Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Jireenyi Kaayyoo Kan Hin Qabne Kan Fakkaatu Maaliifi?

Jireenyi Kaayyoo Kan Hin Qabne Kan Fakkaatu Maaliifi?

Jireenyi Kaayyoo Kan Hin Qabne Kan Fakkaatu Maaliifi?

AKKUMA Solomoon Mootichi dubbate, ‘jireenyi waaʼee kan hin baafne, gabaabaafi akka gaaddisaa kan darbu’ qofa akka hin taane amanuu kan qabdu maaliifi? (Lallaba 6:12) Macaafni Qulqulluun inni geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame, gara fuulduraatti jireenyi waaʼee kan baasu ykn kaayyoo kan qabu akka taʼu abdii kenna.—2 Ximotewos 3:16, 17.

Macaafni Qulqulluun kaayyoon jalqabaa Waaqayyo lafaaf qabu maal akka taʼe, akkasumas jalʼinni, hacuuccaaniifi dhiphinni kan babalʼate maaliif akka taʼe ibsa. Haataʼu malee, waaʼee wantoota kanaa beekuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Wanti namoonni jireenyi matumaa kaayyoo hin qabu jedhanii akka yaadan godhe inni guddaan, kaayyoon Waaqayyo lafaafis taʼe namoota isheerra jiraataniif qabu maal akka taʼe waan wallaalaniif ykn beekuu waan hin barbaanneefidha.

Kaayyoon Waaqayyo Lafaaf Qabu Maalidha?

Yihowaan * lafa kan uume jannata, jechuunis bakka jireenyaa ilmaan namootaatiif mijooftuu taateefi namoonni gammachuu guddaa argatanii muudaa tokko malee, barabaraaf kan irra jiraatan akka taatuuf ture. Yaanni kun, yaada namoota hedduu biratti fudhatama argateefi deggersa Caaffata Qulqullaaʼoo hin qabne armaan gadii wajjin wal faallessa. Namoonni hedduun, Waaqayyo lafa kan uume namoonni gara addunyaa hafuuraatti ceʼanii jireenya kaayyoo qabu jiraachuuf gaʼumsa qabaachuufi dhiisuunsaanii akka irratti qoramuufidha jedhanii amanu.—Saanduqa  “Jireenya Kaayyoo Qabu Jiraachuuf Lafa Dhiisnee Deemuu Qabnaa?” jedhuufi fuula 18⁠rra jiru ilaali.

Waaqayyo dhiiraafi dubartii jalqabaa amalawwansaa calaqqisuu akka dandaʼan godhee bifasaatiin uumeera. (Uumama 1:26, 27) Mudaa kan hin qabne godhee kan isaan uume siʼa taʼu, wantoota barabaraaf jireenya gammachuufi kaayyoo qabu jiraachuuf isaan barbaachisan hunda qabu turan. Kunimmoo, lafa kana guutuufi bituu, akkasumas guutummaa biyya lafaa gara jannata ishee dhaaba Eeden fakkaattutti jijjiiruu kan dabalatu ture.—Uumama 1:28-31; 2:8, 9.

Rakkinni Uumame Maalidha?

Haalasaarraa hubachuun akka dandaʼamutti rakkinni uumame tokko jira. Ilmaan namootaa amalawwan Waaqayyoo calaqqisuu hin dandeenye. Laftis jannata miti. Kun kan taʼe maaliifi? Warra keenya jalqabaa kan taʼan Addaamiifi Hewwaan, mirga filachuuf qabanitti karaa sirrii hin taaneen fayyadamaniiru. Wanta “hamaa fi gaarii” taʼe ofiif murteeffachuudhaan, ‘akka Waaqayyoo taʼuu’ barbaadan. Akkas gochuudhaan, tarkaanfii Seexanni jalqaba Waaqayyorratti kaʼuudhaan fudhate hordofan.—Uumama 3:1-6.

Kanaaf, hammeenyi wanta Waaqayyo dursee murteesseefi iccitii godhee qabate miti. Hammeenyi kan jalqabe, Seexanni, achiis Addaamiifi Hewwaan mirga Waaqayyo bulchuuf qaburratti yommuu kaʼanitti ture. Kanaaf, Addaamiifi Hewwaan Jannata keessaa ariʼamaniiru, akkasumas mudaa kan qaban taʼaniiru. Kanaan kan kaʼes, ofirratti qofa utuu hin taʼin sanyiisaanii, jechuunis ilmaan namootaa hundarratti cubbuufi duʼa fidaniiru. (Uumama 3:17-19; Roomaa 5:12) Kunimmoo, jireenyi kaayyoo kan hin qabne akka fakkaatu godheera.

Hammeenyi Yeruma Sana Kan Hin Balleeffamne Maaliifi?

Namoonni tokko tokko, ‘Waaqayyo Seexanaafi warra isarratti kaʼan hunda dhabamsiisee hammeenya balleessuudhaan wantoota hunda akka haaraatti kan hin jalqabsiisne maaliifi?’ jedhanii gaafatu. Gochi kun dhuguma tarkaanfii sirrii taʼa turee? Fakkeenyaaf, mootummaan humna guddaa qabu tokko namoota isa morman hunda yeruma sana akka balleesse utuu dhageessee maaltu sitti dhagaʼama? Gochi akkasii, namoonni yaada qajeelaa qaban akka irraa fagaataniifi aangoo mootummichaatiif ilaalcha gadhee akka qabaatan hin godhuu?

Waaqayyos, warra isa mormanirratti yeruma sana tarkaanfii fudhachuu hin filanne. Bulchiinsasaa ilaalchisee falmiiwwan Eeden keessatti kaʼan barabaraaf deebii akka argatan gochuuf yeroo kennuudhaan tarkaanfii ogummaarratti hundaaʼe fudhateera.

Hammeenyi Hundi Ni Balleeffama

Waaqayyo hammeenyi akka jiraatu kan heyyame yeroo muraasaaf qofa akka taʼe yaadachuun keenya baayʼee barbaachisaadha. Kanas kan godhe, falmii bulchiinsasaarratti kaʼeef yeroo dhumaatiif erga furmaata kennee booda, rakkoowwan isaaf ajajamuu diduudhaan uumaman hunda guutummaatti balleessuu akka dandaʼu waan beekuufidha.

Waaqayyo kaayyoo lafaafis taʼe ilmaan namootaatiif qabu hin jijjiirre. Yihowaan lafa kana kan uume isa taʼuusaa, akkasumas lafa “tolchee jabeessee yommuu dhaabe akka irra jiraataniif malee, bifa hin qabnee fi onaa akka taʼuuf” akka hin taane karaa Isaayaas raajichaa nuu mirkaneesseera. (Isaayaas 45:18) Yihowaan yeroo dhihootti, lafti mudaa kan hin qabne akka taatu gochuudhaan, kaayyoo jalqaba lafaaf baase ni raawwata. Bulchiinsisaa qajeelaa taʼuunsaa erga mirkaneeffamee booda, humnasaa isa guddaatti fayyadamee kaayyoosaa galmaan gaʼa; hammeenyas guutummaatti ni balleessa. (Isaayaas 55:10, 11) Yesus, Waaqayyo tarkaanfii akkasii akka fudhatu kadhannaa barsiise keessatti ibseera. “Jaalalli kee waaqa irratti akka taʼu, akkasuma immoo lafa irratti haa taʼu!” jennee akka kadhannu nu barsiiseera. (Maatewos 6:9, 10) Kun maalfaa dabalata?

Fedha Waaqayyo Lafaaf Qabu

Eebbawwan kaan dabalatee, ‘warri garraamonni lafa akka qabaatan’ [‘dhaalan,’ hiika bara 1899] fedha Waaqayyooti. (Faarfannaa 37:9-11, 29; Fakkeenya 2:21, 22) Yesus Kiristos, ‘nama dhabee isatti iyyatuufi gadadamaa in oolcha.’ Akkasumas, ‘cunqurfamuufi humnaan irratti kaʼuu jalaas isaan fura.’ (Faarfannaa 72:12-14) Sana booda waraanni, duuti, booʼichi, waraansiifi rakkinni hin jiraatu. (Faarfannaa 46:9; Mulʼata 21:1-4) Namoonni baayʼeen baroota Waaqayyo hammeenya obsaan dabarse keessatti duʼan, lafarra akka jiraataniif duʼaa kaafamu; sana booda eebbawwan olitti ibsamaniifi eebbawwan garabiraa akka argatan carraan ni kennamaaf.—Yohannis 5:28, 29.

Yihowaan rakkina Seexanni Waaqayyorratti kaʼuudhaan geessise hunda ni sirreessa. Furmaanni Waaqayyo fidu kun mudaa kan hin qabne waan taʼeef, “dhiphinni inni durii” [gaddiifi dhiphinni yeroo harʼaatti argamu hundi] ‘ni irraanfatama.’ (Isaayaas 65:16-19) Abdiin kun akka raawwatamu hin shakkisiisu. Waaqayyo hin sobu. Abdiiwwan inni kenne hundi ni raawwatamu. Sana booda, jireenyi “waaʼee kan hin baafneefi qilleensa ariʼuu” hin taʼu. (Lallaba 2:17) Kanaa mannaa, jireenyi kaayyoo dhugaa kan qabu taʼa.

Yeroo harʼaattoo jireenya kaayyoo qabu jiraachuun ni dandaʼamaa? Wanta Macaafni Qulqulluun barsiisu beekuufi kaayyoo Waaqayyo lafaaf qabu hubachuun, yeroo ammaatti jireenyikee kaayyoo dhugaa akka qabaatu gochuu dandaʼaa? Kutaan dhumaa mataduree kanaa gaaffii kanaaf deebii kenna.

[Miiljalee]

^ key. 5 Macaafa Qulqulluu keessatti, Maqaan Waaqayyoo Yihowaa akka taʼe ibsameera.

[Saanduqa fuula 18⁠rra jiru]

 Jireenya Kaayyoo Qabu Jiraachuuf Lafa Dhiisnee Deemuu Qabnaa?

Namoonni kaayyoo Waaqayyo lafaaf qabu hin beekne, jireenya kaayyoo dhugaa qabu jiraachuuf lafarraa deemuu qabna jedhanii jaarraa hedduudhaaf barsiisaa turaniiru.

Namoonni tokko tokko, lubbuun “qaama namootaa keessa seenuushee dura haala baayʼee gaarii taʼe keessa jiraachaa turte” jedhu. (Niwuu Dikshinarii oov Tiʼooloojii) Warri kaanimmoo lubbuun, “cubbuu yeroo samiirra turte raawwatteef akka adabamtuuf nama keessa seenti” jedhu.—Saayikilooppeediyaa oov Bibilikaal, Tiʼooloojikaal, eendi Eekliisiyaastikaal Liitireechar.

Hayyoonni falaasamaa Giriik, kan akka Sooqraaxisiifi Pilaatoo yaada armaan gadii barsiisaniiru: Lubbuun, “oliif gad jooruurraa, waaʼee kan hin baafne taʼuurraa, sodaafi hawwii jireenya gadhiisii jiraachuuf qabdurraa, akkasumas rakkoowwan ilmaan namootaa hunkuran kaanirraa walaba” kan taatu, qaama namootaa isa humnisaa daangeffame keessaa baatee “yeroo hundaaf waaqolii wajjin” jiraachuu yoo dandeesse qofadha.—Pilaatoos Faayidoo, 81, A.

Yeroo boodammoo, geggeessitoonni amantii Kiristiyaanota ofiin jedhan barumsa hayyoota falaasamaa warra Giriikii isa, “yaadawwan tilmaamarratti hundaaʼaniifi lubbuun hin duutu” jedhan, barumsasaaniitti dabalan.—Kiristiyaanitii—Ee Giloobaal Histirii.

Mee yaadawwan kana dhugaawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu keessatti argamanii wajjin waliin ilaali:

1. Kaayyoon Waaqayyoo, lafti barabaraaf bakka jireenyaa ilmaa namootaa akka taatu malee, namoonni isaa wajjin samiirra jiraachuuf gaʼumsa qabaachuusaanii mirkaneessuuf bakka yeroodhaaf itti qoraman miti. Addaamiifi Hewwaan Waaqayyoof utuu ajajamaniiru taʼee, hanga ammaatti lafa jannata taaterra jiraatu turan.—Uumama 1:27, 28; Faarfannaa 115:16.

2. Amantiiwwan hedduun namni lubbuu qaba, jechuunis wanti ijaan hin argamneefi nama keessa jirtu tokko jirti jedhanii barsiisu; Macaafni Qulqulluun garuu yaada hubachuuf namatti hin ulfaanne barsiisa. Namni “biyyoo lafaattii” akka uumameefi ‘lubbuu jireenyi keessa jiru akka taʼe’ dubbata. (Uumama 2:7, hiika bara 1899) Macaafni Qulqulluun lubbuun matumaa hin duutu hin jedhu. Kanaa mannaa, lubbuun ajjeefamuu, balleeffamuu ykn guutummaatti jireenyaa ala taʼuu akka dandeessu dubbata. (Faarfannaa 146:4; Lallaba 9:5, 10; Hisqiʼel 18:4, 20) Namni jalqabaa Addaam inni lubbuu ture, yommuu duʼetti biyyoo isa irraa uumametti deebiʼeera. Jechuunis jireenyaa ala taʼuutti deebiʼeera.—Uumama 2:17; 3:19.

3. Abdiin ilmaan namootaa, lubbuu hin duune taʼanii gara addunyaa hafuuraa dhaquu utuu hin taʼin, duʼaa kaʼanii lafa jannata taaturra barabaraaf jiraachuudha.—Daaniʼel 12:13; Yohannis 11:24-26; Hojii Ergamootaa 24:15.