaa taʼan jajjabeessuu barbaadee ture. Yeroo sanatti Seexanni, Kiristiyaanota liqimsuu barbaadee ‘naannaʼaa’ ture. Kiristiyaanonni kun diina kana moʼuuf, ‘of qabuufi’ ‘harka Waaqayyoo isa aango qabeessa jalatti gad of deebisuun’ isaan barbaachiseera. (1 Phe. 5:6, 8) Tokkummaasaanii eeguunis isaan barbaachisa ture. ‘Wal ciniinuufi wal nyaachuun, akka wal fixan’ gochuu waan dandaʼuuf amala akkasiirraa fagaachuu qabu turan.—Gal. 5:15.

2, 3. Walʼaansoo gochuu kan qabnu eenyuu wajjini? Matadureewwan walitti aanan kanarratti waaʼee maalii qorra?

2 Nuyis yeroo harʼaa haala akkasii keessa jiraanna. Seexanni nu liqimsuuf carraa barbaada. (Mul. 12:12) Dhiheenyatti, “rakkinni guddaan . . . jalqaba biyya lafaatii jalqabee hamma ammaatti hin taane” gaʼuuf jira. (Mat. 24:21) Akkuma Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa, nuyis wal morkiin nu gidduutti akka hin uumamne of eeggachuu qabna. Kana gochuuf, yeroo tokko tokko jaarsolii gaʼumsa qabanirraa gargaarsa argachuun nu barbaachisa.

3 Jaarsoliin, mirga ‘karra hoolotaa isa Waaqayyo tikaaf isaanitti kenne eeguuf’ argataniif dinqisiifannaa qaban guddifachuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe haa ilaallu. (1 Phe. 5:2) Akkasumas, karaa sirrii hojiin tiksuu itti geggeeffamu qorra. Mataduree itti aanurrattimmoo miseensonni gumii, ‘warra isaan gidduutti hojiitti dadhabaniifi isaan geggeessan ulfinaan ilaaluu’ kan dandaʼan akkamitti akka taʼe qorra. (1 Tas. 5:12) Dhimmawwan kana qoruun keenya, Diinni keenya guddaan inni wajjin walʼaansoo goonu eenyu akka taʼe beekuudhaan cimsinee akka isa morminu nu gargaara.—Efe. 6:12.

Karra Hoolotaa Waaqayyoo Eegaa

4, 5. Jaarsoliin karra hoolotaa akkamitti ilaaluu qabu? Fakkeenyaan ibsi.

4 Phexros, maanguddoonni [jaarsoliin] Kiristiyaanaa jaarraa jalqabaa karra hoolotaa tikasaanii jala jiraniif ilaalcha Waaqayyoo akka qabaatan isaan gorseera. (1 Phexros 5:1, 2 dubbisi.) Phexros gumii keessatti akka utubaatti kan ilaalamu taʼus, jaarsolii kaan akka caalu yaaduudhaan isaan hin tuffanne. Kanaa mannaa, akka hidhata ofiitti ilaaluudhaan isaan gorseera. (Gal. 2:9) Yeroo harʼaas Qaamni Olaanaan, ilaalcha akka Phexros qabaachuudhaan, jaarsoliin itti gaafatamummaa guddaa karra hoolotaa Waaqayyoo eeguuf qaban raawwachuuf akka carraaqan isaan gorsa.

5 Phexros, jaarsoliin ‘karra hoolotaa Waaqayyo tikaaf isaanitti kenne akka eegan’ barreesseera. Karri hoolotaa kan Yihowaafi kan Yesus Kiristos akka taʼe beekuunsaanii baayʼee barbaachisaa ture. Akkaataan jaarsoliin hoolota Waaqayyoo itti qaban isaan gaafachiisa. Michuun keessan tokko ijoolleesaa akka isaaf eegdan isinitti kennatee bakka tokko deeme haa jennu. Ijoollee kana akka gaariitti hin kunuunsitanii? Akkasumas hin soortanii? Isaan keessaa tokko yoo dhukkubsate, yaalii fayyaa isa barbaachisu kamiyyuu akka argatu hin gootanii? Jaarsoliinis, ‘waldaa kristiyaanaa isa Waaqayyo dhiiga tokkicha ilmasaatiin kansaa godhate in eegu.’ (HoE. 20:28) Tokkoon tokkoon hoolotaa dhiiga Kiristos Yesus isa gati jabeessaan kan bitame taʼuusaa yaadachuu qabu. Jaarsoliin kan itti gaafataman taʼuunsaanii, karra hoolotaa sooruu, eeguufi kunuunsuuf isaan kakaasa.

6. Tiksitoonni bara durii itti gaafatamummaa akkamii qabu turan?

6 Itti gaafatamummaa tiksitoonni bara durii raawwachuu qaban yaadaa. Hoolotasaanii eeguuf, hoʼa guyyaafi qorra halkanii dandaʼuu qabu turan. (Uma. 31:40) Hoolotasaaniitiif lubbuusaaniillee balaadhaaf saaxilu turan. Daawiti inni xinnummaasaatti tiksee ture hoolotasaa, leencaafi amaaketa dabalatee bineensota harkaa buusaa ture. Daawit bineensota kana ilaalchisee, “Liqimsituu isaa qabee rukutee nan ajjeesan ture” jedheera. (1 Sam. 17:34, 35) Kun gootummaa guddaadha! Bineensichaan nyaatamuuf xinnumti isa hafee kan ture taʼullee, hoolotasaa oolchuurraa duubatti hin jenne.

7. Jaarsoliin hoolota mangaagaa Seexanaa keessaa butanii oolchuu kan dandaʼan akkamitti?

7 Yeroo harʼaa jaarsoliin, miidhaa akka leencaa Seexanni geessisurraa karra hoolotaa eeguuf dammaqoo taʼuun isaan barbaachisa. Hoolota mangaagaa Seexanaa keessaa butanii oolchuun ija jabina gaafachuu dandaʼa. Jaarsoliin, liqimsituu bineensichaa qabanii hoolota oolchuu dandaʼu jechuudha. Obboloota dammaqoo utuu hin taʼin hafuudhaan kiyyoowwan Seexanaatiin qoramaa jiranii wajjin mariʼachuu dandaʼu. (Yihudaa 22, 23 dubbisi.) Jaarsoliin hojii kana gargaarsa Yihowaatiin ala raawwachuu akka hin dandeenye beekamaadha. Hoolaa miidhame tokko Dubbii Waaqayyoo isa dibata gaariitti fakkeeffame dibuufi cabasaa walitti isaaf hidhuudhaan gara laafina itti argisiisu.

8. Jaarsoliin karra hoolotaa garamitti geessu? Kana kan godhanoo akkamitti?

8 Tikseen tokko, bakka margi lalisaaniifi bishaan jirutti hoolotasaa geessa. Jaarsoliinis, hoolonni akka gaariitti soorachuufi nyaata hafuuraa ‘yeroodhaan isaaniif’ dhihaatu argachuuf, yeroo hunda walgaʼiirratti akka argaman isaan jajjabeessuudhaan gara gumiitti isaan geessu. (Mat. 24:45) Obboloota karaa hafuuraa dhukkubsatan Dubbii Waaqayyoo akka sooratan gargaaruuf yeroo dheeraa dabarsuun isaan barbaachisuu dandaʼa. Hoolaan bade tokko gara karra hoolotaatti deebiʼuuf yaalaa jira taʼa. Obboleessa haala akkasii keessa jiru sossodaachisuu mannaa, gara laafinaan seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu isaaf ibsu; akkasumas karaa itti seerawwan buʼuuraa kana hojiirra oolchuu dandaʼu itti argisiisu.

9, 10. Jaarsoliin nama karaa hafuuraa dhukkubsate tokko gargaaruu kan qaban akkamitti?

9 Yommuu dhukkubsattan ogeessa fayyaa akkamii bira dhaquu barbaaddu? Ogeessa fayyaa, dhukkubsataa garabiraa waamuuf jarjaruudhaan daqiiqaa muraasa isin dhaggeeffatee qoricha isinii ajajudhaa? Moo ogeessa fayyaa isin dhaggeeffatee isin gorsu, akkasumas dhukkuba keessaniifi furmaatasaa isinii ibsu bira dhaquu barbaaddu?

10 Jaarsoliinis, nama karaa hafuuraa dhukkubsate ni dhaggeeffatu, akkasumas “maqaa gooftaatiin dibata dibanii” madaansaa akka fayyu gargaaru. (Yaaqoob 5:14, 15 dubbisi.) Akkuma dibata Giilʼaad, Dubbiin Waaqayyoo nama karaa hafuuraa dhukkubsate tokko fayyisuu dandaʼa. (Er. 8:22; His. 34:16) Hojiirra oolfamnaan, seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu namni karaa hafuuraa dhukkubsate tokko deebiʼee akka jabaatu isa gargaaruu dandaʼu. Eeyyee, jaarsoliin wanta nama karaa hafuuraa dhukkubsate tokko yaaddessu erga dhagaʼanii booda isaa wajjin kadhachuudhaan isa gargaaruu dandaʼu.

Giddiidhaan Utuu Hin Taʼin, Jaalalaan

11. Jaarsoliin karra hoolotaa Waaqayyoo fedhiidhaan tiksuuf wanti isaan kakaasu maalidha?

11 Phexros itti aansuudhaan, jaarsoliin hojii tiksaa akkamitti raawwachuu akka qabaniifi akka hin qabne gorsa kenneera. Karra hoolotaa Waaqayyoo ‘giddiidhaan utuu hin taʼin, jaalalaan’ eeguu qabu. Jaarsoliin jaalalaan obbolootasaanii akka tajaajilan wanti isaan godhu maalidha? Phexros, hoolota Yesus tiksuufi isaan sooruuf kan isa kakaase maal ture? Wanti guddaan isa kakaase jaalala inni Gooftaadhaaf qabudha. (Yoh. 21:15-17) Jaarsoliin jaalala waan qabaniif, ‘isa isaaniif jedhee duʼee, duʼaa kaafameef malee, ofiisaaniitiif hin jiraatan.’ (2 Qor. 5:14, 15) Jaalalli isaan Waaqayyoofi obbolootasaaniitiif qaban kun, humna, qabeenyaafi yeroosaanii aarsaa gochuudhaan karra hoolotaa tajaajiluuf isaan kakaasa. (Mat. 22:37-39) Jaarsoliin garaa duuba utuu hin taʼin, fedhiidhaan hojii kana raawwatu.

12. Phaawulos ergamaan hanga maaliitti of kennee ture?

12 Jaarsoliin of kennuudhaan tajaajiluu kan qaban hanga maaliitti? Hoolota kunuunsuurratti, akkuma Phaawulos fakkeenya Yesus fudhate, isaanis fakkeenya Phaawulos hordofu. (1 Qor. 11:1) Phaawulosiifi namoonni hidhatasaa taʼan, obboloota Tasaloniiqeetiif jaalala guddaa waan qabaniif, ‘wangeela Waaqayyoo duwwaa utuu hin taʼin, lubbuusaaniillee isaaniin gaʼuun’ isaan gammachiisa ture. Kana kan raawwatan, “akka haadha ijoollee ishee ofitti qabduutti” gaarummaadhaan ture. (1 Tas. 2:7, 8) Phaawulos haati tokko akkamitti ijoolleeshee akka qabdu hubatee ture. Nyaata isaanii kennuuf halkan kaʼuu dabalatee, ijoolleesheetiif waan hunda gooti.

13. Wanti Jaarsoliin wal madaalchisuu qaban maalidha?

13 Jaarsoliin itti gaafatamummaa karra hoolotaafi maatiisaanii kunuunsuuf isaanirra jiru haala wal madaaluun raawwachuuf of eeggannoo gochuu qabu. (1 Xim. 5:8) Yeroon isaan haala gumii wajjin wal qabateen dabarsan, yeroo bakka guddaa qabuufi maatiisaanii wajjin dabarsuu qaban ture. Karaan itti gaafatamummaa kana lamaan haala wal madaaluun raawwachuun itti dandaʼamu inni tokko, darbee darbee warra kaan Waaqeffannaa Maatiisaaniirratti afeeruudha. Obboleessi biyya Jaappaan jiraatuufi Maasaanaʼoo jedhamu, obboloota qeentee taʼaniifi maatiiwwan karaa hafuuraa abbaa hin qabne waggoota hedduudhaaf qayyabannaa maatiisaarratti afeeraa ture. Yeroo booda, namoonni inni gargaare tokko tokko jaarsolii kan taʼan yommuu taʼu, isaanis fakkeenya Maasaanaʼoon hordofaniiru.

Buʼaa Irraa Argachuuf Utuu Hin Taʼin Of Kennuudhaan Eegaa

14, 15. Jaarsoliin ‘buʼaa nama yeellaasisu argachuurraa’ fagaachuu kan qaban maaliifi? Gama kanaan fakkeenya Phaawulos hordofuu kan dandaʼan akkamitti?

14 Phexros, jaarsoliin “buʼaa nama yeellaasisu irraa argachuuf utuu hin taʼin, of kennuudhaan” karra hoolotaa akka tiksanis isaan jajjabeesseera. Hojiin jaarsoliin raawwatan yeroo dheeraa kan gaafatu taʼus, wanta godhan kanaaf deggersa maallaqaa akkamiiyyuu argachuuf hin yaadan. Phexros, jaarsoliin hidhatasaa turan “buʼaa nama yeellaasisu irraa argachuuf” jecha hoolota tajaajiluun balaa akka qabu isaan akeekkachiisuun barbaachisaa taʼuusaa hubatee ture. Haalli akkasii, namoonni hedduun hiyyummaadhaan utuu jiraatanii, jireenya qananii geggeessitoonni amantii “Baabilon Guddittii” jiraatanirratti kan mulʼatudha. (Mul. 18:2, 3) Yeroo harʼaa jaarsoliin amala gara akkasiitti geessu kamirraayyuu of eeggachuuf sababa gaʼaa qabu.

15 Phaawulos, jaarsolii gumiitiif fakkeenya gaarii taʼa. Ergamaa Yesus kan tureefi Kiristiyaanota Tasaloniiqeetti “baʼaa” taʼuu kan dandaʼu taʼuyyuu, “utuu gatii hin baasiniif nama tokko irraa buddeena illee hin nyaanne.” Kanaa mannaa ‘halkaniifi guyyaa hojiitti dadhabee’ hojjeta ture. (2 Tas. 3:8) Daawwattoota olaanaa dabalatee, jaarsoliin yeroo harʼaa jiran hedduunis gama kanaan fakkeenya gaarii taʼu. Obboloonni kun keessummummaa namoonni hidhatasaanii taʼan isaanii godhan kan fudhatan taʼus, eenyurrattiyyuu “baʼaa” hin taʼan.—1 Tas. 2:9.

16. “Of kennuudhaan” karra hoolotaa eeguu jechuun maal jechuudha?

16 Jaarsoliin “of kennuudhaan” karra hoolotaa eegu. Of kennuusaanii, hoolota gargaaruuf fedha ofii aarsaa gochuusaaniirraa hubachuun ni dandaʼama. Haataʼu malee, akkas jechuun jaarsoliin Kiristiyaanonni Yihowaa akka tajaajilan dirqisiisu jechuu miti; akkasumas jaarsoliin jaalala qabeessa taʼan obboloonni hafuura wal morkiitiin Waaqayyoon akka tajaajilan hin jajjabeessan. (Gal. 5:26) Hoolonni hundi addadda akka taʼan ni beeku. Obboloonnisaanii gammachuudhaan Yihowaa akka tajaajilan isaan gargaaruufis fedhii guddaa qabu.

Fakkeenya Taʼu malee, Gooftummaa Isaanirratti Hin Argisiisan

17, 18. (a) Ergamoonni Yesus, yeroo tokko tokko barumsa inni gad of deebisuu ilaalchisee kenne hubachuun kan isaan rakkise maaliifi? (b) Nutoo haala wal fakkaatu akkamii keessa jiraachuu dandeenya?

17 Akkuma armaan olitti ilaalle, jaarsoliin hoolonni tikasaanii jala jiran kan Waaqayyoo malee kansaanii akka hin taane yaadachuu qabu. ‘Warra tikasaanii jala jiranirratti gooftummaa akka hin argisiisne’ of eeggatu. (1 Phexros 5:3 dubbisi.) Yeroo tokko tokko ergamoonni Yesus, ilaalcha dogoggoraa qabaachuudhaan mirga argachuuf yaalu turan. Akkuma namoota biyya lafaa bulchanii, iddoo guddaa argachuu barbaadanii turan.—Maarqos 10:42-45 dubbisi.

18 Yeroo harʼaa, obboloonni ‘ilaaltuu hojii waldaa Kristiyaanaa taʼuu fedhan,’ mirga kana argachuu kan barbaadan maaliif akka taʼe of gamaaggamuun isaan barbaachisa. (1 Xim. 3:1) Namoonni amma jaarsolii taʼan, akkuma ergamoota Yesus tokko tokkoo aboo ykn beekamummaa argachuuf fedhii qabaachuufi dhiisuusaanii haqaan of gaafachuu barbaadu taʼa. Ergamoonni Yesus gama kanaan rakkina kan qaban erga taʼee, jaarsoliin warra kaanirratti aboo qabaachuudhaan gammaduu, isa amala biyya lafaa taʼerraa fagaachuuf jabaatanii hojjechuu qabu.

19. Jaarsoliin yommuu karra hoolotaa eeguuf jecha tarkaanfii fudhatan maal yaadachuu qabu?

19 Dhugaadha, jaarsoliin yeroo tokko tokko fakkeenyaaf yeroo ‘yeeyyii sodaachisoorraa’ hoolota eeganitti ija jabina qabaachuun isaan barbaachisa. (HoE. 20:28-30) Phaawulos, Tiitoos ‘yeroo gorsa kennuufi yeroo balleessaa namatti mulʼisu yaada muramaa’ akka qabaatu isatti himeera. (Tit. 2:15) Haataʼu malee, jaarsoliin yeroo tarkaanfii akkasii fudhachuu qabanittillee, namoota sanatti kabaja argisiisuuf yaalu. Garaa namaa tuquufi nama tokko karaa sirrii taʼerra buusuuf yeroo baayʼee buʼa qabeessa kan taʼe, nama sana ceephaʼuu utuu hin taʼin gaarummaadhaan amansiisuu akka taʼe beeku.

20. Jaarsoliin, fakkeenya gaarii taʼuudhaan Yesusiin hordofuu kan dandaʼan akkamitti?

20 Fakkeenyi gaariin Yesus kaaʼe, jaarsoliin karra hoolotaa akka jaallatan isaan kakaasa. (Yoh. 13:12-15) Yesus, ergamoonnisaa hojii lallabaafi bartoota gochuu haala akkamiitiin raawwachuu akka qaban akkamitti akka isaan barsiise yommuu dubbisnu gammachuudhaan guutamna. Gad of deebisuudhaan fakkeenya taʼuunsaa, garaa bartootasaa kan tuqe taʼuusaarrayyuu, isaanis ‘gad of deebisuudhaan warra kaan ofirra caalchisanii akka lakkaaʼaan’ isaan kakaaseera. (Filp. 2:3) Jaarsoliin yeroo harʼaa jiranis fakkeenya Yesus hordofuudhaan, “hoolota karra sanaaf fakkeenya” taʼuu barbaadu.

21. Jaarsoliin gara fuulduraatti eebba akkamii argatu?

21 Phexros eebba jaarsoliin gara fuulduraatti argatan caqasuudhaan gorsa isaaniif kenne xumureera. (1 Phexros 5:4 dubbisi.) Dibamtoonni ilaaltota olaanaa taʼan, samiirratti Yesusii wajjin ‘gonfoo ulfinaa isa gad deebiʼaa hin adeemne argatu.’ Tiksoonni kutaa “hoolota kan biraa” taʼanimmoo, “angafa tiksootaa” jala taʼuudhaan, karra hoolotaa lafarra jiraniifi Waaqayyo tikaaf isaanitti kenne eeguuf mirga argatu. (Yoh. 10:16) Matadureen itti aanu, karaa miseensonni gumii obboloota isaan geggeessuuf muudaman deggeruu itti dandaʼan ibsa.

Irra Deebii

• Phexros, jaarsoliin hidhatasaa taʼan karra hoolotaa Waaqayyo tikaaf isaanitti kenne akka eegan isaan gorsuunsaa sirrii kan ture maaliifi?

• Jaarsoliin, warra karaa hafuuraa dhukkubsatan gargaaruu kan qaban akkamitti?

• Jaarsoliin, karra hoolotaa Waaqayyo tikaaf isaanitti kenne akka eegan kan isaan kakaasu maalidha?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 21rra jiru]

Akkuma tiksitoota bara durii, jaarsoliin yeroo harʼaa “hoolota” tikasaanii jala jiran eeguu qabu