Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yaada Waaqeffannaa Maatiifi Qayyabannaa Dhuunfaaf Gargaaru

Yaada Waaqeffannaa Maatiifi Qayyabannaa Dhuunfaaf Gargaaru

Yaada Waaqeffannaa Maatiifi Qayyabannaa Dhuunfaaf Gargaaru

JALQABA bara 2009⁠tti gumiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa addunyaa maratti argaman sagantaa walgaʼiisaaniirratti sirreeffama godhaniiru. Walgaʼiiwwan lama guyyaa tokkotti akka geggeeffaman kan godhame siʼa taʼu, hundisaanii yeroo walgaʼiif itti fayyadamaa turan kanatti waaqeffannaa maatii ykn qayyabannaa dhuunfaa akka godhan jajjabeeffamaniiru. Atoo qophii haaraa kanarraa faayidaa argachaa jirtaa? Akka gaariitti itti fayyadamaa jirtaa?

Obboloonni tokko tokko waaqeffannaa maatiirratti wanta qayyabatan gaafataniiru. Kana ilaalchisee Qaamni Olaanaa qajeelfama maatiiwwan hundaatiif hojjetu baasuun isa hin barbaachisu. Haalli namootaa garaagara waan taʼeef, mataawwan maatii ykn abbaan qayyabatu sun, yeroo kana karaa gaarii taʼeen akkamitti akka itti fayyadaman murteessuu qabu.

Obboloonni tokko tokko walgaʼiiwwan gumiitiif qophaaʼuuf itti fayyadamaa kan jiran taʼus, waaqeffannaan maatii kanuma qofaan daangeffamuu hin qabu. Kaanimmoo, keessumaa faayidaa ijoollee xixinnoo taʼaniif jecha, seenaa Macaafa Qulqulluu dubbisu, irratti mariʼatu, akkasumas diraamaadhaan dhiheessu. Sagantaa kana yeroo hundumaa akkuma walgaʼii gumii gaaffiifi deebiidhaan gochuun nama hin gammachiisu; barbaachisaas miti. Karaa nama hin dhiphisneen godhamuunsaa maree nama gammachiisu gochuufi yaada wal jijjiiruuf gargaara. Haalli akkasii jiraachuunsaa dandeettii waa uumuutti akka fayyadaman kan godhu taʼuusaarrayyuu, guutummaa maatichaatiif yeroo hin irraanfatamneefi gammachiisaa akka taʼu godha.

Abbaan ijoollee sadii qabu tokko akkas jedhee barreesseera: “Wanti yeroo baayʼee gochaa jirru Macaafa Qulqulluu dubbisuudha. Hundi keenya dursinee boqonnaawwan kana ni dubbisna, ijoolleen yaada tokko achi keessaa fudhatanii qorannaa irratti godhu; wanta argatan sanas ni dhiheessu. Mikaaʼel [umriinsaa waggaa torba] yeroo baayʼee fakkii tokko kaasa ykn keeyyata tokko barreessa. Deevidiifi Keetliinimmoo [umriinsaanii waggaa 13fi 15] seenaan Macaafa Qulqulluu tokko yeroo raawwatamu akka nama achi ture tokkoo taʼanii barreessu. Fakkeenyaaf, seenaa waaʼee Yoseef abjuu hojjettoota Faraʼoon eegduu warra buddeena tolchaniifi eegduu warra dhugaatii dhiheessanii akka hiike ibsu siʼa dubbisnu, Keetliin akka nama yeroo haalli sun raawwatamu mana hidhaa sana keessa turtetti barreessite.”—Uma. boq. 40.

Haalli namootaa garaagara akka taʼe beekamaadha. Wanti nama tokkoof ykn maatii tokkoof taʼu isa kaaniif hin taʼu. Saanduqni kanaa wajjin wal qabatee jiru yaadawwan waaqeffannaa maatii ykn qayyabannaa dhuunfaa gochuuf gargaaran hedduu qabateera. Haataʼu malee, wantoonni gochuu dandeessan kan biraa hedduunis jiraachuu dandaʼu.

[Saanduqa/​Fakkii fuula 6, 7⁠rra jiru]

Maatii ijoollee waggoota kurnanii keessa jiran qabuuf:

• Yaadawwan kitaaba Gaaffiiwwan Dargaggootaafi—Deebiiwwan Hojiirra Ooluu Dandaʼan jedhamurra jiran dubbisaatii irratti mariʼadhaa. (Amaariffa)

• Yeroo seenaan Macaafa Qulqulluurra jiru raawwatamu akka jirtan godhaa yaadaa. (Masaraa Eegumsaa Caamsaa 15, 1996, fuula 14, keeyyata 17-18 ilaali. (Amaariffa)

• Galma yeroo dheeraafi yeroo gabaabaatti irra gaʼuu dandeessanirratti mariʼadhaa.

• Yeroo yerootti viidiyoo Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼe ilaaluudhaan irratti mariʼadhaa.

• Mataduree Masaraa Eegumsaa “Dargaggootaaf” jedhurratti mariʼadhaa.

Hiriyoota gaaʼelaa ijoollee hin qabneef:

• Kitaaba Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Dandaʼu Akkamitti? jedhamu, boqonnaa 1, 3, 11-16⁠rratti mariʼadhaa.

• Yaada qorannaa dubbisa Macaafa Qulqulluurraa argattan walitti himaa.

• Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii ykn Qayyabannaa Masaraa Eegumsaaf qophaaʼaa.

• Karaa waliin taatanii tajaajila keessan itti babalʼifachuu dandeessanirratti mariʼadhaa.

Obbolootaafi obboleettota qeenteef ykn warra maatiinsaanii Dhugaa Baatota hin taaneef:

• Barreeffamoota haaraa walgaʼii koonyaarratti baʼan qayyabadhu.

Kitaaba Waggaa dhihoo baʼeefi kan ture dubbisi.

• Gaaffii beekamaa namoonni tajaajilarratti kaasanirratti qorannoo godhi.

• Akkaataa dhiheenyaa tajaajilaaf gargaaru qophaaʼi.

Maatii ijoollee xixinnoo qabuuf:

• Seenaa Macaafa Qulqulluu diraamaadhaan dhiheessaa.

• Taphawwan dandeettii waa yaadachuu qoruuf gargaaran, kan akka barruu Dammaqaa! fuula 30fi 31⁠rratti baʼan taphadhaa. (Amaariffa)

• Darbee darbee wantoota seenaa tokko keessatti caqasaman fakkeessaa hojjedhaa. (Mataduree “Carraaqqii Kan Gaafatu Taʼus Nama Hin Gaabbisiisu!” jedhuufi Masaraa Eegumsaa Guraandhala 15, 2011, fuula 11⁠rra jiru ilaali.)

• Mataduree Masaraa Eegumsaa “Ijoollee Keessan Barsiisaa” jedhurratti mariʼadhaa.