Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Akeekkachiisa Ifaa Yihowaan Kenne Ni Fudhattaa?

Akeekkachiisa Ifaa Yihowaan Kenne Ni Fudhattaa?

Akeekkachiisa Ifaa Yihowaan Kenne Ni Fudhattaa?

“Karichi isa kana, isa irra adeemaa.”—ISA. 30:21.

1, 2. Seexanni maal gochuuf kutateera? Dubbiin Waaqayyoo kan nu gargaaru akkamitti?

MALLATTOON daandii sirrii hin taane tokko kallattii dogoggoraatti geessuu qofa utuu hin taʼin, balaadhaafis nama saaxiluu dandaʼa. Namni hamaan tokko, kara deemtota dammaqoo hin taanerra miidhaa geessisuuf jecha, mallattoo tokko taʼe jedhee akka jijjiire michuunkee si akeekkachiise haa jennu. Akeekkachiisa kana hin fudhattuu?

2 Seexanni diina hamaa nu dogoggorsuuf kutatee kaʼe akka taʼe hin shakkisiisu. (Mul. 12:9) Dhiibbaawwan gadheen mataduree darberratti qorre hundi, Seexanarraa kan maddaniifi karaa gara jireenya barabaraatti nu geessurraa akka maqnu gochuuf kan karoorfamanidha. (Mat. 7:13, 14) Waaqni keenya inni gaariin ‘mallattoo daandii’ Seexanni nu dogoggorsuuf kaaʼe akka hin hordofne nu akeekkachiisuusaatiif ni galateeffanna. Mee dhiibbaawwan Seexanaa gadhee taʼan dabalataa sadii haa qorru. Dubbiin Waaqayyoo karaarraa akka hin maqne akkamitti akka nu eegu ilaalaa yommuu adeemnu, Yihowaan nu duuba deemaa, “Karichi isa kana, isa irra adeemaa!” jechuudhaan karaa sirrii yeroo nutti argisiisu yaadaan ilaaluu dandeenya. (Isa. 30:21) Akeekkachiisa ifaa Yihowaan kennerratti xiinxaluun keenya, murtoo akeekkachiisa kana fudhachuuf goone nuu jabeessa.

‘Barsiisota Sobduu’ Duukaa Hin Buʼinaa

3, 4. (a) Barsiisonni sobduun akka boolla bishaanii gogaa taʼee kan taʼan akkamitti? (b) Barsiisonni sobduun yeroo baayʼee eessaa kaʼu? Kaayyoonsaaniihoo maalidha?

3 Gammoojjii keessa adeemaa akka jirtu godhii yaadi. Boolla bishaanii tokko fagootti argitee bishaan dheebuu si baasu akka argattu abdattee garasaa adeemta. Yommuu bira geessu garuu boollichi gogaa taʼuusa hubatta. Kun baayʼee abdii nama kutachiisa! Barsiisonni sobduun akka boolla bishaanii gogaa taʼeeti. Namni bishaan dhugaa argachuuf garasaanii dhaqu kamiyyuu baayʼee abdii kutata. Yihowaan karaa Phaawulosiifi Phexros waaʼee barsiisota sobduu nu akeekkachiiseera. (Hojii Ergamootaa 20:29, 30; 2 Phexros 2:1-3 dubbisi.) Barsiisonni kun eenyudha? Yaanni ergamoonni lamaan kun geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreessan, barsiisonni sobduun eessaa akka kaʼaniifi akkamitti akka nama gowwoomsan hubachuuf nu gargaara.

4 Phaawulos jaarsolii gumii Efesooniin, ‘Isinuma keessaa iyyuu namoonni dubbii dhugaa jalʼisan in kaʼu’ jedheera. Phexros, “Barsiisonni sobduun isin gidduu in jiraatu” jechuudhaan Kiristiyaanotaaf barreesseera. Kanaafuu, barsiisonni sobduun eessaa kaʼu? Gumii keessaa kaʼuu dandaʼu. Barsiisonni akkasii gantootadha. * Kaayyoonsaanii maalidha? Jaarmiyaa tarii yeroo tokko jaallatan dhiisuu qofti isaan hin gammachiisu. Phaawulos, kaayyoonsaanii ‘amantoota garagalchanii of duukaa buusuu’ akka taʼe ibseera. Amantoonni Phaawulos asirratti caqase bartoota Yesus Kiristosidha. Gantoonni kun amantoota argachuuf bakkee deemuu mannaa, bartoota Kiristos of duukaa buusuu barbaadu. Barsiisonni sobduun akka “yeeyyii butatanii,” amantii miseensota gumii qajeeloo taʼanii balleessuufi daandii dhugaarraa isaan jalʼisuudhaan isaan liqimsuuf gad baʼu.—Mat. 7:15; 2 Xim. 2:18.

5. Barsiisonni sobduun mala akkamitti fayyadamu?

5 Barsiisonni sobduun namoota kan gowwoomsan akkamitti? Malli isaan itti fayyadaman haxxee akka taʼan argisiisa. Gantoonni, yaadawwan nama mancaasan ‘utuu irratti hin beekamin fidu.’ Akkuma nama kontirobaandii daldaluu haala irratti hin beekamneen haxxummaadhaan ilaalcha gantummaa babalʼisu. Gantoonni “dubbii mataa keessaa fuudhanii” dubbatu. Kana jechuun, akkuma namoonni yakka raawwatan dookmantii sobaa kan dhugaa fakkeessan, yaannisaanii inni soba taʼe dhugaa akka fakkaatu gochuuf yaalu jechuudha. Yaadasaanii wajjin akka walsimuuf ‘Caaffata Qulqullaaʼoo jalʼisuudhaan’ “barumsawwan nama gowwoomsan” [NW] babalʼisu. (2 Phe. 2:1, 3, 13; 3:16) Gantoonni akka nuuf hin yaanne beekamaadha. Isaan duukaa buʼuun, karaa gara jireenya barabaraatti geessurraa nu jalʼisuu malee faayidaa hin qabu.

6. Macaafni Qulqulluun barsiisota sobduu ilaalchisee gorsa ifa taʼe akkamii kenna?

6 Barsiisota sobduurraa of eeggachuu kan dandeenyu akkamitti? Gorsi Macaafni Qulqulluun akkamitti akka irraa of eegnu ilaalchisee kennu ifadha. (Roomaa 16:17; 2 Yohannis 9-11 dubbisi.) Macaafni Qulqulluun, “Isaan irraa fagaadhaa!” jedha. Kan jechuun isaanitti dhihaachuu hin qabnu jechuudha. Gorsa geggeessaa hafuuraatiin barreeffame kana ilaalchise wanti bitaa namatti taʼu hin jiru. Ogeessi fayyaa tokko nama dhukkuba daddarbaa duʼatti geessuun qabamerraa akka fagaattu sitti hime haa jennu. Ogeessi fayyaa kun maal jechuusaa akka taʼe waan beektuuf, akeekkachiisasaa kana of eeggannoodhaan hordofta. Gantoonnis, ‘yaadni isaanii dhukkubsataa’ waan taʼeef, namoota kaanis barumsasaanii isa gantummaarratti hundaaʼeen faaluu barbaadu. (1 Xim. 6:3, 4) Ogeessa Fayyaa Isa Guddaa kan taʼe Yihowaan isaanirraa akka fagaannu nutti himeera. Maal jechuusaa akka taʼe beekna; haataʼu malee, karaa hundaan akeekkachiisasaa hordofuuf murteessineerraa?

7, 8. (a) Barsiisota sobduurraa fagaachuun maal dabalata? (b) Barsiisota sobduurraa fagaachuuf ejjennoo cimaa qabaachuuf kan murteessite maaliifi?

7 Barsiisota sobduurraa fagaachuun maal dabalta? Mana keenyatti isaan hin simannu ykn nagaa isaan hin gaafannu. Barreeffamasaanii hin dubbisnu, sagantaa televijiinii yaadasaanii ittiin dabarsan hin ilaallu, Weeb Saayitiisaanii hin dubbisnu, akkasumas yaada keenya isaanii hin kennuu. Ejjennoo cimaa akkasii kan fudhannu maaliifi? Jaalala waan qabnuufidha. “Waaqa dhugaa” waan jaallannuuf, barumsa jalʼaa Dubbii dhugaa wajjin wal faallessu hin barbaannu. (Far. 31:5, hiika bara 1899; Yoh. 17:17) Jaarmiyaa Yihowaa isa dhugaawwan gammachiisaa taʼan, jechuunis maqaa Yihowaafi hiikasaa, kaayyoo Waaqayyo lafaaf qabu, haala namoonni duʼan keessa jiraniifi abdii duʼaa kaʼuu irraa barannes ni jaallanna. Jalqaba yeroo dhugaawwan kanaafi bakka guddaa qaban kan biraa baratte maal akka sitti dhagaʼame ni yaadattaa? Ergasuu, namni jaarmiyaa Yihowaa isa dhugaawwan kana si barsiise hadheessu kamiyyuu akka si faalu maaliif heyyamta?—Yoh. 6:66-69.

8 Barsiisonni sobduun maaliyyuu yoo jedhan isaan hin hordofnu. Gowwoomfamuufi abdii kutachuuf qofa maaliif gara boolla bishaanii gogaa taʼe kanaa dhaqna? Kanaa manaa, Yihowaafi jaarmiyaasaa isa Macaafa Qulqulluu geggeessaa hafuuraatiin barreeffame keessaa bishaan dhugaa qulqulluufi nama haaromsuun dheebuu nu baasuudhaan seenaa dheeraa qabuuf amanamoo taanee jiraachuuf haa murteessinu.—Isa. 55:1-3; Mat. 24:45-47.

“Mammaaksa Amantii” Duukaa Hin Buʼinaa

9, 10. Phaawulos “mammaaksa amantii” ilaalchisee Ximotewosiif akeekkachiisa akkamii kenne? Phaawulos kana kan dubbatte maal yaadatti qabatee taʼuu dandaʼa? (Miiljalee ilaali.)

9 Yeroo tokko tokko mallattoon daandii tokko, taʼe jedhamee akka jijjiirameefi kallattii dogoggoraa akka argisiisu hubachuun salphaadha. Yeroo kaanitti garuu haxxummaa raawwatame hubachuun ulfaataadha. Soba Seexanaa wajjin haala wal qabateenis kun dhugaadha. Yoo of eeggachuu baanne sobnisaa tokko tokko salphaadhumatti nu gowwoomsuu dandaʼa. Phaawulos ergamaan mala Seexanni gowwoomsuuf itti fayyadamu tokko, jechuunis “mammaaksa amantii” ilaalchisee akeekkachiisa kenneera. (1 Ximotewos 1:3, 4 dubbisi.) Mammaaksi amantii kun maalidha? Mammaaksa kanarraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti? Karaa gara jireenyaatti geessurraa akka hin badneef, deebii gaaffiiwwan kanaa beekuun keenya barbaachisaadha.

10 Akeekkachiisni Phaawulos mammaaksa amantii ilaalchisee kenne, kutaa ergaasaa isa duraa inni Ximotewos isa jaarsa tureef barreesseeti. Phaawulos, Ximotewos qulqullina gumichaa akka eeguufi obboloonni Yihowaadhaaf amanamoo akka taʼan akka gargaaru itti himeera. (1 Xim. 1:18, 19) Phaawulos jecha afaan Giriikii sheekkoo ykn waan dhugaa hin taane argisiisutti fayyadameera. Tarii, sobawwan amantii oduu durii namoonni uumanirraa dhufaniifi qalbii namaa hawwatan yaadatti qabatee taʼuu dandaʼa. * Phaawulos, mammaaksi akkasii ‘falma waan kaasuuf’ balaa akka qabu dubbateera. Kana jechuun namoonni mammaaksa akkasiitiif xiyyeeffannaa kennan, wantoota dhugaa hin taane ilaalchisee gaaffii erga kaasanii booda deebiisaanii barbaaduurratti yeroosaanii balleessu jechuudha. Gorsi Phaawulos mammaaksa amantii akka hin dhaggeeffanne kenne ifadha.

11. Seexanni namoota dogoggorsuuf amantii sobaatti haxxummaadhaan kan fayyadamu akkamitti? Akeekkachiisni dogoggora kanarraa fagaachuuf nu gargaaru kamidha?

11 Mammaaksi amantii yoo dammaqoo taʼuu baanne nu gowwoomsuu dandaʼu tokko tokko kamfaʼi? Yaanni “mammaaksa amantii” jedhu, soba ykn sheekkoo amantii ‘dhugaarraa akka garagallu’ nu godhu kamiyyuu kan argisiisudha. (2 Xim. 4:3, 4) Seexanni ‘ergamaa ifaa’ kan of fakkeessu siʼa taʼu, namoota dogoggorsuuf amantii sobaatti haxxummaadhaan fayyadama. (2 Qor. 11:14) Sabni Kiristiyaanaa barumsa Sillaasee, ibidda siiʼoliifi lubbuun hin duutu jedhu isa afoolaafi oduu durii keessatti balʼinaan dhagaʼamu dabalatee, maqaa Kiristiyaanummaatiin barumsawwan hedduu barsiisti. Sabni Kiristiyaanaa, ayyaanota akka Guyyaa Dhalootaa Yesus Kiristosiifi Faasikaa, aadaa gaarii fakkaataniyyuu amantii sobaafi namoota Waaqayyoon hin beeknerraa maddan ayyaaneffachuus ni jajjabeessiti. Akeekkachiisa Waaqayyo akka adda taanuufi ‘wanta xuraaʼaa akka harkaan hin qabne’ nuu kenne kan hordofnu yoo taʼe, mammaaksa amantiitiin hin dogoggorru.—2 Qor. 6:14-17.

12, 13. (a) Seexanni soba akkamii babalʼisa? Sobawwan kana ilaalchisee dhugaansaa maalidha? (b) Mammaaksa amantii Seexanni babalʼisuun akka hin gowwoomfamneef maal gochuu dandeenya?

12 Seexanni, sobawwan yoo of eeggachuu baanne nu dogoggorsuu dandaʼan gara biraas babalʼiseera. Fakkeenya tokko tokko ilaali. Soba tokkoffaa: Wanti tokko hamaafi gaarii taʼuunsaa miira keerratti kan hundaaʼedha. Ilaalchi akkasii sabqunnamtiifi bohaartiirratti balʼinaan ibsama. Ulaagaawwan Waaqayyoo ilaalchisee ilaalchi jalʼaan akkasii seera amalaa hunda akka cabsinu dhiibbaa nurratti gochuu dandaʼa. Seerri amalaa Waaqayyo biraa qofa argamuu dandaʼu baayʼee akka nu barbaachisu beekamaadha. (Er. 10:23) Soba lammaffaa: Waaqayyo dhimmawwan biyya lafaa keessa harkasaa hin galchu. Ilaalcha harʼuma qofaaf jiraadhu jedhu qabaachuun keenya, “warra dhimma baasan, warra ija godhatanis” akka hin taane nu gochuu dandaʼa. (2 Phe. 1:8) Dhugaasaa dubbachuuf garuu, guyyaan Yihowaa saffisaan dhihaachaa kan jiru siʼa taʼu nutis eeguu qabna. (Mat. 24:44) Soba sadaffaa: Waaqayyo dhuunfaatti siif hin yaadu. Soba Seexanaa kana amanuun keenya, Waaqayyo biratti jaallatamuu akka hin dandeenye yaaduudhaan abdii akka kutannu nu gochuu dandaʼa. Yihowaan garuu waaqeffattootasaa dhuunfaatti ni jaallata, bakka guddaas ni kennaaf.—Mat. 10:29-31.

13 Yaanniifi ilaalchi biyya lafaa Seexanni bulchu kanaa, alaan dhugaa fakkaachuu waan dandaʼuuf of eeggachuu keenya itti fufuu qabna. Haataʼu malee, Seexanni gowwoomsuutti beekamaa akka taʼe yaadadhu. Seexanni mammaaksa amantiitiin akka nu hin gowwoomsine yoo barbaanne, akeekkachiisa Macaafa Qulqulluu keessa jiruuf xiyyeeffannaa kennuun nu barbaachisa.—2 Phe. 1:16.

“Seexana Duukaa” Hin Buʼinaa

14. Phaawulos dubartoota gara ijoollee abbaan manaa irraa duʼeef akeekkachiisa akkamii kenne? Hundi keenya akeekkachiisa kana qalbeeffachuu kan qabnu maaliifi?

14 Mallattoo, “Daandiin kun Seexana duukaa nama buusa” jedhu tokko mee yaadi. Nu keessaa mallattoo akkasii kan hordofu jiraa? Taʼus Phaawulos, karaa hedduu Kiristiyaanonni of murteessan “Seexana duukaa buʼuu” itti dandaʼan ilaalchisee akeekkachiisa kenneera. (1 Ximotewos 5:11-15 dubbisi.) Phaawulos gorsa kana kan kenne “dubartoota gara ijoollee warra abbaan manaa irraa duʼe” tokko tokkoof taʼus, seerri buʼuuraa inni caqase hunda keenyaaf ni hojjeta. Dubartoonni jaarraa jalqabaa sun Seexana duukaa buʼaa akka jiran hin yaanne taʼa; gochisaanii garuu isa duukaa buʼaa akka jiran argisiisa. Utuu hin beekinillee Seexana duukaa buʼuurraa of eeguu kan dandeenyu akkamitti? Jette jettee ykn hamii gadhee ilaalchisee akeekkachiisa Phaawulos kenne haa ilaallu.

15. Kaayyoon Seexanaa maalidha? Phaawulos malawwan Seexanaa kan ibse akkamitti?

15 Kaayyoon Seexanaa amantii keenya balleessuu, jechuunis misraachicha akka hin lallabne gochuudha. (Mul. 12:17) Seexanni kana galmaan gaʼuuf, sochiiwwan yeroo guban ykn nu gidduutti garaagarummaa uumaniin akka qabamnu gochuu yaala. Phaawulos mala Seexanaa akkamitti akka ibse hubadhu. ‘Hojii malee kan taaʼan, kan laban.’ Bara teknooloojii kanatti, fakkeenyaaf ergaa barbaachisaa hin taane ykn gadhee taʼe moobaayiliidhaan namaa erguudhaan salphaadhumatti yeroo keenyas taʼe kan warra kaanii gubuu dandeenya. Kan nama hamatan. Hamii gadheen, maqaa balleessuu isa yeroo baayʼee qoccolloo kaasuutti geessa. (Fak. 26:20) Beekanis beekuu baatanis namoonni maqaa balleessan fakkeenya Seexanaa hordofu. * ‘Dhimma namaa keessa kan lixan.’ Namoonni dhimma dhuunfaasaanii akkamitti raawwachuu akka qaban isaanitti himuun mirga keenya miti. Dhibaaʼummaafi amalli gadheen akkasii, hojii misraachoo Mootummichaa labsuu Waaqayyo nuu kennerratti akka hin xiyyeeffanne nu gochuu dandaʼa. Hojii Yihowaa dammaqinaan deggeruu yoo dhaabne, Seexana duukaa buʼaa jirra jechuudha. Hundi keenya eenyuun akka deggerru filachuu qabna.—Mat. 12:30.

16. Gorsi ‘Seexana duukaa akka hin buune’ nu gargaaruu dandaʼu kamidha?

16 Gorsa Macaafa Qulqulluu hordofuun keenya, “Seexana duukaa buʼuu” dhiisuuf nu gargaaruu dandaʼa. Gorsa gaarii Phaawulos kenne tokko tokko ilaali. “Hojii gooftaa caalchisaa hojjedhaa!” (1 Qor. 15:58) Hojii Mootummichaatiin qabamuun keenya, dhibaaʼoo taʼuufi wantoota yeroo keenya guban hordofuurraa nu eega. (Mat. 6:33) Dubbii “cimsu” dubbadhaa. (Efe. 4:29) Hamii gadhee dhaggeeffachuufi babalʼisuurraa fagaachuuf murteessaa. * Namoota hidhata amantii keessan taʼanirratti amantaa qabaadhaa, akkasumas isaan kabajaa. Akkas yoo goone dubbii diigu utuu hin taʼin dubbii cimsu dubbanna. “Maayii keessan dhimma baafachuu” irratti xiyyeeffadhaa. (1 Tas. 4:11) Karaa dhimma dhuunfaasaanii keessa akka hin galleefi akka isaan hin salphisne argisiisuun namoota akka jaallattan argisiisaa. Wanta namoonni ofiisaaniitiif murteeffachuu qabanirratti yaada keenya akka fudhatan dhiibbaa isaanirratti gochuu akka hin qabnes yaadadhaa.—Gal. 6:5.

17. (a) Yihowaan wanta hordofuu hin qabne ilaalchisee kan nu akeekkachiise maaliifi? (b) Karaa Yihowaan akka hordofnu barbaadu ilaalchisee murtoonkee maalidha?

17 Yihowaan wanta hordofuu hin qabne nutti himuusaatti baayʼee galateeffanna! Haataʼu malee, Yihowaan akeekkachiisa mataduree darberrattis taʼe kanarratti ilaalle kan nuu kenne, jaalalasaa isa guddaadhaan kakaʼee akka taʼe hin irraanfatinaa. Rakkina guddaa “mallattoo daandii” Seexanni nama dogoggorsuuf kaaʼe hordofuudhaan gaʼurraa akka oollu barbaada. Karaan Yihowaan akka irra adeemnu barbaadu dhiphaa taʼus, bakka hunda caalaa gaarii taʼe jechuunis jireenya barabaraatti kan geessudha. (Mat. 7:14) Murtoo gorsa Yihowaan “Karichi isa kana, isa irra adeemaa!” jechuudhaan kenne hordofuuf goonetti haa jabaannu.—Isa. 30:21.

[Miiljaleewwan]

^ key. 4 “Gantummaa” jechuun, waaqeffannaa dhugaa dhiisanii baʼuu, duubatti jechuu, dhiisanii deemuu, finciluu jechuudha.

^ key. 10 Fakkeenyaaf, kitaabota appookiriifaa (kitaaba dhugaarratti hin hundoofne) keessaa tokko kan taʼe Xoobbiit (Xoobbiyaas), Dh.K.D. naannoo jaarraa sadaffaatti barreeffameefi bara Phaawulositti ture, amantii sobaafi seenaa hafuura xuraaʼummaa wajjin wal qabateefi akka dhugaatti dhihaateen kan guutamedha.—Insaayit Oon za Iskiriipcharsi, Jildii 1, fuula 122 ilaali.

^ key. 15 Jechi “diiyaabilos” jedhu afaan Giriikiitiin diyaabolos yommuu taʼu, “maqaa balleessituu” jechuudha. Jechi kun maqaa kan biraa Seexanni inni maqaa balleessituu isa guddaa taʼe ittiin waamamudha.—Yoh. 8:44; Mul. 12:9, 10.

Maal Jettee Deebista?

Akeekkachiisa caqasoota armaan gadiirratti ibsame dhuunfaatti hojiirra oolchuu kan dandeessu akkamitti?

2 Phexros 2:1-3

1 Ximotewos 1:3, 4

1 Ximotewos 5:11-15

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Saanduqa/​Fakkii fuula 19⁠rra jiru]

 Baallee Qilleensa Keessa Bittimsuu

[Fakkii fuula 19⁠rra jiru]

Mammaaksi Yihudoota durii tokko, miidhaa hamii gadhee babalʼisuun geessisu akka gaariitti ibsa. Mammaaksi kun karaa garaagaraa kan dubbatamu taʼus, ergaa armaan gadii kan dabarsudha.

Namichi tokko magaalaa keessa naannaʼee nama magaalaa sana keessatti ogummaasaatiin beekamu tokko maqaa balleesse. Booda, namichi hamattuun kun akka dogoggore hubatee ogeessicha akka kiisu waadaa galuudhaan dhiifama akka isaaf godhu gaafate. Ogeessichis namichi kun waan tokko akka godhu itti hime: Hamattuun sun boraatii baalleerraa hojjetame tarsaasee baallee isa keessa jiru qilleensatti akka bittimsu itti hime. Namichi hamattuun kun ajajichi isaa galuu baatus, wanta ajajame erga godhee booda gara ogeessichaatti deebiʼe.

“Am Amma dhiifama naa gooteettaa?” jedhee gaafate.

Ogeessi sun, “Dura dhaqii baallee sana hunda sassaabi” jedhee deebiseef.

Namichis, “Akkamittan dandaʼa? Qilleensi baalleewwan sana bittimseera” jedheen.

Ogeessichis, “Akkuma baalleewwan sun iddoo baayʼeetti bittimsaman, sobnikees namoota baayʼee bira gaʼeera” jedhee deebiseef.

Barumsi kanarraa argamu ifadha. Dubbii afaanii baʼe deebisuus taʼe miidhaa inni geessise fayyisuun hin dandaʼamu. Waaʼee namootaa wanta gadhee dubbachuu keenya dura, wanti dubbannu akkuma baallee qilleensa keessa akka bittimfamu yaadachuun gaariidha.

[Fakkii fuula 16⁠rra jiru]

Namoonni tokko tokko gantoota manasaaniitti kan simatan akkamitti taʼuu dandaʼa?