Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yihowaan Gaʼaakee Akka Taʼu Gochaa Jirtaa?

Yihowaan Gaʼaakee Akka Taʼu Gochaa Jirtaa?

Yihowaan Gaʼaakee Akka Taʼu Gochaa Jirtaa?

“Duraan dursitanii yaada keessan mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaa barbaaduutti hidhaa! . . . Kan barbaachisu hundinuu immoo isiniif in kennama.”—MAT. 6:33.

1, 2. (a) Galaatiyaa 6:16⁠rratti “Israaʼel Waaqayyoo” kan jedhame eenyu? (b) Maatewos 19:28⁠rratti “gosa Israaʼel kudha lamaan” kan jedhaman eenyufaʼi?

MAQAA Israaʼel jedhu Macaafa Qulqulluu keessatti yommuu dubbistu maal yaadatta? Ilma Yisihaq kan taʼe Yaaqoob isa maqaansaa Israaʼelitti jijjiiramedhaa? Moo saba Israaʼel durii warra sanyiisaa taʼanidha? Waaʼee Israaʼel hafuuraahoo maal yaadatta? Israaʼel fakkeenyaan yeroo caqasamu siʼa baayʼee, “Israaʼel Waaqayyoo” jechuunis namoota 144,000, samiirratti moototaafi luboota taʼuuf hafuura qulqulluudhaan dibaman argisiisa. (Gal. 6:16; Mul. 7:4; 21:12) Haataʼu malee, jecha Maatewos 19:28⁠rratti argamuufi waaʼee gosa Israaʼel 12 dubbatu hubadhaa.

2 Yesus, “Biyya lafaa ishee haaraatti ilmi namaa ulfina isaatiin teessoo irra yommuu taaʼu, isin warri na duukaa buutan immoo, teessota kudha lamaan irra teessanii, gosa Israaʼel kudha lamaan keessatti firdii in kennitu” jedheera. Caqasa kanarratti “gosa Israaʼel kudha lamaan” kan jedhaman, namoota lafa Jannata taatu keessa barabaraaf jiraachuuf abdataniifi bartoota Yesus warra dibamoodhaan firdiin isaanii kennamudha. Namoonni kun tajaajila lubummaa warri 144,000 kennanirraa faayidaa argatu.

3, 4. Kiristiyaanonni dibamoon amanamoo taʼan fakkeenya gaarii akkamii taʼu?

3 Akkuma lubootaafi Lewwoota durii, Kiristiyaanonni dibamoon yeroo harʼaa jiranis tajaajilasaanii akka mirgaatti ilaalu; akkasumas Waaqayyoon gaʼaasaanii godhatu. (Lak. 18:20) Dibamtoonni lafarratti iddoon ykn naannoon akka qabeenyaatti nuu kennama jedhanii hin eegan. Kanaa manaa, Yesus wajjin samii keessatti moototaafi luboota taʼuudhaaf abdatu. Iddoo dibamtoonni samii keessatti qaban ilaalchisee yaada Mulʼata 4:10, 11⁠rra jiruu wajjin haala walsimuun hojii isaanii kenname kanaan Yihowaa tajaajiluusaanii itti fufu.—His. 44:28.

4 Dibamtoonni yommuu lafarra jiranitti, Yihowaan gaʼaasaanii akka taʼe haala argisiisuun jiraatu. Mirga Yihowaa tajaajiluuf argataniif iddoo guddaa kennu. ‘Waamamuufi foʼamuusaaniitti jabaachuuf,’ aarsaa furii Yesusitti amanuufi isa duukaa buʼuusaanii itti fufu. (2 Phe. 1:10) Haalliifi dandeettiin isaan dhuunfaatti qaban garaagaradha. Haataʼu malee, tajaajila Waaqayyoof dhiheessanirratti xinnoo qofa hojjechuuf hanqina qaban kamiyyuu sababa hin godhatan. Kanaa manaa, tajaajila Waaqayyootiif dursa kennuuf wanta isaanii dandaʼame hundaa raawwatu. Warra lafa jannata taaturra jiraachuuf abdataniifis fakkeenya gaarii taʼu.

5. Kiristiyaanonni hundi Yihowaa gaʼaasaanii gochuu kan dandaʼan akkamitti? Kunoo rakkisaa taʼuu kan dandaʼu maaliif?

5 Abdiin keenya samiirras taʼe lafarra jiraachuu, ‘waaʼee ofii keenyaa dhiisnee, fannoosaa isa isaaf jennee baannu ofirra kaaʼannee Kiristos duukaa’ buʼuu qabna. (Mat. 16:24) Namoonni miliyoonaan lakkaaʼamaniifi lafa jannata taaturra jiraachuuf abdatan karaa kanaan Waaqayyoon waaqeffachaafi Kiristos duukaa buʼaa jiru. Waan guddaa hojjechuu utuu dandaʼanii waan xinnoo qofa raawwachuusaaniitti hin gammadan. Obboloonni baayʼeen jireenyaasaanii salphaa gochuudhaan qajeelchaa taʼaniiru. Warri kaanimmoo waggaa keessatti jiʼoota muraasa qajeelchaa gargaaraa taʼuu dandaʼaniiru. Kaanis qajeelchaa taʼuu kan hin dandeenye taʼanis hirmaannaa tajaajilarratti qaban guddisaniiru. Namoonni akkasii Maariyaam ishee Waaqayyoof bulteefi urgooftuu dibataa Yesusirratti dhangalaastee wajjin wal fakkaatu. Yesus, “Isheen waan gaarii anaaf goote. . . . Isheen waan dandeesse hojjetteetti” jedheera. (Mar. 14:6-8) Biyya lafaa Seexanni bulchu keessa waan jiraannuuf waan nuu dandaʼame hundaa gochuun salphaa miti. Taʼus, carraaqqii cimaa goona akkasumas Yihowaatti amanamna. Mee kallattii kana gochuu itti dandeenyu afur haa ilaallu.

Duraan Durasanii Mootummaa Waaqayyoo Barbaaduu

6. (a) Namoonni akkuma waliigalaatti gaʼaansaanii jireenya ammaa qofa akka taʼe kan argisiisan akkamitti? (b) Ilaalcha akka Daawit qabaachuun baayʼee gaarii kan taʼe maaliifi?

6 Yesus duuka buutonnisaa duraan dursanii Mootummichaafi qajeelummaa Waaqayyoo akka barbaadan isaan barsiiseera. Namoonni biyya lafaa ‘warra qoodni jireenyasaanii wanta biyya lafaa kana duwwaa waan taʼeef’ dhimma dhuunfaasaanii dursuurratti xiyyeeffatu. (Faarfannaa 17:1, 13-15 dubbisi.) Namoonni baayʼeen Waaqayyoof xiyyeeffannaa utuu hin kennin, jireenya qananii jiraachuu, maatii godhachuufi dhaala maqaansaanii ittiin waamamu godhachuurratti xiyyeeffatu. Kanaaf gaʼaansaanii jireenya ammaa qofadha. Faallaa kanaatiinimmoo, Daawit akkuma ilmisaa yeroo booda namoonni hundi akkas akka godhan jajjabeesse, Yihowaa biratti “maqaa gaarii” godhachuurratti xiyyeeffateera. (Lal. 7:1) Akkuma Asaaf, Daawit Yihowaa Michuusaa godhachuun, jireenyasaarratti xiyyeeffachuu caalaa faayidaa akka qabu hubatee ture. Waaqayyoo wajjin deddeebiʼuutti ni gammada ture. Kiristiyaanonni yeroo harʼaa jiran hedduunis hojiisaanii caalaa sochii hafuuraatiif dursa kennu.

7. Obboleessi tokko duraan dursee Mootummicha barbaaduunsaa eebba akkamii isaaf argamsiise?

7 Fakkeenya Jiin Kilood isa biyya Giddu Galeessa Afriikaa jiraatuu ilaali. Gaaʼela kan qabuufi abbaa ijoollee sadii ture. Biyya sanatti hojii argachuun ulfaataa waan taʼeef, namoonni baayʼeen hojiisaanii akka hin dhabneef wanta ajajaman hunda raawwatu jechuun ni dandaʼama. Guyyaa tokko hogganaan oomishaa, Jiin Kilood galgala keessaa saʼaatii 12:30tii jalqabee torban guutuu halkan akka hojjetu itti hime. Jiin Kilood yeroo kanatti, wanta jireenyaaf barbaachisu maatiisaatiif dhiheessuu malees, nageenya hafuuraasaanii eeguun akka isa barbaachisu hoggantichaaf ibse. Kana malees, gumii gargaaruuf itti gaafatamummaa akka qabu itti hime. Hoggantichis akkas jedheen: “Hojiikee kanaan milkaaʼina argachuu barbaannaan, haadha manaakee, ijoollee keefi rakkookee dabaltee waan hundaa irraanfachuu qabda. Guutummaa jireenyakee hojii keetiif oolchuu qabda. Amantiikeefi hojiikee keessaa tokko filadhu” jedheen. Kan akkas jedhame utuu si taʼee maal goota turte? Jiin Kilood hojiisaa yoo dhabe Waaqayyo akka isa gargaaru hubatee ture. Tajaajila Waaqayyoorratti waan hojjetu baayʼee qaba; Yihowaanis wanta jireenyaaf maaticha barbaachisu kennuudhaan isaan gargaara. Kanaaf, walgaʼii torban sana godhamurratti ni argame. Sana booda, hojiitti deebiʼuusaa beekuu baatullee hojii dhaquuf qophaaʼuutti kaʼe. Achiis yeruma sana bilbilli ni bilbilame. Hogganaan sun hojiirraa kan ariʼame siʼa taʼu, obboleessi keenya garuu hojiisaa itti fufeera.

8, 9. Yihowaa gaʼaa keenya godhachuurratti lubootaafi Lewwoota fakkaachuu kan dandeenyu akkamitti?

8 Namoonni haala hojiisaanii akka dhaban isaan godhu keessatti argaman tokko tokko, ‘Wanta maatiikootiif barbaachisu dhiheessuuf itti gaafatamummaa narra jiru akkamittan baʼuu dandaʼa?’ jedhanii gaafatu taʼa. (1 Xim. 5:8) Haalli akkasii si mudatee beekus beekuu baatus, Waaqayyoon gaʼaakee yoo godhatte, jechuunis mirga isa tajaajiluuf argatteef bakka guddaa yoo kennite matumaa akka abdii hin kutanne muuxannoo keerraa hubachuu hin ooltu. Yesus bartoonnisaa, duraan dursanii yaadasaanii mootummaa Waaqayyoo barbaaduutti yoo hidhan, “kan barbaachisu hundinuu,” jechuunis wanti nyaatan, dhugan ykn uffatan, akka ‘isaaniif kennamu’ mirkaneesseeraaf.—Mat. 6:33.

9 Lewwoota warra lafti akka dhaalaatti hin kennamneef yaadaa. Hunda caalaa waaqeffannaa qulqulluurratti waan xiyyeeffataniif, wanta jireenyaaf isaan barbaachisu argachuuf Yihowaa isa ‘gaʼaankee ana’ isaaniin jedhetti amanamuu qabu turan. (Lak. 18:20) Akka lubootaafi Lewwootaa mana qulqullummaa keessa kan hin tajaajille taʼus, Yihowaan wanta jireenyaaf nu barbaachisu akka nuu kennu isatti amanamuudhaan fakkeenyasaanii hordofuu dandeenya. Guyyoota gara dhumaa xumuramuu jala gaʼan keessa yommuu jirru kanatti, humna Waaqayyo wanta jireenyaaf nu barbaachisu nuu kennuuf qabutti amanamuun baayʼee barbaachisaadha.—Mul. 13:17.

Duraan Dursanii Qajeelummaa Waaqayyoo Barbaaduu

10, 11. Hojii wajjin haala wal qabateen namoonni tokko tokko Yihowaatti kan amanaman akkamitti? Fakkeenya tokko caqasi.

10 Yesus bartoonnisaa ‘duraan dursanii qajeelummaa Waaqayyoo akka barbaadanis’ isaan gorseera. (Mat. 6:33) Kana jechuun seera namaa caalaa, seera Yihowaan wanta gaariifi gadhee ilaalchisee baaseef iddoo guddaa kennuu jechuudha. (Isaayaas 55:8, 9 dubbisi.) Namoonni hedduun dhugaa dhagaʼuusaanii dura, tamboo oomishuu ykn sijaaraa gurguruu, namoota waraanaaf leenjisuu ykn meeshaa waraanaa oomishuufi gurguruurratti bobbaʼanii akka turan ni yaadattu taʼa. Dhugaa erga baratanii booda garuu, baayʼeensaanii cuuphamuuf jecha hojiisaanii jijjiiruu filataniiru.—Isa. 2:4; 2 Qor. 7:1; Gal. 5:14.

11 Andiruu akka fakkeenyaatti ilaali. Inniifi haati manaasaa waaʼee Yihowaa yommuu bartan isa tajaajiluuf murteessan. Andiruun hojiisaa baayʼee kan jaallatu taʼus dhiisuuf murteesse. Maaliif? Jaarmiyaan inni keessaa hojjetu dhimma siyaasaarraa walaba waan hin turreef, qajeelummaa Waaqayyoo dursuuf murteesse. Andiruun yommuu hojiisaa dhiisu, ijoollee lama qaba, galii, akkasumas qarshii jiʼoota muraasaaf isa gaʼullee hin qabu ture. Akka ilaalcha namaatti ‘dhaala’ kan hin qabne fakkaata ture. Waaqayyotti amanamuudhaan hojii barbaaddachuutti kaʼe. Waaʼee yeroo dabarsanii yaaduudhaan, inniifi maatiinsaa harki Yihowaa gabaabaa akka hin taane mirkaneessuu dandaʼaniiru. (Isa. 59:1) Andiruufi haati manaasaa jireenyasaanii salphaa gochuudhaan tajaajila yeroo guutuurratti hirmaachuufillee mirga argataniiru. Andiruun akkas jedha, “Qarshiin, mana jireenyaa argachuun, fayyaaniifi dullumni yeroon itti nu dhiphise jira ture. Haataʼu malee, Yihowaan yeroo hunda nu cinaa dhaabbateera. . . . Yihowaa tajaajiluun, wanta namoonni hojjechuu qaban keessaa isa hunda caaluufi eebba guddaa argamsiisu akka taʼe afaan guunnee dubbachuu dandeenya.” *Lal. 12:13.

12. Sadarkaa qajeelinaa Waaqayyootiif iddoo guddaa kennuuf wanti barbaachisaa taʼe maalidha? Muuxannoo naannoo keetti beektu caqasi.

12 Yesus bartootasaatiin, “Amantii hamma ija sanaaficaa geessu utuu qabaattanii, gaara kanaan, ‘Asii kaʼii achi butadhu’ in jettu, gaarichis asii kaʼee achi in butata; wanti isiniif hin dandaʼamnes hin jiru” jedheera. (Mat. 17:20) Rakkina kan isinirraan geessisu yoo taʼellee, sadarkaa qajeelinaa Waaqayyootiif iddoo guddaa kennituu? Kun dhugaa taʼuufi dhiisuusaa mirkanaaʼaa taʼuu yoo dadhabde obboloota gumii keessa jiran gaafachuu dandeessa. Muuxannoosaanii dhagaʼuun karaa hafuuraa akka si haaromsu hin shakkisiisu.

Qophii Hafuuraa Yihowaa Dinqisiifachuu

13. Yihowaa tajaajiluuf carraaqqii cimaa ennaa goonu, nyaata hafuuraa ilaalchisee maal eeggachuu dandeenya?

13 Mirga Yihowaa tajaajiluuf qabdaniif bakka guddaa kan kennitan yoo taʼe, akkuma Lewwootaaf wanta jireenyaaf isaan barbaachisu kenne, wanta karaa qaamaafi karaa hafuuraa isin barbaachisu akka isinii kennu mirkanaaʼoo taʼuu dandeessu. Mee waaʼee Daawit yaadaa. Holqa keessa jiraatus, wanta jireenyaaf isa barbaachisu akka isaa kennu Waaqayyotti amanameera. Nuyis yeroo rakkina furmaata hin qabne fakkaatu keessa akka jiruu nutti dhagaʼamuttillee Yihowaatti amanamuu dandeenya. Asaaf yommuu “mana qulqullummaa Waaqayyootti gale” wanta isa dhiphise ilaalchisee hubaannaa argatee akka ture yaadadhaa. (Far. 73:17) Nuyis Yihowaa isa madda nyaata hafuuraa keenya taʼetti garagaluu qabna. Haalli keessa jiru maaliyyuu yoo taʼe akkas kan goonu taanaan, mirga Waaqayyoon tajaajiluuf argannetti ni gammanna. Haala kanaan, Waaqayyo gaʼaa keenya akka taʼu godhachuu dandeenya.

14, 15. Caqasa taʼe tokkorratti hubannaan qabnu yommuu dabalu maal gochuu qabna? Maaliif?

14 Yihowaan inni madda ifa hafuuraa taʼe, “yaada Waaqayyoo isa gad fagoo” Macaafa Qulqulluu keessa jiru tokko yommuu ibsu maaltu sitti dhagaʼama? (1 Qor. 2:10-13) Yesus namoota isa dhaggeeffataniin, “Isin foon ilma namaa yoo nyaachuu dhaabaattan, dhiiga isaas yoo dhuguu dhaabaattan, jireenya of keessaa hin qabdan” yommuu jedhetti deebiin Phexros kenne fakkeenya gaarii taʼa. Bartoonni hedduun jecha kana kallattiidhumaan fudhatanii, “Kunoo, jecha jabaa dha, eenyutu isa dhaggeeffachuu dandaʼa?” jedhan. Isaan keessaa, “baayʼeen gara booddee deebiʼan.” Phexros garuu, “Si dhiifnee eenyu bira dhaqna ree? Gooftaa, dubbii waaʼee jireenya bara baraa nama barsiisu situ qabaʼo” jedhe.—Yoh. 6:53, 60, 66, 68.

15 Phexros wanta Yesus foonsaa nyaachuufi dhiigasaa dhuguu ilaalchisee dubbate guutummaatti hubachuu baatus, ifa hafuuraa argachuuf Waaqayyotti amanameera. Dhimmoota tokko tokkorratti ifni hafuuraa yommuu caalaatti ifu, caqasa sirreeffama sanaaf buʼuura taʼe hubachuuf carraaqqii gootuu? (Fak. 4:18) Namoonni Beriyaa jaarraa jalqabaatti turan ‘wanti dubbatame sun dhugaa taʼuusaa baruudhaaf, guyyuma guyyaatti macaafota qulqulluu qoruudhaan’ dubbicha fudhatanii turan. (HoE. 17:11) Fakkeenyasaanii hordofuun keessan, dinqisiifannaa mirga Yihowaa tajaajiluuf argattaniifi isa gaʼaa keessan godhachuuf qabdan isinii guddisa.

Nama Amane Qofa Hiriyaa Gaaʼelaa Godhachuu

16. Abboommii 1 Qorontos 7:39⁠rra jiruu wajjin haala wal qabateen Waaqayyoon gaʼaa keessan godhachuu kan dandeessan akkamitti?

16 Karaa garabiraan Kiristiyaanonni kaayyoo Waaqayyoo yaadatti qabachuun isaan barbaachisummoo, gorsa Macaafni Qulqulluun “nama amane” qofa hiriyaa gaaʼelaa akka godhatan kennu hojiirra oolchuudha. (1 Qor. 7:39) Obboloonni baayʼeen gorsa Waaqayyo kenne kana hojiirra oolchuuf dhiisuu mannaa qeentee taʼanii jiraachuu filataniiru. Waaqayyo namoota akkasiitti gaarummaa argisiisa. Daawit yommuu kophaa akka taʼeefi gargaarsa akka hin qabne isatti dhagaʼame maal godhe? “Ani dhibee koo [Waaqayyo] duratti nan dhangalaasa, rakkina koos isa duratti nan himadha! Hafuurri koo yeroo ana keessatti laafu” jedheera. (Far. 142:1-3) Ermiyaas raajicha isa amanamummaadhaan waggoota kudhaniin lakkaaʼamaniif qeentee taʼee tajaajilettis akkasuma itti dhagaʼameera. Qeentee taʼuu ilaalchisee waaʼee Ermiyaas caalaatti barachuudhaaf kitaaba Dubbii Waaqayyoo Karaa Ermiyaas Nuuf Kenname jedhamu boqonnaa 8 ilaali. (Ingiliffa)

17. Obboleettiin qeenteen tokko kophummaa darbee darbee isheetti dhagaʼamu kan moote akkamitti?

17 Obboleettiin Yunaayitid Isteetis jiraattu tokko, “Qeentee taʼee jiraachuuf matumaa murteessee hin beeku” jetteetti. “Nama naaf taʼuu yommuun argadhu heerumuuf qophaaʼan ture. Haatikoo isheen Dhugaa Baatuu hin taane, namni kamiyyuu yoo na gaafate akkan itti heerumu na jajjabeessiti turte. ‘Gaaʼellikoo utuu hin milkaaʼin yoo hafe itti gaafatamummaa fudhattaa?’ jedheen ishee gaafadha ture. Yeroo booda garuu hojii gaarii kanan qabu, kanan of kunuunsuufi kanan gammachuu qabu akkan taʼe hubatte. Sana booda dhiibbaa narratti gochuushee ni dhiiste.” Obboleettiin kun yeroo tokko tokko kophummaan hamma tokko isheetti dhagaʼama. Taʼus akkas jetteetti, “Yeroo kanatti Yihowaatti amanamuufan yaalii godha. Innis matuma na hin gatne.” Yihowaatti amanamuuf kan ishee gargaare maalidha? Ammas akkas jetti, “Kadhannaan Waaqayyo dhugumaan akka jiruufi kophaakoo akkan hin taane hubachuuf na gargaareera. Waaqni inni uumama cufa keessatti Hundumaa Gararraa jiru na dhaggeeffata; kanaaf iddoo guddaafi gammachuu akkan hin qabne akkamitti natti dhagaʼamuu dandaʼa?” ‘Fudhachuurra kennuun caalaa akka nama gammachiisu’ waan hubatteef, “Waan tokko akka naa godhan utuu hin eegin, namoota gargaaruuf guutummaatti of kennuufan yaalii godha” jetteetti. Itti dabaluudhaanis, “Nama kana gargaaruuf caalaatti maal gochuun dandaʼa laata? jedhee yommuun yaadu gammachuutu natti dhagaʼama” jetteetti. (HoE. 20:35) Obboleettiin kun dhugumayyuu, Yihowaa gaʼaashee godhatteetti; mirga isa tajaajiluuf argattettis ni gammaddi.

18. Yihowaan gaʼaasaa isin godhachuu kan dandaʼu akkamitti?

18 Haalli keessa jirtan maaliyyuu yoo taʼe, Waaqayyo gaʼaa keessan akka taʼu gochuu dandeessu. Kana kan gootan taanaan, sabasaa warra gammachuu qaban keessaa tokko taatu. (2 Qor. 6:16, 17) Kunimmoo akkuma namoota kanaan dura turaniifi Yihowaa gaʼaasaanii godhatanii turanii taʼuuf isin gargaara. (Keessa Deebii 32:9, 10 dubbisi.) Akkuma Waaqayyo Israaʼeloota saboota keessaa gaʼaasaa godhate, isiniinis kansaa godhachuufi jaalalaan isin kunuunsuu dandaʼa.—Far. 17:8.

[Miiljalee]

^ key. 11 Dammaqaa! Sadaasa 2009, fuula 12-14 ilaali. (Amaariffa)

Maal Jettee Deebista?

Yihowaan gaʼaa keessan akka taʼu gochuu kan dandeessan akkamitti?

• duraan dursitanii Mootummaa Waaqayyoofi qajeelummaasaa barbaaduudhaan

• nyaata hafuuraatiif dinqisiifannaa qabaachuudhaan

• abboommii Waaqayyo nama amane qofa hiriyaa gaaʼelaa akka godhannu kenne hojiirra oolchuudhaan

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 13rra jiru]

Tajaajilasaatiif iddoo guddaa kan kenninu yoo taʼe Yihowaan gaʼaa keenya taʼa

[Fakkii fuula 15⁠rra jiru]

Fakkeenyi Ermiyaas jajjabina nuu kenna