Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Waaqayyotti Dhihaachuu Kan Dandeessu Akkamitti?

Waaqayyotti Dhihaachuu Kan Dandeessu Akkamitti?

Macaafa Qulqulluurraa Baradhu

Waaqayyotti Dhihaachuu Kan Dandeessu Akkamitti?

Matadureen kun yaadawwan gaaffii sitti taʼuu dandaʼan kan kaasu siʼa taʼu, Macaafa Qulqulluu keerraa deebiisaanii bakka kamitti argachuu akka dandeessu ibsa. Dhugaa Baatonni Yihowaa gaaffiiwwan kanarratti sii wajjin mariʼachuun isaan gammachiisa.

1. Waaqayyo kadhannaawwan hundumaa ni dhagaʼaa?

Yihowaan namoonni saba hundumaa kadhannaadhaan akka isatti dhihaatan afeereera. (Faarfannaa 65:2) Taʼus, kadhannaa hunda ni dhagaʼa jechuu miti. Fakkeenyaaf, Israaʼeloonni yommuu hamminaan itti fufan, Waaqayyo kadhannaasaanii dhagaʼuu didee ture. (Isaayaas 1:15) Kadhannaan nama haadhamanaasaa miidhuus ittifamuu dandaʼa. (1 Phexros 3:7) Taʼuyyuu, Waaqayyo yaada garaasaanii yoo geddaratan kadhannaa namoota cubbuu guddaa raawwatanillee ni dhagaʼa.—2 Seenaa 33:9-13 dubbisi.

2. Kadhannaa dhiheessuu kan qabnu akkamitti?

Kadhannaan mirga guddaafi kutaa waaqeffannaa waan taʼeef, dhihaachuu kan qabu Yihowaadhaaf qofadha. (Maatewos 4:10; 6:9) Cubbamoota waan taaneefi Yesus ‘karaa’ waan taʼeef, kadhannaa keenya maqaasaatiin dhiheessuu qabna. (Yohannis 14:6) Yihowaan kadhannaa yaadatti qabanne ykn barreeffamaan qophaaʼan akka irra deddeebinu utuu hin taʼin, garaadhaa akka kadhannu barbaada.—Maatewos 6:7; Filiphisiiyus 4:6, 7 dubbisi.

Uumaan keenya kadhannaa sagalee utuu hin dhageessisin dhiheessinus ni dhagaʼa. (1 Saamuʼel 1:12, 13) Yihowaan yeroo kamittiyyuu, jechuunis ganamaafi galgala, yeroo nyaataatti, akkasumas yommuu rakkannu, kadhannaa akka dhiheessinu nu afeereera.—Faarfannaa 55:22; Maatewos 15:36 dubbisi.

3. Kiristiyaanonni walgaʼii gochuu kan qaban maaliifi?

Namoota Waaqayyotti hin amanneefi abdii inni addunyaa nagaa qabu fiduuf kennerratti qoosan gidduu waan jiraannuuf, Waaqayyotti dhihaachuun salphaa miti. (2 Ximotewos 3:1, 4; 2 Phexros 3:3, 13) Kanaaf, namoota hidhata amantii keenya taʼanii wajjin walgaʼuun nu barbaachisa.—Ibroota 10:24, 25 dubbisi.

Namoota Yihowaa jaallatan michuu yoo godhatte, isatti dhihaachuu dandeessa. Walgaʼiiwwan Dhugaa Baatonni Yihowaa godhanimmoo, amantii warra kaaniirraa faayidaa argachuuf carraa sii banu.—Roomaa 1:11, 12 dubbisi.

4. Waaqayyotti dhihaachuu kan dandeessu akkamitti?

Wanta Macaafa Qulqulluurraa baratterratti xiinxaluudhaan Yihowaatti dhihaachuu dandeessa. Gochawwansaa, qajeelfamawwansaafi abdiiwwansaarratti yaadi. Akka gaariitti xiinxaluun, dinqisiifannaa jaalalaafi ogummaa Waaqayyootiif qabdu sii guddisa.—Iyaasuu 1:8; Faarfannaa 1:1-3 dubbisi.

Waaqayyotti dhihaachuu kan dandeessu yoo isatti amanamte qofadha. Haataʼu malee, amantiin akka waan lubbu qabeessa taʼe tokkotti kunuunsa barbaada. Wantoota amantii keetiif buʼuura taʼanirratti xiinxaluudhaan, utuu walirraa hin kutin amantiikee sooruu qabda.—1 Tasaloniiqee 5:21; Ibroota 11:1, 6 dubbisi.

5. Waaqayyotti dhihaachuun kan si fayyadu akkamitti?

Yihowaan, namoota isa jaallataniif ni yaada. Wanta amantiisaaniifi abdii jireenya barabaraasaanii balaarra buusuu dandaʼu kamirraayyuu isaan eega. (Faarfannaa 91:1, 2, 7-10) Akkaataa jireenyaa, fayyaafi gammachuu keenya balaadhaaf saaxilurraa akka fagaannu nu akeekkachiisa. Yihowaan akkaataa jireenyaa hundarra caalu nu barsiisa.—Faarfannaa 73:27, 28; Yaaqoob 4:4, 8 dubbisi.

Oddeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe kana boqonnaa 17⁠ffaa ilaali.