Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Masiihicha Argataniiru!

Masiihicha Argataniiru!

Masiihicha Argataniiru!

“Masiihicha arganneerra.”—YOH. 1:41.

1. Indiriyaas, “Masiihicha arganneerra” jedhee akka dubbatu kan isa godhe maalidha?

YOHANNIS CUUPHAAN bartootasaa lamaanii wajjin dhaabachaa ture. Yommuu Yesus garasaatti dhufu, “Ilaa hoolicha Waaqayyoo” jedhe. Indiriyaasiifi bartuun kan biraa tokko yerosuma Yesus duukaa buʼanii isaa wajjin oolan. Yeroo boodas, Indiriyaas obboleessasaa Simiʼooniin argee, “Masiihicha arganneerra” jedhee itti himuudhaan gara Yesusitti isa geesse.—Yoh. 1:35-41.

2. Raajiiwwan waaʼee Masiihichaa dubbataman gad fageenyaan qoruun faayidaa kan nuuf argamsiisu akkamitti?

2 Yeroo booda, Indiriyaas, Phexrosiifi ergamoonni Yesus kaan Caaffata Qulqullaaʼoo gad fageenyaan qoruufi Yesus inni Naazireet Masiihicha abdachiifame taʼuusaa sodaa tokko malee labsuuf carraa gaarii argataniiru. Nutis raajiiwwan waaʼee Masiihichaa dubbataman qoruu keenya yommuu itti fufnu, amantiin Dubbii Waaqayyoofi isa inni Diberratti qabnu ni guddata.

‘Mootiin Keessan Dhufeera’

3. Yesus akka mootii injifataatti gara Yerusaalemitti galuunsaa raajiiwwan kamfaa akka raawwataman godheera?

3 Masiihichi akka mootii injifataatti gara Yerusaalemitti gala. Raajiin Zakaariyaas akkas jedha: “Isin yaa namoota Xiyoon, guddaa gammadaa! Isin yaa namoota Yerusaalem, guddisaatii sagalee gammachuu dhageessisaa! Kunoo, mootiin keessan inni qajeelaan, inni moʼaan, gad of deebisee, harree yaabbii keessaa ilmoo harree irra taaʼee gara keessan in dhufa.” (Zak. 9:9) Faarfatichi, “Maqaa Waaqayyootiin [“Yihowaatiin,” NW] inni dhufu eebbifamaa haa taʼu!” jedhee barreesseera. (Far. 118:26) Yesus tuutni namootaa sun akkas akka godhan dhiibbaa isaanirratti gochuu akka hin dandeenye beekamaadha. Haataʼu malee, raawwii raajii kanaa wajjin haala walsimuun, namoonni hedduun akka tasaa gammachuu guddaadhaan iyyan. Seenaa kana yommuu dubbistan haala sana akka argitaniifi sagalee gammachuu sana akka dhageessan godhaa yaadaa.—Maatewos 21:4-9 dubbisi.

4. Faarfannaan 118:22, 23 akkamitti akka raawwatame ibsi.

4 Namoonni hedduun akka Masiihiitti isa simachuu baatanis, Yesus Waaqayyo duratti iddoo guddaa qabaata. Akkuma raajiidhaan dubbatame namoonni ragaa kanatti amanuu didan, Yesusiin ‘tuffataniiru, homaattis isa hin lakkoofne.’ (Isa. 53:3; Mar. 9:12) Haataʼu malee, faarfatichi hafuuraan geggeeffamee, “Dhagaan inni warri ijaartuun tuffatan, isa mataa golee qajeelchu taʼe. Kun Waaqayyo biraa taʼe” jedhee barreesseera. (Far. 118:22, 23) Yesus geggeessitoonni amantii isa mormaa turan caqasa kana akka hubatan kan godhe siʼa taʼu, Phexrosimmoo caqasni kun Kiristosirratti raawwatamuusaa dubbateera. (Mar. 12:10, 11; HoE. 4:8-11) Yesus gumii Kiristiyaanaatiif “dhagaa mataa golee qajeelchu” taʼeera. Namoonni Waaqayyoon hin beekne Yesusiin tuffatanis, inni “isa foʼamaa, isa gati-qabeessa[dha].”—1 Phe. 2:4-6.

Dabarfamee Kennama, Akkasumas Isa Dhiisanii Baqatu!

5, 6. Raajiin Masiihichi dabarfamee akka kennamu dubbatame kamidha? Kan raawwatamehoo akkamitti?

5 Masiihichi michuu hamaa taʼe tokkoon dabarfamee akka kennamu raajiidhaan dubbatameera. Daawit, “Namni garaa kootii, inni ani amanadhe, inni buddeena koo nyaate illee ana dhiituuf miilla ol fudhate” jedhee dubbateera. (Far. 41:9) Namni buddeena namaa wajjin nyaatu akka michuu ofiitti ilaalama. (Uma. 31:54) Kanaaf, Yihudaa inni biyya keriyot Yesusiin dabarsee kennuunsaa gantummaa guddaadha. Yesus namni dabarsee isa kennu eenyu akka taʼe yommuu ergamootasaatti himu, raajiin Daawit kana ilaalchisee dubbate raawwatamuusaa caqaseera. Raajichi akkas jedha: “Ani waaʼee hunduma keessaniitiif hin dubbadhu, warra ani foʼadhe immoo beeka; inni macaafni, ‘Namichi buddeena koo nyaate na dhiite!’ jedhu garuu, raawwatamuun in taʼa.”—Yoh. 13:18.

6 Namni Masiihicha dabarsee kennu gatii garba tokko ittiin bitan, jechuunis meetii guroo 30 fudhata. Maatewos, Zakaariyaas 11:12, 13⁠rraa caqasuudhaan Yesus gatii gadaanaa akkasiitiin dabarfamee akka kenname ibseera. Haataʼu malee Maatewos raajii kana, “Inni Ermiyaas raajichi dubbate” kan jedhe maaliifi? Bara Maatewositti Macaafni Ermiyaas macaafota kutaa Macaafa Qulqulluu isa raajii Zakaariyaas dabaltu keessatti jalqabarra waan jiruuf taʼuu hin oolu. (Luqaas 24:44 waliin ilaali.) Yihudaan qarshii hammeenyaan fudhate sana mana sagadaa keessatti bittimsee waan of ajjeeseef matumaa itti hin fayyadamne.—Mat. 26:14-16; 27:3-10.

7. Zakaariyaas 13:7 kan raawwatame akkamitti?

7 Bartoonni Masiihichaas ni bittimmaaʼu. Zakaariyaas, “Hoolonni akka bittimmaaʼaniif tiksee rukuti!” jedhee barreesseera. (Zak. 13:7) Yesus Dh.K.B. Niisaan 14, 33 bartootasaatiin, “Isin hundumti keessan edana ana mamtanii na buusuuf jirtu, ‘Ani tiksee rukutee lafaan nan dhaʼa, hoolonni karra sanaas in bittimfamu’ jedhamee caafameera” jedhee ture. Maatewos, “Bartoonni hundinuu [Yesusiin] dhiisanii in baqatan” jedhee waan barreesseef kun sirriitti raawwatameera.—Mat. 26:31, 56.

Sobaan Himatama; Ni Reebamas

8. Isaayaas 53:8 kan raawwatame akkamitti?

8 Masiihichi sobaan himatama; duutis itti murteeffama. (Isaayaas 53:8 dubbisi.) Niisaan 14 ganama guutummaan yaaʼii warra Yihudootaa walgaʼanii, Yesusiin hidhanii dabarsanii Bulchaa warra Roomaa Phonxos Philaaxositti kennan. Philaaxos, Yesusiin kan qore taʼus balleessaa tokkollee isarratti hin arganne. Philaaxos Yesusiin gadhiisuuf yommuu gaafatu, tuutni namootaa “Isa fannisi!” jedhanii kan iyyan siʼa taʼu, Barabbaa isa yakkamaa akka isaaniif hiiku gaafatan. Philaaxos namoota walitti qabaman sana gammachiisuu waan barbaadeef, Barabbaan akka gadhiifamu, Yesusimmoo reebamee akka fannifamu dabarsee isaanitti isa kenne.—Mar. 15:1-15.

9. Bara Yesus lafarra turetti raajiin Faarfannaa 35:11⁠rra jiru kan raawwatame akkamitti?

9 Namoonni Masiihicharratti sobaan dhugaa baʼu. Daawit faarfatichi, “Dhuga-baatonni sobduun jalʼinaan anatti kaʼanii, gaaffiidhaan wanta ani hin beekne ana irra in kaaʼu” jedheera. (Far. 35:11) Raajii kanaa wajjin haala walsimuun, “Luboonni warri angafoonni, guutummaan yaaʼii warra Yihudootaas, akka ittiin Yesusin ajjeesaniif, amansiisa sobaa isa irratti in barbaadu turan.” (Mat. 26:59) Dhugaadha, “Namoonni baayʼeen sobaan yoo isa irratti dhugaa baʼan iyyuu, dubbiin isaanii wal hin fudhanne.” (Mar. 14:56) Diinonni Yesus isa ajjeesuuf kutatanii waan kaʼaniif, sobaan isarratti dhugaa baʼuunsaanii isa hin dinqisiisne.

10. Isaayaas 53:7 akkamitti akka raawwatame ibsi.

10 Masiihichi namoota sobaan isa himataniif deebii hin kennine. Isaayaas akkas jechuudhaan raajii dubbateera: “Isa in cunqursan, in dhiphisanis, inni garuu waan tokko iyyuu hin dubbanne; akkuma ilmoo hoolaa ishee qalamuudhaaf geeffamtuutti in oofame, akkuma hoolaan yommuu rifeensa irraa muran cal jettuus, inni calluma jedhe malee, afaan isaa hin saaqqanne.” (Isa. 53:7) Yesus, “isa luboonni warri angafoonnii fi maanguddoonni isa hadheessan irratti . . . deebii hin laanne.” Philaaxos, “Waan isaan kun si irratti dhugaa baʼan kana hundumaa hin dhageessuu?” jedhee gaafate. Yesus garuu, “dubbii tokkoof iyyuu deebii isaaf hin laanne; bulchaan biyyaas kanatti guddaa dinqifate.” (Mat. 27:12-14) Yesus namoota sobaan isa himatan hin arrabsine.—Rom. 12:17-21; 1 Phe. 2:23.

11. Raajiiwwan Isaayaas 50:6fi Miikiyaas 5:1⁠rra jiran kan raawwataman akkamitti?

11 Isaayaas Masiihichi akka reebamu raajii dubbateera. “Ani dugda koo warra na rukutanitti, maddii koos warra areeda koo ana irraa buqqisanitti nan qabe; fuula koo warra anatti tufanii fi warra anatti gaʼisan jalaa hin dhoksine” jedhee barreesseera. (Isa. 50:6) Miikiyaasis, “Warri nu marsan isa Israaʼelin seerratu uleedhaan maddii isaa in rukutu” jedhee raajii dubbateera. (Mik. 5:1) Maarqos inni barreessaa Wangeelaa ture, raajiin kun akka raawwatame yeroo mirkaneessu akkas jedheera: “Jarreen tokkos isatti tufan, ija isaas hidhanii rukutanii, ‘Eenyutu si rukute? Raajii keetiin nutti himi!’ ittiin jedhu turan; warri eegdonnis isaan harkaa fudhatanii isa kakkabalan.” Maarqos eegdonni sun, “Uleedhaan mataa isaa rurrukutanii, itti tufanii [itti gaʼisuuf] jilbeenfatanii sagadaniif” jedheera. (Mar. 14:65; 15:19) Namoonni sun Yesusirratti miidhaa akkasii geessisuuf sababii tokkollee akka hin qabne beekamaadha.

Hamma Duʼaatti Amanaa Taʼeera

12. Faarfannaan 22:16fi Isaayaas 53:12 Yesusirratti kan raawwataman akkamitti?

12 Masiihichi akkamitti akka fannifamu raajiidhaan dubbatameera. Daawit faarfatichi, “Warra hamaa godhaniis ana in marsan, harka koo fi miilla koos uranii in fullaasan” jedheera. (Far. 22:16) Maarqos seenaa namoonni Macaafa Qulqulluu dubbisan akka gaariitti beekan kana yommuu barreessu, “Yeroon isa fannisanis bariʼee saʼaatii sadiitti ture” jedheera. (Mar. 15:25) Masiihichi cubbamootaa wajjin akka lakkaaʼamus raajiidhaan dubbatameera. Isaayaas, “Lubbuu isaa duʼatti dabarsee kennee, warra balleessaa qabanii wajjinis [in] lakkaaʼame” jedhee barreesseera. (Isa. 53:12) Kanaaf, “saamtonni lama [Yesusii] wajjin, inni tokko mirga isaatti, inni kaan immoo bitaa isaatti fannifaman.”—Mat. 27:38.

13. Faarfannaan 22:7, 8 Yesusirratti kan raawwatame akkamitti?

13 Daawit, Masiihichatti akka gaʼifamu raajii dubbatee ture. (Faarfannaa 22:7, 8 dubbisi.) Yesus mukarratti fannifamee utuu dhiphachaa jiruu akka arrabsame Maatewos yeroo ibsu akkas jedhee dubbateera: “Warri achiin darbanis mataa isaanii raasanii, ‘Ati isa mana qulqullummaa jigsitee, guyyaa sadiitti ijaartu, ilma Waaqayyoo yoo taate mee of oolchi! Fannoo irraas gad buʼi!’ jedhanii in arrabsu turan.” Luboonni warri angafoonni, barsiisonni seeraafi maanguddoonnis akkas jedhanii itti gaʼisan: “Inni namoota biraa oolcheera, ofii isaa immoo oolchuu hin dandaʼu. Inni mootii Israaʼel erga taʼee, mee amma fannoo irraa gad haa buʼu nus isatti in amanna. Inni Waaqayyoon amanateera, Waaqayyo immoo yoo isatti gammade isa haa oolchu; innumtuu ‘Ani ilma Waaqayyoo ti’ jedheera jedhan.” (Mat. 27:39-43) Yesus dhiphatus, wanta isarra gaʼe hunda obseera; wanti hamaanis afaansaa keessaa hin baane. Inni fakkeenya guddaa nuuf taʼa!

14, 15. Raajiiwwan wayyaafi dhugaatii dhangaggaaʼaa ilaalchisanii dubbataman Masiihicharratti akkamiitti akka raawwataman ibsi.

14 Wayyaa Masiihichaa fudhachuuf muka buufatu. Faarfatichi, “Isaan uffata koo in hirmaatan, wayyaa koottis muka in buufatan” jedhee barreesseera. (Far. 22:18) Wanti raawwatames kanuma ture: “[Loltoonni Roomaa] erga isa fannisanii booddee muka buufatanii uffata [Yesus] hirmaatan.”—Mat. 27:35; Yohannis 19:23, 24 dubbisi.

15 Dhugaatiin dhangaggaaʼuufi hadhaaʼu Masiihichaaf ni kennama. Daawit, “Hadhaa akkan nyaadhuuf anaaf kennuu, dhugaatii dhangaggaaʼes dheebuuf akka ani dhuguuf anatti hiixatan” jedheera. (Far. 69:21) Maatewos kana ilaalchisee akkas jechuudhaan nutti hima: “Loltoonni achitti daadhii waynii hadhooftuudhaan makame haa dhuguuf [Yesusiif] kennaniif; inni garuu afaaniin qabee, dhuguu jibbe. Achumaan immoo tokko isaan keessaa fiigee waan akka cumaa buqqee hadhaaʼaa, isa daadhii waynii dhangaggaaʼaan guutame fuudhee uleetti kaaʼee, akka inni dhuguuf kenneef.”—Mat. 27:34, 48.

16. Raajiin Faarfannaa 22:1⁠rra jiru akkamitti akka raawwatame ibsi.

16 Masiihichi Waaqayyo kan isa dhiise fakkaata ture. (Faarfannaa 22:1 dubbisi.) Akkuma raajiidhaan dubbatame, “Saʼaatii sagalittis Yesus sagalee guddaadhaan, ‘Eloʼii, Eloʼii lamaa sabaktanii?’ jedhee waammate; kunis, ‘Waaqayyo ko, Waaqayyo ko maaliif na dhiifte?’ jechuutti in hiikama.” (Mar. 15:34) Yesus kana kan dubbate amantaa Abbaasaa isa samiirratti qabu waan dhabeef hin turre. Waaqayyo Yesusiif eegumsa gochuu dhiisuudhaan diinotasaatti dabarsee kan isa dhiise, amanamummaansaa guutummaatti akka qoramuuf jedhee taʼuu dandaʼa. Yesus sagalee guddaadhaan yeroo dubbatetti raajiin Faarfannaa 22:1⁠rra jiru raawwatameera.

17. Zakaariyaas 12:10fi Faarfannaa 34:20 kan raawwataman akkamitti?

17 Masiihichi ni waraanama; lafeensaa garuu hin cabu. Namoonni Yerusaalem jiraatan, “isaanis isa waraanan sana in ilaalu.” (Zak. 12:10) Faarfannaan 34:20, “Lafee dhagna isaa hundumaa [Waaqayyo] in eega, isaan keessaas tokko illee hin cabu” jedha. Yohannis ergamaan kana ilaalchisee akkas jedhee barreesseera: “Warra loltuu keessaa inni tokko eeboodhaan cinaacha [Yesus] waraannaan, yommusuma dhiignii fi bishaan keessaa lolaʼe. Inni kana arge dhugaa baʼeera, wanti inni dhugaa baʼes amanamaa dha . . . Inni macaafni, ‘Lafeen isaa tokko illee hin cabsamu’ jedhe haa raawwatamuuf taʼe. Macaafni iddoo biraatti immoo, ‘Garuma isa waraananii in ilaalu’ jedhe[era].”—Yoh. 19:33-37.

18. Yesus bakka sooressonni awwaalamanitti kan awwaalame akkamitti?

18 Masiihichi bakka awwaalaa sooressootaatti awwaalama. (Isaayaas 53:5, 8, 9 dubbisi.) Niisaan 14 gara galgalaa, “sooressi mandara Armaatiyaa, Yoseef jedhamu tokko” reeffi Yesus akka isaaf kennamu Philaaxosiin kan gaafate yommuu taʼu, innis reeffi Yesus akka isaaf kennamu heyyameera. Seenaan Maatewos barreesse itti dabaluudhaan akkas jedha: “Yommus Yoseef reefficha fuudhee, wayyaa haarrii quncee talbaa irraa dhaʼameen kafanee, awwaala isa reefuu ofii isaatiif garaa dhagaa keessatti tolfate keessa kaaʼe; dhagaa guddaas gara balbala awwaalichaatti gangalchee, adeeme.”—Mat. 27:57-60.

Masiihicha Isa Mootii Taʼe Faarsaa!

19. Raajiin Faarfannaa 16:10⁠rra jiru kan raawwatame akkamitti?

19 Masiihichi duʼaa kaafama. Daawit, “Ati [Yihowaan] iddoo lafa jalaattii ana hin laattu [“hindhiiftu,” hiika bara 1899]” jedhee barreesseera. (Far. 16:10) Dubartoonni bakka reeffi Yesus kaaʼamee ture dhufan hangam akka dinqisiifatan yaadaa! Ergamaan foon uffatee achitti argan tokko akkas isaaniin jedhe: “Naatanii hin dinqifatinaa! Isin Yesus nama Naazireet isa fannifamee ture barbaaddu; innoo kaʼeera, as hin jiru, ilaa, iddoo isaan isa ciibsanii turan iyyuu!” (Mar. 16:6) Phexros ergamaan namoota baayʼee Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqostee Yerusaalemitti walgaʼanii turaniif akkas jedhee labseera: “Kanaaf [Daawit] duraan dursee argee, waaʼee duʼaa kaʼuu Kristosiif, ‘Inni iddoo warra duʼaniitti hin dhiifamne, foon isaas tortoratti hin kennamne’ jedhee raajii dubbate.” (HoE. 2:29-31) Waaqayyo qaamni Ilmasaa isa jaallatamaa akka tortoru hin heyyamne. Kanaa mannaa, Yihowaan dinqiidhaan Yesus qaama hafuuraa akka qabaatu godhee duʼaa isa kaaseera!—1 Phe. 3:18.

20. Bulchiinsa Masiihichaa ilaalchisee wanti raajiidhaan dubbatame maalidha?

20 Akkuma raajiidhaan dubbatame, Waaqayyo Yesus Ilmasaa akka taʼe dubbateera. (Faarfannaa 2:7; Maatewos 3:17 dubbisi.) Akkasumas namoonni baayʼeen Yesusiifi Mootummaa dhufaa jiru faarsanii turan; nuyis yeroo ammaa waaʼee Yesusiifi bulchiinsasaa isa eebbifamaa gammachuudhaan labsina. (Mar. 11:7-10) Kiristos dhiheenyatti, ‘dubbii dhugaa, garraamummaafi qajeelina feʼatee kaʼuudhaan’ diinotasaa balleessa. (Far. 2:8, 9; 45:1-6) Yeroo sana bulchiinsisaa addunyaa maratti nagaafi badhaadhina argamsiisa. (Far. 72:1, 3, 12, 16; Isa. 9:6, 7) Dhugaa Baatotasaa taʼuudhaan, Yihowaa isa Ilmisaa inni jaallatamaan samiirratti Mootii Mootummaa Masiihichaa taʼee bulchaa jiruu labsuun mirga guddaadha!

Maal Jettee Deebista?

• Yesus dabarfamee kan kennameefi bartoonnisaa isa dhiisanii kan baqatan akkamitti?

• Raajiiwwan Yeroo Yesus fannifamu akka raawwataman dubbataman tokko tokko kamfaʼi?

• Yesus Masiihicha abdachiifame taʼuusaa akka amantu kan si godhe maalidha?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 13⁠rra jiru]

Yesus akka mootii taʼee gara Yerusaalemitti yeroo gale raajiiwwan raawwataman kamfaʼi?

[Fakkii fuula 15⁠rra jiru]

Yesus cubbuu keenyaaf jedhee kan duʼe taʼus, yeroo ammaa Mootii Mootummaa Masiihichaa taʼee bulchaa jira