Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yihowaan ‘Waaqa Nagaa Kennudha’

Yihowaan ‘Waaqa Nagaa Kennudha’

Yihowaan ‘Waaqa Nagaa Kennudha’

“Waaqayyo inni nagaa kennus hunduma keessan bira haa jiraatu!” —ROM. 15:33.

1, 2. Uumama boqonnaa 32fi 33⁠rratti haala nama dhiphisu akkamiitu ibsame? Buʼaansaahoo maal ture?

IDDOONSAA Pheeniʼelitti dhihoo siʼa taʼu, iddoon kun kallattii bahaa laga Yordaanosiin dachaa Yaaboq dhihootti argama. Esaawuu, obboleessisaa Yaaqoob inni lakkuun gara biyyaatti deebiʼaa akka jiru dhagaʼeera. Esaawuun angafummaasaa obboleessasaatti erga gurguree waggaan 20⁠ni kan darbe taʼus, Yaaqoob ammayyuu obboleessikoo haaloo natti qabatee na ajjeesa jedhee sodaatee ture. Esaawuun namoota 400 fudhatee obboleessasaa isa isarraa addaan baʼee ture simachuuf kaʼe. Kanaaf, Yaaqoob waan hamaa narratti raawwata jedhee waan sodaateef horiiwwan 550 ol taʼan kennaa godhee gara Esaawuutti erge. Hojjettoonni Yaaqoob horiiwwan sana kutata kutataan oofan hundi, kennaa obboleessisaa Yaaqoob isaaf erge akka taʼan Esaawuutti himan.

2 Dhumarratti yeroon itti wal argan ni gaʼe! Yaaqoob ija jabinaan gara Esaawuutti kan adeeme siʼa taʼu, al tokko qofa utuu hin taʼin, al torba lafa gaʼee qoommaʼe. Garaa obboleessasaa laaffifachuuf wanta gochuu dandaʼu hunda godheera. Yaaqoob, Yihowaan harka Esaawuu jalaa akka isa oolchu kadhateera. Yihowaan kadhannaa kanaaf deebii kenneeraa? Eeyyee. Macaafni Qulqulluun, “Esaawuu . . . isa simachuutti fiigee, morma isaa irratti kufee ammatee in dhudhungate” jechuudhaan nutti hima.—Uma. 32:11-20; 33:1-4.

3. Seenaa waaʼee Yaaqoobiifi Esaawuu dubbaturraa maal baranna?

3 Seenaan waaʼee Yaaqoobiifi Esaawuu dubbatu, yommuu rakkinni nagaa gumii Kiristiyaanaa booressuu dandaʼu uumamu, garaa qulqulluudhaan kakaanee rakkoo uumame hiikuuf tarkaanfii fudhachuu akka qabnu argisiisa. Yaaqoob Esaawuu wajjin nagaa uumuu kan barbaade balleessaa waan hojjeteefi dhiifama gaafachuu waan qabuuf hin turre. Esaawuun mirga angafummaasaa tuffachuudhaan ittoo misiraatti gurgureera. (Uma. 25:31-34; Ibr. 12:16) Haataʼu malee, akkaataan Yaaqoob gara Esaawuutti itti dhihaate, obboloota keenya Kristiyaana taʼanii wajjin nagaa uumuuf fedhii guddaa qabaachuu akka qabnu argisiisa. Kana malees, Waaqayyo carraaqqii nagaa uumuuf kadhannaadhaan goonu akka nuu eebbisu kan argisiisudha. Macaafni Qulqulluun nagaa uumuu ilaalchisee fakkeenyota barumsa nuu kennan hedduu qabateera.

Fakkeenya Gaarii Hordofuu Qabnu

4. Waaqayyo ilmaan namootaa cubbuufi duʼa jalaa oolchuuf qophii akkamii godhe?

4 Nagaa uumuu ilaalchisee fakkeenya guddaa kan taʼu Yihowaa isa ‘Waaqa nagaa kennudha.ʼ (Rom. 15:33) Mee wanta Yihowaan isaa wajjin nagaa qabaachuu akka dandeenyuuf godhe yaadaa. Ijoollee Addaamiifi Hewwaan waan taaneef cubbuu hojjenna. Namoonni cubbuu hojjetanimmoo duuti kan isaaniif maludha. (Rom. 6:23) Taʼus, Yihowaan jaalalasaa isa guddaadhaan kakaʼee Ilmisaa inni jaallatamaan nama mudaa hin qabne taʼee akka dhalatuuf samiidhaa gara lafaatti ergee fayyina akka argannu qophii nuu godheera. Ilmisaas fedhiisaatiin kanarratti walii galeera. Diinonni Waaqayyoo akka isa ajjeesan heyyameera. (Yoh. 10:17, 18) Waaqani dhugaan Ilmasaa isa jaallatamaa duʼaa kan kaase siʼa taʼu, innis gatii dhiigasaa isa dhangalaʼeefi cubbamoota yaada garaa geddarataniif furii taʼee duʼa barabaraarraa isaan oolchu Abbaasaatti dhiheesseera.—Ibroota 9:14, 24 dubbisi.

5, 6. Dhiigni Yesus inni dhangalaʼe walitti dhufeenya Waaqayyoofi ilmaan namootaa cubbamoo taʼan isa bade kan sirreessu akkamitti?

5 Qophiin aarsaa furii Ilma Waaqayyoo, walitti dhufeenya Waaqayyoofi ilmaan namootaa cubbamoo taʼan isa bade kan sirreessu akkamitti? Isaayaas 53:5, “Nuyi nagaa akka argannuuf inni in adabame, madaaʼuu isaatiinis fayyinni nuuf in argame” jedha. Kanaaf, ilmaan namootaa abboomamoo taʼan akka diina Waaqayyootti ilaalamuu mannaa, isaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuu dandaʼu. “Kristos dhiiga isaa nuuf dhangalaasuu isaatiin furamuu, dhiifamuu cubbuus qabna.”—Efe. 1:7.

6 Macaafni Qulqulluun, “Guutummaan hundi [Kiristos] keessa akka jiraatu, Waaqayyo gaarii waan isatti fakkaateefi” jedha. Kun kan taʼe Kiristos kaayyoo Waaqayyoo galmaan gaʼuurratti gaʼee guddaa waan qabuufidha. Maarree kaayyoon Yihowaa maalidha? ‘Wantoota hunda karaa dhiiga Yesus Kiristos isa dhangalaʼeen deebisee ofitti araarsuudha.’ ‘Wantoonni kaan hundi’ Waaqayyoo wajjin akka nagaa uuman godhaman, ‘wantoota lafarraas taʼe samiirra jiran hundadha.’ Wantoonni kun maalfaʼi?—Qolosaayis 1:19, 20, NW dubbisi. *

7. ‘Wantoonni samiirraafi wantoonni lafarraa’ Waaqayyoo wajjin nagaa akka qabaatan godhaman maalfaʼi?

7 Qophiin furii, Kiristiyaanonni dibamoon akka ilmaan Waaqayyootti ‘amantiidhaan qajeelota akka taʼan,’ akkasumas ‘Waaqayyo biratti nagaa akka qabaatan’ godheera. (Roomaa 5:1 dubbisi.) Kirstiyaanonni kun samiirra jiraachuuf abdii kan qaban, luboota Waaqayyoo taʼanii kan tajaajilaniifi ‘lafarratti moʼuuf waan jiraniif’ ‘wantoota samiirraa’ jedhamaniiru. (Mul. 5:10) Yaanni ‘wantoota lafarraa’ jedhummoo, ilmaan namootaa yaada garaa geddarataniifi yeroo booda barabaraaf lafarra jiraatan argisiisa.—Far. 37:29, hiika bara 1899.

8. Yihowaan namoonni isaa wajjin nagaa akka qabaatan gochuuf wanta guddaa inni godhe beekuunkee maal gochuuf si kakaasa?

8 Phaawulos galateeffannaadhaan kakaʼee Kiristiyaanota dibamoo Efesoon jiraniif akkas jedhee barreesseera: “Araarri Waaqayyoo . . . baayʼee waan taʼeef, . . . nuyi irra-daddarbaa keenyaan karaa hafuuraa duʼoo taanee utuma jirruu, inni warra Kristosii wajjin jiraatan nu godhate; isin ayyaana Waaqayyootiin fayyifamtan.” (Efe. 2:4, 5) Abdiin keenya samiirra jiraachuus taʼe lafarra jiraachuu, ooʼaafi gaarummaa guddaa Waaqayyo nutti argisiiseef baayʼee isa galateeffachuu qabna. Eeyyee, Yihowaan ilmaan namootaa isaa wajjin nagaa akka qabaatan gochuuf, wanta guddaa inni godhe yommuu qorru garaan keenya galateeffannaadhaan guutama. Fakkeenya Yihowaarratti dinqisiifannaadhaan xiinxaluun keenya, yommuu haalli nagaa gumii balaadhaaf saaxilu nu mudatu nagaa uumuuf nu kakaasuu hin qabuuree?

Fakkeenya Abrahaamiifi Yisihaqirraa Barachuu

9, 10. Yommuu tiksitootasaanii gidduutti rakkinni uumame, Abrahaam naga akka jaallatu argisiisuudhaan Looxiin kan haasofsiise akkamitti?

9 Abbaa amantii kan taʼe Abrahaamiin ilaalchisee Macaafni Qulqulluun, “‘Abrahaam Waaqayyoon amanate, kunis qajeelummaatti in lakkaaʼameef’ jedhu in raawwatame; inni fira [“michuu,” hiika bara 1899] Waaqayyoo jedhamee in waamame” jedha. (Yaq. 2:23) Amantiin Abrahaam nagaa kan jaallatu taʼuusaarratti mulʼateera. Fakkeenyaaf, horiifi tiksitoonni Abrahaam yommuu baayʼachaa adeeman, tiksitootasaafi tiksitoota ilma obboleessasaa Loox gidduutti rakkinni uumamuu jalqabe. (Uma. 12:5; 13:7) Kanaaf, furmaata argamsiisuu kan dandaʼu Abrahaamiifi Loox gargar baʼuusaanii qofa ture. Abrahaam haala rakkisaa kana kan hiike akkamitti? Umriifi iddoo Waaqayyo duratti qabutti fayyadamee mucaan obboleessasaa maal gochuu akka qabu itti himuu mannaa, Abrahaam dhugumaan nagaa akka barbaadu argisiiseera.

10 Abrahaam Looxiin, “Nuyi waliif obboloota, kanaaf siʼii fi ana gidduutti, warra horii kee tiksanii fi warra horii koo tiksan gidduuttis qoc[c]olloon hin taʼin!” jedheen. Abrahaam itti fufuudhaan akkas jedhe: “Kunoo, lafichi guutummaan isaa si dura jira mitii ree? Anattii gargar baafadhu! Ati gara harka bitaa yoo fudhatte, ani gara harka mirgaa nan dhaqa; ati gara harka mirgaa yoo fudhatte immoo, ani gara harka bitaa nan dhaqa.” Loox ofiisaatiif lafa isa hunda caalaa gabbataa taʼe kan filate taʼus, Abrahaam haaloo isatti hin qabanne. (Uma. 13:8-11) Yeroo booda yommuu namoonni Looxiin boojiʼan, Abrahaam ilma obboleessasaa isaan harkaa buusuuf duubatti hin jenne.—Uma. 14:14-16.

11. Abrahaam Filisxeemota ollaasaa taʼanii wajjin nagaadhaan kan jiraate akkamitti?

11 Abrahaam Filisxeemota ollaasaa taʼanii wajjin biyya Kanaʼaan keessatti akkamitti akka nagaadhaan jiraates yaadaa. Filisxeemonni boolla bishaanii hojjettoonni Abrahaam Bersheebaatti qotan tokko “isa irraa fudhatan.” Namni mootota afur ilma obboleessasaa boojiʼan moʼuudhaan isaan harkaa buuse kun rakkina kana akkamitti hiika laata? Abrahaam boolla bishaanichaa deebifachuuf waraana banuu mannaa callisuu filateera. Yeroo booda, mootiin Filisxeem Abrahaam wajjin waliigaltee nagaa gochuudhaaf garasaa dhufe. Abrahaam waaʼee boolla bishaanii isa jalaa fudhatame sanaa kan kaase, erga sanyii mootichaatti gaarummaa argisiisuuf kakatee booda ture. Mootichis waan dhagaʼe kanatti naʼuudhaan boolla bishaanichaa Abrahaamiif deebise. Abrahaamis galaa taʼee biyyicha keessaa nagaadhaan jiraachuusaa itti fufeera.—Uma. 21:22-31, 34.

12, 13. (a) Yisihaq fakkeenya abbaasaa kan hordofe akkamitti? (b) Yihowaan carraaqqii Yisihaq nagaa barbaaduuf godhe hunda kan eebbiseef akkamitti?

12 Ilma Abrahaam kan taʼe Yisihaqis nagaa barbaaduurratti fakkeenya abbaasaa hordofeera. Kunis dhugaa taʼuunsaa akkaataa Yisihaq Filisxeemotaa wajjin itti jiraaterratti mulʼateera. Beela biyyicha keessa tureen kan kaʼe, Yisihaqiifi maatiinsaa Beʼer-Lahaayi-Roʼi ishee Negeebitti argamtuu gara Geraar ishee lafa gabbataa taateefi Filisxeemitti argamtutti gale. Yihowaan bakka kanatti midhaaniifi horii baayʼee isaaf kennuudhaan isa eebbiseera. Filisxeemonni garuu isatti hinaafuu jalqaban. Isaan, Yisihaq akka abbaasaa akka sooromu waan hin barbaanneef, boolla bishaanii hojjetoonni Abrahaam naannoo sanatti qotanii turan jalaa duuchan. Dhumarrattis mootiin Filisxeemotaa, “Nu gidduudhaa adeemi!” jedheen. Yisihaqis nama nagaa barbaadu waan taʼeef akkuma jedhame godheera.—Uma. 24:62; 26:1, 12-17.

13 Yisihaq bakka jiraachaa turerraa fagaatee erga deemee booda, tiksitoonnisaa boolla bishaanii gara biraa qotatan. Haataʼu malee, tiksitoonni Filisxeem boolli bishaanii kunis kansaanii akka taʼe falman. Yisihaq garuu akkuma abbaasaa boolla bishaanichaa deebifachuuf waraana hin banne. Kanaa mannaa Yisihaq ammas, namoonnisaa boolla gara biraa akka qotan godhe. Haataʼu malee Filisxeemonni, kunis kansaanii akka taʼe falman. Yisihaq nagaa barbaaduuf jecha maatiisaa isa guddaa fudhatee bakka gara biraatti gale. Bakka kanatti hojjettoonnisaa boolla bishaanii tokko kan qotan siʼa taʼu Yisihaqis Rehobot jedhee moggaase. Yeroo booda Bersheebaa ishee caalaatti lafa gabbataa qabdutti kan gale siʼa taʼu, bakka kanatti Yihowaan, “Ati immoo hin sodaatin! Garbicha koo Abrahaamiif jedhee sin eebbisa, sanyii kees nan baayʼisa!” jedheeraan.—Uma. 26:17-25.

14. Yommuu mootiin Filisxeem isaa wajjin waliigaltee nagaa gochuu barbaadetti, Yisihaq naga buusuu akka barbaadu kan argisiise akkamitti?

14 Yisihaq boolla bishaanii hojjettoonnisaa qotan sana hunda waraana banee deebifachuu dandaʼa ture. Mootiin Filisxeemotaafi namoonnisaa waliigaltee nagaa gochuuf Bersheebaatti gara Yisihaq dhufanii, “Waaqayyo sii wajjin akka jiru baʼeessa goonee argineerra” jechuunsaanii kana kan argisiisudha. Waraana banuu mannaa nagaadhaaf jecha al tokkoo ol bakka jireenyaasaa jijjiiruu filateera. Yeroo kanattis inni nagaa akka barbaadu argisiiseera. Seenaansaa akkas jedha: “Yisihaq nyaata isaaniif qophaaʼe in dhiʼeessiseef; isaanis in nyaatan, in dhuganis. Borumtaas bariidhaan kaʼanii erga waliif kakatanii booddee, Yisihaq isaan geggeesse; isaanis nagaadhaan . . . in adeeman.”—Uma. 26:26-31.

Fakkeenya Yoseefirraa Barachuu

15. Obboloonni Yoseef nagaadhaan isatti dubbachuun kan isaan rakkise maaliifi?

15 Ilma Yisihaq kan taʼe Yaaqoob “nama amal-toleessa” turedha. (Uma. 25:27) Akkuma jalqabarratti ibsame Yaaqoob obboleessasaa Esaawuu wajjin nagaa uumuu barbaadeera. Yaaqoob fakkeenya abbaasaa Yisihaq isa nama nagaa barbaadu taʼerraa akka fayyadamee hin shakkisiisu. Haataʼu malee, waaʼee ilmaan Yaaqoob maal jechuutu dandaʼama? Yaaqoob ilmaansaa 12an keessaa Yoseefiin baayʼee jaallata ture. Yoseef mucaa abbaasaatiif abboomamuufi isa kabaju taʼuusaarrayyuu abbaansaas isa amana ture. (Uma. 37:2, 14) Obboloonni Yoseef warri angafaa garuu baayʼee waan isatti hinaafaniif nagaadhaan isatti dubbachuun isaan rakkisee ture. Gara jabinaan garbummaatti kan isa gurguran taʼuusaarrayyuu, Yoseefiin bineensatu nyaate jedhanii abbaasaanii gowwoomsaniiru.—Uma. 37:4, 28, 31-33.

16, 17. Yoseef nama nagaa jaallatu taʼuusaa obbolootasaatiif kan mirkaneesse akkamitti?

16 Yihowaan Yoseefii wajjin akka ture argisiiseera. Yeroo booda Yoseef, Faraʼoonitti aansee nama aangoo guddaa qabu taʼuudhaan Gibxiitti ministeera muummee taʼe. Obboloonni Yoseef beela cimaadhaan kan kaʼe gara Gibxii yommuu dhaqan, Yoseef uffata abbootii taayitaa warra Gibxii uffatee waan tureef isa beekuu hin dandeenye. (Uma. 42:5-7) Yoseef yeroo kanatti hammeenya isaan abbaasaafi isarratti raawwataniif, obbolootasaarratti haaloo baʼuun baayʼee salphaa ture. Inni garuu, haaloo baʼuu mannaa isaanii wajjin nagaa uumuuf yaalii godheera. Yoseef obboloonnisaa yaada garaa geddarachuusaanii erga hubatee booda, “Lubbuu oolchuudhaaf isin dura asitti kan na erge Waaqayyo waan taʼeef, isin isa na gurgurtaniif yaadaan hin dhiphatinaa, ofittis hin aarinaa!” jedheen. Achiis obbolootasaa hundumaa dhudhungatee isaanitti marmee booʼe.—Uma. 45:1, 5, 15.

17 Erga abbaansaanii Yaaqoob duʼee booda, obboloonnisaa Yoseef haaloo nurratti baʼa jedhanii sodaatanii turan. Yoseef inni nagaa jaallatu garuu yommuu isaan sodaasaanii isaaf ibsan “in booʼe.” Achiis, “Isin, ijoolleen keessanis waan barbaachisu akka argattan ani nan godhaa, hin sodaatinaa!” jedhee deebiseef. Yoseef, “dubbii garaa isaan ciibsu isaanitti dubbatee, isaan in jajjabeesse.”—Uma. 50:15-21.

“Nu Barsiisuuf Caafaman”

18, 19. (a) Fakkeenya namoota mataduree kana keessatti akka nagaa buusan ibsaman qoruudhaan faayidaa akkamii argatte? (b) Mataduree ittaanurratti waaʼee maalii ilaalla?

18 Phaawulos, “Nuyi obsaa fi jajjabina caaffanni qulqullaaʼoon nuuf kennaniin abdii akka argannutti, wanti caaffata qulqullaaʼoo keessatti caafaman hundinuu nu barsiisuuf caafaman” jechuudhaan barreesseera. (Rom. 15:4) Yihowaa isa fakkeenya guddaa taʼu qofarraa utuu hin taʼin, seenaawwan waaʼee Abrahaam, Yisihaq, Yaaqoobiifi Yoseef dubbatan qoruudhaan faayidaa akkamii arganneerra?

19 Yihowaan rakkina isaafi ilmaan namootaa cubbamoo taʼan gidduutti uumame hiikuuf wanta godherratti dinqisiifannaadhaan xiinxaluun keenya, namoota kaanii wajjin nagaadhaan jiraachuuf jecha wanta nuu dandaʼame hundaa gochuuf nu kakaasuu qaba mitiiree? Fakkeenyi Abrahaam, Yisihaq, Yaaqoobiifi Yoseef, warri ijoolleesaaniirratti dhiibbaa gaarii geessisuu akka dandaʼan argisiisa. Kana malees, seenaawwan kun Yihowaan carraaqqii namoota nagaa buusuuf yaalii godhanii akka eebbisu argisiisa. Kanaaf Phaawulos, Yihowaadhaan “Waaqayyo [isa] nagaa kennu” jechuunsaa nama hin dinqisiisu. (Roomaa 15:33; 16:20 dubbisi.) Matadureen ittaansuudhaan ilaallu, Phaawulos nagaa duukaa buʼuun keenya barbaachisaa taʼuusaa jabeessee kan ibse maaliif akka taʼeefi nagaa buusuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ibsa.

[Miiljalee]

^ key. 6 Qolosaayis 1:19, 20 (NW): “Kunis kan taʼe, guutummaan hundi isa keessa akka jiraatu, Waaqayyo gaarii waan isatti fakkaateefi. Akkasumas, dhiiga muka dhiphinaarratti dhangalaaseen nagaa uumuudhaan wantoota kaan hunda, jechuunis wantoota lafarras taʼe samiirra jiran hunda, karaasaa deebisee ofitti araarsuu waan barbaadeefi.”

Maal Baratte?

• Yaaqoob yommuu Esaawuu wajjin wal arguuf jedhu nagaa akka barbaadu kan argisiise akkamitti ture?

• Wanti Yihowaan ilmaan namootaa isaa wajjin nagaa akka qabaatan gochuuf raawwate maal akka gootu si kakaaseera?

• Nagaa buusuu ilaalchisee fakkeenya Abrahaam, Yisihaq, Yaaqoobiifi Yoseefirraa maal baratte?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 23⁠rra jiru]

Yaaqoob Esaawuu wajjin nagaa buusuuf tarkaanfii barbaachisaa akkamii fudhate?