Dhimma ijoo ta'etti seeni

Kitaabni Qulqulluun Jireenya Namootaa Ni Jijjiira

Kitaabni Qulqulluun Jireenya Namootaa Ni Jijjiira

Kitaabni Qulqulluun Jireenya Namootaa Ni Jijjiira

DUBARTIIN umurii waggoota 60mmanii keessatti argamtu waaqa tolfamaa waaqeffachuu kan dhiiste maaliifi? Qeesiin Shintoo tokko hojii mana sagadaa keessatti hojjetu dhiisee Kiristiyaana taʼuuf kan isa kakaase maali dha? Dubartiin daaʼimummaa ishiitti guddifachaadhaan fudhatamte miira akka gatamte ishiitti dhagaʼamu kan dandamatte akkamitti? Mee wanta namoonni kun jedhan haa ilaallu.

“Kana booda waaqolii tolfamoodhaaf hin garboomu.”—ABAA DAANSOO

BARA DHALOOTAA: 1938

BIYYA DHALOOTAA: BEENIIN

SEENAA: WAAQA TOLFAMAA WAAQEFFACHAA KAN TURTE

JIREENYA KOO DURAA: Kanaan guddadhe ganda Soochaahuwee jedhamuu fi naannoo caffee haroo tokko biratti argamu keessatti. Jiraattonni ganda kanaa qurxummii qabuudhaan, loon, reʼoota, hoolota, booyyee fi simbirroota horsiisuudhaan jiraatu. Naannoo sana karaan waan hin jirreef, namoonni bakka tokkoo gara bakka biraa deemuuf doonii fi bidiruuwwan xixiqqootti fayyadamu. Namoonni baayʼeen mana isaanii kan ijaarratan mukaa fi citaa irraa taʼus namoonni xuubiidhaan ijaarratanis jiru. Namoonni ganda sana keessa jiraatan baayʼeen isaanii harka qalleeyyii dha. Taʼus, akka magaalotaa yakki kan keessatti babalʼate miti.

Yeroon ijoollee turetti abbaan koo anaa fi obboleettii koo gara gadaamii bocawwan humna addaa akka qabanitti yaadaman argamanitti nu erge; achittis duudhaa amantii sanaa baranne. Yeroon guddadhetti immoo, Duduwaa (Oduuduwaa) isa aadaa Yoruubaa keessatti akka waaqaatti ilaalamu waaqeffachuun jalqabe. Waaqa kanaaf mana ijaaruudhaan yeroo hundumaa mixaaxisa, zayitii meexxii, cilalluu, lukkuu, gugee fi bineeldota garaa garaa aarsaa godheen isaaf dhiheessa ture. Aarsaawwan kun baasii guddaa waan gaafataniif, yeroo baayʼee maallaqa koo hunda na jalaa fixu.

KITAABNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIRE AKKAMITTI? Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu yeroon jalqabu garuu, Waaqni dhugaan Yihowaa qofa akka taʼen hubadhe. Waaqeffannaadhaaf waaqolii tolfamootti fayyadamuu akka hin deeggarres nan hubadhe. (Baʼuu 20:4, 5; 1 Qorontos 10:14) Kanaaf, tarkaanfii akkamii fudhachuu akkan qabu naa galee ture. Kanaan kan kaʼes, fakkiiwwanii fi wantoota waaqa tolfamaa wajjin wal qabatan hunda mana koo keessaa baaseen gate. Xonqaayii bira dhaquu, sirna amantii fi sirna awwaalchaa waaqeffannaa sobaa wajjin wal qabatan irratti argamuu nan dhaabe.

Dubartii umurii waggoota 60mmanii keessa jirtu waanan taʼeef jijjiiramawwan kana gochuun salphaa hin turre. Michoonni koo, firoonnii fi ollaawwan koo na mormu, akkasumas natti qoosu turan. Taʼus, jabina wanta sirrii gochuuf na gargaaru akka naa kennuuf Yihowaattin kadhannaa dhiheesse. Yaada Fakkeenya 18:10 irratti argamuu fi “Maqaan Yihowaa masaraa cimaa dha. Namni qajeelaan achitti fiigee eegumsa argata” jedhu irraa jajjabina argadheera.

Wanti na gargaare kan biraan immoo, walgaʼiiwwan gumii Dhugaa Baatota Yihowaa irratti argamuu koo ti. Achittis jaalala Kiristiyaanummaa isaan argisiisan arguu dandaʼeera, akkasumas ulaagaalee naamusaa Kitaaba Qulqulluu ol aanoo taʼanii wajjin wal simanii jiraachuuf carraaqqii gochuun isaanii baayʼee na dinqisiiseera. Wantin arge Dhugaa Baatonni Yihowaa amantii dhugaa akka qabatan na amansiiseera.

FAAYIDAA ANI ARGADHE: Qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuun koo hariiroon ijoollee koo wajjin qabu akka fooyyaʼu godheera. Akkasumas baʼaa guddaan gateettii koo irraa akka buʼe natti dhagaʼame. Qabeenya koo hundumaa waaqolii tolfamoo matumaa na gargaaruu hin dandeenyeef dhangalaasaan ture. Amma garuu Yihowaa isa rakkoowwan keenya hundumaaf furmaata bara baraa kennu waaqeffachaan jira. (Mulʼata 21:3, 4) Amma waaqolii tolfamoof utuu hin taʼin Yihowaaf garba taʼuu kootti baayʼeen gammada. Yihowaanis nageenya naa kennaa fi eegumsa dhugaa naa gochaa jira.

“Ijoollummaa kootii kaasee Waaqayyoon barbaaddachaan ture.”—SHIINJII SAATOO

BARA DHALOOTAA: 1951

BIYYA DHALOOTAA: JAAPPAAN

SEENAA: QEESII AMANTII SHINTOO

JIREENYA KOO DURAA: Magaalaa Naannoo Fukuʼookaa keessatti argamtuttin guddadhe. Warri koo namoota amantii cimsan turan; ijoollummaa kootii kaasee waaqolii Shintootiif kabaja guddaa akkan kennu godhanii na guddisan. Yeroon ijoollee turetti yeroo baayʼee waaʼee fayyina koo nan yaadan ture, akkasumas namoota rakkina keessa jiran gargaaruuf fedhii guddaan qaba ture. Yeroon mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa barachaa turetti, barsiisaan keenya yeroo guddannu maal taʼuu akka barbaannu nu gaafatee ture. Ijoolleen wajjin barachaa ture hawwii guguddaa kan akka saayintistii taʼuu qabu turan. Ani garuu Waaqayyoon tajaajiluu akkan barbaadun dubbadhe. Yeroon akkas jedhutti hundi isaanii natti kolfan.

Mana barumsaa sadarkaa lammaffaa ergan xumuree booda, mana barumsaa barsiisonni amantii itti baratanin gale. Yeroon mana barumsaa sana keessatti barachaa turetti, qeesii Shintoo yeroo boqonnaa isaa kitaaba qola gurraacha qabu dubbisuu wajjin wal barre. Gaaf tokko, “Saatoo, kitaabni kun maal akka taʼe beektaa?” jedhee na gaafate. Qola kitaabichaa waanan beekuuf, “Kitaaba Qulqulluu dha” jedheen deebiseef. Innis, “Namni qeesii Shintoo taʼuu barbaadu kam iyyuu kitaaba kana dubbisuu qaba” naan jedhe.

Anis yeruma sana dhaqeen Kitaaba Qulqulluu bitadhe. Kitaaba Qulqulluu koo madardaraa irra bakka akka gaariitti mulʼatun kaaʼe, akkasumas nan kunuunsan ture. Mana barumsaatti hojiin waan natti baayʼatuuf dubbisuuf yeroo hin arganne. Ergan barumsa koo xumuree booda, mana sagadaa Shintoo keessatti qeesii taʼee tajaajiluun jalqabe. Kanaafuu, hawwiin ijoollummaa koo naaf dhugoomeera.

Haa taʼu malee, utuma baayʼee hin turin wantin taʼuu barbaadu qeesii Shintoo taʼuu akka hin taanen hubadhe. Qeesonni Shintoo hedduun namootaaf jaalala hin qaban, akkasumas dhimma namootaa hin qaban. Baayʼeen isaaniis amantii hin qaban. Hogganaan koo tokko, “Asitti milkaaʼina argachuu yoo barbaadde waaʼee falaasamaa qofa dubbachuu qabda. Waaʼee amantii dubbachuun dhorkaa dha” naan jedhe.

Wantoota akkasii dhagaʼuun koo, amantiin Shintoo dhugaa taʼuu isaa akkan shakku na godhe. Mana sagadaa sana keessatti tajaajiluu kanan itti fufe taʼus, amantiiwwan biroo qoruun jalqabe. Taʼus amantiiwwan kaan biraas wanta sana irra fooyyaʼu hin arganne. Amantiiwwan kan biroo qoruu koo yommuun itti fufu caalaatti abdii kutachaan deeme. Kanaafuu, amantii kam keessa iyyuu dhugaan hin jiru jedhee yaaduun jalqabe.

KITAABNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIRE AKKAMITTI? Bara 1988⁠tti nama amantii Budihaa hordofu tokkoo wajjin wal barre, innis Kitaaba Qulqulluu akkan dubbisu na jajjabeesse. Kunis qeesii Shintoo waggoota hedduu dura Kitaaba Qulqulluu akkan dubbisu na jajjabeessee ture na yaadachiise. Anis gorsa kana hojii irra oolchuufan murteesse. Kitaaba Qulqulluu dubbisuu yommuun jalqabu, wantin dubbisu na hawwachuu jalqabe. Yeroo tokko tokko halkan guutuu hamma ganama aduun baatutti nan dubbisan ture.

Wantin dubbises gara Waaqa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsameetti kadhannaa akkan dhiheessu na kakaase. Kadhachuu kanan jalqabes kadhannaa akka fakkeenyaatti ibsamee fi Maatewos 6:9-13 irratti argamuuni. Yeroon mana sagadaa Shintoo keessatti tajaajilaa turetti illee kadhannaa kana garaagarummaa saʼaatii lamaatiinan kadhadha ture.

Wantan dubbisu ilaalchisee gaaffii hedduun qaba ture. Yeroo kanatti gaaʼela godhadheen ture; kanaan dura Dhugaa Baatonni Yihowaa haadha manaa koo haasofsiisanii waan turaniif, waaʼee Kitaaba Qulqulluu namoota akka barsiisan beeka. Kanaafuu anis, Dhugaa Baatuu tokko argadheen gaaffii hedduu ishii gaafadhe. Kitaaba Qulqulluutti fayyadamtee gaaffiiwwan koo hundaaf deebii kennuun ishii baayʼee na dinqisiise. Ishiinis Dhugaa Baatuun tokko Kitaaba Qulqulluu akka na qoʼachiisu qophii goote.

Utuma baayʼee hin turinis, walgaʼiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa irratti argamuun jalqabe. Yeroo sanatti hubachuu baadhus, Dhugaa Baatota walgaʼicha irratti argaman keessaa tokko tokko akka gaariitti isaan hin simannen ture. Taʼus miira hoʼaadhaan nagaa na gaafatan, akkasumas keessummummaan akka natti hin dhagaʼamne godhaniiru.

Walgaʼiiwwan sana irratti, Waaqayyo abbootiin manaa maatii isaanii akka jaallatanii fi akka kabajan kan isaan irraa barbaadu taʼuu isaan baradhe. Hanga yeroo sanaatti, haadha manaa koo fi ijoollee koo lamaan dagachuudhaan qeesii taʼee tajaajiluu irratti garmalee xiyyeeffadheen ture. Namoota waaqeffannaadhaaf gara mana sagadaa dhufaa turan xiyyeeffannaadhaan dhageeffachaa kanan ture taʼus, haadha manaa koo garuu takkaa illee dhaggeeffadhee akkan hin beeknen hubadhe.

Qoʼachuu koo yommuun itti fufu, wantoota gara Yihowaatti na dhiheessan hedduu baradheera. Keessumaa yaanni Roomaa 10:13 irra jiruu fi “Namni maqaa Yihowaa waammatu hundi ni fayya” jedhu baayʼee na tuqeera. Ijoollummaa kootii kaasee Waaqayyoon barbaaddachaan ture, dhuma irratti garuu isa argachuu dandaʼeera.

Kanaan kan kaʼes, mana sagadaa sana keessa turuu akkan hin qabne natti dhagaʼamuu jalqabe. Jalqaba irratti amantii Shintoo yoon dhiise namoonni kaan maal naan jedhu inni jedhu na yaaddessee ture. Taʼus, yeroo hunda eessatti iyyuu Waaqa dhugaa yoon argadhe amantii Shintoo akkan dhiisu ofitti himaan ture. Kanaafuu bara 1989 waqtii birraatti, wanta qalbiin koo naan jedhu gochuufan murteesse. Mana sagadaa sana dhiisee baʼuudhaan harka Yihowaattin of kenne.

Mana sagadaa sana dhiisanii baʼuun salphaa hin turre. Hoggantoonni koo natti dheekkamuudhaan amantii sana gadhiisee akkan hin baane dhiibbaa na irratti gochuuf yaalan. Wanti caalaatti natti ulfaate garuu waaʼee kanaa maatii kootti himuu dha. Gara mana isaanii yommuun deemu, garmalee dhiphachuu kootiin kan kaʼe lapheen koo na waraanaa fi miilli koo immoo hollachaa ture. Yihowaan jabina akka naa kennu kadhachuuf yeroo baayʼee dhaabbachuun na barbaachisee ture.

Yeroon mana warra koo gaʼu, jalqaba irratti waaʼee dhimmichaa kaasuun na sodaachisee ture. Saʼaatii dheeraa booda ergan irra deddeebiʼee kadhadhee booda wanta hunda abbaa koottin hime. Waaqa dhugaa akkan argadhee fi isa tajaajiluuf immoo amantii Shintoo dhiisuu akkan qabun itti hime. Abbaan koo baayʼee naʼe, akkasumas baayʼee gadde. Firoonni koos mana keenya dhufanii yaada koo na jijjiirsisuuf yaalanii turan. Maatii koo gaddisiisuu kanan hin barbaanne taʼus, Yihowaa tajaajiluun garuu wanta sirrii gochuun na barbaachisu akka taʼe beeka. Yeroo boodas, maatiin koo murtoo koo naa kabajaniiru.

Qaamaan achi keessaa kanan baʼe taʼus, ilaalcha koo irratti jijjiirama gochuun qaba ture. Jireenyi ani qeesii taʼuudhaan dabarse dhiibbaa guddaa na irraan geessiseera. Jireenya koo kana irraanfachuuf carraaqqii guddaa kanan godhe taʼus, wantin bakkan dhaqu hundumaatti argu jireenya koo duraanii na yaadachiisa ture.

Wantoota lama gochuun koo dhiibbaawwan kana moʼuuf na gargaareera. Tokkoffaa, wantoota mana koo keessa jiranii fi amantii koo duraanii wajjin wal qabatan barbaadee argachuufan carraaqqii godhe. Kitaabotaa fi suuraawwan dabalatee yaadannoowwan gatii guddaa qaban hunda nan gube. Lammaffaa, hamman dandaʼe Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin yeroo dabarsuuf carraaqqii gochaan ture. Michummaan isaanii fi deeggarsi isaanii baayʼee na gargaareera. Suutuma suuta waaʼee amantii koo durii yaaduun dhiise.

FAAYIDAAN ANI ARGADHE: Kana dura haadha manaa koo fi ijoollee koo dagachuun koo kophummaan akka isaanitti dhagaʼamu godhee ture. Akkuma Kitaabni Qulqulluun jedhutti isaanii wajjin yeroo dabarsuu yommuun jalqabu garuu caalaatti walitti dhihaanne. Yeroo booda haati manaa koos anaa wajjin Yihowaa tajaajiluu jalqabde. Yeroo ammaatti ilma keenya, intala keenyaa fi abbaa manaa ishii wajjin tokkummaadhaan Yihowaa waaqeffachaa jirra.

Gara duubaatti deebiʼee hawwiin ijoollummaatti Waaqayyoon tajaajiluu fi namoota gargaaruuf qabu yommuun yaadu, wantan barbaadaa ture caalaa akkan argadhe natti dhagaʼama. Galateeffannaan Yihowaadhaaf qabu jechaan ibsuun natti ulfaata.

“Wanti tokko akka natti hirʼate natti dhagaʼama ture.”

—LINEET HAAWUTIINGI

BARA DHALOOTAA: 1958

BIYYA DHALOOTAA: AFRIIKAA KIBBAA

SEENAA: AKKA GATAMTE ISHIITTI DHAGAʼAMA TURE

JIREENYA KOO DURAA: Magaalaa Jarmistan ishii albuudni keessaa baafamuu fi namoonni galii giddu galeessa qaban keessa jiraatan keessattan dhaladhe; magaalaa kana keessa yakki baayʼeen hin jiru ture. Warri koo na guddisuu akka hin dandeenye waan yaadaniif guddifachaadhaan na kennan. Dhaladhee guyyaa 14⁠ffaatti, hiriyoonni gaaʼelaa jaalala qabeeyyii taʼanii fi akka haadhaa fi abbaa kootti ilaalu fuudhanii na guddifatan. Taʼus seenaa koo ergan beekee booda miira akkan gatame natti dhagaʼamuu wajjin qabsoo gochaan ture. Namoonni na guddisan warra koo akka hin taanee fi miira koo hubachuu akka hin dandeenye natti dhagaʼamuu jalqabe.

Yeroo umuriin koo gara waggaa 16 taʼu, mana dhugaatii deemuun jalqabe; achittis anii fi michoonni koo ni shubbisna, akkasumas muuziqaa waltajjii irraa taphatamu dhaggeeffanna turre. Yeroo umuriin koo waggaa 17 taʼu immoo tamboo xuuxuun jalqabe. Akkuma moodeloota beeksisa tamboo xuuxuu hojjetanii qalʼoo taʼuun barbaada ture. Umuriin koo waggaa 19 yommuu taʼus, Johaanisbargi keessatti hojjechuun jalqabe; achittis yeruma sana namoota gaarii hin taanee wajjin michummaa uumuun jalqabe. Utuma baayʼee hin turinis, jechoota gaarii hin taane fayyadamuu, garmalee tamboo xuuxuu, dhuma torbaniitti immoo garmalee dhuguun jalqabe.

Taʼus qaamni koo baayʼee cimaa ture. Yeroo hunda sochii jabina qaamaa nan hojjedha, kubbaa miilaa dubartootaa fi taphawwan ispoortii kaan nan taphadhan ture. Kana malees, hojii kompiitaraa hojjechuu irratti beekamtii argachuuf jabaadheen hojjedha ture. Kanaan kan kaʼes, maallaqa hedduu walitti qabachuu dandaʼeera, namoonni hedduunis milkaaʼina akkan argadhe isaanitti dhagaʼama ture. Ani garuu gammachuu hin qabu, wantin dhabe tokko akka jiru natti dhagaʼama, jireenya koottis nan gaddan ture. Keessa kootti yeroo hunda wanti tokko akka natti hirʼate natti dhagaʼama ture.

KITAABNI QULQULLUUN JIREENYA KOO KAN JIJJIIRE AKKAMITTI? Yeroon Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabetti, Yihowaan Waaqa jaalalaa akka taʼen baradhe. Jaalala kana kan nutti argisiises Kitaaba Qulqulluu isa Dubbii isaa taʼe nuu kennuudhaan akka taʼe baradheera. Nu qajeelchuuf jecha dhuunfaatti xalayaa akka nuuf barreesse natti dhagaʼama. (Isaayyaas 48:17, 18) Qajeelfama Yihowaan jaalalaan kakaʼee nuuf kennu irraa faayidaa argachuu yoon barbaade, jireenya koo keessatti jijjiiramawwan guguddaa tokko tokko gochuu akkan qabun hubadhe.

Wantootan jijjiiruu qabu keessaa tokko michoota koo ti. Jijjiirama gochuuf kan na kakaase yaada Fakkeenya 13:20 irratti, “Namni ogeeyyii wajjin deemu ogeessa taʼa, namni gowwootaa wajjin walitti dhufeenya qabu garuu rakkina irra buʼa” jedhu dha. Dhugaan buʼuuraa kun michoota koo durii akkan dhiisuu fi Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa michoota haaraa horachuuf na kakaaseera.

Wanti hundumaa caalaa natti ulfaate tamboo xuuxuu dhiisuu dha; araada cimaa natti taʼee ture. Suutuma suuta gufuu kana yommuun moʼu immoo, rakkinni biraan na mudate. Tamboo xuuxuu dhiisuun koo ulfaatinni koo kiilogiraama 13.6n akka dabalu godhe! Kun immoo ilaalcha gaarii akkan ofiif hin qabaanne na taasise, akkasumas ulfaatina koo kana hirʼisuun gara waggaa kudhanii natti fudhate. Taʼus, tamboo xuuxuun wanta sirrii gochuun na barbaachisu akka taʼe hubadheen ture. Anis itti fufiinsaan Yihowaan akka na gargaarun kadhadhe; innis jabina milkaaʼina argachuuf na barbaachisu naa kenneera.

FAAYIDAA ANI ARGADHE: Amma caalaatti fayya buleettii taʼeera. Kana malees, wantan qabutti gammadee waanan jiraadhuuf, hojii, beekamtii fi qabeenya gammachuu dhugaa hin argamsiisne duukaa buʼuu dhiiseera. Kanaa mannaa, dhugaa Kitaaba Qulqulluu namoota kaaniif hiruudhaan gammachuu dhugaa argachaan jira. Kanaan kan kaʼes, yeroo ammaatti namoonni naa wajjin hojjechaa turan sadii, anaa fi abbaa manaa koo wajjin Yihowaa tajaajilaa jiru. Warri koo na guddisan duʼaan boqochuu isaanii dura, waaʼee abdii duʼaa kaʼuu Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamee fi lafa jannata taatu keessatti raawwatamuu isaanitti himuuf carraa argadheera.

Yihowaatti dhihaachuun koo miira akkan gatame natti dhagaʼamu dandamachuuf na gargaareera. Yihowaan gara miseensota maatii addunyaa maraa, namoota hidhata amantii koo taʼan qabatee fi akka maatii kootti ilaaluu dandaʼutti na fideera. Maatii kana keessatti haadhotii, abbootii, obbolootaa fi obboleettota hedduu argadheera.—Maarqos 10:29, 30.

[Fakkii]

Dhugaa Baatota Yihowaa gidduu jaalalli Kiristiyaanummaa akka jiru arguu dandaʼeera

[Fakkii]

Mana sagadaa Shintoo bakka ani yeroo tokkotti itti waaqeffachaa ture