Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yihowaa Biratti Ni Beekamtaa?

Yihowaa Biratti Ni Beekamtaa?

Yihowaa Biratti Ni Beekamtaa?

“[Yihowaan] warra kan isaatii in beeka.”—2 XIM. 2:19.

1, 2. (a) Yesusiin kan yaaddessu maal ture? (b) Gaaffiiwwan kamirratti yaaduu qabna?

GUYYAA tokko namni Fariisota keessaa tokko taʼe gara Yesus dhufee, “Seera keessaa abboommiin inni hundumaa irra caalu isa kam?” jedhee isa gaafate. Yesusis, “Waaqayyo kee goofticha garaa kee guutuudhaan, jireenya kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaanis jaallachuutu siif taʼa” jedhee deebiseef. (Mat. 22:35-37) Yesus Abbaasaa isa samiitiif jaalala guddaa qaba ture; wanta dubbate kanaa wajjin haala walsimuunis jiraateera. Amanamaa taʼee jiraachuudhaanis, ejjennoon inni Yihowaa duratti qabu akka isa yaaddessu argisiiseera. Kanaan kan kaʼe, duʼuusaa yeroo muraasa dura Waaqayyo akka nama abboommiiwwansaa amanamummaadhaan raawwateetti akka isa beeku dubbachuu dandaʼeera. Yesus akkas gochuudhaan jaalala Yihowaa keessatti of eegeera.—Yoh. 15:10.

2 Yeroo harʼaa namoonni baayʼeen Waaqayyoon akka jaallatan dubbatu. Nuyis akkumasaanii akka jennu beekamaadha. Haataʼu malee, gaaffiiwwan armaan gadiirratti yaaduu qabna: ‘Waaqayyo biratti nan beekamaa? Yihowaan akkamitti na ilaala? Kansaa akkan taʼettan beekamaa?’ (2 Xim. 2:19) Walitti dhufeenya cimaa Yihowaa isa uumama cufarratti Olaantummaa qabuu wajjin qabnurratti xiinxaluun keenya mirga guddaa mitii!

3. Namoonni tokko tokko kan Yihowaa taʼuusaanii kan shakkan maaliifi? Ilaalcha akkasiirraa of qusachuuf maaltu isaan gargaara?

3 Namoonni Yihowaadhaaf jaalala guddaa qaban tokko tokko garuu, Waaqayyo wanta gaarii isaan qaban beekuu akka dandaʼu amanuun isaan rakkisa. Tokko tokkommoo, akka gatii hin qabne waan isaanitti dhagaʼamuuf, yaanni kan Yihowaa taʼuu jedhu isaanii hin liqimfamu. Haataʼu malee, Waaqayyo kallattii garaagaraatiin nu ilaaluu akka dandaʼu beekuun keenya baayʼee nu gammachiisa! (1 Sam. 16:7) Phaawulos ergamaan Kiristiyaanota hidhatasaa taʼaniin, “Namni Waaqayyoon jaallatu . . . isa biratti beekamaa in taʼa” jedheera. (1 Qor. 8:3) Jaalalli ati Waaqayyoof qabdu isa biratti beekamuuf hunda caala barbaachisaadha. Mee yaadi: Barreeffama kana maaliif dubbisaa jirta? Garaakee, jireenyakee, yaadaakeefi humnakee guutuudhaan Yihowaa tajaajiluuf kan carraaqxu maaliifi? Waaqayyoof of murteessitee kan cuuphamte yoo taatemmoo, tarkaanfii kana fudhachuuf kan si kakaase maal ture? Macaafni Qulqulluun, Yihowaan inni garaa namaa qoru, miʼa babbareedaa saba lafarraa hundumaa akka ofitti harkisu ibsa. (Hag. 2:7, NW; Yohannis 6:44 dubbisi.) Kanaaf, Yihowaa tajaajilaa kan jirtu inni waan ofitti si harkiseef akka taʼe mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa. Yihowaan namoonni inni ofitti harkise hamma isaaf amanamoo taʼanii jiraatanitti matumaa isaan hin dhiisu. Waaqayyo gati jabeessa akka taʼanitti isaan ilaala; akkasumas baayʼee isaan jaallata.—Far. 94:14.

4. Waaqayyo biratti beekamuu keenyarratti xiinxaluu keenya itti fufuu kan qabnu maaliifi?

4 Erga Yihowaan takkaa ofitti nu harkisee, jaalalasaa keessatti of eeguun keenya barbaachisaadha. (Yihudaa 20, 21 dubbisi.) Macaafni Qulqulluun Waaqayyorraa goruun ykn garagaluunis akka jiru kan dubbatu taʼuusaa yaadadhu. (Ibr. 2:1; 3:12, 13) Fakkeenyaaf Phaawulos, yaada 2 Ximotewos 2:19⁠rra jiru dubbachuusaa dura, Himnewosiifi Filexoos akka caqase yaadadhu. Namoonni kun lamaan jalqabarratti kan Yihowaa taʼuu hin oolan; yeroo booda garuu dhugaa dhiisaniiru. (2 Xim. 2:16-18) Namoonni gumii Galaatiyaa Waaqayyo biratti beekamoo turan tokko tokkos, ifa hafuuraa yeroo tokko keessa jiraataa turanitti jabaatanii akka hin dhaabanne yaadadhaa. (Gal. 4:9) Ejjennoo gati jabeessa Waaqayyo duratti qabnu matumaa akka laayyootti ilaalluu hin qabnu.

5. (a) Amalawwan Waaqayyo iddoo guddaa kennuuf tokko tokko kamfaʼi? (b) Fakkeenyota kam ilaalla?

5 Keessumaa amalawwan Yihowaan iddoo guddaa kennuuf tokko tokko jiru. (Far. 15:1-5; 1 Phe. 3:4) Amantiifi gad of deebisuun namoota Waaqayyo biratti beekaman tokko tokko addaan baasanii beeksisaniiru. Amalawwan kun akkamitti Yihowaa biratti akka jaallataman akka isaan godhe hubachuuf, namoota lama akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Kana malees, nama Waaqayyo biratti akka beekamu isatti dhagaʼamee tureefi kooraan deddeebiʼuudhaan Yihowaan isa dhiise tokko ni ilaalla. Fakkeenyota kanarraa barumsa gaggaarii argachuu dandeenya.

Abbaa Warra Amantii Qabanii

6. (a) Abrahaam abdii Yihowaan kennerratti amantii qabu kan argisiise akkamitti? (b) Abrahaam Yihowaa biratti kan beekame akkamitti?

6 Abrahaam nama “Waaqayyotti amane” ture. Kanaaf, ‘warra amanan hundumaaf abbaa’ jedhamee waamamuunsaa kan nama dinqisiisu miti. (Uma. 15:6; Rom. 4:11) Abrahaam biyya fagoo deemuuf jecha amantiidhaan, mana, hiriyootaafi qabeenyasaa dhiiseera. (Uma. 12:1-4; Ibr. 11:8-10) Amantiinsaa sana boodas waggoota dheeraadhaaf cimaa ture. Kun yeroo inni Yihowaadhaaf abboomamuudhaan, ‘Yisihaqin aarsaa dhiʼeessuuf qophaaʼetti’ mulʼateera. (Ibr. 11:17-19) Abrahaam abdii Yihowaan kennerratti amantii akka qabu waan argisiiseef, Waaqayyo akka nama addaatti isa ilaaluudhaan akka gaariitti isa beekeera. (Uumama 18:19 dubbisi.) Yihowaan Abrahaam akka jiru beekuu qofa utuu hin taʼin, akka michuusaatti bakka guddaa isaaf kenna ture.—Yaq. 2:22, 23, hiika bara 1899.

7. Abdiiwwan Yihowaan kenne raawwatamuusaanii ilaalchisee maal hubachuu qabna? Abrahaamoo abdii Yihowaan kenneef ilaalcha akkamii qaba ture?

7 Abrahaam biyya akka dhaalu abdachiifamee ture akka hin fudhanne hubachuun barbaachisaadha. Sanyiinsaas “akka cirracha qarqara galaanaa” yommuu baayʼatan hin argine. (Uma. 22:17, 18) Abdiiwwan kun yeroo inni turetti kan hin raawwatamne taʼanis, Abrahaam Yihowaarratti amantii cimaa qaba ture. Wanti Waaqayyo dubbate akka raawwatametti kan lakkaaʼamu akka taʼe hubatee ture. Abrahaam amantii qabu kanaa wajjin haala walsimuun jiraateera. (Ibroota 11:13 dubbisi.) Yihowaa biratti amantii akka Abrahaam akka qabnutti beekamnaa?

Yihowaa Eeggachuun Amantii Akka Qabnu Argisiisa

8. Fedhiiwwan namoonni akka isaaniif guutaman barbaadan maalfaʼi?

8 Wantoonni argachuuf hawwinu jiraachuu dandaʼu taʼa. Gaaʼela godhachuu, ijoollee qabaachuufi fayyaa gaarii qabaachuuf hawwuun waanuma jiruufi fedhii sirrii taʼedha. Haataʼu malee, namoonni baayʼeen wantoota hawwan kana keessaa tokkollee ykn isaa ol hin argatan taʼa. Haala akkasii keessatti kan argamnu yoo taʼe, wanti yeroo kanatti raawwannu amantiin keenya sadarkaa akkamiirratti akka argamu kan argisiisu taʼuu dandaʼa.

9, 10. (a) Namoonni tokko tokko fedhiisaanii kan guuttatan akkamitti? (b) Abdiiwwan Waaqayyo kenne raawwatamuusaanii ilaalchisee maaltu sitti dhagaʼama?

9 Karaa ogummaa Waaqayyootiin faallaa taʼeen fedhiiwwan kana guuttachuuf barbaaduun gowwummaa guddaadha. Akkas gochuun karaa hafuuraa balaadhaaf nama saaxila. Fakkeenyaaf, namoonni tokko tokko yaalii fayyaa gorsa Yihowaa wajjin wal faallessu filataniiru. Kaanimmoo hojii maatiisaanii ykn walgaʼii gumiirraa isaan fageessu jalqabaniiru. Yookiin nama Dhugaa Baatuu hin taanee wajjin gaaʼela godhachuuf jecha walitti dhufeenya uumaniiru. Kiristiyaanni tokko akkas kan godhu taanaan, dhuguma Waaqayyo biratti beekamuu barbaadaa jira jechuun ni dandaʼa? Abrahaam abdiin Waaqayyo kenne raawwatamuusaa ilaalchisee, utuu obsa dhabeera taʼee Yihowaatti maaltu dhagaʼama ture? Abrahaam Yihowaa eeggachuusaa itti fufuu mannaa, deebiʼee jireenya tasgabbaaʼaa jiraachuufi beekamummaa argachuuf utuu murteesseera taʼehoo? (Uumama 11:4 waliin ilaali.) Akkuma Yihowaa biratti beekamummaa argatetti itti fufa turee?

10 Atoo maal argachuuf baayʼee hawwita? Yihowaa isa fedhiiwwan keenya sirrii taʼan hunda nuu guutuuf waadaa gale eeggachuuf amantii cimaa qabdaa? (Far. 145:16) Akkuma Abrahaamirratti mulʼate, abdiiwwan Waaqayyo kenne tokko tokko akka nuyi barbaannetti dafanii hin raawwataman taʼa. Taʼus, Yihowaan carraaqqii amantii akka Abrahaam qabaachuufi isaa wajjin walsimnee jiraachuuf goonuuf iddoo guddaa kenna. Kana gochuun keenyas dhumarratti faayidaa akka nuu argamsiisu hin shakkisiisu.—Ibr. 11:6.

Garaagarummaa Kooraafi Gad Of Deebisuu Gidduu Jiru

11. Mirgawwan Qoraahi qabu Waaqayyoof ilaalcha akkamii akka qabu kan argisiisan taʼuu dandaʼu?

11 Kabajni Museefi Qoraahi qophii Yihowaatiifi murtoosaatiif qaban garaagaraa ture. Wanti isaan godhan ilaalcha Yihowaan isaaniif qaburratti jijjiirama fideera. Qoraahi sanyii Lewwii miseensa maatii Qehaat siʼa taʼu, mirgawwan hedduu, jechuunis yeroo sabichi Galaana Diimaa ceʼuudhaan badiisarraa oole arguu, yommuu Yihowaan Tulluu Siinaarratti namoota abboomamuu didan adabe deggeruufi saanduqa kakuu baachuu dabalatan kan qabu taʼuu hin oolu. (Bau. 32:26-29; Lak. 3:30, 31) Qoraahi waggoota dheeraadhaaf amanamummaadhaan Yihowaa taajilaa waan tureef, namoota Israaʼel hedduu biratti iddoo guddaa kan qabu taʼuu hin oolu.

12. Akkuma fuula 28⁠rraa mulʼatu koorri, Qoraahi beekamummaa Waaqayyo biratti qabu kan isa dhabsiise akkamitti?

12 Haataʼu malee, sabni Israaʼel gara Biyyattii Abdachiifamteetti adeemaa yommuu turetti, Qoraahi akkaataan sabichi itti geggeeffamaa jiru sirrii akka hin taane yaaduu jalqabe. Achiis geggeessitoonni 250 taʼan kaan jijjiirama fiduuf Qoraahi cinaa hiriiran. Qoraahiifi namoonni sun Yihowaa wajjin walitti dhufeenya akka qaban isaanitti dhagaʼamee ture. Museedhaan, “Isin amma dubbii baayʼiftaniittu! Waldaan guutummaatti, warri waldicha keessa jiranis hundinuu qullaaʼoo dha, Waaqayyos isaanii wajjin jira” jedhan. (Lak. 16:1-3) Kun garmalee akka ofitti amananiifi koora guddaa akka qaban kan argisiisudha. Museenis, “Waaqayyo warra kan isaa taʼan . . . in argisiisa” jedhee isaanitti dubbate. (Lakkoobsa 16:5 dubbisi.) Buleesaa galgala Qoraahiifi namoonni fincila sanarratti isa deggeran hundi duʼaniiru.—Lak. 16:31-35.

13, 14. Museen akka gad of deebisu kan argisiise karaawwan kamiini?

13 Haala kanarraa faallaa taʼeenimmoo Museen, “namoota biyya lafaa irra jiran hundumaa caalaa nama gara-laafessa, [“nama gad of deebisu,” NW] ture.” (Lak. 12:3) Museen nama gad of deebisu taʼuusaa kan argisiise, qajeelfama Yihowaa hordofuuf murteessuudhaan ture. (Bau. 7:6; 40:16) Museen, karaa Yihowaan waan tokko itti raawwatu akka shakke ykn qajeelfama Yihowaan isaa kenne hordofuun akka isa aarse wanti argisiisu hin jiru. Fakkeenyaaf, Yihowaan godoo qulqullaaʼaa ijaaruu wajjin haala wal qabateen, boffee halluu akkamiitti, akkasumas dunkaana itti wal gaʼan hojjechuuf gurroo meeqa fayyadamuu akka qabu ilaalchisee qajeelfama hedduu kenneefii ture. (Bau. 26:1-6) Jaarmiyaa Waaqayyoo keessatti ilaaltuu qajeelfama garmalee baayʼee fakkaatan sii kennu yoo jiraate, yeroo tokko tokko abdii kutatta taʼa. Yihowaan garuu ilaaltuu olaanaa tajaajiltootasaatiif hojii kennuufi akka hojjetanis isaanitti amanamudha. Qajeelfama hedduu kan kennu sababii gaʼaa yommuu qabaatu qofattidha. Taʼus Museen, Yihowaan qajeelfama hedduu isaa kennuunsaa, akka isa tuffate ykn dandeettii waa uumuuf qabu ykn mirga filannaasaatti akka hin fayyadamne akka isa dhowwetti akka itti hin dhagaʼamne hubadhaa. Kanaa manaa, Museen hojjettoonni sun qajeelfama Waaqayyoo hordofuudhaan, ‘akkuma Waaqayyo abboometti hojjechuusaanii’ mirkaneesseera. (Bau. 39:32) Kun Museen kan gad of deebisu taʼuusaa kan argisiisu mitii? Museen hojichi kan Yihowaa akka taʼeefi inni meeshaa hojicha hojjechuuf gargaaru qofa akka taʼe hubatee ture.

14 Museen nama gad of deebisu taʼuunsaa, yommuu dhuunfaatti haalli rakkisaan tokko isa mudatettis mulʼateera. Yeroo tokko Museen namoota guungumanitti yommuu dubbatu of qabuu waan dadhabeef, Waaqayyoof utuu ulfina hin kennin hafe. Kanaan kan kaʼes Yihowaan, Museen sabicha geggeessee Biyyattii Abdachiifamtetti akka hin galchine isatti hime. (Lak. 20:2-12) Inniifi obboleessisaa Aaron waggoota dheeraadhaaf guungummii sabichaa dandaʼaniiru. Museen yeroo kana qofatti dogoggora raawwachuusaatiin, wanta yeroo dheeraadhaaf eeggachaa ture akka hin arganne godhameera. Museen yeroo kanatti maal godhe? Aaree kan ture taʼus, gad of deebisuudhaan murtoo Yihowaa fudhateera. Yihowaan Waaqa qajeelaa jalʼinni bira hin jirre taʼuusaa beeka ture. (Kes. 3:25-27; 32:4) Waaʼee Musee yommuu yaaddu, nama Yihowaa biratti beekamu akka taʼe sitti hin dhagaʼamuu?—Baʼuu 33:12, 13 dubbisi.

Yihowaadhaaf Bitamuun Gad Of Deebisuu Gaafata

15. Wanta Qoraahi kooraan kakaʼee raawwaterraa maal baranna?

15 Sirreeffama gumii Kiristiyaanaa addunyaa maraa keessatti godhamuufi murtoo namoonni achi keessatti itti gaafatamummaa qaban godhaniif ilaalchi nuyi qabnu, Yihowaa biratti beekamuu keenyarratti jijjiirama fida. Qoraahiifi namoonni isa deggeran, garmalee ofitti amanamuu, kooruufi amantii dhabuudhaan Waaqayyorraa of fageessanii turan. Akka ilaalcha Qoraahiitti guyyaa guyyaadhaan murtoo kan godhu Musee maanguddicha kan ture taʼus, sabicha dhugumaan geggeessaa kan ture garuu Yihowaadha. Qoraahi dhugaa kana waan hin hubanneef, nama Waaqayyo itti fayyadamaa ture utuu hin deggerin hafeera. Dhugumaan sirreeffamni kan barbaachisu yoo taʼellee Qoraahi, Yihowaan dhimma sana caalaatti hamma ifa godhutti eeguunsaa hubataa taʼuusaa argisiisa ture. Haataʼu malee, Qoraahi gocha kooraan kakaʼee raawwateen tajaajila amanamummaadhaan yeroo dheeraaf raawwate gatii dhabsiiseera.

16. Fakkeenya Museen gad of deebisuudhaan argisiise hordofuun, Yihowaa biratti beekamuu keenyarratti jijjiirama kan fidu akkamitti?

16 Seenaan kun jaarsoliifi namoota gumii keessa yeroo harʼaatti jiran kaaniif akeekkachiisa cimaa taʼa. Yihowaa eeggachuufi qajeelfama namoonni itti gaafatamummaa qaban kennan hordofuun gad of deebisuu gaafata. Akkuma Musee kan gad of deebisnuufi garraamii taʼuu keenya ni argisiisnaa? Aboo namoota nu gidduutti itti gaafatamummaa qabanii akka kabajnu ni argisiifnaa? Qajeelfama isaan nuu kennaniifoo ni abboomamnaa? Yommuu haalli nama aarsu nu mudatu miira keenya toʼachuu ni dandeenyaa? Taanaan, nuyis Yihowaa biratti akka gaariitti beekamuu dandeenya. Gad of deebisuufi abboomamuun keenya isa biratti akka jaallatamnu nu godha.

Yihowaan Warra Kansaa Taʼan Beeka

17, 18. Kan Yihowaa akka taanetti beekamuu keenya itti fufuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa?

17 Fakkeenya namoota Yihowaan ofitti harkiseefi akka gaariitti akka isaan beeke argisiiserratti xiinxaluun keenya faayidaa qaba. Abrahaamiifi Museen akkuma keenya cubbamootaafi mudaa kan qaban turan. Taʼus, akka namoota kansaa taʼaniitti Yihowaa biratti beekamaniiru. Haataʼu malee, fakkeenyi Qoraahi Yihowaarraa fagaachuudhaan isa duratti beekamummaa dhabuun kan jiru taʼuusaa argisiisa. Hundi keenya akkas jennee of gaafachuu qabna: ‘Yihowaan akkamitti na ilaala? Fakkeenyota Macaafa Qulqulluu kanarraa maalan baradha?’

18 Namoota amanamoo Yihowaan kansaa godhateefi ofitti harkise keessaa tokko akka taate beekuudhaan jajjabina guddaa argachuu dandeessa. Amantii, gad of deebisuufi amalawwan Waaqa keenya biratti caalaatti akka jaallatamtu si godhan dabalataan horachuukee itti fufi. Yihowaa biratti beekamuun, mirga gati jabeessa yeroo ammaatti gammachuu, gara fuulduraattimmoo eebba dinqisiisaa nuu argamsiisu akka taʼe hin shakkisiisu.—Far. 37:18.

Ni Yaadattaa?

• Yihowaa biratti ejjennoo akkamii qabaachuu dandeessa?

• Amantii Abrahaam hordofuu kan dandeessu akkamitti?

• Qoraahiifi Museerraa barumsa akkamii arganna?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 26⁠rra jiru]

Akkuma Abrahaam, Yihowaan abdii kenne guutummaatti akka raawwatu ni amannaa?

[Fakkii fuula 28⁠rra jiru]

Qoraahi gad of deebisee qajeelfamaaf bitamuuf fedhii hin qabu ture

[Fakkii fuula 29⁠rra jiru]

Yihowaa biratti nama gad of deebisee qajeelfamaaf bitamu taʼuudhaan beekamtaa?