Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ammas Taʼe Barabaraaf Jireenya Kaayyoo Qabu Jiraadhu

Ammas Taʼe Barabaraaf Jireenya Kaayyoo Qabu Jiraadhu

Ammas Taʼe Barabaraaf Jireenya Kaayyoo Qabu Jiraadhu

YEROO ammaattillee jireenya kaayyoo dhugaa qabu jiraachuu ni dandeessa. Akkamitti? Seerawwan buʼuuraa gaggaarii Macaafa Qulqulluu keessatti argaman hordofuudhaani. Mee isaan keessaa muraasasaanii qofa haa ilaallu.

SEERA BUʼUURAA MACAAFA QULQULLUU: Solomoon Mootichi “Namni nyaatee, dhugee, wanta hojjetettis gammaduun isaaf gaarii dha” jedheera.LALLABA 2:24.

Hojii gaarii hojjechuudhaan akka gammannu godhamnee uumamneerra. Haala baayʼee rakkisaa taʼe keessattillee, jabinaafi amanamummaadhaan hojjechuudhaan hamma taʼe gammachuu argachuu dandeessa.

SEERA BUʼUURAA MACAAFA QULQULLUU: “Fudhachuu irra kennuutu caalaa nama gammachiisa.”HOJII ERGAMOOTAA 20:35.

Namoonni hedduun, warra kaaniif waa gochuudhaan, jechuunis yeroo rakkinaatti isaan gargaaruuf yeroofi humnasaanii kennuudhaan gammachuu guddaa argachuu dandaʼaniiru. Kana gochuudhaan eebba guddaa kan argatan taʼuusaarrayyuu, jireenyisaaniis kaayyoo dhugaa kan qabu akka taʼu gochuu dandaʼaniiru. Solomoon “Gochuudhaaf utuu dandeessuu, warra wanta gaarii argachuun taʼuuf duraa hin hambisin!” jedhee barreesseera.—Fakkeenya 3:27.

Fakkeenya Raalfi ilaali. Erga soorama baʼee booda, haadha manaasaa ishee tajaajila yeroo guutuurratti hirmaachaa turtee wajjin tajaajila yeroo guutuu keessatti hirmaachuu jalqabe. Lamaansaaniiyyuu namoota kaan Macaafa Qulqulluu barsiisuuf of dhiheessuudhaan, jiʼa jiʼaan tajaajilarratti saʼaatii hedduu dabarsu. Raalfi, “Yommuu galgala gara manaatti deebinu ni dadhabna; kan dadhabnu garuu waan dulloomneef utuu hin taʼiin, humna keenya hunda Abbaa keenya isa samii kan taʼe Yihowaa tajaajiluuf waan itti fayyadamneefidha. Dadhabbiin akkanaa dadhabbii gaarii taʼedha!” jedheera. Inniifi haati manaasaa jireenyisaanii warra kaaniif kennuurratti kan xiyyeeffate waan taʼeef gammachuu qabu.

SEERA BUʼUURAA MACAAFA QULQULLUU: ‘Michuun bara hundumaa jaallata; yeroo gidiraatiif obboleessi in dhalata.ʼFAKKEENYA 17:17, hiika bara 1899.

Wal gargaaruun yoo jiraate rakkinni namatti salphata. Hayyuu falaasamaa Ingilizii kan taʼan Firaansis Beekan, namoota michuu dhugaa hin qabneef “biyyi lafaa, lafa onaa taʼedha” jedhaniiru. Michoota dhugaa qabaachuuniifi michuu gaarii taʼuun, jireenyi caalaatti gaariifi gammachiisaa akka taʼu gochuu dandaʼa.

SEERA BUʼUURAA MACAAFA QULQULLUU: “Karaa hafuuraatti hiyyeessota warri taʼan haa gammadan.”MAATEWOS 5:3.

Yesus, waadaan Waaqayyo gale yommuu raawwatamu arguu yoo barbaadde, ‘karaa hafuuraa hiyyeessa taʼuukee’ hubachuufi wanta gama kanaan si barbaachisu guutuun barbaachisaa taʼuusaa ibseera. Haala bineensotarraa adda taʼeen, nuyi kaayyoo jireenyaa beekuuf fedhii guddaa qabna. Fedhii keenya kana nuu guutuu kan dandaʼu Yihowaa qofa yommuu taʼu, fedhii kanas Macaafa Qulqulluutti fayyadamee nuu guuta. Akkuma mataduree darberraa ilaalletti, Macaafni Qulqulluun kaayyoo Waaqayyo lafaaf qabu nuu ibsa. Macaafni Qulqulluun, maaliif akka uumamne, rakkinni maaliif akka baayʼateefi Waaqayyo nurraa maal akka barbaadu nutti hima. Jireenya kaayyoofi gammachuu qabu jiraachuuf, dhugaawwan Caaffata Qulqullaaʼoo akkasii hubachuun barbaachisaadha. Namoonni Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf yeroo ramadaniifi wanta baratan hojiirra oolchan gammachuu qabu. Akkas kan jennu maaliifi? Akkas gochuunsaanii, “Waaqa gammadaa” kan taʼe Uumaa keenya Yihowaa wajjin walitti dhufeenya cimaa akka qabaatan waan isaan gargaaruufidha.—1 Ximotewos 1:11, NW.

SEERA BUʼUURAA MACAAFA QULQULLUU: “Barri hamaan utuu hin dhufin, waggoonni ati, ‘Anatti hin tolan’ ittiin jettus utuu hin dhiʼaatin . . . uumaa kee yaadadhu!”LALLABA 12:1.

Gorsi Solomoon Mootichi dargaggoonni wanta gaddisiisaa jireenyi fiduu dandaʼu, akka hubatan kenne hunda keenyaaf barbaachisaadha. Jireenyakee keessatti Uumaa keetiif bakka guddaa kenni. Kana goonaan jireenyikee kaayyoo dhugaa kan qabu taʼa. Ilaalcha, “Bor waan duunuuf, kottaa in nyaannaa, in dhugnas!” jedhurraa fagaadhu. (1 Qorontos 15:32) Lallabni 8:12, Waaqayyoof dursa yoo kennite wanti raawwattu ‘caalaatti gaarii’ akka sii taʼu dubbata.

Shamarreen Wendii jedhamtu, yaanni kun dhugaa taʼuusaa hubatteetti. Ijoollummaasheetti isheeniifi obboleettiinshee afaan Ispaanish baratanii turan; kanaafuu naannoo obboloonni misiraachoo Macaafa Qulqulluu lallaban caalaatti barbaachisanitti tajaajiluuf gara Dominikaan Rippuublikii deemuu dandaʼaniiru. “Naannoo babalʼistoonni caalaatti barbaachisanitti tajaajiluuf aarsaa hedduu kan kaffalle taʼus, yeroo gaarii taʼe dabarsineerra. Jiʼoota jaʼan sana wanta kamiiniyyuu jijjiiruu hin barbaadu! Eebbii arganne, aarsaa kaffallerra hedduu ni caala” jetteetti.

Waaqayyoof Amanamuun, Jireenyi Kaayyoo Akka Qabaatu Godha

Yihowaa wajjin walitti dhufeenya gaarii taʼe qabaachuunkee, karaa baayʼee adda taʼeen jireenyikee kaayyoo akka qabaatu gochuu dandaʼa. Akkamitti? Seexanni, Addaamiifi Hewwaan bulchiinsa Waaqayyoorratti akka kaʼan gochuu qofa utuu hin taʼiin, namni kamiiyyuu rakkina keessatti Waaqayyoof amanamaa akka hin taane dubbateera. (Iyoob 1:9-11; 2:4) Ati garuu Seexanni sobduu taʼuusaa mirkaneessuu dandeessa! Akkamitti? Waaqayyoof amanamaa taʼuudhaan, seerawwan buʼuuraasaatiif ajajamuufi Yihowaan wanta sirriifi dogoggora taʼe nuuf murteessuuf mirga guddaa akka qabu hubachuukee argisiisuudhaani.—Mulʼata 4:11.

Karaa qajeelaa taʼe hordofuu yoo barbaanne, haalawwan rakkisaa taʼan keessatti ejjennoo keenya eeguun nu barbaachisuu dandaʼa. Haalawwan rakkisaa taʼan kun, jireenya kaayyoo qabu akka hin jiraanne nu dhowwuu dandaʼuu? Fakkeenyaaf, diinni hamaan tokko michootaafi miseensota maatii keenya jaallatamoo taʼan maqaa balleesse haa jennu. Maqaa nama jaallannu sanaa eeguuf yaalii gochuun keenya, diina keenyarraa rakkina nutti fiduu dandaʼa; kun taʼuunsaa jireenya keenya kaayyoo dhabsiisaa? Hin dhabsiisu! Maqaa michuu keenya sanaa qulqulleessuuf, haalawwan rakkisaa taʼan gammachuudhaan dandeenyee dabarsina. Waaqayyoof amanamaa taʼaanii jiraachuunis kanaa wajjin wal fakkaata. Yeroo ammaatti haalawwan rakkisaa taʼan keessatti amanamoo taʼuun keenya, garaa Waaqayyoo akka ciibsu beekamaadha.—Fakkeenya 27:11.

Barabaraaf Jireenya Kaayyoo Qabu Jiraadhu

Waaʼee Waaqayyoofi waaʼee kaayyoosaa barachuuf wanta dandeesse gochuuf galma baafadhu. Yesus, “Si Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa, Yesus Kristosin isa ati ergites beekuun isaanii jireenya bara baraa ti” jedheera. (Yohannis 17:3) Waaqayyo jalqabarratti kaayyoo lafaaf baase yommuu raawwatu, namoonni amanamoo taʼan wanta Yihowaan jalqabarratti isaaniif yaade, jechuunis lafa jannata taaturratti “jireenya barabaraa” argatu. Sana booda jireenyi kaayyoo dhugaafi gammachuu kan qabu taʼa.—Faarfannaa 145:16.

Beekumsa Yesus ibse sana eessaa argachuu dandeessa? Beekumsi kun, Dubbii Waaqayyoo isa geggeessaa hafuurasaatiin barreeffame keessatti argama. Gama kanaan gargaarsa argachuu yoo barbaadde, qopheessitoota baruu kanaatiif barreessuu dandeessa. Isaaniis, namni tokko dhufee wanta Macaafni Qulqulluun barsiisuu akka si qayyabsiisu qophii sii godhu.