Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Milkaaʼina Argachuu Kan Dandeessu Akkamitti?

Milkaaʼina Argachuu Kan Dandeessu Akkamitti?

Milkaaʼina Argachuu Kan Dandeessu Akkamitti?

JECHI “milkaaʼina” jedhu xiyyeeffannaa namaa kan harkisudha! Namoonni tokko tokko sadarkaa olaanaarra gaʼuufi sooreyyii beekamoo taʼuudhaan milkaaʼina guddaa argataniiru. Kaanimmoo milkaaʼina argachuuf hawwanii kan turan taʼus, utuu hin argatin hafaniiru.

Milkaaʼina argachuun adda durummaadhaan kan hundaaʼe, wanta jireenyakee keessatti xiyyeeffannaa guddaa kennituufirrattidha. Wanti irratti hundaaʼe kaanimmoo, akkaataa yeroofi humnakeetti itti fayyadamtu, akkasumas carraaqqii galmakeerra gaʼuuf gootudha.

Kiristiyaanonni hedduun guutummaatti tajaajilarratti hirmaachuun gammachuu guddaa akka isaaniif argamsiisu hubataniiru. Dargaggoonnis taʼan maanguddoonni, tajaajila yeroo guutuu akka hojiisaaniitti ilaaluusaaniitiin milkaaʼina argachuu dandaʼaniiru. Haataʼu malee, obboloonni tokko tokko tajaajilli hojii nuffisiisaa akka taʼe yaaduudhaan galma kan biraa waan hordofaniif, sadarkaa lammaffaa kennuuf. Kun maaliif taʼuu dandaʼa? Wanti dhugumaan bakka guddaa qabu maal akka taʼe akka hin daganne maal gochuu dandeessa? Milkaaʼina argachuu kan dandeessu akkamitti?—Iya. 1:8.

Sochiiwwaniifi Wantoota Yeroo Boqonnaatti Hojjetaman

Dargaggoonni Kiristiyaana taʼan Yihowaa tajaajiluufi sochiiwwan gara biraarratti hirmaachuuf ilaalcha sirrii qabaachuun isaan barbaachisa. Dargaggoonni akkas godhan milkaaʼina argachuuf waan jiraniif galateeffamuu qabu.

Haataʼu malee dargaggoonni Kiristiyaana taʼan tokko tokko, sochiiwwaniifi wantoota yeroo boqonnaatti hojjechuu jaallatanirratti yeroo baayʼee dabarsu. Sochiiwwan kun gadhee taʼuu dhiisuu dandaʼu. Haataʼu malee, dargaggoonni akkas jedhanii of gaafachuu qabu: ‘Sochiiwwan kun yerookoo hammam na jalaa fudhatu? Namoota akkamii wajjinan sochiiwwan kanarratti hirmaadha? Namoota akkasii wajjin taʼuunkoo amala akkamiitiif na saaxila? Jireenyakoo keessatti wanta akkamiirratti akkan xiyyeeffadhu na godha?’ Namni tokko walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjin qabu jabeeffachuuf yeroo ykn humna hamma dhabutti, sochiiwwan akkasiitti garmalee qabamuu akka dandaʼu hubachuun keessan hin oolu. Kanaafuu, wanta dursa kenninuuf murteessuun barbaachisaa akka taʼe beekamaadha.—Efe. 5:15-17.

Mee haala Viiktor ilaali. * Akkas jedha: “Umriinkoo waggaa 12 yommuu ture, garee kubbaa saaphanaa tokko keessan gale. Yeroo booda, badhaasa hedduu kanan argadhe yommuu taʼu, taphataa beekamaa taʼuufis carraa argadheen ture.” Yeroo booda, Viiktor ispoortii jaallachuun karaa hafuuraa miidhaa akka isatti fide yommuu hubatu ni jeeqame. Gaaf tokko, Macaafa Qulqulluu dubbisuuf yaalaa utuu jiruu achumaan hirribni isa fudhate. Gammachuun tajaajilarraa argatus xinnoo akka taʼe hubate. Akkas jedha: “Ispoortiin humnakoo fixaa, hinaaffaan karaa hafuuraa qabus badaa akka jiru dafeen hubadhe. Wantan gochuu dandaʼu hunda gochaa akkan hin jirre beekan ture.”

Barumsa Sadarkaa Olaanaa?

Kiristiyaanni tokko maatiisaa kunuunsuuf itti gaafatamummaa Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼe kan qabu siʼa taʼu, kunimmoo wanta jireenyaaf isaan barbaachisu dhiheessuu dabalata. (1 Xim. 5:8) Haataʼu malee, kana gochuuf dirqama kolleejjii ykn yunivarsiitii galee barachuu qabaa?

Barumsa sadarkaa olaanaa hordofuun, walitti dhufeenya namni tokko Yihowaa wajjin qaburratti miidhaa akkamii akka geessisu yaaduun gaariidha. Mee fakkeenya Macaafa Qulqulluu tokkorratti hundaaʼuudhaan kana haa ilaallu.

Baaruk barreessaa Ermiyaas raajichaa ture. Yeroo tokko, mirga Yihowaa tajaajiluuf qaburratti xiyyeeffachuu mannaa, wanta guddaa hawwuu jalqabe. Yihowaan kana hubatee karaa Ermiyaas, “Wanta guddaa argachuu feetaa ree? Lakkii! Wanta guddaa akkasii hin fedhin!” jechuudhaan isa gorseera.—Er. 45:5.

‘Wanti guddaan’ Baaruk argachuu barbaade maalidha? Sirna Yihudootaa keessatti beekamummaa argachuuf qoramee taʼuu dandaʼa. Yookiin wanta guddaa kan jedhame qabeenya taʼuu dandaʼa. Sanas taʼe kana, Baaruk wanta bakki guddaan kennamuufii qabu, jechuunis wanta Yihowaatti maxxanee jiraachuuf isa gargaaruuf dursa kennuu dhiiseera. (Filp. 1:10) Haataʼu malee, Baaruk akeekkachiisa Yihowaan karaa Ermiyaas isaaf kenne dhagaʼee lubbuusaa oolfateera.—Er. 43:6.

Seenaa kanarraa maal baranna? Baarukiif gorsi kennamuunsaa dogoggora keessa galee akka ture argisiisa. Wanta guddaa argachuuf hawwee ture. Wanta ittiin of gargaartu kan qabdu yoo taʼe, waan fedhiikee taʼeef qofa ykn fedhii warrakeefi firootakee waan taʼeef qofa barumsa sadarkaa olaanaa barachuurratti yeroo, qarshiifi humnakee balleessuun dhugumaan barbaachisaadhaa?

Mee haala Gireegorshi isa ogeessa sagantaa kompiitaraa taʼee ilaali. Dhiibbaa namoonni isaa wajjin hojjetan isarraan gaʼaniin kan kaʼe, ogummaasaa kanarratti leenjii dabalataa argachuuf barachuu jalqabe. Utuun baayʼee hin turin, sochiiwwan hafuuraarratti hirmaachuuf yeroo dhabe. “Yeroo baayʼee fiixeerra akkan gaʼe natti dhagaʼama ture. Galma hafuuraan baafadherra gaʼuu waanan dadhabeef, yaanni garaakoo na jeeqe” jechuudhaan waan yaadatu dubbata.

Garmalee Hojiitti Qabamuu

Macaafni Qulqulluun, Kiristiyaanonni dhugaan, jabaatanii akka hojjetaniifi hojjetaa ykn hojjechiisaa itti gaafatamummaan itti dhagaʼamu akka taʼan gorsa. Phaawulos ergamaan, “Waanuma gootan hundumaa namaaf utuu hin taʼin akka waan gooftaadhaaf hojjettaniitti garaa guutuudhaan hojjedhaa!” jechuudhaan barreesseera. (Qol. 3:22, 23) Jabaatanii hojjechuun barbaachisaa taʼus, wanti hunda caalu, Uumaa keenyaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuudha. (Lal. 12:13) Kiristiyaanni tokko garmalee hojiitti kan qabamu yoo taʼe, utuu hin jaallatin sochiiwwan hafuuraatiif iddoo lammaffaa kennuu dandaʼa.

Kiristiyaanni tokko garmalee hojiitti qabamuunsaa, karaa hafuuraa madaalliisaa eeguufi maatiisaa gargaaruuf humna akka dhabu isa gochuu dandaʼa. Solomoon Mootichi, “Rakkinaan itti dadhabanii harka lama guutuu qabaachuu[n]” “qilleensa ariʼuu” akka taʼe hubateera. Kiristiyaanni tokko hojiitti garmalee kan qabamu yoo taʼe, dhumarratti dhiphina cimaa yeroo dheeraaf turu keessa galuu dandaʼa. Namni akkasii garmalee hamma dadhabutti hojii tokkoof garba taʼuu dandaʼa. Akkas taanaan dhugumaan, ‘wanta itti dadhabetti gammaduu’ dandaʼaa? (Lal. 3:12, 13; 4:4, 6) Hunda caalaammoo, namni kun itti gaafatamummaa maatiisaa keessatti qabu raawwachuufi sochiiwwan hafuuraarratti hirmaachuuf jabina qaamaafi miiraa ni qabaataa?

Yaanuush inni Baha Awurooppaa keessa jiraatu hojii biqiltuu kunuunsuutti garmalee qabame. Akkas jechuudhaan wanta yaadatu dubbata: “Hojiikoo mala uumeen raawwadha, akkasumas hojii naa kenname hunda nan hojjedha; kanaan kan kaʼes namoonni biyya lafaa baayʼee na dinqisiifatu. Taʼus, karaa hafuuraa kanan miidhame yommuu taʼu, tajaajilarratti hirmaachuus nan dhiise. Utuun baayʼee hin turin, walgaʼiirratti argamuu nan dhaabe. Of gurguddisuu kootiin kan kaʼe, gorsa jaarsoliin gumii naa kennan fudhachuun dide; gumiirraas nan fagaadhe.”

Milkaaʼina Argachuu Dandeessa

Sochiiwwan Kiristiyaanni tokko garmalee itti qabamuu dandaʼuufi karaa hafuuraa itti dadhabuu dandaʼu sadii ilaalleerra. Kanneen keessaa isa tokkoon qabamteettaa? Taanaan, gaaffiiwwan, caqasawwaniifi yaadawwan armaan gadii, dhugumaan milkaaʼina argachaa akka jirtuufi akka hin jirre beekuuf si gargaaruu dandaʼu.

Sochiiwwaniifi wantoota yeroo boqonnaatti hojjetaman: Sochiiwwan akkasiitiin hammam qabamteetta? Sochiiwwan kun yeroo ati kanaan dura sochiiwwan hafuuraarratti dabarsitu si jalaa fudhachaa jiruu? Yeroon namoota hidhata amantiikee taʼanii wajjin dabarsitu, akka kanaan duraa si gammachiisaa hin jiruu? Taanaan, Daawit Mooticha isa, “Karaa irra adeemuun anaaf taʼu ana beeksisi!” jechuudhaan Yihowaa kadhate hordofi.—Far. 143:8.

Daawwataan olaanaa aanaa tokko, Viiktor isa olitti caqasameef gargaarsa godhe. Daawwataan kun, “Tapha kubbaa saaphanaa isa hojiikee taʼeef, jaalala guddaa akka qabdu dubbatta” jedheen. Viiktor akkas jedha: “Jechisaa kun baayʼee na rifaasise. Baayʼee fagaadhee akkan turen hubadhe. Utuun baayʼee hin turin, michooman namoota biyya lafaa kilabicha keessa jiranii wajjin qabu dhaabuudhaan gumii keessaa michoota baafachuutti kaʼe.” Yeroo harʼaa, Viiktor gumiisaa keessatti hinaaffaadhaan Yihowaa tajaajilaa jira. Akkas jechuudhaan yaada kenna: “Sochiiwwan mana barumsaa, Yihowaatti isin dhiheessanii ykn isarraa isin fageessanii taʼuufi dhiisuusaa akka isinitti himan, michoota keessan, warra keessan ykn jaarsolii gumii gaafadhaa.”

Mirgawwan dabalataa argachuudhaan caalaatti Waaqayyoon tajaajiluu akka barbaaddu jaarsolii gumii keetti maaliif hin himtu? Maanguddoota gumiikee isaanii wajjin taʼuun ykn gargaarsi isaan barbaachisu, tarii gabaadhaa waa isaanii bituu ykn hojii mana keessaa isaanii hojjechuudhaan gargaaruu dandeessaa? Umrii kamirrattiyyuu yoo argamte, misraachoo lallabuu isa madda gammachuu siif taʼurratti hirmaachuudhaan tajaajila yeroo guutuu jalqabuu dandeessa taʼa.

Barumsa sadarkaa olaanaa: Yesus ‘ulfina mataa ofii barbaaduu’ ilaalchisee akeekkachiisa kenneera. (Yoh. 7:18) Barumsa sadarkaa olaanaa kamiyyuu hordofuu kan barbaaddu yoo taʼe, ‘isa taʼuufi isa hin taane gargar baastee qorteettaaʼ?—Filp. 1:9, 10.

Gireegorshi inni ogeessa sagantaa kompiitaraa taʼe jijjiirama tokko tokko godheera. Akkas jedha: “Gorsa jaarsoliin naa kennaniif xiyyeeffannaa kennuudhaan jireenyakoo salphaa godheera. Barumsa dabalataa barachuun akka na hin barbaachisne nan hubadhe. Kana hordofuun yeroofi humnakoo fixa malee waan na fayyadu hin qabu.” Gireegorshi sochiiwwan gumiirratti caalaatti hirmaachuu dandaʼeera. Yeroo booda, Mana Barumsaa Leenjii Tajaajiltootaa yeroo ammaa Mana Barumsaa Macaafa Qulqulluu Obboloota Qeentee Taʼaniif Qophaaʼe jedhamu galee barateera. Eeyyee, Waaqayyorraa barumsa dabalataa argachuuf ‘yericha biteera.ʼ—Efe. 5:16, hiika bara 1899.

Hojii: Sochiiwwan hafuuraatiif dursa hanga hin kenninetti garmalee hojiitti qabamteettaa? Maatiikee wajjin haasaʼuuf yeroo gaʼaa ni ramaddaa? Akkaataa kutaawwan gumiitti siif kennaman dhiheessiturratti fooyyaʼiinsa gochaa jirtaa? Haasaan warra kaanii wajjin gootu kan nama jajjabeessudhaa? “Waaqayyoon sodaadhu, abboommii isaas eegi!” Kana goonaan eebba Yihowaa argatta, ‘wanta hojjettettis in gammadda.ʼ—Lal. 2:24; 12:13.

Yaanuush inni olitti caqasame, hojii biqiltuu kunuunsuutiin milkaaʼina guddaa hin arganne; kanaa mannaa kisaaraatu isarra gaʼe. Waan ittiin jiraatu kan dhabeefi liqii guddaa keessa kan gale yommuu taʼu, gara Yihowaatti deebiʼeera. Yaanuush haalasaa kan sirreesse siʼa taʼu, yeroo ammaa qajeelchaafi jaarsa gumii taʼee tajaajilaa jira. “Wantoota jireenyaaf barbaachisan qabaachuu kootti waanan gammaduuf, humnakoo sochiiwwan hafuuraatiif oolchuu dandaʼeera; kunimmoo sammuunkoo akka tasgabbaaʼu, yaanni garaakoos akka ciisu na gargaareera” jedha.—Filp. 4:6, 7.

Yeroo ramaduudhaan, sababii waan tokko gochuuf si kakaaseefi wanta dursa kennituuf gamaaggami. Yihowaa tajaajiluun, jireenya guutuu milkaaʼina argamsiisa. Kanaafuu jireenyakee keessatti bakka guddaa kenniif.

‘Jaalala Waaqayyoo isa gaarii taʼe, isa duratti fudhatamaa taʼeefi akeekasaa fiixaan baasu hubachuuf,’ wantoota hin barbaachisnerraa fagaachuudhaan sirreeffama tokko tokko gochuu qabda taʼa. (Rom. 12:2) Taʼus, garaa guutuu Yihowaa tajaajiluudhaan milkaaʼina argachuu dandeessa.

[Miiljalee]

^ key. 8 Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

[Saanduqa/​Fakkii fuula 31rra jiru]

Milkaaʼina Argachuu Kan Dandeessu Akkamitti?

Wantoonni yaadakee hihhiran hedduun kan jiran taʼus, wanta dhugumaan bakki guddaan kennamuufirratti xiyyeeffachuu kan dandeessu akkamitti? Yeroo ramadiitii, gaaffiiwwan armaan gadiirratti xiyyeeffachuudhaan sababii waan tokko gochuuf si kakaaseefi wanta dursa kennituuf gamaaggami:

SOCHIIWWANIIFI WANTOOTA YEROO BOQONNAATTI HOJJETAMAN

▪ Sochiiwwan kanarratti yeroo hirmaattu, ilaalchawwan akkamiitiif saaxilamta?

▪ Sochiiwwan akkasiitiin hammam qabamteetta?

▪ Jireenyakee toʼachuu dandaʼuu?

▪ Yeroo kanaan dura sochiiwwan hafuuraarratti dabarsitu si jalaa fudhachaa jiruu?

▪ Namoota akkamii wajjin sochiiwwan kanarratti hirmaatta?

▪ Namoota kanaa wajjin taʼuun warra hidhata amantiikee taʼanii wajjin taʼuu caalaa si gammachiisaa?

BARUMSA SADARKAA OLAANAA

▪ Wanta ittiin of gargaartu kan qabdu yoo taʼe, barumsa sadarkaa olaanaa barachuurratti yeroo, qarshiifi humnakee balleessuun dhugumaan barbaachisaadhaa?

▪ Of gargaaruuf dirqama kolleejjii ykn yunivarsiitii galtee barachuu qabdaa?

▪ Kana gochuunkee, walgaʼiirraa akka haftu si godhaa?

▪ ‘Isa taʼuufi isa hin taane gargar baastee qorteettaa’?

▪ Yihowaan wanta jireenyaaf barbaachisu sii kennuuf dandeettii akka qabu amantaa qabdu jabeeffachuun si barbaachisaa laata?

HOJII

▪ Filannaan ati gootu ‘wanta itti dadhabetti gammaduuf’ si dandeessisaa?

▪ Itti gaafatamummaa maatiikee keessatti qabdu raawwachuufi sochiiwwan hafuuraarratti hirmaachuuf jabina qaamaafi miiraa qabdaa?

▪ Maatiikee wajjin haasaʼuuf yeroo gaʼaa ni ramaddaa?

▪ Sochiiwwan hafuuraatiif dursa hanga hin kenninetti garmalee hojiitti qabamteettaa?

▪ Hojiinkee kutaan gumiirratti dhiheessitu qulqullina akka hin qabaanne godheeraa?

[Fakkii fuula 30rra jiru]

Yihowaan Baaruk hawwiirraa akka fagaatu isa akeekkachiiseera