Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Kennaa Sana Akka Argattaniif Fiigaa!”

“Kennaa Sana Akka Argattaniif Fiigaa!”

“Kennaa Sana Akka Argattaniif Fiigaa!”

“Isinis akkasuma kennaa sana akka argattaniif fiigaa!”—1 QOR. 9:24.

1, 2. (a) Phaawulos Ibroota Kiristiyaana taʼan jajjabeessuuf maalitti fayyadameera? (b) Tajaajiltoonni Waaqayyoo maal akka godhan jajjabeeffamaniiru?

PHAAWULOS, ergaa Ibrootaaf barreesserratti, Kiristiyaanota hidhatasaa taʼan jajjabeessuuf fakkeenya tokkotti fayyadameera. Dorgommee fiigichaa jireenya barabaraatiif godhanirratti kophaasaanii akka hin taane isaan yaadachiiseera. ‘Dhuga-baatonni akka duumessaa lafa uffisaniifi’ dorgommicha akka gaariitti xumuran naannoosaanii jiru. Ibroonni Kiristiyaana taʼan gocha amantii namoonni kun raawwataniifi carraaqqii cima isaan godhan yaadatti qabachuunsaanii, abdii utuu hin kutatin dorgommicha itti fufuuf isaan gargaara.

2 Mataduree darberratti jireenya “dhuga-baatota akka duumessaa” hedduu keessaa tokko tokko ilaalleerra. Hundisaanii dorgommee fakkeenyaan ibsame sana hamma dhumaatti yommuu fiigan, amantiinsaanii inni cimaan Waaqayyoof amanamoo taʼanii akka jiraatan isaan gargaaruusaa argisiisaniiru. Nuyis isaanirraa barumsa argachuu dandeenya. Akkuma mataduree darberratti ibsame, Phaawulos nuufis taʼe tajaajiltoota hidhatasaa taʼaniif gorsa, “Kanaafis kottaa wanta baʼaa nutti taʼu hundumaa, cubbuu isa nutti qabates of irraa fuunee, dorgomee isa nu dura jiru obsaan dandeenyee in fiignaa!” jedhu kenneera.—Ibr. 12:1.

3. Phaawulos dorgommee fiigichaa Giriikitti godhamu kan caqase gorsa akkamii kennuu barbaadeeti?

3 Kitaabni Baakgiraawundis oov Erlii Kiristiyaanitii jedhamu dorgommee atleetiksii bara sanatti godhamu ilaalchisee, “Giriikonni kan shaakalanis taʼe kan fiigan qullaasaanii” akka ture ibseera. * Namoonni yeroo akkasiitti fiigan, wanta isaanitti ulfaatu ykn baʼaa saffisasaanii jalaa daangessu kamiyyuu ofirraa baasu turan. Akkasitti fiiguusaanii deggeruu baannus, kaayyoon isaan qullaasaanii itti fiigan inni guddaan badhaasa argachuu qofa akka taʼe beekna. Phaawulos namni dorgommee jireenyaa fiigu tokko badhaasa argachuuf, wanta isa danqu kamiyyuu ofirraa baasuu qaba jechuusaa ture. Gorsi kun akkuma Kiristiyaanota yeroo sana turaniif barbaachisaa ture nuufis barbaachisaadha. Dorgommee jireenya barabaraatiif godhamurratti badhaasa akka hin arganne wantonni baʼaa nutti taʼan maalfaʼi?

‘Wanta Baʼaa Taʼu Hundumaa Ofirraa Fuudhaa’

4. Namoonni bara Nohi maalirratti xiyyeeffatanii turan?

4 Phaawulos ‘wanta baʼaa nutti taʼu hundaa akka ofirraa fuunu’ gorseera. Baʼaa kan jedhame, wanta xiyyeeffannaa keenya hihhiruufi humna keenya guutuudhaan akka hin fiigne nu dhowwu hundumaa kan dabalatudha. Baʼaan akkasii maal taʼuu dandaʼa? Namoota fakkeenya taʼaniifi Phaawulos caqase keessaa tokko kan taʼe Nohiin ilaalchisee, Yesus “Bara Nohitti akkuma taʼee ture, bara ilma namaattis akkasuma in taʼa” jedheera. (Luq. 17:26) Yesus adda durummaadhaan waaʼee badiisa guddaa dhufuuf jiruu utuu hin taʼin, akkaataa jireenyaa namoota sanaa dubbachuusaa ture. (Maatewos 24:37-39 dubbisi.) Namoonni bara Nohi turan harki caalaansaanii Waaqayyoon gammachiisuun haa hafuutii dhimmasaayyuu hin qaban turan. Yaannisaanii akka hihhiramu kan godhe maal ture? Wanti addaa kanaaf sababa taʼe hin turre. Wantoota baramaa taʼan, jechuunis nyaachuu, dhuguu, akkasumas fuudhuufi heerumuurratti xiyyeeffatanii turan. Akkuma Yesus dubbate rakkinnisaanii inni guddaan “utuu hin beekin” hafuusaaniiti.

5. Dorgommee sana haala gaariitiin xumuruuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa?

5 Akkuma Nohiifi maatiisaa, nuyis guyyaa guyyaadhaan waan hojjennu hedduu qabna. Waan ittiin jiraannu argachuuf hojjechuufi ofii keenyas taʼe maatii keenya kunuunsuun nu barbaachisa. Kunis yeroo, humnaafi qabeenya keenya gara caalaasaa fudhachuu dandaʼa. Keessumaa yeroo haalli dinagdee rakkisaa taʼe kanatti, wanta jireenyaaf nu barbaachisuuf dhiphachuun keenya hin oolu. Kiristiyaanota Yihowaadhaaf of murteessine waan taaneef itti gaafatamummaawwan gara biraas qabna. Tajaajilarratti hirmaachuu, walgaʼiidhaaf qophaaʼuu, akkasumas walgaʼiirratti argamuu, qayyabannaa dhuunfaafi maatii gochuudhaan karaa hafuuraa of cimsuu qabna. Nohi Waaqayyoon tajaajiluurratti waan baayʼee hojjechuu kan qabu yoo taʼeyyuu, ‘akkuma abboomametti hojjetee raawwateera.’ (Uma. 6:22) Dorgommee Kiristiyaanaa hamma dhumaatti fiiguu yoo barbaanne, baʼaa baannu xiqqeessuu, akkasumas isa barbaachisaa hin taane hunda baachuurraa of qusachuun keenya gaarii akka taʼe beekamaadha.

6, 7. Gorsa Yesus kenne isa kam yaadachuu qabna?

6 Phaawulos ‘baʼaa hundumaa’ ofirraa fuunee yommuu jedhu maal jechuusaa tureree? Itti gaafatamummaa qabnu hundumaarraa guutummaatti walaba taʼuu akka hin dandeenye beekamaadha. Kana ilaalchisee wanta Yesus jedhe hubadhu: “Isin ‘Maal nyaanna?’ yookiis ‘Maal dhugna?’ yookiis ‘Maal uffanna?’ jettanii hin yaaddaʼinaa! Warri saba Waaqayyoo hin taʼin yaada isaanii isaan kanatti hidhanii jiruʼo; isaan kun hundinuu isiniif barbaachisoo akka taʼan garuu abbaan keessan inni waaqa irraa in beeka.” (Mat. 6:31, 32) Yaanni Yesus dubbate, wantoota baramaa taʼan kan akka nyaataafi uffataa jiranirratti garmalee xiyyeeffachuun baʼaa ykn gufuu nutti taʼuu akka dandaʼu argisiisa.

7 Jecha Yesus, “Isaan kun hundinuu isiniif barbaachisoo akka taʼan garuu abbaan keessan inni waaqa irraa in beeka” jedhe hubadhaa. Kana jechuun, Abbaa keenya isa samii kan taʼe Yihowaan wanta nu barbaachisu nuu kennuuf gaʼeesaa raawwata jechuudha. “Isaan kun hundinuu” kan jedhaman wanta nuyi jaallannu ykn barbaannurraa adda taʼuu dandaʼu. Taʼus, wantoota ‘warri saba Waaqayyoo hin taʼin yaadasaanii itti hidhataniif’ akka hin dhiphanne nutti himameera. Maaliif? Yesus yeroo booda, “Gad-dhiisiitti jiraachuudhaan, machiidhaan, yaaddoo jireenyaatiinis yaada garaa keessanitti baʼaa fiddanii, akka kiyyoon bineensa qabutti guyyichi sun dingata akka isin irra hin baanetti of eeggadhaa” jedhee namoota isa dhaggeeffatan gorsee ture.—Luq. 21:34, 35.

8. Keessumaa yeroo ammaatti ‘wanta baʼaa nutti taʼu hundumaa ofirraa fuudhuu’ kan qabnu maaliifi?

8 Bakka dorgommichi itti xumuramu gaʼuuf jenna. Yeroo bakka kanatti baayʼee dhihaannetti, baʼaan barbaachisaa hin taaneefi nu danquu dandaʼu akka nutti feʼamu yoo heyyamne baayʼee nama gaddisiisa! Kanaaf gorsa Phaawulos, “Nama Waaqayyoo taʼuun, nama wanta qabuun of dandaʼee jiraatu biratti buʼaa guddaa qaba” jechuudhaan kenne hordofuun baayʼee barbaachisaadha. (1 Xim. 6:6) Wanta Phaawulos dubbate yaadatti qabachuun keenya carraan badhaasicha argachuuf qabnu guddaa akka taʼu godha jechuudha.

“Cubbuu Isa Salphaatti Takaalee Nu Qabu”

9, 10. (a) “Cubbuu isa salphaatti takaalee nu qabu” kan jedhame maalidha? (b) Wanti takaalee nu qabu maal taʼuu dandaʼa?

9 Phaawulos, “wanta baʼaa nutti taʼu hundumaa” malees, “cubbuu isa salphaatti takaalee nu qabu, NW” akka ofirraa fuunu dubbateera. Kun maal taʼuu dandaʼa? Jechi afaan Giriikii ‘salphaatti takaalu’ jedhamee hiikame Macaafa Qulqulluu keessatti kan argamu al tokko, jechuunis iddoo kana qofattidha. Hayyuun Aalbarti Barneez jedhaman, “Akkuma namni fiigaa jiru tokko, wayyaan miillasaatti xaxamee akka isa hin gufachiisneefi isa hin danqine of eeggatu, Kiristiyaanni tokkos keessumaa wantoota kana fakkaatan ofirraa fageessuu qaba” jedhaniiru. Kiristiyaanni tokko hamma amantiinsaa laafuu dandaʼutti kan gufatu akkamitti?

10 Kiristiyaanni tokko amantiinsaa guyyaadhuma tokkotti hin badu. Kanaa mannaa, suuta suutaan, utuu isatti hin beekamin taʼuu dandaʼa. Phaawulos ergaa Ibrootaaf barreesse gara jalqabaarratti, ‘karaarraa goruun,’ akkasumas ‘garaa hamaa hin amanne qabaachuun’ balaa akka qabu akeekkachiisee ture. (Ibr. 2:1; 3:12) Namni dorgommeedhaaf fiigu tokko miillisaa wayyasaatiin xaxamnaan kufuunsaa waan hin oolledha. Keessumaa namni sun balaa wayyaa tokko tokko uffachuun qabu salphisee kan ilaalu yoo taʼemmoo, carraan inni xaxamuuf qabu guddaa taʼa. Balaa akkasii salphisee akka ilaalu kan isa godhu maal taʼuu dandaʼa? Tarii dantaa dhabummaa ykn garmalee ofitti amanamuu ykn wantoota yaada namaa hihhiran tokko tokko taʼuu dandaʼa. Gorsa Phaawulos kennerraa barumsa akkamii argachuu dandeenya?

11. Wanti amantiin keenya akka badu godhu maal taʼuu dandaʼa?

11 Amantiin keenya akka badu kan godhu wanta yeroo dheeraa keessatti raawwannu taʼuusaa yaadachuu qabna. Hayyuun kan biraan tokko yaada “cubbuu isa salphaatti takaalee nu qabu” jedhu ilaalchisee, “cubbuu, haala keessa jirruun, seera ittiin jiraannuun, karaa hiriyoota keenyaa dhiibbaa guddaa nurraan geessisu” akka taʼe ibsaniiru. Kana jechuun, naannoon, dadhabinniifi hiriyoonni keenya dhiibbaa guddaa nurraan geessisuu dandaʼu jechuudha. Wantoonni kun, amantiin keenya akka laafu darbees akka badu gochuu dandaʼu.—Mat. 13:3-9.

12. Amantiin keenya akka hin badneef akeekkachiisa kam yaadachuu qabna?

12 Kutaan hojjetaa amanamaafi ogeessaa waggoota dheeraadhaaf, wanta ilaalluufi wanta dhaggeeffannuuf, jechuunis wanta garaafi sammuun keenya irratti xiyyeeffatuuf of eeggannoo akka goonu nu hubachiisaa tureera. Qarshiifi qabeenya hordofuudhaan akka hin takaalamne akeekkachiisni nuu kennameera. Wantoota bohaartiirratti qalbii namaa hawwataniin ykn meeshaawwan elektirooniksii haaraa baʼaniin yaanni keenya hihhiramuu dandaʼa. Gorsi akkasii garmalee cimaa akka taʼe ykn hamma tokko balaan akkasii akka nu hin tuqneefi gorsi kun namoota kaaniif qofa kan hojjetudha jedhanii yaaduun dogoggora guddaadha. Gufuun addunyaan Seexanni seerratu karaa keenyarra kaaʼu dhokataa kan taʼeefi kan nama gowwoomsudha. Dantaa dhabuun, garmalee ofitti amanamuufi yaanni keenya akka hihhiramu gochuun akkuma namoota tokko tokko galaafachaa jiru, nuunis abdii badhaasa jireenyaa akka argannu nuu kennamerratti akka hin xiyyeeffanne nu gochuu dandaʼu.—1 Yoh. 2:15-17.

13. Dhiibbaa miidhaa nurra geessisurraa of eeguu kan dandeenyu akkamitti?

13 Namoota galma, amalaafi yaada biyya lafaa naannoo keenya jiru babalʼisan gidduu jiraanna. (Efesoon 2:1, 2 dubbisi.) Taʼus, dhiibbaa akkasiitiif moʼamuun keenya irra caalaa wanta dhiibbaa kana moʼuuf goonurratti kan hundaaʼedha. ‘Qilleensi’ Phaawulos caqase duʼaaf kan nama saaxiludha. Hudhamnee ykn ukkaamamnee dorgommicha utuu hin xumurin akka hin hafneef yeroo hundaa of eeggachuu qabna. Maarree dorgommee sana keessaa akka hin baaneef maaltu nu gargaaruu dandaʼa? Dorgommee kanarratti fakkeenya guddaan Yesusidha. (Ibr. 12:2) Haataʼu malee, Phaawulosis fakkeenya nuu taʼa. Inni Kiristiyaanota dorgommee kanarratti hirmaatan keessaa tokko akka taʼe, akkasumas namoonni hidhata amantiisaa taʼan fakkeenyasaa akka hordofan gorseera.—1 Qor. 11:1; Filp. 3:14.

‘Kennaa Sana Argachuu’ Kan Dandeessan Akkamitti?

14. Phaawulos hirmaannaa dorgommee fiigicharratti godhuuf ilaalcha akkamii qaba ture?

14 Phaawulos hirmaannaa dorgommicharratti godhuuf ilaalcha akkamii qaba ture? Gorsa yeroo dhumaatiif jaarsolii Efesooniif kennerratti, “Ergaa koo fi hojii koo kana raawwachuu duwwaa nan barbaada; kana irraa kan hafe jireenya koo akka waan gatii naaf qabuutti hin lakkaaʼu” jedheera. (HoE. 20:24) Dorgommicha xumuruuf jireenyasaa dabalatee waan hundumaa aarsaa gochuuf fedhii qaba ture. Phaawulos, dorgommicha utuu hin xumurin yoo hafe, carraaqqiin inni godheefi misraachicha lallabuuf hojiin inni jabaatee hojjete hundi gatii hin qabaatu ture. Taʼus, dorgommicha moʼuunsaa akka hin oole yaaduudhaan ofitti hin amanamne. (Filiphisiiyus 3:12, 13 dubbisi.) Kanaa mannaa, “Walʼaansoo isa gaarii sanas dhaabadhee qabeera; dorgomee koos raawwadheera, amantiis eegeera” kan jedhe yommuu duʼuu jala gaʼetti ture.—2 Xim. 4:7.

15. Phaawulos namoota hidhatasaa isaa wajjin dorgommeerratti hirmaataniif gorsa akkamii kenne?

15 Kana malees, Phaawulos Kiristiyaanonni hidhatasaa taʼan, karaatti utuu hin hafin dorgommicha akka xumuran fedhii guddaa qaba ture. Fakkeenyaaf, Kiristiyaanonni Filiphisiiyus jiran fayyinasaaniitiif jabaatanii akka hojjetan isaan gorseera. ‘Dubbii jireenyaa jabeessanii qabachuusaanii’ itti fufuu qabu turan. Itti dabaluudhaanis, “Guyyaa Kristos firdiidhaaf dhufutti akkasumaan waanan hin fiiginiif, akkasumaan waanan hin dadhabiniif, akkan ittiin of jajutti” jedheera. (Filp. 2:16) Haaluma wal fakkaatuun, Kiristiyaanota Qorontos jiran, “Isinis akkasuma kennaa sana akka argattaniif fiigaa!” jedhee gorseera.—1 Qor. 9:24.

16. Galmi ykn badhaasni keenya ifatti nutti mulʼachuu kan qabu maaliifi?

16 Dorgommee dheeraa kan akka maaraatooniirratti jalqabarratti bakki itti xumuramu hin mulʼatu. Taʼus, namni dorgomu tokko hamma dhumaatti, bakka xumuraa sanarratti xiyyeeffachuudhaan fiiga. Bakka xumuraa sanatti dhihaachaa yommuu adeemu jabaatee fiiga. Dorgommeen keenyas kanaa wajjin wal fakkaachuu qaba. Galmi ykn badhaasni keenya caalaatti nutti mulʼachuu qaba. Kana gochuun keenyas badhaasicha argachuuf nu gargaara.

17. Amantiin badhaasicharratti xiyyeeffachuuf kan gargaaru akkamitti?

17 Phaawulos, “Amantiin waan abdatan ‘Dhuguma in taʼa’ jedhanii fudhachuu dha; waan ijaan hin argines akka waan arganiitti ‘Jira’ jedhanii lakkaaʼuu dha” jedhee barreesseera. (Ibr. 11:1) Abrahaamiifi Saaraan jireenya qananii dhiisanii, “biyya lafaa irrattis ormaa fi kara-adeemtuu” taʼuuf fedhii akka qaban argisiisaniiru. Kana gochuuf maaltu isaan gargaare? “Isa abdachiifaman fagootti [ilaaluusaanii]” ture. Museenis, “yeroo gabaabduudhaaf cubbuu keessa jiraatee gammaduu,” akkasumas “sooruma Gibxii” dhiiseera. Kana gochuuf amantiifi jabina kan argate akkamitti? “Ija isaa gatii isaa isa booddee irra [kaaʼachuudhaan]” ture. (Ibr. 11:8-13, 24-26) Kanaaf, Phaawulos waaʼee namoota kanaa yommuu ibsu “amantiidhaan” jedhee jalqabuunsaa kan nama dinqisiisu miti. Amantiin qorumsaafi rakkina isaanirra gaʼaa jirurratti utuu hin taʼin, wanta Waaqayyo isaanii godheefi gara fuulduraatti isaanii gochuuf jirurratti akka xiyyeeffatan isaan gargaareera.

18. “Cubbuu isa salphaatti takaalee nu qabu” ofirraa fuudhuuf tarkaanfii akkamii fudhachuu dandeenya?

18 Dhiirotaafi dubartoota amantii Ibroota boqonnaa 11⁠rratti caqasamanirratti xiinxaluudhaan, akkasumas fakkeenyasaanii hordofuudhaan, amantii qabaachuufi “cubbuu isa salphaatti takaalee nu qabu” ofirraa fuudhuu dandeenya. (Ibr. 12:1) Kana malees, namoota amantii akkasii qabanii wajjin walitti qabamuudhaan, ‘jaalala argisiisuufi waan gaarii hojjechuuf tuttuqnee yaada walii kaasuu’ dandeenya.—Ibr. 10:24.

19. Badhaasicharratti xiyyeeffachuu kan dandeessu akkamitti?

19 Dorgommee keenya xumuruu jala geenyeerra. Bakki itti xumurrus nutti mulʼachaa jira. Amantiifi gargaarsa Yihowaatiin, ‘wanta baʼaa nutti taʼu hundumaafi cubbuu isa salphaatti takaalee nu qabu ofirraa fuudhuu’ dandeenya. Eeyyee badhaasicha, jechuunis eebba Abbaan keenya Yihowaan nu abdachiise akka arganutti fiiguu ni dandeenya.

[Miiljalee]

^ key. 3 Kitaabni durii tokko akka jedhutti, Yaason lubichi inni gantuu taʼe, aadaa Giriikotaa babalʼisuuf jecha Yerusaalemitti bakka ispoortii itti hojjetan ijaaruuf gaafachuunsaa falmii guddaa uumee ture.—2 Maqaabota 4:7-17.

Ni Yaadattaa?

• “Wanta baʼaa nutti taʼu hundumaa” ofirraa fuudhuun maal dabalata?

• Kiristiyaanni tokko amantiinsaa akka badu kan godhu maal taʼuu dandaʼa?

• Badhaasicharratti xiyyeeffachuu kan qabnu maaliifi?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 23⁠rra jiru]

“Cubbuu isa salphaatti takaalee nu qabu” kan jedhame maalidha? Nu takaaluu kan dandaʼuhoo akkamitti?