Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Mootummaan Waaqayyoo Maalidha?

Mootummaan Waaqayyoo Maalidha?

Macaafa Qulqulluurraa Baradhu

Mootummaan Waaqayyoo Maalidha?

Matadureen kun yaadawwan gaaffii sitti taʼuu dandaʼan kan kaasu siʼa taʼu, Macaafa Qulqulluu keerraa deebiisaanii bakka kamitti argachuu akka dandeessu ibsa. Dhugaa Baatonni Yihowaa gaaffiiwwan kanarratti sii wajjin mariʼachuun isaan gammachiisa.

1. Mootummaan Waaqayyoo maalidha?

Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa samiirra jirudha. Mootummaan kun bulchiinsa namootaa hunda bakka kan buʼu yommuu taʼu, fedhiin Waaqayyoos samiifi lafarratti akka raawwatamu godha. Kanaafuu, Mootummaan Waaqayyoo fedhii bulchiinsa gaarii argachuuf qabnu nuu guuta jechuudha.—Daaniʼel 2:44; Maatewos 6:9, 10 dubbisi.

Mootummaan tokko mootii qaba. Yihowaan, Mootii Mootummichaa akka taʼuuf Ilmasaa Yesusiin filateera.—Luqaas 1:30-33 dubbisi.

2. Yesus Bulchaa gaarii kan taʼe maaliifi?

Ilmi Waaqayyoo, gaarummaa, wanta sirrii taʼeef ejjennoo cimaa, akkasumas namoota gargaaruuf humna guddaa waan qabuuf, Mootii gaarii taʼuu dandaʼa. (Maatewos 11:28-30) Yesus erga duʼaa kaʼee booda, gara samiitti ol baʼee mirga Yihowaa taaʼuudhaan eeguu jalqabe. (Ibroota 10:12, 13) Dhumarrattis, Waaqayyo samiirratti bulchuu akka jalqabu aangoo isaaf kenneera.—Daaniʼel 7:13, 14 dubbisi.

3. Namoonni Yesusii wajjin bulchan eenyufaʼi?

Waaqayyo, tuutni ‘saba qulqullaaʼan’ jedhamu, Yesusii wajjin samiirratti akka bulchu filateera. (Daaniʼel 7:27) Warri qulqullaaʼoon jalqaba filataman, ergamoota Yesus warra amanamoodha. Yihowaan dhiirotaafi dubartoota amanamoo taʼan hanga ammaatti filachuusaa itti fufeera. Akkuma Yesus, isaanis qaama hafuuraa qabaatanii duʼaa kaʼu.—Yohannis 14:1-3; 1 Qorontos 15:42-45 dubbisi.

Namoonni gara samii deeman meeqa? Yesus “karra xinnayyoo” jedhee isaan waameera. (Luqaas 12:32) Dhumarratti, lakkoofsisaanii 144,000 kan taʼu yommuu taʼu, Yesusii wajjin lafa bulchu.—Mulʼata 5:9, 10; 14:1 dubbisi.

4. Mootummaan Waaqayyoo bulchuu kan jalqabe yoomi?

Yesus bara 1914⁠tti Mootii taʼeera. * Sana booda utuu baayʼee hin turin, Seexanaafi ergamootasaa gara lafaatti darbateera. (Mulʼata 12:7-10, 12) Yeroo sanaa jalqabee, rakkinni ilmaan namootaa ittuma caalaa dhufeera. Waraanni, sochoʼi lafaa, beelli, dhukkubni addaddaafi jalʼinni mallattoowwan yeroon kun bara dhumaa taʼuusaa argisiisanidha. (2 Ximotewos 3:1-5) Namoonni Mootummaa Waaqayyoorraa faayidaa argachuu barbaadan hundi, akkamitti duuka buutota Yesus Mootichaa taʼuu akka dandaʼan barachuu qabu.—Luqaas 21:7, 10, 11, 31, 34, 35 dubbisi.

5. Mootummaan Waaqayyoo maal raawwata?

Mootummaan Waaqayyoo, hojii lallabaa addunyaa maratti raawwatamuutti fayyadamee, namoonni miliyoonaan lakkaaʼamaniifi sanyii addaddaarraa dhufan karaa Waaqayyoo akka baratan gargaaraa jira. (Maatewos 24:14) Mootummaan kun sirna hamaa kana balleessee, “tuuta sonaan baayʼee” amanamummaadhaan Yesusiif bitaman oolcha.—Mulʼata 7:9, 10, 13-17 dubbisi.

Mootummichi waggoota 1,000 keessatti dhawaata dhawaataan lafa gara jannataatti jijjiira. Dhumarrattimmoo, Yesus Mootummicha Abbaasaatiif deebisa. (1 Qorontos 15:24-26) Nama waaʼee Mootummaa Waaqayyoo itti himuu barbaaddu qabdaa?—Faarfannaa 37:10, 11, 29 dubbisi.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe kana boqonnaa 8fi 9 ilaali.

[Miiljalee]

^ key. 13 Raajiin Macaafa Qulqulluu waaʼee bara 1914 akkamitti akka ibsu yaada dabalataa argachuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe fuula 215-218 ilaali.