Dhimma ijoo ta'etti seeni

Qaraxa Kaffaluu Qabdaa?

Qaraxa Kaffaluu Qabdaa?

Qaraxa Kaffaluu Qabdaa?

QARAXA kaffaluun kan isaan gammachiisu namoota muraasa qofa dha. Namoonni hedduun qaraxni isaan kaffalan karaa sirrii taʼeen faayidaa irra akka hin oolle, namoonni isaaniif hin malle akka fudhatan ykn akka gowwoomfaman isaanitti dhagaʼama. Tokko tokko immoo qaraxa kan hin kaffalle, maallaqni isaa faayidaa irra kan oolu karaa naamusaa yeroo ilaalamu wanta sirrii hin taane irra waan oolu waan isaanitti fakkaatuufi dha. Namoonni magaalaa Giddu Gala Bahaa keessa jiraatan tokko sababii itti qaraxa kaffaluu dhiisuuf itti murteessan yommuu dubbatan, “Rasaasa ijoolleen keenya ittiin ajjeefamaniif maallaqa hin kaffallu” jedhaniiru.

Ilaalchawwan akkasii kan hin baramnee fi haaraa miti. Geggeessaa Hindii kan turan Mohaandas Gaandiin qalbiin isaanii qaraxa akka hin kaffalle kan isaan dhowwu maaliif akka taʼe yommuu dubbatan akkana jedhaniiru: “Namni mootummaa loltootaan gurmeeffame kallattiidhaanis taʼe al kallattiidhaan deggeru cubbuu isaa irratti hirmaata. Maanguddoos taʼe dargaggeessi qaraxa kaffaluudhaan Mootummichi akka itti fufuuf gumaacha waan godhuuf cubbuu isaa irratti hirmaata.”

Haaluma wal fakkaatuun, falaasaan jaarraa 19⁠ffaa Heenrii Deevid Tooroo jedhamu qaraxa waraana deggeruuf oolu kaffaluuf tole kan hin jenne karaa naamusaatiin ejjennoo mataa isaa waan qabuuf akka taʼe ibseera. Akkana jedheera: “Lammiin tokko wanta qalbiin isaa jedhu dhaggeeffatee murtoo gochuu qaba moo wanta qaamni seera baasu tokko akka isaaf murteessu heyyamuu qaba? Maarree namni hundi qalbii qabaachuun isaa faayidaa maalii qaba?”

Kitaabni Qulqulluun Kiristiyaanonni wantoota hundumaa irratti qalbii qulqulluu qabaachuu akka qaban ifatti waan barsiisuuf dhimmi kun Kiristiyaanotas kan yaaddessu dha. (2 Ximotewos 1:3) Karaa biraatiin immoo Kitaabni Qulqulluun mootummoonni qaraxa sassaabuuf aangoo akka qabanis ni dubbata. Akkana jedha: “Waaqayyo biraa yoo taʼe malee aangoon waan hin argamneef, namni hundi abbootii taayitaa iddoo ol aanaa qabaniif [bulchitoota namootaatiif] haa bitamu; abbootiin taayitaa amma jiran aangoo isaanii isa daangaa qabu kan argatan Waaqayyo biraa ti. Kanaafuu, dheekkamsa isaa sodaachuudhaan qofa utuu hin taʼin, qalbii keessaniin kan kaʼes isaaf bitamuuf sababii gaʼaa qabdu. Qaraxa kan kaffaltanis kanumaafi; sababiin isaas, isaan tajaajiltoota Waaqayyoo uummata tajaajilani dha, kanas yeroo hunda raawwatu. Hundumaaf wanta isaaf malu, jechuunis isa qaraxa gaafatuuf qaraxa, isa gibira gaafatuuf gibira kennaa.”—Roomaa 13:1, 5-7.

Kanaan kan kaʼes, Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaatti turan maallaqa qaraxaaf kennan keessaa harki caalaan isaa tajaajila loltummaadhaaf hojii irra kan oolu taʼus qaraxa yeroo isaatti kaffaluudhaan beekamu turan. Dhugaa Baatonni yeroo harʼaa jiraniis akkasuma godhu. * Yaada wal faallessu fakkaatu kana araarsuun kan dandaʼamu akkamitti? Kiristiyaanni tokko dhimmi qaraxa sassaabuu yeroo kaʼu wanta qalbiin isaa isaan jedhu dagachuu qabaa?

Qaraxaa fi Qalbii

Qaraxni Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaatti turan kaffalan keessaa maallaqni muraasni isaa tajaajila loltummaadhaaf akka hojii irra oolu beekamaa dha. Gaandii fi Tooroon qaraxa kaffaluu irraa akka of qusatan kan isaan godhe dhimma qalbii wajjin wal qabate dha.

Kiristiyaanonni ajaja Roomaa boqonnaa 13 irratti argamuuf kan ajajaman, adaba sodaatanii utuu hin taʼin ‘qalbii isaaniitiin kan kaʼe’ akka taʼe hubachuun barbaachisaa dha. (Roomaa 13:5) Eeyyee, qaraxni Kiristiyaanni tokko kaffalu kaayyoo inni deggeruuf kan oolu taʼuu baatus qalbiin isaa qaraxa akka kaffalu isa dirqisiisa. Yaada wal faalleessu fakkaatu kana hubachuuf waaʼee qalbii keenyaa, jechuunis sagalee keessaa gochi keenya sirrii ykn dogoggora taʼuu fi dhiisuu isaa waan nutti himuuf waaʼee kana dhugaa tokko hubachuu qabna.

Akkuma Tooroon hubatee ture namni hundi sagalee keessaa kana qaba; taʼus sagaleen kun yeroo hundumaa kan amanamu dha jechuu miti. Waaqayyoon gammachiisuu akka dandeenyuuf qalbiin keenya ulaagaa naamusaa isaa wajjin kan wal simu taʼuu qaba. Yaanni Waaqayyoo kan keenya irra baayʼee kan caalu waan taʼeef, yaada ykn ilaalcha keenya yaadaa fi ilaalcha isaa wajjin wal simsiisuuf yeroo hunda sirreeffama gochuu qabna. (Faarfannaa 19:7) Ilaalcha Waaqayyo mootummoota ilmaan namootaatiif qabu hubachuuf carraaqqii gochuu qabna. Maarree ilaalchi Waaqayyoo maali dha?

Phaawulos ergamaan mootummoonni ilmaan namootaa “tajaajiltoota Waaqayyoo uummata tajaajilani dha” jedheera. (Roomaa 13:6) Kana jechuun maal jechuu dha? Abbootiin taayitaa seerri akka kabajamu godhu, akkasumas uummataaf tajaajila gaarii kennu jechuu isaa ti. Mootummoonni karaa naamusaa mancaʼoo taʼan illee yeroo baayʼee tajaajila poostaa, mana barumsaa fi balaa ibiddaa ittisuu irratti tajaajila kan kennan taʼuu isaanii irra iyyuu seerri akka kabajamu godhu. Waaqayyo hirʼina mootummoonni kun qaban guutummaatti kan beeku taʼu iyyuu, yeroo muraasaaf akka turan isaaniif heyyameera; akkasumas kabaja qophii Waaqayyootiif qabnuun kan kaʼe, jechuunis mootummoonni akkasii ilmaan namootaa akka bulchan waan heyyameef qaraxa akka kaffallu nu ajajeera.

Haa taʼu malee, mootummoonni namootaa akka bulchan kan isaaniif heyyamame yeroo muraasaaf qofa dha. Waaqayyo mootummoota hunda Mootummaa samii irratti argamuun bakka buusuu fi miidhaa bulchiinsi ilmaan namootaa jaarraawwan hedduutiif geessise guutummaatti sirreessuuf kaayyoo qaba. (Daaniʼel 2:44; Maatewos 6:10) Hamma yeroo sanaatti garuu, Waaqayyo Kiristiyaanonni qaraxa hin kaffallu jechuudhaanis taʼe karaa biraatiin fincila uummataa kaan irratti akka hirmaatan heyyama isaaniif hin kennine.

Akkuma Gaandii qaraxni kaffaltu waraana deggeruuf kan oolu akka taʼe utuu beektuu maallaqa kennuun kee cubbuu akka taʼe kan sitti dhagaʼamu yoo taʼe hoo? Bakka ol kaʼaatti ol baʼuun keenya naannoo tokko sirriitti ilaaluuf akkuma nu dandeessisu, yaanni Waaqayyoo yaada keenya irraa hangam ol aanaa akka taʼe irratti xiinxaluudhaan ilaalcha keenya ilaalcha Waaqayyoo wajjin wal simsiisuudhaan sirreeffama barbaachisu gochuu dandeenya. Waaqayyo karaa Isaayyaas raajichaa, “Akkuma samiin lafa irraa ol fagaatu, daandiin koo daandii keessan irraa, yaanni koos yaada keessan irraa fagoo dha” jedheera.—Isaayyaas 55:8, 9.

Aangoon Isaanii Daangaa kan hin Qabne Dhaa?

Barumsi Kitaabni Qulqulluun waaʼee qaraxa kaffaluu barsiisu mootummoonni namootaa namoota bulchan irratti aangoo daangaa hin qabne akka qaban kan argisiisu miti. Yesuus aangoon Waaqayyoo mootummoota kanaaf kenne daangaa akka qabu barsiiseera. Yesuus mootummaa yeroo sanatti bulchaa jiruuf mootummaa Roomaatiif qaraxa kaffaluun akka ilaalcha Waaqayyootti sirrii taʼuu fi dhiisuu isaa yommuu gaafatametti, “Wanta kan Qeesaar taʼe Qeesaariif, wanta kan Waaqayyoo taʼe immoo Waaqayyoof deebisaa kennaa” jechuudhaan deebii hiika guddaa qabu kenneera.—Maarqos 12:13-17.

Mootummoonni ‘Qeesaaritti’ fakkeeffaman saantima ni qopheessu, qarshiis ni maxxansu, akkasumas gatii isaa itti baasu. Kanaaf, akka ilaalcha Waaqayyotti mootummoonni kun namoonni qaraxa kaffaluudhaan maallaqa kana akka isaaniif deebisan gaafachuuf mirga qabu. Taʼus, Yesuus dhaabbanni “wanta kan Waaqayyoo taʼe,” jechuunis jireenya keenyaa fi waaqeffannaa Waaqayyoof dhiheessinu akka isaaf kennamu gaafachuuf mirga akka hin qabne ibseera. Seerawwan ykn ulaagaaleen namootaa seera Waaqayyoo wajjin yeroo wal faallessanitti, Kiristiyaanonni ‘namootaaf ajajamuu irra Waaqayyoof akka bulchaa isaanitti ajajamuu qabu.’—Hojii Ergamootaa 5:29.

Qaraxni Kiristiyaanonni yeroo harʼaatti jiran kaffalan hamma tokko kaayyoo maaliitiif akka oolu beekuun isaanii isaan jeeqa taʼa; taʼus mootummoota mormuudhaan ykn qaraxa kaffaluu dhiisuudhaan hojiiwwan mootummoonni raawwatan gidduu seenuufis taʼe dhibbaa gochuuf hin yaalan. Gochi akkasii rakkoowwan ilmaan namootaa irra gaʼaniif furmaata kan fidu Waaqayyo akka taʼe guutummaatti akka hin amanne kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Kanaa mannaa, Kiristiyaanonni bulchiinsa Yesuus isa, “Mootummaan koo kutaa addunyaa kana irraa miti” jedhee dubbateen, yeroo Waaqayyo dhimmoota ilmaan namootaa gidduu seenuudhaan tarkaanfii itti fudhatu obsaan eeggatu.—Yohaannis 18:36.

Faayidaawwan Barumsawwan Kitaaba Qulqulluu Hordofuun Argamsiisu

Barumsa Kitaabni Qulqulluun qaraxa kaffaluu ilaalchisee barsiisu hordofuudhaan faayidaa hedduu argachuu dandeessa. Adaba namoota seera cabsan irra gaʼu irraa kan ooltu taʼuu isaa irra iyyuu, sodaa nan qabamaa laata jedhu irraa bilisa baata. (Roomaa 13:3-5) Hunda caalaa immoo, Waaqayyo duratti qalbii qulqulluu qabaatta akkasumas, seera kan eegdu taʼuu keetiin Waaqayyoof ulfina fida. Namoonni qaraxa hin kaffalle ykn gowwoomsanii wajjin yommuu wal bira qabamtu maallaqa muraasa kan dhabdu taʼus, waadaa Waaqayyo tajaajiltoota isaa amanamoo taʼan akka kunuunsu gale irratti amanannaa qabaachuu dandeessa. Daawit inni barreessaa Kitaaba Qulqulluu taʼe, “Ani dargaggeessan ture, amma garuu dulloomeera, taʼus namni qajeelaan kam iyyuu yommuu gatamu, ijoolleen isaas yommuu nyaata kadhatan hin argine” jedheera.—Faarfannaa 37:25.

Dhuma irratti, ajaja Kitaabni Qulqulluun qaraxa akka kaffaltu siif kennu hubachuunii fi hojii irra oolchuun kee nagaa sammuu siif kenna. Akkuma namni mana kireeffate tokko akkaataa namni manicha isaaf kireesse sun maallaqa sana itti fayyadamu ati seeraan itti hin gaafatamne, Waaqayyos wanti mootummaan qaraxa ati kaffalteen raawwatuuf siin itti hin gaafatu. Namni Steelviyoo jedhamu Dhugaa Kitaaba Qulqulluu barachuu isaa dura, nama Kibba Awurooppaatti waggoota hedduudhaaf jijjiirama siyaasaa fiduuf qabsaaʼaa ture dha. Sababii carraaqqii gochaa ture itti dhiise yommuu dubbatu akkana jedheera: “Namni addunyaa irratti haqa, nagaa, obbolummaa fi tokkummaa fiduu akka hin dandeenye amanee fudhachuun qaba ture. Dhugumaan hawaasa adda taʼee fi hunda irra caalu fiduu kan dandaʼu, Mootummaa Waaqayyoo qofa dha.”

Akkuma Steelviyoo atis amanamummaadhaan ‘wanta kan Waaqayyoo taʼe Waaqayyoof kan kennitu’ yoo taʼe abdii akkasii qabaatta. Waaqayyo bulchiinsa guutummaa lafaa irratti qajeelummaan keessatti dagaage fiduudhaan miidhaa bulchiinsi ilmaan namootaa geessise hunda yeroo sirreessuu fi jalʼina haqaa lafa irratti mulʼatu yeroo balleessutti arguuf carraa argatta.

[Miiljalee]

^ key. 6 Dhugaa Baatonni Yihowaa qaraxa kaffaluu ilaalchisee maqaa akkamii akka qaban odeeffannoo dabalataa argachuuf, Masaraa Eegumsaa, Sadaasa 1, 2002, fuula 13, keeyyata 15 fi Caamsaa 1, 1996, fuula 17, keeyyata 7 ilaali. (Amaariffa)

[Yaada gabaabaatti fudhatame]

Yaanni Waaqayyoo yaada keenya irraa kan caalu waan taʼeef, ilaalcha keenya ilaalcha isaa wajjin wal simsiisuudhaan sirreeffama gochuu nu barbaachisa

[Yaada gabaabaatti fudhatame]

Kiristiyaanonni ajajamuudhaan qaraxa kaffaluudhaan Waaqayyo duratti qalbii qulqulluu qabaatanii jiraatu, akkasumas amantii Waaqayyo wanta isaan barbaachisu akka isaaniif guutu qaban hojiidhaan argisiisu

[Fakkii]

“Wanta kan Qeesaar taʼe Qeesaariif, wanta kan Waaqayyoo taʼe immoo Waaqayyoof deebisaa kennaa”

[Madda]

Copyright British Museum