Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Jireenyi Kaayyoo Dhugaa Qabaa?

Jireenyi Kaayyoo Dhugaa Qabaa?

Jireenyi Kaayyoo Dhugaa Qabaa?

“DHUGUMA jireenyi kaayyoo qabaa?” Namoonni hedduun gaaffii akkasii ni gaafatu. Kan nama gaddisiisu garuu, ilaalchi namoonni jireenyaaf qaban maaliyyuu yoo taʼe, lammii Awustiraaliyaafi ogeessa fayyaa narvii kan taʼan Viktoor Firaankil akkuma jedhan, namoonni hedduun “jireenya waaʼee hin baafneefi duwwaa” taʼe akka jiraatan isaanitti dhagaʼama.

Akkas kan itti dhagaʼamu maaliifi? Sababiin tokkoffaan, namoonni addunyaa maratti argamaniifi miliyoonaan lakkaaʼaman haala amanuuf rakkisaa taʼeen gidiraa baayʼee nama gaddisiisu keessa waan jiraataniifidha. Hiyyummaan, dhukkubni, yakki suukanneessaaniifi hacuuccaan jireenyasaanii taʼeera. Dhugumayyuu, Iyoob inni bara duriitti jiraate akkuma dubbate, jireenyi ilmaan namootaa ‘rakkinnisaa baayʼeedha.’ (Iyoob 14:1) Namoonni lubbuudhaan jiraachuuf, guyyaa guyyaadhaan qabsoo guddaa gochuun isaan barbaachisa.

Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman kaan garuu, qabeenya hedduu qabu. Wantoota jireenya gammachuu qabu jiraachuuf isaan dandeessisan hunda waan argatan fakkaatu. Haataʼu malee, baayʼeensaanii jireenya gammachuu qabu jiraachuu hin dandeenye. Maaliif? Akkuma yeroo baayʼee arginu namoonni kun wanti ‘itti dadhabaniifi’ itti ‘rakkatanii’ argatan, rakkinni dinagdee ykn duuti ijoollee inni gadda guddaa geessisu yommuu isaan mudatu abdiifi hawwiin isaan qaban hundi abjuu qofa taʼee hafa.—Faarfannaa 90:10.

Wanti jireenya namoota hedduu “waaʼee kan hin baafneefi duwwaa” godhu garabiraanis jira. Wanti kun maalidha? Jireenyi baayʼee gabaabaa taʼuusaati. Namoonni hedduun, ilmaan namootaa warri wantoota gurguddaa akka hojjetan dandeettiin isaaniif kenname, jireenyisaanii garmalee gabaabaa taʼuunsaa isaaniif hin liqimfamu. Gidiraa nurra gaʼu hedduu jalaa miliquu dandeenyus, duʼa isa nu dura dhaabateefi wanta hunda nu dhabsiisu amananii fudhachuun garuu baayʼee isaanitti ulfaata.—Lallaba 3:19, 20.

Jireenyi Waaʼee Kan Hin Baafne Taʼee Itti Fufaa?

Mootii Israaʼel durii kan ture Solomoon, haala kana akka gaariitti ibseera. Namoonni barasaatti turanis, akkuma keenya kennaafi dandeettii qabanitti fayyadamanii yommuu biqiltuu dhaabaniifi kunuunsan, yommuu mana ijaaran, akkasumas yommuu maatiisaanii kunuunsan argeera. Yeroo kanatti Solomoon gaaffii, ‘Dadhabbiin kun hundi faayidaa maalii qaba?’ jedhu kan kaase fakkaata. Wanti namoonni hojjetan “hundinuu waaʼee hin baasu, akka qilleensa ariʼuu tis” jechuudhaan yaadasaa xumureera.—Lallaba 2:17.

Haataʼu malee, Solomoon Mootichi, wanti namoonni hojjetan hundi yeroo hunda “waaʼee hin baasu, akka qilleensa ariʼuu tis” jedhee amana turee? Hin turre. Kanaa mannaa, biyya lafaa hirʼina qabu kana keessatti jireenyi maal akka fakkaatu dhugaasaa dubbachuusaa ture. Dubbiin Waaqayyoo inni geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame wantoonni yeroo hunda haala kanaan akka itti hin fufne sii mirkaneessa!

Wanti kun dhugaa taʼuusaa akkamitti mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa? Deebiisaa argachuuf, matadureewwan ittaanaan lamaan dubbisi. Matadureewwan kun, jireenyi waaʼee kan hin baafne kan fakkaate maaliif akka taʼe, haalli kun akkamitti furmaata akka argatuufi yeroo harʼaattillee jireenyikee kaayyoo dhugaa kan qabu akka taʼu gochuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe hubachuuf si gargaaruu dandaʼu.